BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAARQOS 9-10
Mulʼata Amantii Namaa Cimsu
Yesuus yeroo dinqiidhaan jijjiiramettii fi Abbaan isaa inni samii akka isa jaallatu beeksisetti wanta isatti dhagaʼamee ture yaadaan ilaalaa. Kun rakkina isa eeggatuuf akka isa cimsee ture homaa hin shakkisiisu. Akkasumas mulʼanni kun Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis irratti dhiibbaa gaarii geessisee ture. Mulʼanni sun Yesuus Masiihii akka taʼe isaan amansiiseera; kanaafuu isa dhagaʼuun isaanii sirrii ture. Waggaa 32 booda illee Pheexiros mulʼata kana kan yaadate yeroo taʼu, amantii “dubbii raajii” irratti qabu caalaatti akka isaaf cimse dubbateera.—2Phe 1:16-19.
Raajii nama dinqisiisu kana ijaan kan hin argine taʼus, raawwii isaa argaa jirra. Yesuus Mootii aangoo guddaa qabu taʼee bulchaa jira. Dhiheenyatti immoo, ‘moʼicha isaa xumuruudhaan’ addunyaa haaraa qajeelinni keessatti dagaageef karaa bana.—Mul 6:2.
Raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu arguun kee amantii kee kan cimse akkamitti?