Boqonnaa Kudha Lama
Cuuphamuunkee Hiika Maalii Qaba?
1. Hundi keenya cuuphaadhaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
YOHANNIS CUUPHAAN Dh.K.D. bara 29tti Laga Yordaanositti Yesusiin cuuphe. Yihowaan wanta kana ilaalaa kan ture yeroo ta’u, kanatti gammaduusaas ibseera. (Maatewos 3:16, 17) Kana gochuudhaanis Yesus fakkeenya bartoonnisaa hundi hordofan kaa’eera. Waggaa sadiifi walakkaa boodas, Yesus bartootasaatiif abboommii akkas jedhu kenne: “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera. Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!” (Maatewos 28:18, 19) Abboommii Yesus asirratti kennee wajjin haala wal simuun cuuphamteettaa? Yoo ta’uu baatehoo kana gochuuf qophoofteettaa?
2. Cuuphaa wajjin haala wal qabateen, gaaffiiwwan akkamiitiif deebii argachuu nu barbaachisa?
2 Kan cuuphamtes ta’e cuuphamuuf qophaa’aa jirta taanaan, namni Waaqayyoon tajaajiluufi addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti buufatu keessa jiraachuu barbaadu hundi, cuuphaa ilaalchisee hubannaa sirrii qabaachuunsaa barbaachisaadha. Gaaffiiwwan deebii argachuu qaban kanaa gaditti ibsamaniiru: Cuuphaan yeroo har’aatti Kiristiyaanonni raawwatan, cuuphaa Yesusii wajjin hiika tokko qabaa? “Maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis” cuuphamuu jechuun maal jechuudha? Hiika cuuphaan qabuu wajjin haala wal simuun jiraachuun maalfaa dabalata?
Cuuphaa Yohannisiin Raawwatame
3. Cuuphaan Yohannis eenyuun qofa kan ilaalu ture?
3 Yesus cuuphamuusaan ji’a ja’a dura, Yohannis Cuuphaan lafa onaa biyya Yihudaatti, “Mootummaan waaqaa dhi’aateeraatii yaada garaa keessanii geddaradhaa!” jedhee lallaba ture. (Maatewos 3:1, 2) Namoonnis wanta Yohannis jedhu dhaga’anii hojiirra oolchaniiru. Cubbuusaanii ifatti baasuudhaan, qalbii geddaratanii gara Yohannis dhufuudhaan Laga Yordaanositti cuuphamaniiru. Cuuphaan sunis Yihudoota qofa kan ilaalu ture.—Luqaas 1:13-16; Hojii Ergamootaa 13:23, 24.
4. Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan qalbii geddarachuunsaanii ariifachiisaa kan ture maaliifi?
4 Yihudoonni bara sana turan atattamaan qalbii geddarachuu isaan barbaachisa ture. Abbootiinsaanii Dh.K.D. bara 1513tti Tulluu Siinaarratti Yihowaa wajjin kakuu cimaafi seena qabeessa ta’e galanii turan. Haata’u malee, itti gaafatama kakuun sun isaanitti fide utuu hin raawwatin hafuusaaniitiin cubbuu guddaa waan hojjetaniif, kakuun sun yakkamtoota isaan taasiseera. Bara Yesus lafarra turetti haala gadhee keessatti argamu turan. ‘Guyyaan Yihowaa inni guddaaniifi inni sodaachisaan’ Miilkiyaas raajichaan dubbatame sun dhihaatee ture. Waraanni warra Roomaa Dh.K.B. bara 70tti yeroo Yerusaalemiin, mana qulqullummaasheefi Yihudoota miliyoona tokkoo ol ta’an balleessetti “Guyyaan” kun isaanitti dhufeera. Yohannis Cuuphaan waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa waan qabuuf, badiisa sana dura “saba isaa gooftaa isaaniitiif kan qophaa’an gochuudhaaf” ergamee ture. Cubbuu Kakuu Seera Museerratti hojjetanirraa deebi’anii qalbii geddarachuu, akkasumas Ilma Waaqayyoo isa Yihowaan isaaniif erge jechuunis Yesusiin fudhachuuf qophaa’uu qabu turan.—Miilkiyaas 4:4-6; Luqaas 1:17; Hojii Ergamootaa 19:4.
5. (a) Yesus yeroo cuuphamuuf ka’etti Yohannis kan isa dide maaliif ture? (b) Cuuphaan Yesus maal kan argisiisu ture?
5 Namoota cuuphamuuf gara Yohannis dhufan keessaa Yesus isa tokko ture. Haata’u malee inni cuuphamuu kan isa barbaachise maaliifi? Yohannis, Yesus cubbuu hojjete akka hin qabneefi qalbii geddarachuun akka isa hin barbaachisne waan beekuuf: “Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowweera. Haata’u malee, cuuphaansaa wanta argisiisu garabiraa tokko waan qabuuf Yesus akkas jechuudhaan deebiseera: “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” (Maatewos 3:13-15) Yesus cubbuu hojjetee waan hin beekneef, cuuphamuunsaa qalbii geddarachuusaa kan argisiisu hin turre. Saba Waaqayyoof of murteesse keessatti waan dhalateefis cuuphamuunsaa Waaqayyoof of murteessuusaa kan argisiisu hin turre. Kanaa mannaa, waggaa 30tti cuuphamuunsaa fedha Abbaasaa raawwachuuf of dhiheessuusaa kan argisiisu ture.
6. Yesus fedha Waaqayyo isaaf qabu raawwachuuf xiyyeeffannaa akkamii kenna ture?
6 Fedhiin Waaqayyo Yesus Kiristosiif qabummoo hojiiwwan Mootummichaa wajjin wal qabatan kan dabalatudha. (Luqaas 8:1) Kana malees, kakuu haaraadhaaf bu’uura akka ta’utti lubbuusaa isa gonkummaa qabu aarsaa godhee dhiheessuu kan dabalatu ture. (Maatewos 20:28; 26:26-28; Ibroota 10:5-10) Yesus wanta cuuphaansaa argisiisuuf iddoo guddaa kenna ture. Xiyyeeffannaasaa wanta garabiraarra hin goone. Hanga jireenyasaa isa lafarraa raawwatutti Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaaf dursa kennuudhaan fedha Waaqayyoo raawwateera.—Yohannis 4:34.
Cuuphaa Kiristiyaanotaa
7. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii jalqabee cuuphaa wajjin haala wal qabateen abboommiin Kiristiyaanotaaf kenname maalidha?
7 Bartoonni Yesus Yohannisiin erga cuuphamanii booda, gara Yesus dhaqanii isaa wajjin miseensota Mootummichaa akka ta’an isaanitti himamee ture. (Yohannis 3:25-30) Isaanis qajeelfama Yesus isaanii kenneen cuuphaa Yohannisii wajjin wal fakkaatuun namoota tokko tokko cuuphaniiru. (Yohannis 4:1, 2) Haata’u malee, Dh.K.B. bara 33 jalqabee “maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis” akka cuuphaniif hojii isaanitti kenname raawwachuu jalqaban. (Maatewos 28:19) Ajajni kun hiika maalii akka qabu irra deebitee ilaaluunkee faayidaa guddaa siif argamsiisa.
8. “Maqaa abbaatti” cuuphamuu jechuun maal jechuudha?
8 “Maqaa abbaatti” cuuphamuu jechuun maal jechuudha? Kana jechuun maqaasaa, iddoo inni qabu, aboosaa, kaayyoosaafi seerasaa amananii fudhachuu jechuudha. Kunimmoo maalfaa akka dabalatu qalbeeffadhu. (1) Maqaasaa ilaalchisee Faarfannaan 83:18 akkas jedha: “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [Yihowaa, NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” (2) Iddoo inni qabu ilaalchisee Ermiyaas 10:10 akkas jedha: “Waaqayyo garuu Waaqayyo isa dhugaa ti; inni Waaqayyo isa jiraataa dha, mootii bara baraa tis.” (3) Aboosaa ilaalchisee Mul’anni 4:11 akkas jechuudhaan nutti hima: “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta’a.” (4) Kana malees, Yihowaan Burqaa Jireenyaa ta’uusaa, akkasumas “Fayyisuun kan Waaqayyoo” waan ta’eef cubbuufi du’arraa nu oolchuuf kaayyoo akka qabu amanuu qabna. (Faarfannaa 3:8, 1899; 36:9) (5) Yihowaan seera kan nuu kennu ta’uusaa fudhachuu nu barbaachisa: “Waaqayyo abbaa firdii keenya, Waaqayyo seera nuuf in kenna, Waaqayyo mootii keenya.” (Isaayaas 33:22) Inni aboo kana hundumaa waan qabuuf gorsi akkas jedhu nuuf kennameera: “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a.”—Maatewos 22:37.
9. ‘Maqaa ilmaatiin’ cuuphamuu jechuun maal jechuudha?
9 ‘Maqaa ilmaatti’ cuuphamuu jechuun maal jechuudha? Maqaa, iddoofi aboo Yesus qabu hubachuu jechuudha. Hiikni maqaa Yesus “Yihowaan Fayyisaadha” jechuudha. Iddoo kana kan argates Ilma Waaqayyoo isa tokkichaafi uumama Waaqayyoo isa jalqabaa waan ta’eefidha. (Maatewos 16:16; Qolosaayis 1:15, 16) Ilma kana ilaalchisee Yohannis 3:16 akkas jedha: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa [ilmaan namootaa furiin kaffalamuufii qabu] jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” Yesus amanamummaasaa eegee waan du’eef, Waaqayyo du’aa isa kaasuudhaan aboo dabalataa isaaf kenneera. Akka Phaawulos ibsetti, Waaqayyo uumama cufarratti ofitti aansuudhaan “[Yesusiin] waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe.” ‘Hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii kan sagadan, arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta’e kan beeksisan’ kanaafidha. (Filiphisiiyus 2:9-11) Kana jechuunimmoo abboommii Yesus isuma Yihowaa biraa dhufeef ajajamuu jechuudha.—Yohannis 15:10.
10. ‘Maqaa hafuura qulqulluutiin’ cuuphamuu jechuun maal jechuudha?
10 ‘Maqaa hafuura qulqulluutiin’ cuuphamuu jechuunoo maal jechuudha? Kana jechuun ga’eefi hojii hafuura qulqulluu amananii fudhachuu jechuudha. Hafuurri qulqulluun maalidha? Humna Yihowaan kaayyoosaa ittiin raawwatudha. Yesus akkas jechuudhaan bartootasaatti himeera: “Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, [“kan isin gargaaru,” NW] isiniif in kenna. Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti.” (Yohannis 14:16, 17) Hafuurri kun maal gochuuf isaan dandeessisa? Yesus itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu.” (Hojii Ergamootaa 1:8) Kana malees Yihowaan hafuura qulqulluudhaan gargaaramee Macaafa Qulqulluu barreessiseera. “Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.” (2 Phexros 1:21) Kanaafuu, yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabannu ga’ee hafuura qulqulluu amannee fudhachuu keenya argisiifna. “Ija hojii hafuuraa” horachuuf gargaarsa Yihowaa gaafachuudhaanis hafuura qulqulluutti akka amannu argisiisna. Iji hojii hafuuraa kunis ‘jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuudha.’—Galaatiyaa 5:22, 23.
11. (a) Bara keenyatti cuuphaan maal argisiisa? (b) Cuuphaan du’uufi du’aa ka’uu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
11 Qajeelfama Yesusii wajjin haala wal simuun Dh.K.B. bara 33 kaasee jalqaba kan cuuphaman Yihudootaafi namoota amantii Yihudii fudhatan turan. Isa booda baay’ee utuu hin turin, namoonni Samaariyaas Kiristiyaana akka ta’aniif carraan isaanii banameera. Achiis, Dh.K.B. bara 36tti namoonni saba Waaqayyoo hin taaneefi dhagna hin qabanne hundi mirga kana argataniiru. Namoonni Samaariyaafi warri saba Waaqayyoo hin ta’in cuuphamuusaanii dura, bartoota Ilmasaa ta’uudhaan Yihowaaf of murteessuufi isa tajaajiluu qabu turan. Yeroo sanaa jalqabee hanga ammaatti Kiristiyaanonni kan cuuphaman kaayyoodhuma kanaafidha. Cuuphaan awwaalchaa wajjin waan wal fakkeeffameef, namni tokko guutummaatti bishaan keessa seenee cuuphamuunsaa akka of murteesse kan argisiisudha. Bishaan keessa lixxee cuuphamuunkee jireenyakee isa duraatiif du’uukee argisiisa. Bishaanicha keessaa ba’uunkeemmoo jaalala Waaqayyoo raawwachuuf jireenya argachuukee argisiisa. ‘Cuuphaa tokkicha’ kana, Kiristiyaanonni dhugaa hundi cuuphamuu qabu. Karaa kanaan erga cuuphamanii boodas, Kiristiyaanota Dhugaa Baatota Yihowaafi tajaajiltoota Waaqayyoo warra muudaman ta’u.—Efesoon 4:5; 2 Qorontos 6:3, 4.
12. Cuuphaan Kiristiyaanotaa maalii wajjin wal fakkaata? Akkamitti?
12 Cuuphaan akkasii kun Waaqayyo duratti fayyina argachuuf gatii guddaa qaba. Fakkeenyaaf, Phexros Nohi markaba inniifi maatiinsaa bishaan badiisaarraa ittiin oolan hojjechuusaa erga caqasee booda, akkas jechuudhaan barreesseera: “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesus Kristos, yaada garaa nama hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhagnaa dhiqatan miti.” (1 Phexros 3:21) Markabichi Nohi hojii Waaqayyo isatti kenne amanamummaadhaan hojjechuusaatiif ragaa qabatamaa ture. Hojiin markabichaa erga xumuramee booda, “Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee” badeera. (2 Phexros 3:6) Haata’u malee, Nohifi maatiinsaa jechuunis ‘lubbuun saddeet bishaan keessaa oolaniiru.’—1 Phexros 3:20.
13. Kiristiyaanni tokko cuuphamuudhaan maalirraa oola?
13 Yeroo har’aattis namoonni, Kiristos isa du’aa ka’erratti amantii qabaachuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuusaanii cuuphaadhaan argisiisu. Fedha Waaqayyoo yeroo keenyaaf qabu raawwachuudhaan badiisa sirna hamaa kanarraa oolu. (Galaatiyaa 1:3, 4) Sirna hamaa kanaa wajjin gara badiisaatti adeemuu dhaabaniiru. Badiisa kanarraa ooluudhaan Waaqayyo biratti yaada garaa qajeelaa argataniiru. Yohannis akkas jechuudhaan tajaajiltoota Waaqayyootiif mirkaneesseera: “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”—1 Yohannis 2:17.
Itti Gaafatama Keenya Raawwachuu
14. Cuuphamuun qofti fayyina kan namaaf hin argamsiifne maaliifi?
14 Cuuphamuun qofti fayyina namaaf argamsiisa jedhanii yaaduun dogoggoradha. Cuuphaan gatii kan qabaatu, namni tokko karaa Yesus Kiristos Yihowaadhaaf yoo of murteesse, akka fedha Waaqayyootti yoo jiraateefi hamma dhumaatti amanamaa ta’ee yoo jiraate qofadha. “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya.”—Maatewos 24:13.
15. (a) Yeroo ammaatti fedhiin Waaqayyo Kiristiyaanota cuuphamaniif qabu maalidha? (b) Kiristiyaana ta’uun itti gaafatamummaa akkamii fida?
15 Fedhiin Waaqayyo Yesusiif qabu akkaataa inni jireenyasaa isa lafarraa itti fayyadames kan dabalatu ture. Lubbuunsaa aarsaa ta’ee dhihaachuu qaba ture. Nutis, qaama keenya Waaqayyoof dhiheessuufi fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan faayidaa mataa keenyaa aarsaa goonee jiraachuu qabna. (Roomaa 12:1, 2) Yeroo tokko tokko, ta’e jennee amala namoota biyya lafaa yoo argisiifne ykn maqaadhumaaf Waaqayyoon tajaajilaa dhimmawwan dhuunfaarratti kan xiyyeeffannu yoo ta’e, jireenya keenya karaa kanaan itti fayyadamaa jirra jechuun hin danda’amu. (1 Phexros 4:1-3; 1 Yohannis 2:15, 16) Namni Yihudii tokko jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka qabu yeroo isa gaafatetti, Yesus amala gaarii qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa isatti himeera. Itti aansuudhaanis wanta caalaatti barbaachisaa ta’e, jechuunis wanta Kiristiyaanni duuka buutuu Yesus ta’e tokko gochuu qabu itti himeera. Dhimmi kun wanta dursi kennamuufi qabudha. Qabeenyaaf dursa kennuudhaan dhimma kanaaf bakka lammaffaa kennuun hin danda’amu.—Maatewos 19:16-21.
16. (a) Kiristiyaanonni hundi haala Mootummichaa wajjin wal qabateen, itti gaafatamummaa maalii qabu? (b) Fakkii fuula 116 fi 117rratti argamurratti akka ibsametti, wantoonni hojii Mootummichaa karaa bu’a qabeessa ta’een hojjechuuf nu gargaaran tokko tokko maalfa’i? (c) Hojii lallabaarratti garaa guutuudhaan hirmaachuun keenya maal kan argisiisudha?
16 Fedhiin Waaqayyo Yesusiif qabu, Mootummaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen hojii bakka guddaan kennamuuf hojjechuus kan dabalatudha. Yesus Mootii akka ta’uuf dibamee ture. Haata’u malee, yeroo lafarra turetti, waa’ee Mootummichaa hinaaffadhaan dhugaa ba’eera. Nutis hojii lallabaa Yesus raawwatee wajjin wal fakkaatu waan nuu kennameef, garaa guutuudhaan tajaajila kanarratti hirmaachuuf sababii ga’aa qabna. Kana gochuudhaanis, olaantummaa Yihowaa akka dinqisiifannuufi namoota kaan akka jaallannu argisiisna. (Maatewos 22:36-40) Kana malees, Waaqeffattoota Yihowaa labsitoota Mootummichaa ta’aniifi addunyaa maratti argamanii wajjin tokkummaa akka qabnu argisiisna. Gara daandii jireenya barabaraa bulchiinsa Mootummichaa jalatti argamutti adeemuudhaan, addunyaa maratti tokkummaa akka qabnu argisiisna.
Maree Irra Deebii
• Cuuphaa Yesusiifi cuuphaa yeroo ammaatti raawwatamu gidduu wal fakkeenyaafi garaagarummaa akkamiitu jira?
• ‘Maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaatiifi maqaa hafuura qulqulluutiin’ cuuphamuu jechuun maal jechuudha?
• Itti gaafatamni cuuphaan namatti fidu maalfaa kan dabalatudha?
[Fakkii fuula 116rra jiru]
KARAAWWAN ERGAA MOOTUMMICHAA ITTI LABSINU TOKKO TOKKO
Firoottaniif
Bakka hojjiitti
Mana barumsaatti
Karaarratti
Manaa gara manaatti
Deddeebii gaaffii gochuudhaan
Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan