BOQONNAA SADII
Wantoota Gaa’elli Akka Itti Fufu Godhan Lamaan
1, 2. (a) Gaa’elli kan hundaa’e yeroo hammamiitiif akka turu yaadameeti? (b) Kun kan danda’amu akkamitti?
WAAQAYYO dhiiraafi durba jalqabaa gaa’elaan yeroo walitti hidhe, walitti dhufeenyisaanii yeroodhaaf qofa kan turu ta’uusaa wanti argisiisu hin jiru. Addaamiifi Hewwaan umriisaanii guutuu waliin jiraachuu qabu turan. (Uumama 2:24) Ulaagaan Waaqayyo gaa’ela ulfina qabeessa ta’eef baase dhiirriifi durbi sun tokko akka ta’an kan godhudha. Akka Caaffanni Qulqullaa’aan jedhutti, wal hiikanii nama garabiraa hiriyaa gaa’elaa godhachuuf wanti sababii ta’u, hiriyaan gaa’elaa tokko ykn lamaanuu ejja yoo raawwatan qofadha.—Maatewos 5:32.
2 Namoonni lama gammachuudhaan yeroo dheeraadhaaf waliin jiraachuu danda’uu? Eeyyee, Macaafni Qulqulluun wantoota barbaachisaa kun akka danda’amu godhan lama nuu ibsa. Abbaan manaas ta’e haati manaa wantoota kanatti yoo fayyadaman gammachuufi eebbawwan hedduu argachuu danda’u. Wantoonni kun maalfa’i?
WANTA BARBAACHISAA ISA JALQABAA
3. Akaakuun jaalalaa hiriyoonni gaa’elaa qabaachuu qaban sadan kamfa’i?
3 Wantoota barbaachisan keessaa inni jalqabaa jaalaladha. Kan nama dinqisiisu, Macaafa Qulqulluu keessatti jaalalli akaakuu addaddaa ibsameera. Inni tokko, jaalala ho’aa dhuunfaatti nama tokkoof qabnu, jechuunis jaalala namoota walitti dhihaatan gidduu jirudha. (Yohannis 11:3) Inni kaanimmoo, jaalala miseensota maatii gidduutti guddachaa adeemudha. (Roomaa 12:10) Sadaffaanimmoo, jaalala saala faallaa ta’an gidduutti uumamudha. (Fakkeenya 5:15-20) Akaakuun jaalalaa kun hundi abbaa manaafi haadha manaa gidduutti argisiifamuu kan qabudha. Haata’u malee, akaakuun jaalalaa arfaffaan isaan kana caalaa barbaachisaa ta’e jira.
4. Jaalalli akaakuu arfaffaan isa kami?
4 Afaan Ibrootaa isa jalqabaa Caaffanni Qulqullaa’aan ittiin barreeffamaniin, jaalalli arfaffaan kun agaappee jedhama. Jechi kun 1 Yohannis 4:8rratti bakka, ‘Waaqayyo jaalaladha’ jedhutti itti hojjetameera. Dhugaadha, ‘Waaqayyo duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis isa ni jaallanna.’ (1 Yohannis 4:19) Kiristiyaanni tokko jaalala akkasii jalqaba Yihowaadhaaf achiimmoo namootaaf qabaata. (Maarqos 12:29-31) Jechi agaappee jedhu Efesoon 5:2rratti akkas jechuudhaan itti hojjetameera: “Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa . . . godhee nuuf jedhee dabarsee of kenneera.” Yesus, “Jaalala [agaappee] yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jechuudhaan, jaalalli akkasii kun bartoonnisaa kan ittiin beekaman akka ta’e dubbateera. (Yohannis 13:35) Jechi kun 1 Qorontos 13:13rratti akkamitti akka itti hojjetames hubadhaa: “Amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu [agaappeetu] caala.”
5, 6. (a) Jaalalli amantiifi abdii kan caalu maaliifi? (b) Jaalalli gaa’elli itti fufiinsa akka qabaatu godha kan jedhame maaliifi?
5 Jaalalli agaappee jedhamu kun amantiifi abdii kan caalu maaliini? Seerawwan bu’uuraa sirrii ta’aniifi Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniin kan geggeeffamu waan ta’eefidha. (Faarfannaa 119:105) Namni wanti gaariin godhamuuf sun kan isaaf ta’us ta’e kan isaaf hin taane, jaalalli akkasii haala ofittummaarraa walaba ta’een warra kaaniif wanta ilaalcha Waaqayyootiin sirriifi gaarii ta’e godha. Jaalalli akkasii hiriyoonni gaa’elaa gorsa Macaafa Qulqulluu akkas jedhu akka hordofan isaan gargaara: “Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!” (Qolosaayis 3:13) Hiriyoonni gaa’elaa wal jaallatan, “baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta’eef, hundumaa dura jaalala ho’aa [agaappee] waliif” qabaatu, isas ni guddifatu. (1 Phexros 4:8) Jaalalli dogoggorri raawwatame deebi’ee akka hin argamne akka godhu qalbeeffadhaa. Namni cubbamaa ta’e kamiyyuu dogoggorarraa walaba ta’uu waan hin dandeenyeef, jaalalli dogoggorri akka hin uumamne hin godhu.—Faarfannaa 130:3, 4; Yaaqoob 3:2.
6 Hiriyoonni gaa’elaa Waaqayyoofis ta’e waliisaaniitiif jaalala akkasii ennaa guddifatan, ‘jaalalli yoomiyyuu kan hin banne’ waan ta’eef, gaa’ellisaanii hamma dhumaatti kan itti fufuufi gammachiisaa ta’a. (1 Qorontos 13:8) Jaalalli “wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidh[a].” (Qolosaayis 3:14) Gaa’ela yoo qabaatte, atiifi hiriyaan gaa’elaakee jaalala akkasii guddifachuu kan dandeessan akkamitti? Dubbii Waaqayyoo waliin dubbisaatii irratti mari’adhaa. Fakkeenya jaalalaa Yesus argisiise qayyabachuudhaan isa fakkaachuuf, akkasaatti yaaduufi gochuuf yaalaa. Walga’iiwwan Kiristiyaanaa Dubbiin Waaqayyoo itti barsiifamurrattis argamaa. Akaakuu jaalalaa hunda caaluufi ija hafuura Waaqayyoo ta’e kana guddifachuuf akka isin gargaaru Waaqayyoon kadhadhaa.—Fakkeenya 3:5, 6; Yohannis 17:3; Galaatiyaa 5:22; Ibroota 10:24, 25.
WANTA BARBAACHISAA ISA LAMMAFFAA
7. Wal kabajuu jechuun maal jechuudha? Gaa’ela keessatti ulfina kennuu kan qabu eenyudha?
7 Namoonni wal fuudhan lama dhugumaan kan wal jaallatan yoo ta’e wal kabaju; wal kabajuunimmoo gaa’ela gammachiisaa qabaachuuf wanta barbaachisaa ta’e isa lammaffaadha. Wal kabajuun “warra kaaniif yaaduu, ulfina isaaniif kennuu” jedhamee hiikameera. Macaafni Qulqulluun abbaa manaafi haadha manaa dabalatee Kiristiyaanota hundumaa, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan gorsa. (Roomaa 12:10) Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! . . . dubartii keessan akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!” (1 Phexros 3:7) Haati manaa “abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jedhamtee gorfamteetti. (Efesoon 5:33) Nama tokkoof ulfina kennuu yoo barbaadde, nama gaarii isaaf taata, ulfina laattaaf, ilaalchasaa ni kabajja, akkasumas wanta inni si gaafatu hunda raawwachuufis qophaa’aa taata.
8-10. Kabaja walii kennuun, tokkummaan hiriyoota gaa’elaa gidduu jiru akka itti fufuufi gammachiisaa akka ta’u kan godhu karaawwan kamiini?
8 Namoonni gaa’ela gammachuu qabu barbaadan, ‘waan isaanitti tolu duwwaa ilaaluu mannaa waan warra kaanitti [hiriyaa gaa’elaasaaniitti] tolus ilaaluudhaan’ ulfina waliif kennu. (Filiphisiiyus 2:4) Wanta isaaniif gaarii ta’e qofa hin ilaalan, jechuunis ofittoo hin ta’an. Kanaa mannaa, wanta hiriyaa gaa’elaasaaniitiif gaarii ta’e ilaalu. Dhugumayyuu, fedhii hiriyaa gaa’elaasaaniitiif dursa kennu.
9 Hiriyoonni gaa’elaa wal kabajuunsaanii, ilaalcha gara garaa qabaachuusaanii akka amanan isaan gargaara. Namoonni lama waan hundumaarratti ilaalcha wal fakkaatu akka qabaatan eeguun sirrii miti. Wanti abbaa manaatiif barbaachisaa ta’e haadha manaatiif barbaachisaa ta’uu dhiisuu danda’a, wanta haati manaa jaallattu abbaan manaa jaallachuu dhiisuu danda’a. Filannoonsaanii abboommiifi seera bu’uuraa Yihowaa hamma hin cabsinetti, lamaansaaniiyyuu ilaalchaafi filannoo isa kaanii kabajuu qabu. (1 Phexros 2:16; Filemon 14 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kana malees, namoota birattis ta’e kophaatti inni tokko isa kaan salphisuu ykn itti qoosuu dhiisuudhaan wal kabajuu qabu.
10 Eeyyee, gaa’ela gammachuu qabu qabaachuuf wantoonni barbaachisaa ta’an lamaan, Waaqayyoofis ta’e waliisaaniitiif jaalala qabaachuu, akkasumas wal kabajuudha. Wantoonni kun dhimmawwan gaa’ela keessatti barbaachisaa ta’an tokko tokkorratti hojiirra oolfamuu kan danda’an akkamitti?
MATAA MAATII FAKKEENYA KIRISTOS HORDOFU
11. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti mataan maatii eenyu?
11 Macaafni Qulqulluun, dhiirri amalawwan mataa maatii ta’uuf isa dandeessisan qabaatee akka uumame nutti hima. Kanaaf, dhiirri haala haati manaasaafi ijoolleensaa karaa hafuuraas ta’e karaa foonii keessatti argaman ilaalchisee Yihowaa biratti itti gaafatama. Murtoo fedha Yihowaa tilmaama keessa galche gochuufi amala nama Waaqayyoo ta’uusaa mul’isu argisiisuudhaan fakkeenya ta’uu qaba. “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu!” (Efesoon 5:22, 23) Ta’us, Macaafni Qulqulluun abbaan manaas mataa, jechuunis qaama isarratti aangoo qabu akka qabu dubbata. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa, akka beektan nan barbaada.” (1 Qorontos 11:3) Abbaan manaa ogeessa ta’e, Yesus Kiristos isa mataasaa ta’e hordofuudhaan aangoosaatti akkamitti fayyadamuu akka qabu barata.
12. Yesus abboomamuudhaanis ta’e akkaataa aangoosaatti fayyadamuun fakkeenya gaarii akkamii ta’eera?
12 Yesusis mataa qaba; mataansaa Yihowaa si’a ta’u, innis sirriitti Isaaf bitama. Yesus, “Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee” jedheera. (Yohannis 5:30) Fakkeenya gaarii akkamiitii! Yesus “uumama hundumaa dura” uumame. (Qolosaayis 1:15) Masiihii ta’eera. Mataa gumii Kiristiyaanota dibamoofi Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee filatamuudhaan ergamoota hundumaa ol ta’eera. (Filiphisiiyus 2:9-11; Ibroota 1:4) Yesus aangoofi abdii guddaan akkasii kan isa eegu ta’us, hamaa, mata jabeessa ykn waan humnaa ol ta’e namarraa kan barbaadu hin turre. Kan nama cunqursu, akkasumas bartoonnisaa isaaf ajajamuu akka qaban deddeebisee kan itti himu hin turre. Yesus keessumaa namoota cunqurfaman kan jaallatuufi kan isaaniif gaddu ture. Akkas jedheera: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan [namni anaaf jedhee baatus] salphaa dha.” (Maatewos 11:28-30) Isaa wajjin ta’uun nama gammachiisa ture.
13, 14. Abbaan manaa jaalala qabeessa ta’e fakkeenya Yesus hordofuudhaan aangoosaatti akkamitti fayyadama?
13 Abbaan manaa maatiinsaa gammachuu akka qabaatu barbaadu, amala gaarii Yesus argisiise qoruunsaa barbaachisaadha. Abbaan manaa gaariin, hin hammaatu, abbaa humnaa of hin godhu, akkasumas aangoosaatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamee haadha manaasaa hin doorsisu. Kanaa mannaa ishee jaallata, ishee kabajas. Yesus ‘kan gad of deebise’ erga ta’ee, abbaan manaammoo balleessaa waan hojjetuuf caalaatti kan gad of deebise ta’uu qaba. Yoo dogoggora hojjete haadha manaasaarraa dhiifama argachuu isa barbaachisa. Kanaaf, “Baay’een gadda, ati sirrii turte” jechuun ulfaataa ta’us, abbaan manaa gad of deebisu dogoggorasaa amanee fudhata. Haati manaa, abbaa manaa of tuulaafi didaa ta’eef ulfina kennuu mannaa, isa gad of qabuuf ulfina kennuun baay’ee salphaa ta’aaf. Haati manaa gad of deebistus yeroo balleessitu dhiifama gaafatti.
14 Waaqayyo dubartii kan uume, amalawwan gaarii gaa’elli gammachuu akka qabaatu gochuuf itti fayyadamuu dandeessuu wajjinidha. Abbaan manaa ogeessa ta’e kana waan hubatuuf amalawwan kanatti akka hin gargaaramne ishee hin hacuucu. Dubartoonni baay’een gara laafina guddaa kan qaban si’a ta’u, amalli akkasiimmoo maatii kunuunsuufi namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf kan barbaachisudha. Yeroo baay’ee dubartoonni manasaanii bakka gammachiisaa jireenyaaf mijaa’aa ta’e gochuuf dandeettii qabu. Haati manaa “mana ishee qabuu dandeessu” isheen Fakkeenya boqonnaa 31rratti ibsamte, amalaafi dandeettii nama dinqisiisu baay’ee qabdi; maatiinshees kanarraa guutummaatti fayyadameera. Maaliif? ‘Abbaan manaashee waan ishee amanatuufidha.’—Fakkeenya 31:10, 11.
15. Abbaan manaa haadha manaasaatiif jaalalaafi ulfina akka Yesus qabaachuu kan danda’u akkamitti?
15 Aadaawwan tokko tokko keessatti aangoon abbaa manaa daangaa waan hin qabneef, gaaffii gaafachuunillee akka isa salphisuutti ilaalama. Haadha manaasaa akka garbittiitti ilaaluu danda’a. Karaa dogoggora ta’e kanaan aangoosaatti fayyadamuunsaa, haadha manaasaa wajjin qofa utuu hin ta’in Waaqayyoo wajjinis walitti dhufeenya gaarii akka hin qabaanne isa godha. (1 Yohannis 4:20, 21 wal bira qabii ilaali.) Karaa gara biraammoo, abbootiin manaa tokko tokko itti gaafatamummaasaanii dagachuudhaan haadhotiin manaasaanii manicha akka bulchan godhu. Abbaan manaa Kiristosiif sirriitti bitamu, haadha manaasaa hin hacuucu ykn ishee hin salphisu. Kanaa mannaa, akkuma Yesus jaalala aarsaa godhanii of dhiheessuu gaafatu argisiisuudhaan, gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne hojiirra oolcha: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” (Efesoon 5:25) Kiristos Yesus hamma isaanii du’utti bartootasaa baay’isee jaallata ture. Abbaan manaa gaariin, haadha manaasaarraa waan guddaa eeguu mannaa, waan gaarii isheedhaaf hawwuudhaan haala ofittummaarraa walaba ta’een fakkeenya akkasii kana hordofuuf carraaqa. Abbaan manaa Kiristosiif yommuu bitamu, jaalalaafi ulfina akka Yesus yeroo isheedhaaf qabaatu, haati manaasaa isaaf abboomamuuf kakaati.—Efesoon 5:28, 29, 33.
HAADHA MANAA ABBOOMAMTU
16. Haati manaa walitti dhufeenya abbaa manaashee wajjin qabduun amala akkamii argisiisuu qabdi?
16 Addaam erga uumamee yeroo xinnoo booda, “Waaqayyo gooftaan, ‘Namichi kophaa isaa ta’uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha’” jedhe. (Uumama 2:18) Waaqayyo Hewwaaniin kan uume akka isaan dorgomtuuf utuu hin ta’in, “kan isa gargaartu” godheeti. Gaa’elli kan hundeeffame, akka doonii kaappiteenota wal morkatan lamaan oofamuu akka ta’u yaadamee miti. Abbaan manaa aangoosaatti jaalalaan fayyadamuu kan qabu yommuu ta’u, haati manaammoo jaalalaafi kabaja argisiisuu, akkasumas fedhiidhaan abboomamuu qabdi.
17, 18. Karaawwan haati manaa abbaa manaasheetiif gargaartuu dhugaa ta’uu itti dandeessu tokko tokko kamfa’i?
17 Haata’u malee, abboomamuu malees wanti haadha manaa gaariirraa barbaadamu kan biraan jira. Murtoowwan abbaan manaashee godhu deggeruudhaan, dhugumaan gargaartuu ta’uushee argisiisti. Dhugaadha, yommuu murtoo abbaa manaashee wajjin walii galtu kana gochuun isheetti hin ulfaatu. Haata’u malee, yeroo irratti walii galuu dhiistuttis isa deggeruunshee murtoonsaa bu’aa gaarii akka qabaatu gochuu danda’a.
18 Haati manaa abbaan manaashee karaa biraatiinis mataa gaarii akka ta’u gargaaruu dandeessi. Isaan mormuu ykn yoomiyyuu ishee gammachiisuu akka hin dandeenye akka itti dhaga’amu gochuu mannaa, carraaqqii inni maatiisaa geggeessuuf godhuuf dinqisiifannaa qabdu ibsuufii dandeessi. Walitti dhufeenya abbaa manaashee wajjin qabduun “hafuura garraamummaa fi gabii” qabaachuunshee abbaa manaashee duratti qofa utuu hin ta’in, “Waaqayyo duratti guddaa gati jabeessa” akka ta’e yaadachuu qabdi. (1 Phexros 3:3, 4; Qolosaayis 3:12) Abbaan manaa Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo ta’uu baatehoo? Ta’es ta’uu baates, Caaffanni Qulqullaa’oon haadhotiin manaa “abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, . . . Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra of qaban, warra gaa’ela isaaniitti amanaman, warra mana isaaniitiif ba’eessa godhanii eeggatan, warra abbaa manaa isaaniif abboomaman akka ta’an” isaan gorsa. (Tiitos 2:4, 5) Wanti yaada garaashee xureessu yoo jiraate, dhimmasaa karaa ‘gara laafinaafi ulfina qabeessa ta’een, [NW]’ yoo isa hubachiiste, yeroo baay’ee abbaan mana hin amanne ilaalcha haadhamanaasaa ni kabaja. Abbootiin manaa hin amanne tokko tokko, ‘amala haadhotii manaasaanii isa qullaa’aafi sodaa Waaqayyoo argisiisu arguudhaan, haadhotiin manaasaanii waan tokko utuu hin dubbatin, amala isaan argisiisaniin mo’amaniiru.’—1 Phexros 3:1, 2, 15; 1 Qorontos 7:13-16.
19. Haati manaa abbaan manaashee seera Waaqayyo akka cabsitu yoo ishee gaafate maal gochuu qabdi?
19 Abbaan manaa haati manaasaa wanta Waaqayyo dhowwu tokko akka gootu yoo ishee gaafatehoo? Bulchaanshee inni guddaan Waaqayyo ta’uusaa irraanfachuu hin qabdu. Fakkeenya ergamoota Yesus warra bulchitoonni seera Waaqayyoo akka cabsan isaan gaafatanii hordofti. Hojii Ergamootaa 5:29 wanta ergamoonni godhan akkas jechuudhaan nutti hima: “Phexrosii fi ergamoonni warri kaan garuu deebisanii, ‘Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.’”
AKKA GAARIITTI WALIIN HAASA’UU
20. Bakki jaalalaafi kabaja walii qabaachuun itti barbaachisu eessadha?
20 Abbaan manaafi haati manaa yeroo waliin haasa’anittis jaalalaafi kabaja waliif qabaachuun barbaachisaadha. Abbaan manaa haadha manaasaa jaallatu, sochii, rakkinaafi ilaalcha dhimmawwan tokko tokkorratti qabdu ilaalchisee ishee wajjin mari’ata. Kun wanta ishee barbaachisudha. Abbaan manaa haadha manaasaa wajjin haasa’uuf yeroo ramaduufi wanta isheen jettu garaadhaa dhaggeeffatu, jaalalaafi kabaja isheedhaaf qabu argisiisa. (Yaaqoob 1:19) Haadhotiin manaa tokko tokko, yeroon abbootiin manaasaanii isaan wajjin haasa’uudhaan dabarsan baay’ee xinnoo ta’uusaa himatu. Kun kan nama gaddisiisudha. Dhugaadha, yeroo rakkisaa ta’e kanatti, abbootiin manaa hojiidhaaf jecha manaa ba’anii yeroo dheeraa turuu, akkasumas rakkina dinagdeetiin kan ka’e haadhotiin manaa alaa hojjechuuf dirqamu ta’a. Ta’us, warri wal fuudhan yeroo hiriyaa gaa’elaasaanii wajjin dabarsan qabaachuu qabu. Kanaachi lamaansaaniiyyuu karaa mataa mataasaanii waan deemaniif rakkoon uumamuu danda’a. Gaa’elasaaniitiin alatti hiriyaa isaaniif yaadu barbaaduuf kan dirqaman yoo ta’e rakkinni cimaan uumamuu danda’a.
21. Dubbii qajeelaan gaa’elli gammachiisaa akka ta’u kan gargaaru akkamitti?
21 Akkaataan abbaan manaafi haati manaa itti walii wajjin haasa’anis barbaachisaadha. “Dubbii ba’eessi . . . namatti in miyaa’a, lafee namaas in cimsa.” (Fakkeenya 16:24) Hiriyaan gaa’elaa Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’us ta’uu baatus, gorsi Macaafa Qulqulluu: “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u!” jedhu hojiirra oolfamuu qaba. (Qolosaayis 4:6) Isaan keessa namni tokko guyyaa rakkisaa kan dabarse yoo ta’e, inni kaan jechoota gaariifi hiriyaa gaa’elaasaatiif akka yaadu argisiisan muraasa dhaga’uunsaa faayidaa guddaa argamsiisuu danda’a. “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti.” (Fakkeenya 25:11) Akkaataan dubbii keenyaafi jechoota filachuunis baay’ee barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, namni tokko aariifi haala ajaja fakkaatuun, “Balbala cufi!” jedhee isa kaanitti iyya ta’a. Haata’u malee, jechoota qabbanaa’oodhaan “Balbalicha cufuu dandeessaa?” jechuudhaan dubbataman ‘akka soogiddaa miyaa’aa’ hin ta’anii?
22. Abbaan manaafi haati manaa walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf ilaalcha akkamii qabaachuu isaan barbaachisa?
22 Jechoonni itti yaadamanii dubbataman, fuulli ifaan, gaarummaan, haala namaa hubachuufi gara laafinni, abbaan manaafi haati manaa walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan godha. Lamaansaaniiyyuu walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuudhaan, wanta isaan barbaachisu dhoksaa malee walitti himu, akkasumas yeroo inni tokko abdii kutatutti ykn dhiphatutti wal jajjabeessuufi wal gargaaruu danda’u. Macaafni Qulqulluun ‘warra garaansaanii dadhabe akka jabeessinu’ nu gorsa. (1 Tasaloniiqee 5:14, 1899) Abbaan manaas haati manaas yeroon itti gaddan jira. Yeroo sanatti ‘wal jajjabeessuu’ danda’u.—Roomaa 15:2.
23, 24. Jaalalliifi kabajni yeroo wal dhabiinsi uumamutti kan gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni.
23 Hiriyoonni gaa’elaa jaalalaafi kabaja waliif qaban, wal dhabiinsa hundumaa akka rakkina guddaatti hin ilaalan. Walitti ‘hammaachuu’ dhiisuuf carraaqqii guddaa godhu. (Qolosaayis 3:19) Lamaansaaniiyyuu yaada, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa” jedhu yaadachuu qabu. (Fakkeenya 15:1) Hiriyaa gaa’elaa waan garaasaa baasee isinitti himu tuffachuu ykn balaaleffachuurraa of qusadhaa. Akkas gochuu mannaa, waan garaasaa isinitti himuusaa ilaalchasaa gadi fageenyaan hubachuuf akka isin gargaarutti ilaalaa. Waliin ta’aatii, wanta garaa garummaa irratti qabdan kaasuudhaan walta’iinsa tokkorra ga’aa.
24 Abrahaam rakkina tokko ilaalchisee yaada furmaataa Saaraan kennite fudhachuun isa rakkisee akka ture yaadadhaa. Ta’us, Waaqayyo Abrahaamiin, “Waanuma Saaraan sitti himtu dhaga’i!” jedheen. (Uumama 21:9-12) Abrahaam akkuma jedhame gochuusaatiin eebbifameera. Haaluma wal fakkaatuun, haati manaa yaada wanta abbaan manaashee yaaderraa adda ta’e yeroo dhiheessitu, yoo fudhachuu baatellee ishee dhaggeeffachuu qaba. Haati manaas, ofiisheetiif qofa haasa’uu mannaa wanta abbaan manaashee dubbachuuf jedhu dhaggeeffachuu qabdi. (Fakkeenya 25:24) Abbaan manaas ta’e haati manaa, yeroo hundumaa wanti tokko karaa isaan jedhaniin akka raawwatamu kan barbaadan yoo ta’e, hiriyaa gaa’elaasaaniitiif jaalalaafi kabaja akka hin qabaanne argisiisu.
25. Haala gaariidhaan waliin mari’achuun michooma cimaa hiriyoota gaa’elaa gidduu jiruuf kan gargaaru akkamitti?
25 Abbaan manaafi haati manaa saalqunnamtii raawwatan ilaalchisee waliin mari’achuunsaaniis barbaachisaadha. Ofittummaaniifi of qabuu dadhabuun, michooma cimaa hiriyoota gaa’elaa gidduu jiru miidhuu danda’a. Obsaan waliin mari’achuun barbaachisaadha. Lamaansaaniiyyuu fedhii waliisaanii kan dursan yoo ta’e, saalqunnamtiin rakkina guddaa hin fidu. Akkuma dhimmawwan kaanirratti goonu, karaa kanaanis ‘waan nutti tolu utuu hin ta’in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaannu!’—1 Qorontos 7:3-5; 10:24.
26. Gaa’elli hundumtuu rakkina mataasaa qabaatuyyuu, hiriyoonni gaa’elaa Dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuudhaan gammachuu argachuu kan danda’an akkamitti?
26 Dubbiin Waaqayyoo gorsa gaarii nuu kenna! Dhugaadha, gaa’elli hundumtuu muuxannoo gaariis ta’e gadhee qaba. Haata’u malee, hiriyoonni gaa’elaa ilaalcha Yihowaa isa Macaafa Qulqulluurratti ibsameef yoo bitaman, akkasumas walitti dhufeenyasaanii jaalalaafi ulfinarratti yoo hundeessan, gaa’ellisaanii itti fufiinsa kan qabuufi gammachiisaa akka ta’u mirkanaa’oo ta’uu danda’u. Kana gochuusaaniitiin kan ulfina walii kennan ta’uusaarrayyuu, Yihowaa Isa gaa’ela hundeesseef ulfina fidu.