KUTAA DABALATAA
Bara 1914—Waggaa Raajii Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu
BARATTOONNI Macaafa Qulqulluu, bara 1914tti wantoonni hiika guddaa qaban akka raawwataman barri olitti caqasame utuu hin ga’in naannoo waggaa afurtamaa dura dubbatanii turan. Wantoonni ni raawwatamu jedhaman kun maalidha? Barri 1914 waggaa hiika guddaa qabu ta’uusaa ragaan argisiisuhoo maalidha?
Luqaas 21:24rratti Yesus akkas jedheera: “Yerusaalemis saba Waaqayyoo warra hin ta’iniin irra in ejjetamti, kunis hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin ta’initti kenname raawwatamutti.” Yerusaalem magaalaa guddittii saba Yihudii, jechuunis bakka mootonni sanyiin Daawit ta’an itti bulchan turte. (Faarfannaa 48:1, 2) Haata’u malee, mootonni kun mootota biyya lafaarra adda turani. Waaqayyoon bakka bu’uudhaan “Teessoo Waaqayyoorra” taa’u turan. (1 Seenaa 29:23, 1899) Kanaafuu, Yerusaalem bulchiinsa Waaqayyootiin fakkeeffamti turte.
Haata’u malee, bulchiinsi Waaqayyoo ‘saba Waaqayyoo warra hin ta’iniin kan irra ejjetame’ yoomiifi akkamitti? Kun kan ta’e Dh.K.D. bara 607 yeroo Yerusaalem warra Baabiloniin injifatamtettidha. Yeroo sanaa jalqabee ‘teessoo Waaqayyoorra’ kan taa’e kan hin jirre yeroo ta’u, bulchiinsi sanyii Daawitiin bakka buufamus gargar citeera. (2 Mootota 25:1-26) Bulchiinsi kun bara baraaf ‘irra ejjatamee’ hafaa? Hin hafu. Raajiin Hisqi’el, mootii Yerusaalem isa dhumaa Zedeqiyaa ilaalchisee akkas jedha: “Marata of irraa baasi! Gonfoos of irraa fuudhi! . . . kunis hamma abbaan firdii sun dhufee, ani isatti kennutti hin ta’u.” (Hisqi’el 21:26, 27) Gonfoo Daawit gonfachuuf “abbaan firdii” [inni mirga seeraa qabu, NW ] Yesus Kiristosidha. (Luqaas 1:32, 33) Kanaafuu, yeroo Yesus Mootii ta’etti ‘irra ejjetamuun’ kun ni hafa.
Wanti guddaan kun kan raawwatamu yoomi? Yesus warri saba Waaqayyoo hin ta’in kan bulchan yeroo muraasaaf ta’uusaa dubbateera. Yaanni Daani’el boqonnaa 4rratti argamu dheerinni yeroo kanaa hammam akka ta’e akka hubannu nu gargaara. Raajichi abjuu mootiin Baabilon Nebukadnezaar arge ibsa. Mootichi muka guddaa murame arge. gufuun mukichaa sibiilaafi sibiila diimaadhaan waan hidhameef guddachuu hin danda’u. Ergamaan tokko: “Barri torba isa irratti haa darbu” jechuudhaan labseera.—Daani’el 4:10-16.
Macaafa Qulqulluu keessatti al tokko tokko mukoonni bulchiinsa ilmaan namootaa argisiisu. (Hisqi’el 17:22-24; 31:2-5) Kanaafuu, mukti akka fakkeenyaatti ibsame muramuunsaa bulchiinsi Waaqayyoo inni mootota Yerusaalemiin bakka buufame akka dhaabatu argisiisa. Haata’u malee ‘Yerusaalemirra kan ejjetamu’ yeroo muraasaaf, jechuunis— ‘bara torbaaf’ akka ta’e ibsameera. Yeroon kun hammam dheerata?
Mul’anni 12:6, 14 barri sadiif walakkaan “guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaa” wajjin akka qixxee ta’e dubbata. Kanaafuu, “barri torba” dachaa lama ykn guyyoota 2,520 ta’a. Haata’u malee, saba Waaqayyoo warri hin ta’in guyyoota 2,520 keessatti bulchiinsa Waaqayyoorra ‘ejjechuu’ hin dhaabne. Kanaafuu, raajiin kun yeroo kanarra baay’ee caalu akka argisiisu hubachuun ni danda’ama. Lakkoobsa 14:34rratti “guyyaan tokko akka waggaa tokkootti” ykn Hisqi’el 4:6rratti “waggaan tokko akka guyyaa tokkootti” waan ibsameef, “barri torba” waggoota 2,520 ta’u.
Waggoonni 2,520 kan jalqaban, Onkololeessa 607 Dh.K.D. yeroo Yerusaalem warra Baabilon jalatti kufteefi mootiin sanyii Daawit ta’e teessoorraa akka buufamu yeroo godhamettidha. Barri kunimmoo kan raawwate Onkololeessa 1914ttidha. Yeroo sanatti, “barri warra saba Waaqayyoo hin ta’inii” kan raawwate ta’uusaarrayyuu Yesus Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti Mootii ta’ee muudameera.a—Faarfannaa 2:1-6; Daani’el 7:13, 14.
Akkuma Yesus dursee dubbatetti, samiirratti mootii ta’ee yeroo inni aboosaatiin ‘dhufetti’ ykn [“argametti, NW] addunyaa maratti waraanni, beelli, socho’i lafaafi dha’ichi haala kanaan dura ta’ee hin beekamneen ga’aniiru. (Maatewos 24:3-8; Luqaas 21:11) Dhugumayyuu, wantoonni akkasii kun bara 1914tti Mootummaan Waaqayyoo samiirratti akka dhalateefi ‘guyyoonni gara dhumaa’ sirna hamaa kanaa jalqabuusaanii ragaawwan argisiisanidha.—2 Ximotewos 3:1-5.
a Onkololeessa 607 Dh.K.D. jalqabee hanga Onkololeessa 1 Dh.K.D, waggoota 606 ta’a. Waggaan duwwaa jedhamu waan hin jirreef, Onkololeessa 1 Dh.K.D kaasee hanga Onkololeessa 1914 Dh.K.B. waggoota 1,914 ta’a. Waggoota 606 fi waggoota 1,914 yeroo walitti edaanu waggoota 2,520 arganna. Badiisa Dh.K.D bara 607tti Yerusaalemirra ga’e ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Qoruu [Ingiliffa] jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e mataduree “Kiroonooloojii” jedhu ilaali.