Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Baruu Barbaaddaa?
Macaafa Qulqulluu Dubbisuun kan Barbaachisu Maaliifi?
Macaafni Qulqulluun qajeelfama Waaqayyo jaalalaan nuuf kenne waan qabateef—macaafota kaanirraa addadha. (1 Tasaloniiqee 2:13) Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hojiirra yoo oolchite, baay’ee fayyadamta. Gara Waaqayyo isa ‘kennaan gaariin hundinuufi kennaan guutuun hundinuu’ isarraa ta’eetti dhihaatta, jaalalli isaaf qabdus ni guddata. (Yaaqoob 1:17) Kadhannaadhaan akkamitti garasaatti dhihaachuun akka danda’amu ni baratta. Yeroo rakkinaatti gargaarsa Waaqayyorraa argachuu dandeessa. Jireenya kee ejjennoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin yoo wal simsiiste, Waaqayyo jireenya bara baraa siif kenna.—Roomaa 6:23.
Macaafni Qulqulluun dhugaa hubannoo hafuuraa kennu qabateera. Namoonni beekumsa Macaafa Qulqulluu argatan, barumsa sobaa isa jireenya namoota miliyoonaan lakkaa’amanii to’aterraa birmaduu ba’aniiru. Fakkeenyaaf, warri du’an maal akka ta’an dhugaasaa beekuun keenya, miidhaa nurraan ga’uu danda’u jennee akka hin sodaanne, akkasumas, firoottaniifi michoonni keenya warri du’an rakkachaa jiru jennee akka hin yaaddofne nugargaara. (Hisqi’el 18:4) Du’aa ka’uu ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu, namoota michootasaanii du’aan dhabaniif jajjabina guddaa argamsiisa. (Yohannis 11:25) Waa’ee ergamoota hamoo dhugaasaa beekuun keenya, gochaafi miidhaa hafuurota hamootiin geggeeffamurraa dammaqinaan akka of eegnuufi lafa kanarratti rakkinni maaliif akka baay’ate hubachuuf nugargaara.
Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan Waaqayyorraa argamedha; innis akkaataa qaama keenya fayyaduun jiraachuu akka dandeenyu nugargaara. Fakkeenyaaf, ‘of qabuun’ namni tokko fayyaa akka qabaatu isa gargaara. (1 Ximotewos 3:2) ‘Waan dhagnaafi hafuura keenya xureessurraa of qulleessuudhaan’ wanta fayyaa keenya miidhurraa fagaachuu dandeenya. (2 Qorontos 7:1) Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun, gaa’elli keenya gammachiisaa akka ta’uufi akka ofii keenyaaf kabaja qabaannu nugargaara.—1 Qorontos 6:18.
Sagalee Waaqayyoo hojiirra yoo oolchite gammachuu guddaa argatta. Beekumsi Macaafa Qulqulluu, keessa keenyatti nagaafi abdii akka qabaannu nugargaara. Amalawwan gammachiisaa kan akka gara laafina, jaalala, gammachuu, nagaa, gaarummaafi amanamummaa horachuuf nugargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23; Efesoon 4:24, 32) Amalliwwan kun, abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii akkasumas, abbaa ykn haadha, ilma ykn intala gaarii akka taanu nugargaara.
Waa’ee gara fulduraa yaaddee beektaa? Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu, yeroo akkamii keessa akka jiraannu nutti himu. Raajiiwwan kun haala addunyaan yeroo ammaa irra jirtu qofaa utuu hin ta’in, Waaqayyo dhihoo kanatti lafa kana jannata akka godhus ni ibsu.—Mul’ata 21:3, 4.
Macaafa Qulqulluu Hubachuuf Gargaarsa Godhamu
Tarii Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yaaltee, hubachuun sitti ulfaateera ta’a. Tarii, gaaffiiwwan keetiif deebiin kan argamu Macaafa Qulqulluu keessaa iddoo kamitti akka ta’e hin beektu ta’a. Akkas yoo ta’e, kun kan mudatu si qofaa miti. Hundi keenyayyuu sagalee Waaqayyoo hubachuuf gargaarsa barbaanna. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoottan 235 ta’anitti, namoota miliyoonaan lakkaa’amaniif kaffaltii malee barumsa Macaafa Qulqulluu kennaa jiru. Siinis gargaaruuf baay’ee gammadoodha.
Yeroo baay’ee, barumsa bu’uuraarraa jalqabanii sadarkaa sadarkaadhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuun filatamaadha. (Ibroota 6:1) Yoo qayyabannaa kee itti fufte, ‘nyaata jabaa’ jechuunis barumsa dhugaa gadi fageenya qabu akka gaariitti hubachuu dandeessa. (Ibroota 5:14) Macaafni Qulqulluun odeeffannoo amanamaa ta’e qabateera. Brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuu dabalatee, barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an, caqasawwan barumsa adda addaa keessatti caqasaman hubachuuf si gargaaru.
Torban Torbaniin Yeroo Ramaddee Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Fedhii Qabdaa?
Yeroo baay’ee, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu, sa’aatiifi iddoo siif mijaa’aa ta’etti godhamuu danda’a. Namoonni baay’een manasaaniitti qayyabatu. Kaan bilbilaan, kaanimmoo xalayaadhaan qayyabatu. Sagantaan qayyabannaa kun, kutaa namoota hedduu wajjin itti baratan utuu hin ta’in, sadarkaa barumsaafi beekumsa kee dabalatee, haala kee hundumaa tilmaama keessa galchuudhaan qophii godhamudha. Qormaanni ykn, wanti akka saalfattu sigodhus hin jiru. Gaaffiiwwan keetiif Macaafa Qulqulluurraa deebii ni argatta; Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti akka ta’es ni baratta.
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kanaaf hin kaffaltu. (Maatewos 10:8) Qayyabannaan kun namoota amantii kam keessayyuu jiraataniifis ta’e, amantii utuu hin qabaatin, beekumsa Sagalee Waaqayyoo guddifachuuf dhugumaan kan barbaadan hundaaf kaffaltii tokko malee kan kennamudha.
Marii kanarratti eenyufaatu hirmaachuu danda’a? Maatiin kee, michoonni keefi warri afeeruu barbaaddu hundi argamuu danda’u. Ykn, siif qofa godhamuu danda’a.
Namoonni baay’een, torban torbaniin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf sa’aatii tokko ni ramadu. Sa’aatii kanaa ol ykn kanaa gadi ta’e ramaduu dandeessa taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa sigargaaruuf qophaa’oodha.
Akka Barattuuf Afeerrii Siidhihaate
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin akka wal argitu si afeerra. Kana gochuuf karaan inni tokko, teessoo armaan gadiitti barreessuudha. Sanaan booda namni tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kaffaltii malee godhamu akka siif geggeessu qophiin ni godhama.
□ Brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu naa ergaa. Afaan kamiin akka ta’e ibsi.
□ Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu nan barbaada.
Ibsi garabiraan yoo kenname malee, caqasiwwan tiraakticha keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha.