BOQONNAA SHAN
Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hundaa Caaludha
Furiin maalidha?
Kan qophaa’ehoo akkamitti?
Furiin bu’aa maalii siif argamsiisa?
Furichaaf dinqisiifannaa akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
1, 2. (a) Kennaa tokko akka kennaa guddaatti kan ilaaltu yoomi? (b) Furiin kennaa ati argachuuf hawwitu hundaa kan caaludha jedhamuu kan danda’u maaliifi?
KENNAA hamma har’aatti argatte keessaa kan ati iddoo guddaa kennitu isa kamiifi? Kennaan tokko kennaa guddaadha kan isa jechisiisu gatii guddaadhaan bitamuusaa miti. Dhugumaan yoo ta’emmoo, kennaan tokkoo kennaa dhugaati wanti isa jechisiisu qarshii baay’eedhaan bitamuusaa miti. Kennaan sun yoo gammachuu siif argamsiise ykn wanta jireenya kee keessatti barbaaddu yoo sii guute, gatii guddaa siif qaba jechuudha.
2 Kennaa guddaan kennaawwan argachuuf hawwitu hundaa caalu tokko jira. Innis kennaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kennedha. Yihowaan kennaa baay’ee nuuf kenneera. Kennaawwan kana keessaa inni guddaan aarsaa furii Ilmasaati. (Maatewos 20:28) Boqonnaa kanarratti akka ilaallutti gammachuu guddaafi wanta barbaaddu hundaa kan siif guutu waan ta’eef, furichi kennaa argatte hundaarra kan caaludha. Furichi jaalala guddaa Yihowaan siif qabu akka gaariitti kan argisiisudha.
FURIIN MAALIDHA?
3. Furiin maalidha? Furiin gatii guddaa kan qabu ta’uusaa hubachuuf wanti nuyi dura hubachuu qabnu maalidha?
3 Gabaabaadhumatti, furiin qophii Yihowaan ilmaan namootaa cubbuufi du’a jalaa baasuuf godhedha. (Efesoon 1:7) Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu caalaatti hubachuuf, jalqaba wanta dhaaba Eeden keessatti ta’e ilaaluu nu barbaachisa. Sababii furiin itti nuuf kenname sirriitti hubachuu kan dandeenyu, Addaam yeroo cubbuu hojjete maal akka dhabe hubachuu yoo dandeenye qofadha.
4. Addaam gonkummaa qaba ture jechuun maal jechuudha?
4 Yihowaan yeroo Addaamiin uume jireenya gonkummaa qabu kenneefii ture. Kana jechuun maal jechuu akka ta’e mee yaadi. Qaamaafi sammuu gonkummaa qabu kennee waan isa uumeef, hin dhukkubsatu, hin dulloomu, ykn hin du’u jechuudha. Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda ta’e qaba ture. Macaafni Qulqulluun Addaam “ilma Waaqayyoo” akka ture dubbata. (Luqaas 3:38) Akkuma ilmi abbaasaa wajjin walitti dhufeenya qabu innis Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qaba ture. Yihowaan ilmasaa isa lafarraa wajjin kan dubbate yeroo ta’u, hojii gammachiisaas isaaf kennee ture; wanta isarraa barbaaddus isatti himee ture.—Uumama 1:28-30; 2:16, 17.
5. Macaafni Qulqulluun Addaam ‘bifa Waaqayyootiin’ uumame yeroo jedhu maal jechuusaati?
5 Addaam “akka bifa Waaqayyootti” uumamee ture. (Uumama 1:27) Kana jechuun garuu Waaqayyoon fakkaata jechuu miti. Akka Boqonnaa 1rratti barannetti Yihowaan qaama hafuuraa ijaan hin argamne qaba. (Yohannis 4:24) Kanaafuu, Yihowaan qaama fooniifi dhiiga qabu hin qabu. Addaam bifa Waaqayyootiin uumame jechuun amalawwan Waaqayyoo jechuunis jaalala, ogummaa, murtoo qajeelaafi humna akka qabaatu ta’ee uumame jechuudha. Wanti Waaqayyoo wajjin wal isa fakkeessu inni guddaanimmoo, mirga filannoo gochuuf isa dandeessisu qabaachuusaati. Kanaafuu, Addaam akka konkolaataa ofiin socho’uu hin dandeenyetti hin uumamne. Kanaa mannaa, murtoo mataasaa gochuufi wanta gaarii ykn gadhee filachuuf dandeettii qaba ture. Waaqayyoof ajajamuu utuu filateera ta’ee lafa Jannata taaterra bara baraaf jiraachuu danda’a ture.
6. Addaam yeroo Waaqayyoof ajajamuu didetti maal dhabe? Kunoo sanyiisaarra maal geessise?
6 Addaam abboommii Waaqayoo cabsuusaatiin duuti yeroo itti faradame wanta gatii guddaa qabu akka dhabe hubachuun ni danda’ama. Cubbuun inni hojjete kun, lubbuusaa isa gonkummaa qabuufi eebbawwan gurguddaa hundaa isa dhabsiiseera. (Uumama 3:17-19) Kan nama gaddisiisummoo, namoonni isarraa dhalatan hundi jireenya kana akka dhaban gochuusaati. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha: “Cubbuun karaa nama tokkoo [karaa Addaam] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e.” (Roomaa 5:12) Eeyyee, hundi keenya Addaamirraa cubbuu dhaalleerra. Kanaafuu Macaafni Qulqulluun, Addaam ofis ta’e sanyiisaa garbummaa cubbuufi du’aatti akka ‘gurgure’ dubbata. (Roomaa 7:14) Addaamiifi Hewwaan, ta’e jedhanii abboommii Waaqayoo waan cabsaniif abdii hin qabani. Haata’u malee, nuunis dabalatee sanyiinsaanii abdii maalii qabu?
7, 8. Furiin wantoota akkamii lama argisiisa?
7 Yihowaan qophii furichaatiin ilmaan namootaa fayyisuuf qophii godhe. Furiin maalidha? Furiin wantoota lama kan argisiisudha. Jalqabarratti, furiin wanta tokko gadhiisisuuf ykn deebisiisuuf jecha kaffaltii kaffalamu argisiisa. Gatii loltuu booji’ame tokko gadhiisisuuf kaffalamuu wajjin wal fakkaachuus ni danda’a. Lammaffaa irrattimmoo, furiin kasaaraa ga’e tokko bakka buusuuf gatii kaffalamu argisiisa. Balaa sababii tokkoon ga’eef gatii kaffalamuu wajjinis wal fakkaata. Fakkeenyaaf, namni tokko yoo balaa geessise gatii balaa geessise sanaa wajjin qixxee ta’e kaffaluu qaba.
8 Kasaaraa guddaa Addaam hunda keenyarraan ga’e bakka buusuudhaan cubbuufi du’a jalaa akka baanu gochuun kan danda’amu akkamitti? Furii Yihowaan qopheesseefi faayidaa furiin kun nuuf argamsiisuu danda’u mee haa ilaallu.
YIHOWAAN FURII KAN QOPHESSE AKKAMITTI?
9. Lubbuu bade bakka buusuuf furii akkamiitu barbaachisa ture?
9 Lubbuun gonkummaa qabu waan badeef, lubbuun gonkummaa hin qabne kamiyyuu furii kana bakka buusuu hin danda’u. (Faarfannaa 49:7, 8) Furii lubbuu badee wajjin qixxee ta’e barbaachisa. Kunis, seera bu’uuraa Sagalee Waaqayyoo keessatti argamu, “Qooda lubbuu lubbuu” jedhuu wajjin kan wal simudha. (Keessa Deebii 19:21) Kanaafuu, lubbuu gonkummaa qabu Addaam dhabe kan iddoo buusuu danda’u maalidha? ‘Furii lubbuu bade sanaan wal gitu’ iddoo buusuuf, lubbuu gonkummaa qabu garabiraa barbaachisa.—1 Ximotewos 2:6 NW.
10. Yihowaan furii kan qopheesse akkamitti?
10 Yihowaan furicha kan qopheesse akkamitti? Ilmaansaa warra qaama hafuuraa uffataniifi gonkummaa qaban keessaa isa tokko gara biyya lafaatti erge. Haata’u malee, Yihowaan qaamawwan hafuuraa keessaa tokkuma filatee erge miti. Tokkicha Ilmasaa isa jaallatamaa erge. (1 Yohannis 4:9, 10) Innis fedhasaatiin iddoo jireenyasaa dhiisee gara lafaa dhufeera. (Filiphisiiyus 2:7) Boqonnaa darberratti akka ilaalle, Yihowaan Ilmasaa kana gara gadameessa Maariyaamitti jijjiiruudhaan dinqii raawwateera. Yesus hafuura Waaqayyootiin nama gonkummaa qabu ta’ee kan dhalate yeroo ta’u, adaba cubbuurraas walaba ture.—Luqaas 1:35.
11. Namni tokko namoota baay’eedhaaf furii ta’uu kan danda’u akkamitti?
11 Namni tokko namoota baay’eedhaaf furii ta’uu kan danda’u akkamitti? Jalqaba ilmaan namootaa hundi cubbamoota ta’uu kan danda’an akkamitti? Addaam cubbuu hojjechuusaatiin lubbuusaa isa gonkummaa qabu akka dhabe yaadadhu. Kanaafuu, lubbuu gonkummaa qabu sanyiisaa dhaalchisuu hin danda’u. Kanaa mannaa kan inni ijoolleesaa dhaalchise cubbuufi du’a qofadha. Yesus inni Macaafni Qulqulluun ‘Addaam isa lammaffaa’ jedhee waamu, lubbuu gonkummaa qabu kan qabuufi gonkumaa cubbuu kan hin hojjennedha. (1 Qorontos 15:45) Kana jechuunis, Yesus nu fayyisuuf jecha Addaamiin bakka bu’eera jechuudha. Yesus lubbuusaa isa gonkummaa qabu aarsaa godhee dhiheessuufi guutummaatti Waaqayyoof ajajamuudhaan cubbuu Addaam kaffaleera. Kanaafuu, Yesus ilmaan Addaamiif abdii argamsiiseera.—Roomaa 5:19; 1 Qorontos 15:21, 22.
12. Gidiraan Yesusirra ga’e maal mirkaneesse?
12 Macaafni Qulqulluun, Yesus utuu hin du’in dura dhiphinni akka isarra ga’e ibsa. Gar-malee reebameera, muka fannoorratti gidiraa baay’ee erga argee boodas lubbuusaa dhabeera. (Yohannis 19:1, 16-18, 30; Kutaa Dabalataa, fuula 204-206 ilaali.) Yesus hamma kana kan dhiphate maaliifi? Gara fulduraatti kitaaba kanarratti akka ilaallutti, Seexanni tajaajiltoonni Yihowaa yoo qorumsi isaanirra ga’e Yihowaadhaaf amanamoo hin ta’an jechuudhaan gaaffii kaaseera. Dhiphinni hangana hin jedhamne Yesusirra ga’us, amanamummaadhaan dhaabachuudhaan gaaffii Seexanni kaaseef deebii hundaa caalu kenneera. Yesus namni gonkummaafi filannoo gochuuf mirga qabu tokko, Seexanni wanta barbaade irraan ga’us, amanamummaadhaan Waaqayyo cina dhaabachuu akka danda’u mirkaneesseera. Yihowaan amanamummaa Ilmisaa argisiisetti baay’ee gammadeera!—Fakkeenya 27:11.
13. Furiin kan kaffalame akkamitti?
13 Furiin kan kaffalame akkamitti? Yihowaan dhaloota Kiristos booda, akka lakkobsa warra Yihudiitt Niisaan 14, bara 33, Ilmisaa inni cubbuu tokko hin qabne akka ajjeefamu heyyame. Karaa kanaanis, Yesus “yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha” lubbuusaa aarsaa godhee dhiheesse. (Ibroota 10:10) Erga du’ee booda guyyaa sadaffaatti, Yihowaan du’aa isa kaasuudhaan jireenya hafuuraa kenneef. Yesus sanyii Addaamiif gatii lubbuusaa isa aarsaa godhee kaffale samiirratti Waaqayyoof dhiheesseera. (Ibroota 9:24) Yihowaan ilmaan namootaa garbummaa cubbuufi du’a jalaa baasuuf gatii aarsaa Yesus dhiheesse furii godhee fudhateera.—Roomaa 3:23, 24.
FURIIN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?
14, 15. ‘Dhiifama cubbuu argachuuf’ maal gochuu qabna?
14 Cubbamoota taanus, karaa furichaa eebbawwan gurguddaa argachuu dandeenya. Eebbawwan furii kanaan ammas ta’e gara fuulduraatti argaman tokko tokko haa ilaallu.
15 Dhiifama cubbuu. Namoota gonkummaa hin qabne waan taaneef, wanta sirrii ta’e gochuun wal’aansoo guddaa nu gaafata. Hundi keenya jechaanis ta’e gocha keenyaan cubbuu hojjenna. Haata’u malee, aarsaa furii Yesusiin ‘dhiifama cubbuu’ arganna. (Qolosaayis 1:13, 14) Kanaafuu, dhiifama cubbuu argachuuf garaa keenya guutuudhaan qalbii geeddarachuu qabna. Kana malees, amantii aarsaa furii Ilmasaarratti qabnuun akka dhiifama nuu godhu gad of qabuudhaan Yihowaa kadhachuu qabna.—1 Yohannis 1:8, 9.
16. Yaadi garaa keenyaa utuu nu hin ceepha’in Waaqayyoon waaqeffachuuf kan nu dandeessisu maalidha? Yaanni garaa qulqulluu akkasiihoo faayidaa maalii qaba?
16 Waaqayyo duratti yaada garaa qulqulluu qabaachuu. Yaanni garaa keenyaa kan nu ceepha’u yoo ta’e, salphaadhumatti abdii kutachuufi akka waan gatii hin qabne nutti dhaga’amuu danda’a. Namoota gonkummaa hin qabne taanus, Yihowaan gaarummaadhaan karaa furichaa yaada garaa qulqulluudhaan akka isa waaqeffannu nu dandeessisa. (Ibroota 9:13, 14) Kunis ija jabinaan Yihowaatti akka dhihaannu nu dandeessisa. Kanaafuu, ija jabinaan kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu ni dandeenya. (Ibroota 4:14-16) Yaanni garaa keenyaa kan nu hin ceephaane yoo ta’e, nagaa akka argannu, ofii keenyaaf ilaalcha sirrii akka qabaannuufi gammachuu akka argannu nu gargaara.
17. Yesus nuuf jedhee du’uunsaa eebbawwan akkamii nuuf argamsiisa?
17 Abdii lafa jannata taaturratti jireenya bara baraa argachuu. Roomaan 6:23 “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a” jedha. Caqasumti kun itti aansuudhaan: “Kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” jedha. Boqonnaa 3rratti eebbawwan lafa Jannata taaturratti argamanirratti mari’anneerra. (Mul’ata 21:3, 4) Yesus nuuf jedhee du’uunsaa dhibee fayyaa tokko malee bara baraaf jiraachuu dabalatee, eebbawwan gara fuulduraatti dhufan hundaa akka argannu nu godha. Eebbawwan kana argachuuf kennaa furichaa dinqisiifachuu qabna.
DINQISIIFANNAA FURICHAAF QABDU ARGISIISUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
18. Yihowaan furii waan nuu qopheesseef isa galateeffachuu kan qabnu maaliifi?
18 Furicha waan nuu kenneef, Yihowaa galateeffachuu kan qabnu maaliifi? Kennaan tokko, yeroo, humna ykn baasii kan gaafatu yoo ta’e, kennaan sun kennaa guddaadha jedhamuu danda’a. Namni tokko garaadhaa nuu yaadee kennaa tokko yeroo nuuf kennu garaan keenya baay’ee xuqama. Furichi kennaa Waaqayyo aarsaa guddaa itti kaffale waan ta’eef kennaa hundaa caaludha. Yohannis 3:16 “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate” jedha. Furichi jaalala guddaa Yihowaan nuuf qabu kan argisiisudha. Nuuf jedhee lubbuusaa fedhasaatiin waan dhiheesseef furichi jaalala Yesus nuuf qabus ni argisiisa. (Yohannis 15:13) Kanaafuu, kennaan furichaa Yihowaafi Ilmisaa dhuunfaatti akka nu jaallatan akka amannu kan nu godhudha.—Galaatiyaa 2:20.
19, 20. Qophii furii Yihowaan sii godheef dinqisiifannaa qabdu karaa kamiin argisiisuu dandeessa?
19 Dinqisiifannaa furichaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Hundumaa dura, waa’ee Abbaa kennaa guddaa kana siif kennee jechuunis waa’ee Yihowaa caalaatti baruuf carraaqqii godhi. (Yohannis 17:3) Qayyabannaan kun waa’ee Yihowaa caalaatti beekuuf si gargaaruu danda’a. Yihowaa ilaalchisee beekumsi kee yeroo guddachaa adeemu jaalalli ati isaaf qabdus caalaatti guddachaa adeema. Jaalalli kunimmoo wanta isa gammachiisu akka gootu si kakaasa.—1 Yohannis 5:3.
20 Aarsaa furii Yesusitti akka amantu argisiisi. Yesusiin ilaalchisee: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba” jedhameera. (Yohannis 3:36) Yesusitti akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Amantiin kun afaaniin qofa kan ibsamu miti. Yaaqoob 2:26 “Amantiin hojii gaarii hin argisiifne du’aa dha” jedha. Eeyyee, amantiin dhugaa ‘hojiidhaan’ jechuunis gochaan ibsama. Yesusitti akka amannu karaan itti argisiisnu keessaa inni tokko wanta dubbannuun qofa utuu hin ta’in, wanta hojjennu hundaanis isa fakkaachuuf carraaqqii gochuudhaani.—Yohannis 13:15.
21, 22. (a) Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaan kabajamurratti argamuu kan qabnu maaliifi? (b) Boqonnaa 6 fi 7rratti maaltu ibsama?
21 Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaan kabajamurratti argami. Yesus dhaloota Kiristos booda, Niisaan 14, bara 33tti ayyaana addaa Macaafni Qulqulluun “irbaata gooftaa” jedhee waamu dhaabeera. (1 Qorontos 11:20; Maatewos 26:26-28) Ayyaanni kun Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristos jedhamees waamameera. Yesus ayyaana kana kan dhaabe ergamoonnisaas ta’an Kiristiyaanonni dhugaa isaan booda dhufan hundi, lubbuusaa akka aarsaa godhee kenne akka yaadatan gargaaruufidha. Ayyaana Yaadannoo kana ilaalchisee: “Kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jedhee ajajeera. (Luqaas 22:19) Ayyaana Yaadannoo kana kabajuun keenya haala furichaa wajjin wal qabateen, jaalala guddaa Yihowaafi Yesus nuu qaban yaadachuuf nu gargaara. Dinqisiifannaa furichaaf qabnu, Ayyaana Yaadannoo du’a Yesus isa waggaa waggaadhaan kabajamurratti argamuudhaan argisiisuu ni dandeenya.a
22 Dhugumayyuu, furiin Yihowaan nuu qopheesse kennaa guddaa gatiinsaa tilmaamamuu hin dandeenyedha. (2 Qorontos 9:14, 15) Kennaan guddaan kun namoota du’anillee gargaaruu ni danda’a. Boqonnaan 6 fi 7 furiin kun warra du’aniif faayidaa akkamii akka argamsiisu ibsa.
a Ayyaanni Yaadannoo Irbaata Gooftaa hiika maalii akka qabu yaada dabalataa argachuuf Kutaa Dabalataa fuula 206-208rratti argamu ilaali.