Barumsa 4
Seexanni Eenyuu?
Seexaan Diyaabilos-eessaa dhufee? (1, 2)
Seexanni akkamitti nama dogoggorsiisaa? (3-7)
Diyaabilosiin mormuu kan sibarbaachisu maaliifii? (7)
1. Hiiknii “Diyaabilos” jedhu akkasumaan hammeenyaan kan soba dubbatu jechuudha. “Seexana” jechuunimmoo diina ykn mormituu jechuudha. Maqaawwan kun diina Waaqayyoo isa guddichaaf kan keennamanidha. Seexanni yeroo jalqabaatti, ergamaa gonka qabeessa ta’ee Waaqayyoo wajjin samii keessa jiraachaa ture. Oolee bulee, yaada oftuulummaatiin waaqeffannaa Waaqayyo qofaaf dhihaachuu qabu ofii isaatiif fudhachuu barbaade.—Maatewos 4:8-10.
2. Ergamaan, Seexana jedhame kun bofaan dhimma ba’ee Hewwaanitti dubbii sobaa dubbachuudhaan, akka isheen Waaqayyoof hin ajajamne taasise. Seexannis gochasaa kanaan “olaantummaa” Waaqayyoorratti mormii kaase. Waaqayyoo namoota kan bulchu karaa sirrii ta’efi karaa isaaniif bu’aa argamsiisuun ta’uusaa kan wal gaafachiisu taasise. Kana malees Seexanni, namni amma dhumaatti Waaqayyoof amanamuusaa kan shakkisiisu taasise. Sababii kanaan kan ka’e, diina Waaqayyoo ofgochuudhaan Seexaan Diyaabilos jedhamee waamame.—Uumama 3:1-5; Iyoob 1:8-11; Mul’ata 12:9.
3. Seexanni nama dogoggorsiisuuf akka isa waaqeffatan gochuudhaaf carraaqa. (2 Qorontos 11:3, 14) Karaa inni itti nama dogoggorsiisu keessaa tokko amantii sobaati. Amantiin tokko waayee Waaqayyoo barumsa sobaa kan barsiisu yoo ta’e, kaayyoo Seexanaatiif dhaabate jechuudha. (Yohannis 8:44) Miseensonni amantii sobaa Waaqa isa dhugaa waaqeffanna jedhanii qulqullummaadhaan yaaduu ni danda’u. Dhugumaan yoo ta’e garuu kan isaan tajaajilan Seexanadha. ‘Waaqni addunyaa kanaa’ Seexanadha.—2 Qorontos 4:4.
4. Karaa garabiraan Seexanni namoota to’annaasaa jala oolchummoo amantii hafuura xuraa’ummaati. Namoonni kanatti amanan hafuuronni xuraa’oon akka isaan eegan, akka warra garabiraa miidhan, waayee fuulduraa akka itti himan, ykn dinqii akka isaaniif hojjatan ni gaafatu ta’a. Humni hamaan gocha kana duuba jiru Seexana. Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne garuu, hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin qabnu.—Keessa Deebii 18:10-12; Hojii 19:18, 19.
5. Kana malees Seexanni, namoonni sanyiisaanitiin akka boonaniifi jaarmiyaa siyaasaa akka waaqeffatan gochuudhaan dogoggorsiisa. Sanyiin ykn sabnisaanii kan warra kaanii akka caalu namoonni itti dhaga’amu jiru. Kun garuu sirrii miti. (Hojii 10:34, 35) Namootni kaanimmoo rakkina ijoollee namaa jaarmiyaa siyaasaatu hiika jedhanii abdatu. Kunimmoo, akka isaan Mootummaa Waaqayyoo hin barbaadne argisiisa. Rakkoowwan keenyaaf kan furmaata kennu Mootummaa Waaqayyoo qofa.—Daani’el 2:44.
6. Malli Seexanni ittiin namoota dogoggorsiisu gara biraanimmoo fedha cubbuutiif akka mo’aman gochuudhaani. Yihowaan cubbuu hojjechuun akka numiidhu waan beekuuf cubbuurraa akka fagaannu nutti hima. (Galaatiyaa 6:7, 8) Gochawwan akkanaarratti akka isaanii wajjin hirmaattu namootni barbaadan jiraachuu danda’u. Haata’u malee, wanta kana akka ati raawwattu kan barbaadu Seexana ta’uusaa irraanfachuu hin qabdu.—1 Qorontos 6:9, 10; 15:33.
7. Seexanni akka ati Yihowaa dhiistu gochuudhaaf ariyatamuu ykn mormiidhaan dhimma ba’uu danda’a ta’a. Namoota ati baay’ee jaallattu keessaa tokko tokko Macaafa qulqulluu qayyabachuu jalqabuu keetiin ni dheekkamu ta’a. Kaanimmoo sitti qoosu ta’a. Haata’u malee jireenya kan argatte eenyurraatii? Seexanni sodaadhaan mo’amtee waayee Yihowaa baruu kee akka dhaabdu gochuu barbaada. Seexanni akka simo’u hin heyyaminiif! (Maatewos 10:34-39; 1 Phexros 5:8, 9) Diyaabilosiin mormitee Yihowaa gammachiisuufi olaantummaasaa akka deggartu argisiisuu dandeessa.—Fakkeenya 27:11.
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Amantiin sobaa, amantiin hafuura xuraa’ummaafi miirri sabummaa namoota ni dogoggorsiisu
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Waayee Yihowaa baruu itti fufuudhaan Seexanaan mormi