AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU | FAARFANNAA 102-105
Yihowaan Biyyoo Taʼuu Keenya ni Yaadata
Daawit gaarummaa Yihowaa ibsuuf fakkeenyatti fayyadameera.
Fageenya bantii waaqaa urjiidhaan guutamee fi lafa gidduu jiru guutummaatti hubachuu akkuma hin dandeenye, gaarummaan Yihowaas hangam akka taʼe hubachuu hin dandeenyu
Baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa akkuma fagaatu, Yihowaan hamma nuti tilmaamnu caalaa cubbuu keenya nu irraa fageessa
Akkuma abbaan tokko ilma isaa isa miidhameef garaa laafu, Yihowaan namoota cubbuu hojjetaniin caccabanii bullaaʼanii fi yaada gedderataniif garaa ni laafa