LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb16 Fulbaana ful. 2
  • Balbala kan Banan Ijoollee yoo Taʼan Maal Gochuu Qabna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Balbala kan Banan Ijoollee yoo Taʼan Maal Gochuu Qabna?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatii Kabajuun
    Dammaqaa!—2024
  • Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Guddina Argisiisanii Akka Cuuphaman Gargaaraa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
mwb16 Fulbaana ful. 2

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Balbala kan Banan Ijoollee yoo Taʼan Maal Gochuu Qabna?

Obboleettonni lama dubartii tokkoo fi intala ishiitiif yommuu lallaban

Balbala kan nuuf banan ijoollee yoo taʼan warra isaanii akka nuuf waaman gaafachuu qabna. Akkas gochuun keenya aangoo matummaa isaanii akka kabajnu argisiisa. (Fak 6:20) Mucaan tokko akka ol seennu yoo nu afeere illee ol seenuu hin qabnu. Warri isaa mana hin jiran taanaan, yeroo biraa deebiʼuu qabna.

Mucaan sun mucaa guddaa tarii waggaa 15 hanga 19 gidduu jiru yoo taʼes, warra isaa akka nuuf waamu gaafachuun keenya barbaachisaa dha. Warri isaa mana hin jiran taanaan, wanta barbaadu akka dubbisu kan isaaf heyyaman taʼuu isaanii isa gaafachuu dandeenya. Isaaf ni heyyamu taanaan, barreeffama isaaf kennuu, tarii immoo weebsaayitii jw.org isatti argisiisuu dandeenya.

Dargaggeessa fedhii argisiise tokkoof deddeebii gaaffii yommuu goonu, warra isaa wajjin akka wal nu barsiisu isa gaafachuu qabna. Akkas gochuun keenya sababii itti dhaqne ibsuuf, akkasumas gorsa gaarii Kitaabni Qulqulluun maatiidhaaf kennu isaanitti argisiisuuf carraa nuu bana. (Far 119:86, 138) Warra akka kabajnuu fi akka isaaniif yaannu argisiisuun keenya ofii isaatiin dhugaa kan baʼu taʼuu isaa irra iyyuu, maatichatti misiraachicha himuuf carraa dabalataa nuuf banuu dandaʼa.—1Phe 2:12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi