BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 1-3
Yihowaan ‘Waaqa Jajjabina Hundaa’ Ti
Gumiin Kiristiyaanaa, karaa Yihowaan jajjabina itti nuuf kennu keessaa isa tokko dha. Karaawwan namoota gadda irra jiran jajjabeessuu itti dandeenyu kamfaʼi?
Yommuu dubbatan utuu addaan hin kutin isaan dhaggeeffadhaa
“Warra booʼanii wajjin booʼaa.”—Rom 12:15
Kaardii, iimeelii ykn ergaa gabaabaa nama jajjabeessu isaaniif ergaa.—w17.07 15, saanduqa
Isaanii wajjin kadhadhaa, akkasumas isaaniif kadhadhaa