BOQONNAA KUDHA LAMA
“Fakkeenyaan Malee Isaanitti hin Dubbatu Ture”
1-3. (a) Barattoonni Yesuusii wajjin deemaa turan mirga addaa akkamii argatan? Yesuus barumsasaa yaadachuun akka isaaniif salphatu kan godhe akkamitti? (b) Fakkeenya buʼa qabeessa taʼe yaadachuun salphaa kan taʼe maaliifi?
BARATTOONNI Yesuus warri isaa wajjin deemaa turan mirga addaa tokko argataniiru. Kallattiidhaan Barsiisaa Guddicharraa barachaa jiru. Yommuu inni hiika Dubbiin Waaqayyoo qabu ibsuu fi dhugaawwan dinqisiisoo taʼan barsiisu dhagaʼaa jiru. Wantoota dinqisiisoo inni barsiisu sammuu fi garaasaaniitti qabachuu qabu turan; yeroo sanatti wanti inni dubbate barreeffamaa hin turre.a Haataʼu malee, Yesuus wanta barsiise yaadachuun akka isaaniif salphatu godheera. Akkamitti? Akkaataa itti barsiiseeni; Yesuus fakkeenyatti fayyadamuurratti dandeettii guddaa qaba ture.
2 Fakkeenyi buʼa qabeessa taʼe dafee hin irraanfatamu. Barreessaan tokko, fakkeenyi “gurra ijatti akka jijjiiruu” fi “dhaggeeffattoonni yaadaan ilaalaa akka dhaggeeffatan akka godhu” dubbataniiru. Fakkiin sammuu keenya keessatti uumamu, wanta tokko akka gaariitti hubachuuf waan nu gargaaruuf, fakkeenyi yaada wal xaxaa taʼellee salphaatti hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyi, yaanni dhageenyu caalaatti akka nu hawwatu waan godhuuf, barumsi baranne sun sammuu keenya keessaa akka hin badne gochuu dandaʼa.
3 Namni Yesuus Kiristoos caalaa karaa buʼa qabeessa taʼeen fakkeenyatti fayyadamee barsiisuu dandaʼu hin jiru. Fakkeenyonni inni dubbate hamma harʼaattillee salphaatti yaadatamu. Yesuus mala barsiisuu kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kan kenne maaliifi? Fakkeenyisaa buʼa qabeessa akka taʼu kan godhe maalidha? Nutoo mala barsiisuu kanatti fayyadamuu barachuu kan dandeenyu akkamitti?
Yesuus Fakkeenyaan kan Barsiise Maaliifi?
4, 5. Yesuus fakkeenyatti kan fayyadame maaliifi?
4 Kitaabni Qulqulluun sababiiwwan guguddaa Yesuus fakkeenyatti itti fayyadame lama nutti hima. Tokkoffaa, kana gochuunsaa raajiin tokko akka raawwatamu godheera. Maatewos 13:34, 35 akkana jedha: “Yesuus . . . fakkeenyaan namoota sanatti dubbate. Eeyyee, fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbatu ture; kanas kan godhe wanta karaa raajichaa, ‘Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha . . . ’ jedhamee dubbatame raawwachuufi.” Raajichi Maatewos caqase barreessaa Faarfannaa 78:2 ti. Faarfatichi yaada kana geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreesse, Yesuus dhalachuusaa jaarraawwan hedduu duradha. Kana jechuun maal jechuudha? Waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura, Yihowaan Masiihichi fakkeenyatti fayyadamee akka barsiisu murteessee ture jechuudha. Kunis Yihowaan mala barsiisuu kanaaf bakka guddaa akka kennu argisiisa.
5 Lammaffaa, Yesuus fakkeenyatti kan fayyadamu namoota garaansaanii “didaa taʼe” adda baasuuf akka taʼe dubbateera. (Maatewos 13:10-15; Isaayyaas 6:9, 10) Fakkeenyi inni dubbate kakaʼumsa namootaa kan saaxile akkamitti? Yeroo tokko tokko, Yesuus dhaggeeffattoonnisaa wanta inni dubbate guutummaatti hubachuuf gaaffii akka isa gaafatan barbaada ture. Namoonni gad of qaban gaaffii gaafachuuf fedhii qabu, namoonni of tuulan ykn dantaa hin qabne garuu kana gochuuf fedhii hin qaban. (Maatewos 13:36; Maarqos 4:34) Kanaaf, fakkeenyi Yesuus itti fayyadame namoota dhugaa beekuu barbaadaniif dhugaa ibseera, namoota kooran jalaammoo dhokseera.
6. Yesuus fakkeenyatti fayyadamee barsiisuunsaa faayidaa akkamii argamsiiseera?
6 Fakkeenyi Yesuus dubbate faayidaawwan kan biroos qaba. Namoonni barumsasaa dhaggeeffachuuf fedhii akka qabaatan godha. Yaada ulfaataa taʼe sammuusaanii keessatti akka yaadaan ilaalanii fi salphaatti akka hubatan gargaara. Akkuma jalqabarratti ibsame, fakkeenyi Yesuus dubbate dhaggeeffattoonnisaa wanta inni dubbate akka yaadatan gargaara. Lallaba Gaararraa Maatewos 5:3–7:27rratti galmeeffamerratti Yesuus fakkeenyota hedduutti fayyadameera. Hayyuun tokko akka dubbatanitti, lallaba kanarratti fakkeenyonni 50 ol taʼan caqasamaniiru. Lallabni kun daqiiqaa 20 keessatti qofa dubbifamee xumuramuu akka dandaʼu yaadadhu. Kanaaf, giddu galeessaan gara sekoondii 20 gidduutti fakkeenya tokko dubbateera jechuudha! Ifatti akka hubannutti Yesuus fakkeenyatti fayyadamuun faayidaa guddaa akka qabu hubatee ture.
7. Akkuma Yesuus fakkeenyatti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
7 Duuka buutota Kiristoos waan taaneef, fakkeenyatti fayyadamuu dabalatee mala inni barsiisuuf itti fayyadame hordofuu barbaanna. Akkuma nyaanni miʼeessituun itti dabalame miʼaawaa taʼu, fakkeenyi buʼa qabeessa taʼes, barumsi keenya warra kaan akka hawwatu gochuu dandaʼa. Fakkeenyonni of eeggannoodhaan filataman, dhugaawwan iddoo guddaa qaban karaa salphaatti namaa galuun ibsuuf gargaaru. Mee amma wantoota fakkeenyi Yesuus dubbate buʼa qabeessa akka taʼu godhan tokko tokko haa ilaallu. Akkas gochuun keenya mala buʼa qabeessa taʼe kanatti akkamitti akka fayyadamnu beekuuf nu gargaara.
Wal Bira Qabanii Barsiisuu
8, 9. Yesuus karaa salphaa taʼeen wantoota addaddaa wal bira qabee kan barsiise akkamitti? Wanti malli kun buʼa qabeessa akka taʼu godhehoo maalidha?
8 Yesuus barumsasaarratti yeroo baayʼee jechoota muraasatti fayyadamee karaa hubachuuf nama hin rakkisneen wantoota garaagaraa wal bira qabee barsiisa ture. Jechoonni salphaa taʼan kun sammuu namaa keessatti fakkii waan uumaniif, dhugaawwan barbaachisoo taʼan karaa ifa taʼeen barsiisuuf gargaaru. Fakkeenyaaf, namoonni wantoota guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisaniif akka hin dhiphanne yommuu gorsa kennu, “simbirroota samii” fi “abaaboowwan dirree keessaa” akka fakkeenyaatti fayyadameera. Simbirroonni hin facaasan, hin haamanis; abaaboowwanis hin dhamaʼan, hin foʼanis. Taʼus, Waaqayyo isaan kunuunsa. Yaannisaa ifadha: Waaqayyo simbirrootaa fi abaaboowwan kan kunuunsu erga taʼee, namoota ‘hundumaa dura Mootummicha barbaaduu isaanii itti fufan’ akka kunuunsu beekamaadha.—Maatewos 6:26, 28-33.
9 Kana malees, Yesuus wantoota addaddaa wal bira qabee, inni tokko isa kan biraa akka taʼe dubbachuudhaan karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiiseera. Yeroo kanattis mala salphaa taʼetti fayyadame. Yeroo tokko duuka buutotasaatiin, “Isin ifa addunyaa ti” jedhee ture. Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee, dubbiisaaniitiinis taʼe gochasaaniitiin karaa hafuuraa ifasaanii ibsuudhaan namoonni kaan Waaqayyoof ulfina akka kennaan gargaaruu akka dandaʼan isaanitti himaa akka jiru salphaatti hubataniiru. (Maatewos 5:14-16) Kana malees, Yesuus “Isin soogidda lafaa ti” akkasumas, “Ani muka wayinii ti; isin immoo dameewwan isaa ti” jechuudhaanis fakkeenyatti fayyadameera. (Maatewos 5:13; Yohaannis 15:5) Fakkeenyonni kun buʼa qabeeyyii taʼuu kan dandaʼan, salphaa waan taʼaniifi.
10. Yommuu namoota barsiistu fakkeenya akkamiitti fayyadamuu dandeessa?
10 Yommuu barsiistu fakkeenyatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Seenaa dheeraa wal xaxaa taʼetti fayyadamuun si hin barbaachisu. Fakkeenya salphaa taʼe yaaduuf yaali. Fakkeenyaaf, waaʼee duʼaa kaʼuu yommuu barsiistu, namoota duʼan duʼaa kaasuun Yihowaadhaaf ulfaataa akka hin taane fakkeenyaan ibsuu barbaadde haa jennu. Fakkeenya akkamiitu gara sammuu keetti dhufa? Kitaabni Qulqulluun, duʼa hirribatti fakkeessa. Tarii, “Akkuma nuti nama rafe tokko salphaatti hirribaa dammaqsinu, Waaqayyos namoota duʼan salphaatti duʼaa kaasuu dandaʼa” jechuu dandeessa. (Yohaannis 11:11-14) Yookiinimmoo, ijoolleen haala gaariidhaan akka guddataniif jaalala argachuun akka isaan barbaachisu fakkeenyaan ibsuu barbaadde haa jennu. Fakkeenya akkamiitti fayyadamuu dandeessa? Kitaabni Qulqulluun, ijoolleen “akkuma latiiwwan muka ejersaa” akka taʼan ibsa. (Faarfannaa 128:3) “Akkuma biqiltuun tokko bishaanii fi ifa aduu barbaadu, mucaan tokkoos jaalala argachuun isa barbaachisa” jechuu dandeessa. Fakkeenyi itti fayyadamtu salphaa yoo taʼe, dhaggeeffattoonni kee salphaatti yaadasaa hubachuu dandaʼu.
Fakkeenya Jireenya Guyyaa Guyyaarratti Hundaaʼe
11. Wantoota Yesuus ijoollummaasaatti Galiilaa keessatti argaa guddatee fi fakkeenyasaarratti itti fayyadame tokko tokko ibsi.
11 Yesuus fakkeenya jireenya namootaa wajjin walitti dhufeenya qabutti fayyadamuurratti dandeettii guddaa qaba ture. Fakkeenyonni inni itti fayyadame hedduun wantoota Galiilaa keessatti guyyaa guyyaadhaan argaa guddate wajjin wal qabatu. Mee waaʼee jireenya ijoollummaasaatti dabarsee yaadi. Yommuu haatisaa midhaan daaktu, bukootti raacitii naqxu, ibsaa qabsiiftu ykn mana hartu siʼa meeqa arge laata? (Maatewos 13:33; 24:41; Luqaas 15:8) Namoonni qurxummii qaban Galaana Galiilaarratti yommuu saaphanasaanii darbatan siʼa meeqa arge laata? (Maatewos 13:47) Ijoolleen bakka gabaatti yommuu taphatan siʼa meeqa argee beeka laata? (Maatewos 11:16) Yesuus, sanyiin yommuu facaafamu, cidha gaaʼelaa gammachiisaa taʼee fi midhaan maasii bilchaachaa jiru dabalatee, wantoota fakkeenyotasaa hedduurratti caqase argee akka ture beekamaadha.—Maatewos 13:3-8; 25:1-12; Maarqos 4:26-29.
12, 13. Yesuus namicha Samaariyaa ilaalchisee fakkeenya yommuu dubbatu, karaa “Yerusaalemii gara Yerikootti” geessu caqasuunsaa gaarii kan taʼe maaliifi?
12 Yesuus fakkeenyasaa keessatti wantoota dhaggeeffattoonnisaa akka gaariitti beekan caqaseera. Fakkeenyaaf, yommuu fakkeenya waaʼee namicha Samaariyaa ibsu dubbatetti akkana jedhee jalqabe: “Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad buʼaa jiruu, saamtota harka buʼe; isaanis uffata isaa irraa baasanii isa reebanii duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman.” (Luqaas 10:30) Yesuus yaadasaa kana ifa gochuuf karaa “Yerusaalemii gara Yerikootti” geessu akka caqase hubadhu. Yommuu fakkeenya kana dubbatetti Yihudaa ishee Yerusaalemitti dhihoo jirtu keessa waan tureef, dhaggeeffattoonnisaa waaʼee daandii isa kamii dubbachaa akka jiru akka beekan hin shakkisiisu. Namoonni sun daandii kanarra keessumaa kophaa deemuun balaa akka qabu beeku. Karaan kun jajallataa fi namoonni baayʼeen kan irra hin deemne waan taʼeef, bakka saamtonni keessa dhokachuu dandaʼan hedduu qaba ture.
13 Yesuus karaa “Yerusaalemii gara Yerikootti” geessu kana ilaalchisee yaada beekamu tokko tokkos dubbateera. Akka fakkeenyicharratti ibsametti jalqaba lubni tokko, achiis namni gosa Leewwii taʼe tokko karaa sanarra deemaa turan; taʼus, lamaansaaniiyyuu isa gargaaruuf hin dhaabbanne. (Luqaas 10:31, 32) Luboonni mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessatti tajaajilu, Leewwonnimmoo isaan gargaaru turan. Luboonnii fi Leewwonni hedduun, yeroo mana qulqullummaa keessatti hin hojjennetti Yerikoo jiraatu turan; Yerikoon Yerusaalemirraa kiilomeetira 23 qofa fagaatti. Kanaaf, namoonni kun karaa kanarraa hin dhabaman turan. Kana malees, Yesuus namichi sun gara Yerusaalemitti ol baʼaa utuu hin taʼin, ‘Yerusaalemii gad buʼaa’ akka ture dubbachuusaa qalbeeffadhu. Yaada kana hubachuun dhaggeeffattootasaatiif salphaa ture. Yerusaalem, Yerikoo caalaa lafa ol kaʼaa taʼerratti argamti turte. Kanaaf, namni tokko yommuu “Yerusaalemii gara Yerikoo” deemu “gad buʼa” jechuudha.b Dhugumayyuu, Yesuus dhaggeeffattootasaa tilmaama keessa ni galcha ture.
14. Fakkeenyatti yommuu fayyadamnu, dhaggeeffattoota keenya tilmaama keessa galchuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Nutis yommuu fakkeenyatti fayyadamnu dhaggeeffattoota keenya tilmaama keessa galchuu qabna. Yommuu fakkeenya filannu dhaggeeffattoota keenya ilaalchisee wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna? Umrii, aadaa, maatii keessatti guddatanii fi hojiisaanii tilmaama keessa galchuu qabna. Fakkeenyaaf, fakkeenyi waaʼee qonnaa ibsu tokko, magaalaa guddaa caalaa naannoo qonni jirutti salphaatti hubatama. Jireenya dhaggeeffattoota keenyaa fi sochii guyyaa guyyaadhaan godhan, jechuunis haala ijoolleesaanii, manasaanii, wanta hojjechuu jaallatanii fi nyaatasaaniirratti hundaaʼuudhaan fakkeenya gaarii filachuu dandeenya.
Uumamarraa Fakkeenya Argachuu
15. Yesuus waaʼee uumamaa sirriitti beekuunsaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?
15 Fakkeenyota waaʼee biqiltootaa, bineensotaa fi haala qilleensaa ibsan dabalatee fakkeenyonni Yesuus itti fayyadame hedduun waaʼee uumamaa beekumsa guddaa akka qabu argisiisu. (Maatewos 16:2, 3; Luqaas 12:24, 27) Beekumsa akkasii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Kan guddate Galiilaa keessatti waan taʼeef, uumamawwan garaagaraa ilaaluuf carraa hedduu qaba ture. Kana malees, Yesuus “angafa uumama hundumaa” ti; Yihowaanis wantoota hunda uumuuf “hojjetaa dandeettii qabu” godhee itti fayyadameera. (Qolosaayis 1:15, 16; Fakkeenya 8:30, 31) Kanaaf, Yesuus waaʼee uumamaa sirriitti kan beeku taʼuunsaa nama hin dinqisiisu! Beekumsasaa kanatti karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti akka fayyadame haa ilaallu.
16, 17. (a) Yesuus amala hoolotaa akka gaariitti akka beeku kan argisiisu maalidha? (b) Hoolonni sagalee tikseesaanii akka dhagaʼan fakkeenyi argisiisu isa kami?
16 Yesuus ofii isaa “tiksee gaarii,” duuka buutotasaammoo, “hoolota” jedhee akka waame yaadadhu. Wanti Yesuus dubbate amala hoolotaa sirriitti akka beeku argisiisa. Yesuus tiksitootaa fi hoolotasaanii gidduu walitti dhufeenyi adda taʼe akka jiru beeka. Uumamawwan garraamii taʼan kun tikseensaanii akka isaan geggeessu akka barbaadanii fi amanamummaadhaan isa duukaa akka buʼan hubatee ture. Hoolonni tikseesaanii duukaa kan buʼan maaliifi? Yesuus, “sagalee isaa waan beekaniif” akka taʼe dubbateera. (Yohaannis 10:2-4, 11) Dhuguma hoolonni sagalee tikseesaanii beekuu?
17 Joorji Ismiiz wanta ijasaaniitiin argan kitaabasaanii isa Za Hiistoorikaal Jiʼoogiraafii oov za Hoolii Laandi jedhamurratti akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Yeroo tokko tokko boqonnaa laaqanaa keenya boolla bishaanii Yihudaa tokko biratti dabarsina turre; achitti tiksitoonni sadii ykn afur hoolotasaanii qabatanii dhufu. Hoolonnisaanii hundi yommuu boolla bishaanii bira gaʼan waan walitti makamaniif, tiksoonni akkamitti hoolotasaanii foʼuu dandaʼu laata jennee yaannee turre. Hoolonni erga bishaan dhuganii fi erga burraaqanii booda, tiksitoonnisaanii sululicha keessa gara kallattii addaddaa deemanii sagalee adda taʼe dhageessisu; hoolonni sunis adda adda baʼanii tikseesaanii biratti walitti qabamanii akkuma dhufanitti deebiʼanii deemu.” Yesuus barumsasaa yoo hubannee fi yoo ajajamne, akkasumas isa duukaa yoo buune, “tiksee gaarii” jalatti eegumsa argachuu akka dandeenyu ibsuuf fakkeenya kanatti fayyadamuunsaa sirriidha!
18. Waaʼee uumamawwan Yihowaa odeeffannoo eessaa argachuu dandeenya?
18 Uumama akka fakkeenyaatti fayyadamnee barsiisuu kan dandeenyu akkamitti? Amaloota gaggaarii beelladoonni qaban hubannee ilaaluudhaan fakkeenya salphaa fi buʼa qabeessa taʼe argachuu dandeenya. Waaʼee uumamawwan Yihowaa barachuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun waaʼee bineensota addaddaa ni ibsa; yeroo tokko tokkommoo amala bineensotaa akka fakkeenyaatti fayyadama. Fakkeenyaaf, akka borofaa ykn akka qeerransaa saffisa kan qaban, akka bofaa of eeggataa, akkasumas akka gugee garraamii taʼuun akka dandaʼamu dubbata.c (1 Seenaa Baraa 12:8; Anbaaqom 1:8; Maatewos 10:16) Barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaarraa!, akkasumas mata dureewwanii fi viidiyoowwan “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhanii fi jw.org irratti walitti aananii baʼanirraa yaadawwan gaggaarii kan biroo argachuun ni dandaʼama. Mata dureewwanii fi viidiyoowwan kun wantoota Yihowaan uume garaagaraa karaa salphaa taʼeen wal bira qabuudhaan kan barsiisan akkamitti akka taʼe hubadhu.
Fakkeenyota Beekamanitti Fayyadamuu
19, 20. (a) Yesuus barumsa sobaa tokko saaxiluuf, seenaa yeroo muraasa dura raawwatame tokkotti kan fayyadame akkamitti? (b) Yommuu namoota barsiisnu, seenaa dhugaa fi muuxannootti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Muuxannoo namootaas akka fakkeenyaatti fayyadamuun ni dandaʼama. Yeroo tokko Yesuus yaanni rakkinni kan gaʼu namoota adabuufi jedhu soba taʼuusaa saaxiluuf wanta yeroo muraasa dura raawwatame tokko akka fakkeenyaatti fayyadameera. Akkana jedhe: “Namoonni gamoon Siiloʼaam irratti jigee ajjeese 18 sun, namoota Yerusaalem keessa jiraatan kaan hundumaa caalaa kan yakkan isinitti fakkaataa?” (Luqaas 13:4) Namoonni 18tan sun kan duʼan, Waaqayyo waan isaan adabeef miti. Kanaa mannaa, balaa kanaan kan duʼan, “yeroo fi wanti hin eegamne” waan isaanirra gaʼeef ture. (Lallaba 9:11) Yesuus karaa kanaan muuxannoo dhaggeeffattoonnisaa akka gaariitti beekan caqasuudhaan barumsa sobaa tokko saaxileera.
20 Yommuu barsiisnu, seenaa dhugaa fi muuxannootti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, raajii Yesuus mallattoo argamasaa ilaalchisee dubbate raawwatamuusaa ibsaa jirta haa jennu. (Maatewos 24:3-14) Tarii mallattoon kun raawwatamaa akka jiru ibsuuf, oduu waaʼee waraanaa, beelaa ykn kirkira lafaa dubbatuu fi dhiheenyatti dhihaate caqasuu dandeessa. Yookiinimmoo, namummaa haaraa uffachuun maalfaa akka dabalatu ibsuuf muuxannoo tokkotti fayyadamuu barbaadda taʼa. (Efesoon 4:20-24) Muuxannoo akkasii eessaa argachuu dandeessa? Muuxannoo obboleessa ykn obboleettii beektu tokkootti ykn muuxannoo barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaarratti baʼe tokkotti fayyadamuu dandeessa. Mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhuu fi jw.org irratti walitti aanee baʼurraas muuxannoo caqastu argachuu dandeessa.
21. Dubbii Waaqayyoo karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisuun eebba akkamii argamsiisa?
21 Dhugumayyuu, Yesuus Barsiisaa Guddichadha! Akkuma kutaa kana keessatti ilaalle, ‘barsiisuu fi misiraachoo lallabuun’ hojii jireenyasaa keessatti bakka guddaa qabu ture. (Maatewos 4:23) Nutis hojii kanaaf bakka guddaa kennina. Barsiisaa buʼa qabeessa taʼuun eebba guddaa argamsiisa. Yommuu barsiisnu, warra kaaniif kennaa jirra jechuudha; kennuunimmoo gammachuu argamsiisa. (Hojii Ergamootaa 20:35) Miirri akkasii kan nutti dhagaʼamu, wanta gatii guddaa qabu, jechuunis dhugaa waaʼee Yihowaa dubbatuu fi jireenya barabaraa argamsiisu namoota barsiisaa akka jirru waan beeknuufi. Fakkeenya Yesuus isa Barsiisaa Guddicha taʼee fi namoota hanga harʼaatti lafarra jiraatan hunda caaluu hordofaa akka jirru beekuun keenyas nu gammachiisa.
a Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti jireenya Yesuus lafarratti dabarse ilaalchisee seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame inni jalqabaa Wangeela Maatewosi; innis Yesuus duʼee gara waggaa saddeetii booda barreeffame.
b Yesuus lubichis taʼe namichi gosa Leewwii sun, “Yerusaalemii” dhufaa akka jiran waan dubbateef, namoonni kun mana qulqullummaadhaa deebiʼaa turan jechuudha. Kanaaf, namoonni kun namicha waan duʼe fakkaatu kana bira kan darban, yoo isa tuqan mana qulqullummaa keessatti tajaajiluu waan hin dandeenyeefi jedhee eenyuyyuu sababii dhiheessuu hin dandaʼu.—Leewwota 21:1; Lakkoofsa 19:16.
c Kitaabni Qulqulluun amala bineeldotaatti akkamitti fakkeenyaan akka fayyadame odeeffannoo balʼaa argachuuf, kitaaba Insaayitii Jildii 1ffaa, fuula 268, 270-271 ilaali; kitaabni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe.