BOQONNAA JA’A
Warri Du’an Eessa Jiru?
Yeroo duunu maal taana?
Kan duunu maaliif?
Waa’ee du’aa dhugaasaa beekuun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi?
1-3. Du’a ilaalchisee namoonni gaaffiiwwan akkamii gaafatu? Dhaabileen amantii baay’een gaaffiiwwan kanaaf deebii akkamii kennu?
GAAFFIIWWAN kun gaaffiiwwan ilmaan namootaa waggoota kumaatamaan lakkaa’amaniif yaaddessaa turan waan ta’aniif, gaaffiiwwan baay’ee barbaachisoo ta’anidha. Deebiin gaaffiiwwan kanaa namoota eessattiyyuu argaman kan yaaddessanidha.
2 Boqonnaa darberratti aarsaan furii Yesus karaa jireenya bara baraa itti argannu nuu banuusaa mari’annee turre. Kana malees, akka raajii Macaafa Qulqulluutti yeroon ‘duuni deebi’ee hin argamne’ akka dhufu baranneerra. (Mul’ata 21:4) Hamma yeroo sanaatti garuu hundi keenyayyuu ni duuna. Solomoon Mootichi, “Warri jiran akka du’an beeku” jechudhaan dubbateera. (Lallaba 9:5) Hamma danda’ame umurii dheeraa jiraachuuf carraaqqii goona. Ta’us, yeroo duunu maal taana? jennee yaaduun keenya hin oolu.
3 Namni jaallannu yeroo du’u ni gaddina. ‘Maaltu isaanirra ga’a? Dhiphachaa jiruu? Eegumsa nuu gochuu danda’uu? Isaan gargaaruu ni dandeenyaa? Lammaffaa isaan arguu dandeenyaa?’ jennee gaafanna ta’a. Dhaabbileen amantii gaaffiiwwan kanaaf deebii adda addaa kennu. Warri tokko tokko, amala gaarii yoo qabaattee gara samii dhaqxa; amala gadhee yoo qabaattemmoo bakka dhiphinaa tokkotti gubatta jedhanii barsiisu. Kaanimmoo, namoonni yeroo du’an hafuura ta’uudhaan gara samii dhaqanii abbootiisaanii warra du’anii wajjin jiraatu jedhanii barsiisu. Dhaabbileen kaanimmoo, gara lafa jalaatti geeffamanii erga firdii argatanii booda qaama gara biraa uffatanii lammaffaa dhalatu jedhanii barsiisu.
4. Du’a ilaalchisee dhaabileen amantii baay’een ilaalcha wal fakkaatu akkamii qabu?
4 Barumsi dhaabbilee amantii kun hundi, hundee tokko kan qaban yeroo ta’u, hundisaaniiyyuu yeroo duunutti qaama keenyaa keessaa wanti hin duune jira jedhanii barsiisu. Dhaabbileen amantii dur turanis ta’e yeroo ammaatti argaman hundi, erga duunee booda ilaaluu, dhaga’uufi yaaduu utuu dandeenyuu karaa ta’e tokkoon bara baraaf jiraachuu ni dandeenya yaada jedhu qabu. Haata’u malee, kun kan ta’uu akkamitti? Dhaga’uu, arguufi yaaduu kan dandeenyu hamma sammuun keenya hojjete qofattidha. Yeroo duunu sammuun keenya hojiisaa waan dhaabuuf yaadachuu, dhaga’uufi arguu hin dandeenyu.
NAMNI YEROO DU’U MAAL TA’A?
5, 6. Macaafni Qulqulluun haala namoonni du’an keessatti argaman ilaalchisee maal barsiisa?
5 Gaaffiin ‘yeroo duunu maal taana’ jedhu Yihowaa isa sammuu keenya uumeetti iccitii hin ta’u. Inni dhugaasaa beeka; akkasumas haala warri du’an keessatti argamanis Macaafa Qulqulluurratti ibseera. Barumsi Macaafa Qulqulluu inni sirrii ta’e: Namni tokko yeroo du’u jireenyaa ala ta’a. Duuti faallaa jireenyaati. Warri du’an arguu, dhaga’uu, ykn yaaduu hin danda’an. Wanti ijaan hin argamneefi hin duune qaama keenya keessaa hin jiru. Lubbuu ykn hafuura hin duune hin qabnu.a
6 Solomoon warri jiran akka du’an akka beekan erga dubbatee booda: “Warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jedhee barreesseera. Warri du’an jaallachuus ta’e jibbuu akka hin dandeenye dhugaa jiru erga ibsee booda, “Iddoo lafa jalaa [bakka awwaalchaa] lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru” jechuudhaan dubbateera. (Lallaba 9:5, 6, 10) Haaluma wal fakkaatuun, Faarfannaan 146:4 namni tokko yeroo du’u maal akka ta’u ilaalchisee, “akeeki isaa in bada” jechuudhaan dubbata. Nuyi namoota duunu waan taaneef, yeroo foon keenya du’utti wanti qaama keenya keessaa utuu hin du’in hafu hin jiru. Jireenyi keenya ifa dungoo wajjin wal fakkaata. Ifni dungichaa yeroo dhaamu ifni sun hin bada malee eessayyuu hin dhaqu.
DU’A ILAALCHISEE YESUS MAAL JEDHE?
7. Yesus duuni maal akka ta’e kan ibse akkamitti?
7 Yesus Kiristos haala warri du’an keessatti argaman dubbateera. Alaazaar namni inni akka gaariitti beeku yeroo du’etti wanti inni dubbate kana argisiisa. Bartootasaatiin: “Alaazaar firri keenya rafeera” jedheen. Bartoonnisaas, Alaazaar dhukkubsatee ciiseera waan isaaniin jedhu isaanitti fakkaate. Haata’u malee, Yesus akkas jechuusaa hin turre. “Alaazaar du’eera” jedhee ibseef. (Yohannis 11:11-14) Yesus du’a boqonnaa ykn hirribaa wajjin akka wal fakkeesse hubadhu. Alaazaar samii ykn bakka itti gubatan hin turre. Ergamoota Waaqayyoo wajjinis ta’e abbootiisaa warra dur du’anii wajjin wal hin argine. Alaazaar nama garabiraa ta’ee lammaffaa hin dhalanne. Akka nama abjuu tokko malee hirriba cimaa rafuutti du’aan boqotee ture. Caqasiwwan Macaafa Qulqulluu gara biraanis du’a hirribaa wajjin wal fakkeessu. Fakkeenyaaf, Isaayaas waa’ee namoota ‘awwaala keessa ciisanii’ dubbateera. (Isaayaas 26:19) Daawitis haaluma wal fakkaatuun waa’ee “hirriba du’aa” barreesseera.—Faarfannaa 13:3.
8. Kaayyoon Waaqayyoo namoonni akka du’aniif akka hin turre akkamitti beekna?
8 Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa namoonni akka du’an turee? Akkas hin turre! Yihowaan namoota kan uume lafarra bara baraaf akka jiraataniif ture. Jalqabarratti kitaaba kanarraa akka barannetti Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin jannata gammachiisaa keessa kaa’e. Fayyaa guutuus isaanii kennee ture. Yihowaan wanta gaarii qofa isaaniif hawwa ture. Abbaan jaalala qabeessa ta’e tokko ijoolleensaa dullumaan dhiphatanii akka du’an barbaadaa? Akka hin barbaanne beekamaadha! Yihowaanis ijoolleensaa kun lafarra gammachuudhaan bara baraaf akka jiraatan barbaada ture. Macaafni Qulqulluun namoota ilaalchisee Waaqayyo: “Baraa barummaas garaasaanii [garaa namootaa] keessa kaa’e” jedha. (Lallaba 3:11, 1899) Waaqayyo bara baraaf jiraachuu akka hawwinu godhee nu uume. Hawwii keenya kanas nuu guutuuf qophii godheera.
NAMOONNI KAN DU’AN MAALIIFI?
9. Yihowaan Addaam maal akka hin goone dhowwee ture? Abboommiin kun ulfaataa kan hin turrehoo maaliifi?
9 Kaayyoon Waaqayyoo namoonni akka du’an erga hin taanee namoonni kan du’an maaliifiree? Deebii gaaffii kanaa argachuuf jalqaba dhiirri tokkoofi dubartiin tokko qofti yeroo lafa kanarra turanitti wanta raawwatame hubachuu qabna. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Waaqayyoo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba’eessa ta’an lafa keessaa in biqilche.” (Uumama 2:9) Haata’u malee, wanta tokko akka hin goone dhowwomanii turan. Yihowaan Addaamiin akkas jedhee ture: “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uumama 2:16, 17) Abboommiin kun ulfaataa hin turre. Iji mukaa Addaamiifi Hewwaan irraa nyaachuu danda’an baay’eetu jira ture. Haata’u malee, carraan adda ta’e kun jireenya gonkummaa qabu dabalatee, Waaqa wanta hundumaa isaaniif kenneef galata qaban akka ibsan karaa kan isaaniif banu ture. Utuu abboommii Waaqayyootiif ajajamaniiru ta’ee, Waaqayyoon galateeffachuu qofa utuu hin ta’in aboosaa kabajuufi qajeelfama Yihowaa argachuu akka barbaadan argisiisuu danda’u turan.
10, 11. (a) Addaamiifi Hewwaan utuu Waaqayyoof hin ajajamin kan hafan akkamitti? (b) Ajajamuu diduunsaanii kun akkasumaan wanta bira darbamuu hin qabne kan ture maaliifi?
10 Kan nama gaddisiisu garuu, Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu didan. Seexanni bofaan gargaaramee Hewwaaniin: “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa! isiniin jedhee?’ ” jedhee gaafate. Isheenis: “Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, Waaqayyo, ‘Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu’inaa! Kanaa achi in duutu’ ” nuun jedheera jettee deebisteef.—Uumama 3:1-3.
11 Seexannis: “Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jedhee deebiseef. (Uumama 3:4, 5) Seexanni, Hewwaan ija mukaa dhowwame kanarraa yoo nyaadhe faayidaan argadha jettee akka yaaddu barbaadee ture. Wanta sirrii ta’eefi hin taane ofiisheetii murteessuu, akkasumas wanta barbaadde gochuuf mirga qabdi jechuusaa ture. Kana malees, Seexanni ija mukichaa nyaachuun balaa geessisu ilaalchisee, Yihowaan sobeera jedhee komii dhiheesseera. Hewwaanis Seexana amanuudhaan ija mukichaa nyaatte. Abbaa manaasheetiifis kan laatte yeroo ta’u, innis ni nyaate. Kana kan godhan wallaalummaadhaan miti. Wanta Waaqayyo hin godhinaa jedhe akka gochaa jiran beeku turan. Abboommii Waaqayyoo isa ulfaataa hin taaneefi sababii ga’aarratti hundaa’ee isaanii kenname ta’e jedhanii cabsuudhaan ija mukichaa nyaatan. Gochasaanii kanaanis aboo Waaqayyoo akka tuffatan argisiisaniiru. Tuffiin kun wanta akkasumaan bira darbamu hin turre!
12. Yihowaan Addaamiif Hewwaan yeroo isa morman maaltu akka itti dhaga’amuu danda’u hubachuuf maaltu nu gargaara?
12 Wanta kana fakkeenyaan haa ilaallu: Ilmi ati kunuunsitee guddiste wanta godhuun akka siif hin abboomamne, akka si hin jaallanneefi akka ulfina siif hin kennine utuu hubattee maaltu sitti dhaga’ama? Baay’ee gaddita. Yihowaanis Addaamiif Hewwaan yeroo isa morman hammam akka gadde mee yaadi.
13. Yihowaan Addaam yeroo du’utti maal akka ta’u dubbate? Kana jechuunoo maal jechuudha?
13 Yihowaan warri isaaf ajajamuu didan kun bara baraaf akka jiraatan sababii itti heyyamu hin qabu. Akkuma inni jedhe ni du’an ykn jireenyaa ala ta’an. Hafuura ta’anii akka jiraataniif eessattiyyuu hin geeffamne. Kanas, jecha Yihowaan Addaamiin: ‘Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti in deebita’ jechuudhaan gocha raawwateef kan itti gaafatamu ta’uusaa dubbaterraa hubachuun ni danda’ama. (Uumama 3:19) Waaqayyo Addaamiin biyyoo lafaarraa uume. (Uumama 2:7) Isa dura Addaam eessayyuu hin jiru ture. Kanaafuu, Yihowaan yeroo deebitee biyyoo in taata isaan jedhu Addaam utuu biyyoo irraa hin uumamin dura akkuma hin turre ammas hin jiraatu jechuudha. Addaam akkuma biyyoo sanaa kan jireenya hin qabne ta’a jechuudha.
14. Kan duunu maaliifi?
14 Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu diduu waan filataniifi cubbuu waan hojjetaniif du’an malee, hamma har’aatti jiraachuu ni danda’u turan. Nuyis kan duunu Addaam cubbuufi du’a sanyiisaa hundaatti waan dabarseefidha. (Roomaa 5:12) Cubbuun isaan nutti dabarsan dhukkuba gadhee sanyiidhaan darbuufi jalaa miliquu hin dandeenyee wajjin wal fakkaata. Duutimmoo, bu’aa cubbuu kan ta’e abaarsadha. Duuni, diina malee michuu miti. (1 Qorontos 15:26) Yihowaan diina hamaa kanarraa nu oolchuuf furii nuu qopheessuusaatti hangam isa galateeffachuu qabnaa?
WAA’EE DU’AA BEEKUMSA SIRRII ARGACHUUN BARBAACHISAADHA
15. Du’a ilaalchisee dhugaasaa beekuun kan nama jajjabeessu maaliifi?
15 Barumsi Macaafni Qulqulluun du’a ilaalchisee barsiisu kan nama jajjabeessudha. Akkuma olitti ilaalletti dhiphinnis ta’e gaddi namoota du’anirra hin ga’u. Miidhaa nurraan ga’u jennee isaan hin sodaannu. Gargaarsa keenya hin barbaadan; nu gargaaruus hin danda’an. Isaanii wajjin dubbachuu hin dandeenyu; isaanis nuu wajjin dubbachuu hin danda’an. Dura buutonni amantii baay’een warra du’an gargaaruu ni dandeenya jedhanii namoota kan gowwomsan yeroo ta’u, namoonni kanatti amananis namoota kanaaf qarshii kennu. Waa’ee du’aa dhugaasaa beekuun keenya namoota barumsa sobaa akkasii barsiisaniin gowwomsamuurraa nu eega.
16. Barumsa amantiiwwan baay’eerratti dhiibbaa kan geessisu eenyu? Akkamitti?
16 Du’a ilaalchisee barumsi dhaabbileen amantii baay’een barsiisan barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simudhaa? Barumsisaanii barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simu miti. Maaliifi? Sababiinsaas, barumsi isaan barsiisan dhiibbaa Seexanaa jala waan jiruufidha. Seexanni, namoonni fooniin erga du’anii booda gara hafuuraatti jijjiiramanii jiraachuusaanii itti fufu jedhanii akka amanan gochuuf amantii sobaatiin gargaarama. Barumsi akkasii kun barumsa Seexanni namoota Waaqayyorraa fageessuuf ittiin gargaaramudha. Kanaan kan gargaaramu akkamitti?
17. Barumsi namoonni bara baraan gubatu jedhu Yihowaaf ulfina kan hin fidne maaliifi?
17 Akka olitti ibsametti dhaabbileen amantii tokko tokko namni tokko jireenya gadhee kan jiraate yoo ta’e, du’a booda bakka gubannaatti geeffamuudhaan bara baraaf gubata jedhanii barsiisu. Barumsi akkasii kun Waaqayyoon kan salphisudha. Yihowaan Waaqa jaalalaa waan ta’eef gonkumaa namoonni haala akkasiitiin akka dhiphatan hin godhu. (1 Yohannis 4:8) Namni tokko mucaasaa isa isaaf ajajamuu dide harkasaa ibiddaan gubuudhaan utuu adabee maaltu sitti dhaga’ama? Nama akkasii ni kabajjaa? Isaa wajjinoo wal baruu ni barbaaddaa? Gonkumaa hin barbaaddu! Namni kun baay’ee gara jabeessadha jettee yaaduun kee hin oolu. Haata’u malee Seexanni, Yihowaan bara baraan ibiddaan namoota adaba jennee akka amannu barbaada!
18. Warra du’an waaqeffachuun barumsa amantii isa kamirratti kan hundaa’edha?
18 Kana malees Seexanni, amantiiwwan tokko tokkoon gargaaramuudhaan namoonni erga du’anii booda hafuuratti jijjiiramu jedhanii akka barsiisan gochuudhaan, namoonni lubbuudhaan jiran akka isaaniif ulfina kennan godha. Akka barumsa kanaatti ekeraan namoota du’anii jaalleewwan humna guddaa qaban ykn diina hamoo ta’uu danda’u jechuudha. Namoonni baay’een barumsa sobaa kana ni amanu. Warra du’an waan sodaataniifis ulfina isaaniif kennu, akkasumas isaan waaqeffatu. Macaafni Qulqulluun garuu, warri du’an akka rafaniifi Yihowaa isa qofaasaa Waaqa dhugaa ta’e akkasumas Uumaa keenyaafi isa wanta nu barbaachisu nuu guutu qofa waaqeffachuu akka qabnu barsiisa.—Mul’ata 4:11.
19. Waa’ee namoota du’anii dhugaasaa beekuun keenya barumsa Macaafa Qulqulluu garabiraa isa kam akka hubannu nu gargaara?
19 Waa’ee warra du’anii dhugaasaa beekuun kee gowwomsaa amantii sobaarraa si eega. Kana malees, barumsawwan Macaafa Qulqulluu warra garabiraa akka hubattu si gargaara. Fakkeenyaaf, namoonni yeroo du’an hafuuratti jijjiiramanii bakka gara biraa akka hin dhaqne hubachuun kee abdiin lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf qabdu caalaatti siif dhugoomsa.
20. Mataduree itti aanurratti gaaffii isa kamtu ibsama?
20 Nama qajeelaa kan ture Iyoob waggoota dheeraa dura: “Namni erga du’ee deebi’ee in jiraataa ree?” jedhee gaafatee ture. (Iyoob 14:14) Namni du’e deebi’ee lubbuudhaan jiraachuu ni danda’aa? Kana ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu baay’ee kan nama jajjabeessu waan ta’eef boqonnaa itti aanutti ibsama.
a Jechoota “lubbuu” fi “hafuura” jedhu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf Kutaa Dabalataa fuula 208-211rratti argamu ilaali.