KUTAA DABALATAA
Kiristiyaanonni Dhugaa, Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?
NAMOONNI miliyoonaan lakkaa’aman fannoodhaaf jaalala guddaa qabaachuusaaniirrayyuu, ulfina guddaa kennu. Za Insaaykilooppidiyaa Biriitaanikaan fannoon “mallattoo amantii Kiristiyaanaatti” jechuudhaan dubbateera. Haata’u malee, Kiristiyaanonni dhugaan waaqeffannaa isaaniitiif fannoo hin gargaaraman. Maaliifi?
Sababiinsaanii inni guddaan Yesus Kiristos fannoorratti waan hin duuneefidha. Jechi afaan Giriikiitiin istaawuroos jedhamu “fannoo” jedhamee hiikama. Jechi kun kallattiidhaan yeroo hiikamu “muka solooloo” jechuudha. Kitaabni Za Kompaaniyen Baayibil jedhamu akkas jechuudhaan ibseera: Jechi “[Istaawuroos] jedhamu gonkumaa mukoota arfii lamaan wal qaxxamuran hin argisiisu . . . [Kakuu Haaraa] afaan Giriikiitiin barreeffame keessatti odeeffannoon mukoota lama argisiisu hin argamu.”
Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu baay’een wanta Yesus irratti du’e argisiisuuf jecha garabiraadhaan gargaaramaniiru. Jechi kunis jecha zaayiloon jedhamudha. (Hojii Ergamootaa 5:30; 10:39; 13:29; Galaatiyaa 3:13; 1 Phexros 2:24) Gabaabaadhumatti jechi kun “laaxaa [utubaa]” ykn “ulee, bokkuu, ykn muka” jechuudha.
Kitaabni (Fannoofi Fannifamuu) Daas Kirooyitis unduu dii Kirooyisigung jedhamuufi nama Hermaan Fuldaa jedhamuun qophaa’ee, yeroo baay’ee namoota du’aan adabuuf sababii muka solooloodhaan itti gargaaraman akkas jechuudhaan ibseera: “Namoonni bakka namoonni jiranitti akka ajjeefamaniif itti faradametti mukti baay’inaan hin argamu ture. Kanaafuu mukti tokko lafa keessa akka dhaabamu godhama ture. Yeroo baay’ee, namoonni seeraa ala ta’an harkisaanii ol miillisaaniimmoo gad harkifamee hidhama ykn mismaaraan rukutama.”
Haata’u malee, ragaan caalaatti amansiisaa ta’e kan argamu Sagalee Waaqayyoo keessattidha. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta’uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, ‘Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha.’” (Galaatiyaa 3:13) Asirratti Phaawulos kan caqase Keessa Deebii 21:22, 23, yeroo ta’u, caqasni kunimmoo kan dubbatu waa’ee muka solooloo malee waa’ee fannoo akka hin taane ifaadha. Adabni akkasiimmoo nama sana ‘kan abaarame’ waan isa taasisuuf, Kiristiyaanonni fakkiiwwan Kiristos mukarratti fannifamuusaa argisiisaniin manasaanii miidhagsuunsaanii sirrii miti.
Kiristos erga du’ee booda waggoota 300 as turanitti, namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan, fannoo waaqeffannaadhaaf akka gargaaramaa turan odeeffannoon argisiisu hin jiru. Haata’u malee, jaarraa arfaffaatti mootii saboota waaqa tolfamaa waaqeffatanii kan ture Qosxanxinoos amantiisaa jijjiiruudhaan miseensa Kiristiyaanota gantootaa ta’uudhaan fannoon mallattoo Kiristiyaanaa akka ta’u godhe. Kaayyoon Qosxanxinoos maaliyyuu yoo ta’e, fannoon Yesus Kiristoosii wajjin walitti dhufeenya tokkoyyuu hin qabu ture. Kanaa mannaa fannoon namoota waaqa tolfamaa waaqeffatanirraa kan maddedha. Niwuu Kaatolik Insaaykilooppiidiyaan akkas jechuudhaan amaneera: “Fannoon utuu Kiristiyaanummaan hin hundeeffaminis ta’e aadaawwan Kiristiyaanummaa ala ta’an keessa waan turedha.” Barruulee maddisaanii amanamoo ta’an garabiraanis, fannoon uumama waaqeffachuufi waaqeffannaa sirna hormaataa namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii wajjin akka walitti dhufeenya qabu ibsu.
Mallattoon namoota waaqa tolfamaa waaqeffatanii kun kan babal’ate maaliifiree? Namoonni waaqolii tolfaman waaqeffatan salphaadhumatti “Kiristiyaanummaa” akka fudhatan gochuuf utuu hin ta’in hin hafu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun mallattoowwan namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii waaqeffachuu ni balaaleffata. (2 Qorontos 6:14-18) Kana malees Caaffanni Qulqullaa’aan waaqolii tolfamoo kamiyyuu akka hin waaqeffanne nu dhowwa. (Ba’uu 20:4, 5; 1 Qorontos 10:14) Kanaafuu, Kiristiyaanonni dhugaan fannoo waaqeffannaadhaaf gargaaramuurraa fagaachuuf sababii ga’aa qabu.a
a Fannoo ilaalchisee yaada bal’aa argachuuf kitaaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’ee fuula 87-91 ilaali.