BOQONNAA 23
“Falmii Ani . . . Dhiheeffadhu Dhaggeeffadhaa”
Phaawulos namoota aaranii fi Saanhediriin duratti dhugaadhaaf falme
Hojii Ergamootaa 21:18–23:10rratti kan hundaaʼe
1, 2. Phaawulos ergamaan gara Yerusaalem kan deemu maaliifi? Achittoo rakkoowwan akkamiitu isa mudata?
PHAAWULOS Yerusaalem keessa, daandii qalloo namoonni itti baayʼatan tokkorra deemaa jira! Yerusaalem waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif lafarratti handhuura waaqeffannaa dhugaa turte. Jiraattonni ishiis seenaa magaalaan isaanii kun qabdutti baayʼee boonu. Phaawulos Kiristiyaanonni magaalaa kanaa kaayyoo Yihowaa wajjin fuulduratti tarkaanfachuu mannaa, Seera Museerratti garmalee akka xiyyeeffatan hubateera. Kanaafuu, Phaawulos Efesoon keessa yeroo turetti gara Yerusaalem deemuuf kan karoorfate, buusii walitti qabame geessuuf qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuras gargaarsi akka isaan barbaachisu waan hubateef ture. (HoE. 19:21) Balaan isa mudachuu kan dandaʼu taʼus, kaayyoosaa kana galmaan gaʼuuf kutatee ture.
2 Maarree, amma Yerusaalemitti maaltu isa mudata laata? Rakkinni jalqabaa kan isa mudatu duuka buutota Kiristoos warra waaʼee isaa oduu sobaa dhagaʼaa turan irraati. Rakkinni guddaan kan isa mudatummoo diinota Kiristoos irraati. Isaan himata sobaa isarratti dhiheessu, isa reebu, akkasumas isa ajjeesuuf yaalu. Taʼus, rakkoowwan kun hundi Phaawulos amantiisaatiif akka falmu carraa isaaf banu. Rakkoowwan kana furuurratti amala gad of qabuu, ija jabinaa fi amantii qabaachuunsaa Kiristiyaanota yeroo harʼaatiif fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
“Waaqayyoon Galateeffachuu Jalqaban” (Hojii Ergamootaa 21:18-20a)
3-5. (a) Phaawulos Yerusaalemitti walgaʼii akkamiirratti argame? (b) Wanti irratti mariʼatanoo maal ture? Walgaʼii Phaawulos Yerusaalemitti jaarsolii wajjin godherraa barumsa akkamii arganna?
3 Phaawulosii fi miiltoowwansaa Yerusaalemiin gaʼanii borumtaasaa jaarsolii gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban bira dhaqan. Seenaa kana keessatti ergamoota keessaa tokkollee kan hin caqasamne tarii tajaajilaaf bakka kan biraa waan deemaniif taʼuu dandaʼa. Yaaqoob obboleessi Yesuus garuu ammayyuu achuma jira. (Gal. 2:9) Yeroo “jaarsoliin hundi” Phaawulosii wajjin walgaʼii gochaa turanitti walgaʼicha geggeessaa kan ture Yaaqoob taʼuu dandaʼa.—HoE. 21:18.
4 Phaawulos jaarsolii sana erga nagaa gaafatee booda, “wanta Waaqayyo karaa tajaajila isaa saboota kaan gidduutti raawwate balʼinaan isaanitti himuu jalqabe.” (HoE. 21:19) Jaarsoliin kun muuxannoo kana dhagaʼuun isaanii baayʼee isaan jajjabeessee taʼuu qaba. Nutis yeroo harʼaatti hojichi biyyoota kan biroo keessatti akka babalʼate yommuu dhageenyu baayʼee gammanna.—Fak. 25:25.
5 Phaawulos haasaa isaa gidduutti waaʼee buusii Awurooppaadhaa fidee caqasee taʼuu qaba. Obboloonni Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan, obboloonni iddoo fagoo jiran, baayʼee akka isaaniif yaadan beekuun isaanii akka isaan gammachiise beekamaadha. Seenaansaa akka ibsutti, Phaawulos gabaasasaa erga dhiheessee booda, jaarsoliin, “Waaqayyoon galateeffachuu jalqaban”! (HoE. 21:20a) Yeroo harʼaattis obboloonni balaan cimaan isaan mudate ykn garmalee dhukkubsachaa jiran, obboloonni isaanii yeroo isaan gargaaranii fi isaan jajjabeessan baayʼee gammadu.
Namoonni Hedduun Ammayyuu “Seerichaaf Hinaaffaa Qabu” (Hojii Ergamootaa 21:20b, 21)
6. Phaawulos rakkinni akkamii akka jiru dhagaʼe?
6 Jaarsoliin itti aansuudhaan rakkinni kallattiidhaan Phaawulosiin ilaallatu tokko Yihudaa keessatti akka uumame isatti himan. Akkana isaan jedhan: “Ilaa yaa obboleessaa, Yihudoota gidduudhaa namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman amantoota akka taʼan beekta; hundi isaaniis Seerichaaf hinaaffaa qabu. Haa taʼu malee, ijoollee isaanii akka dhaqna hin qabnee fi wantoota barsiifata taʼan akka hin hordofne itti himuudhaan Seera Musee akka dhiisan Yihudoota saboota kaan gidduutti argaman hunda barsiisaa akka jirtu odeeffamuu isaa dhagaʼaniiru.”a—HoE. 21:20b, 21.
7, 8. (a) Kiristiyaanonni Yihudaa hedduun ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan? (b) Kiristiyaanonni Yihudoota taʼanii fi ilaalcha dogoggoraa qaban gantoota akka taʼanitti ilaalamuu kan hin qabne maaliifi?
7 Seerri Musee hafee waggaa 20 ol boodallee, Kiristiyaanonni hedduun ammayyuu Seerichaaf hinaaffaa kan qabaatan maaliifi? (Qol. 2:14) Dhaloota Kiristoos Booda bara 49tti ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessatti walgaʼii erga godhanii booda xalayaa gumiiwwaniif erganirratti namoonni saboota kaan keessaa Kiristiyaanota taʼan dhaqna qabachuu fi Seera Musee eeguun akka isaan hin barbaachisne ibsanii turan. (HoE. 15:23-29) Haataʼu malee, xalayicharratti waaʼeen Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii hin caqasamne. Yihudoota kana keessaa hedduunsaanii kana booda Seera Musee eeguun akka hin barbaachisne hin hubanne.
8 Ilaalchi dogoggoraa akkasii, Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan fudhatama akka hin qabaanne godhaa? Lakki. Gochisaanii kun yeroo taʼe tokkootti waaqeffannaa sobaa hordofaa akka turanii fi barsiifata achi keessatti hordofan ammas hojiirra oolchaa akka jiranitti hin ilaalamu. Jalqabumayyuu Seera Musee Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan kun hordofaa jiran kan kenne Yihowaadha. Seerri kun jinniirraa kan madde ykn mataasaatti dogoggora kan qabu miti. Haataʼu malee, Seerichi kakuu moofaa wajjin kan wal qabate siʼa taʼu, Kiristiyaanonni immoo kakuu isa haaraa jala jiru. Kanaafuu Yihowaan waaqeffannaan isaanii isa duratti fudhatama akka qabaatuuf, Seericha akka hordofan isaanirraa hin eegu. Kiristiyaanonni Ibroota taʼanii fi Seerichaaf hinaaffaa qaban kun, waaqeffannaa haaraa ilaalchisee qophii Yihowaan godherratti hubannaa fi amanannaa isaan qaban guutuu hin turre. Hubannaan isaanii dhugaa ifa taʼaa deemuu wajjin qixxee deemsisuu qabu turan.b—Er. 31:31-34; Luq. 22:20.
‘Oduun Waaʼee Kee Odeeffame Sobadha’ (Hojii Ergamootaa 21:22-26)
9. Phaawulos Seera Musee ilaalchisee maal barsiise?
9 Oduun Phaawulos Yihudoonni saboota kaan gidduu jiran, “ijoollee isaanii akka dhaqna hin qabnee fi wantoota barsiifata taʼan akka hin hordofne” barsiisaa akka jiru dubbatame dhugaadhaa? Phaawulos, ergamaa saboota kaanii waan taʼeef, saboonni dhaqna hin qabanne, murtoo Seericha eeguuf dirqamni akka isaanirra hin jirre dabarfame isaanitti himeera. Akkasumas warra dhaqna hin qabanne akka Seera Museetti dhaqna akka qabatan amansiisuuf yaaluun dogoggora akka taʼe saaxileera. (Gal. 5:1-7) Dabalataanis, magaalaawwan daawwate hundatti Yihudootaaf misiraachicha lallabeera. Duuti Yesuus Seericha akka hambisee fi qajeelummaan kan argamu Seera Musee eeguudhaan utuu hin taʼin, amantiidhaan akka taʼe Yihudoota garaa qajeelaa qabaniif ibseera.—Rom. 2:28, 29; 3:21-26.
10. Phaawulos Seericha eeguu fi dhaqna qabachuu ilaalchisee ilaalcha madaalamaa akkamii qaba ture?
10 Haataʼu malee, Phaawulos guyyaa Sanbataatti hojiirraa boqochuu fi nyaata tokko tokko nyaachuu dhiisuu dabalatee Kiristiyaanota barsiifata Yihudootaa tokko tokko hordofuun rakkina akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuuf akka yaadu argisiiseera. (Rom. 14:1-6) Dhaqna qabachuu ilaalchisees seera mataasaa hin baasne. Dhugaa dubbachuuf, Phaawulos Ximotewos dhaqna akka qabatu isa gaafateera. Akkas kan godhe, Ximotewos inni abbaansaa nama Giriikii taʼe, Yihudoota biratti fudhatama akka hin dhabneef ture. (HoE. 16:3) Dhaqna qabachuu fi dhiisuun murtoo dhuunfaa ture. Phaawulos obboloota Galaatiyaatiin, “amantii isa karaa jaalalaa mulʼatu malee, dhaqna qabachuunis taʼe dhaqna qabachuu dhiisuun gatii hin qabu” jedheera. (Gal. 5:6) Haataʼu malee, namni tokko Seerichaaf abboomamuuf jecha ykn Yihowaa duratti fudhatama argachuuf jecha dhaqna qabachuunsaa dogoggora guddaadha.
11. Jaarsoliin Phaawulosiif qajeelfama akkamii kennan? Qajeelfama kana hojiirra oolchuunoo maalfaa dabalata? (Miiljalees ilaali.)
11 Oduun Yihudoonni Phaawulosiin ilaalchisee dhagaʼan soba taʼus, isaan jeeqee ture. Kanaafuu, jaarsoliin Phaawulosiif qajeelfama akkas jedhu kennan: “Namoonni wareega qaban afur nu bira jiru. Namoota kana fudhadhuu dhaqiitii akka Seerichaatti isaanii wajjin of qulqulleessi; mataa isaanii akka haaddataniifis baasii isaanii isaaniif kaffali. Akkana yoo goote, oduun waaʼee kee odeeffame soba taʼuu isaa fi atis Seericha eegdee karaa sirrii taʼeen deddeebiʼaa akka jirtu hundi isaanii ni beeku.”c—HoE. 21:23, 24.
12. Phaawulos jaarsolii deggeruuf fedhii akka qabu kan argisiise akkamitti?
12 Phaawulos, rakkinni inni guddaan oduu sobaa waaʼeesaa dubbatame utuu hin taʼin, hinaaffaa Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan Seera Museetiif qaban akka taʼe isaanitti dubbachuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, ulaagaa Waaqayyo baase hamma hin cabsinetti akka haalasaatti jijjiirama gochuuf fedhii qaba ture. Kanaan dura akkas jedhee barreesseera: “Ani yoon seera jala taʼuu baadhe illee, warra seera jala jiran gargaaruuf, warra seera jala jiraniif akka nama seera jala jiruun taʼe.” (1 Qor. 9:20) Kanaaf, bakka kanatti Phaawulos jaarsolii Yerusaalemiif ajajamuudhaan, “akka nama seera jala jiruu” taʼeera. Wanti Phaawulos godhe kun, nutis yeroo harʼaatti jaarsolii deggeruu fi wanta taʼe tokko karaa nuti barbaannuun akka hojjetan dhiibbaa isaanirratti gochuu akka hin qabne nu barsiisa.—Ibr. 13:17.
“Inni Jiraachuu hin Qabu!” (Hojii Ergamootaa 21:27–22:30)
13. (a) Yihudoonni tokko tokko mana Qulqullummaa keessatti jeequmsa kan kaasan maaliif ture? (b) Phaawulos duʼarraa kan oole akkamitti?
13 Haalli mana qulqullummaa keessa ture gaarii hin turre. Guyyaan wareegni itti xumuramu dhihaachaa yommuu deemu Yihudoonni Eeshiyaadhaa dhufan Phaawulosiin arganii namoota Yihudoota hin taane gara mana qulqullummaatti akka fide sobaan isa himachuudhaan uummata isarratti kakaasan. Utuu ajajaan loltoota Roomaa tokko gidduu hin seenne taʼee, Phaawulosiin reebanii ajjeesu turan. Ajajaan kun Phaawulosiin qabee hiisise. Guyyaa sanaa kaasee Phaawulos bilisummaa isaa deebisee argachuuf waggaa afurii ol isatti fudhateera. Haataʼu malee, Phaawulos ammayyuu balaa keessa jira. Ajajaan kun, Yihudoonni Phaawulosiin reebaa kan jiran maaliif akka taʼe yeroo isaan gaafatu sababa garaa garaa dhiheessan. Taʼus, iyya isaaniitiin kan kaʼe wanta isaan jedhan hubachuu hin dandeenye. Xumurarrattis Phaawulosiin baatanii namoota sana gidduudhaa baasanii iddoo kan biraatti geessan. Phaawulosii fi loltoonni Roomaa, mooraa loltootaatti seenuuf yommuu jedhan Phaawulos ajajaa sanaan, “Maaloo, uummata kanatti akkan dubbadhu naaf heyyami” jedhe. (HoE. 21:39) Yommuu ajajaan sun isaaf heyyamus Phaawulos ija jabinaan amantii isaatiif falmuu jalqabe.
14, 15. (a) Phaawulos Yihudootaaf waaʼee maalii ibse? (b) Ajajaan loltoota Roomaa Yihudoonni kan aaran maaliif akka taʼe beekuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhate?
14 Phaawulos, “Falmii ani isin duratti dhiheeffadhu dhaggeeffadhaa” jechuudhaan jalqabe. (HoE. 22:1) Namoonni achitti walitti qabamanii jiran Phaawulos Afaan Ibrootaatiin isaanitti dubbachuu yeroo jalqabu ni callisan. Amma duuka buutuu Kiristoos kan taʼe maaliif akka taʼe sirriitti isaaniif ibse. Haasaa isaa kana keessatti qabxii Yihudoonni yoo barbaadan mirkaneeffachuu dandaʼan malaan caqaseera. Phaawulos miilla barsiisaa beekamaa Gamaaliʼel jedhamuu jala taaʼee barate, duuka buutota Kiristoosis ariʼachaa ture; kanammoo namoonni achi jiran tokko tokko beekuu dandaʼu. Haataʼu malee, utuma inni gara Damaasqoo deemaa jiruu Kiristoos inni duʼaa kaafame isatti mulʼatee itti dubbate. Namoonni Phaawulosii wajjin deemaa turan ifa guddaa kan arganii fi sagalee kan dhagaʼan taʼus, wanta dubbatame garuu hubachuu hin dandeenye. (HoE. 9:7; 22:9) Sana booda Phaawulos mulʼatichaan iji isaa waan jaameef namoonni isa faana turan harka isaa qabanii gara Damaasqootti isa geessan. Bakka kanatti Anaaniyaas inni Yihudoota naannoo sanaa biratti beekamaa taʼe dinqiidhaan ija Phaawulos fayyise.
15 Phaawulos itti fufuudhaan, gara Yerusaalemitti erga deebiʼee booda, Yesuus mana qulqullummaa keessatti akka isatti mulʼate isaanitti hime. Yeroo kanatti Yihudoonni baayʼee jeeqamanii, “Namicha kana lafa irraa balleessi, inni jiraachuu hin qabu!” jedhanii iyyan. (HoE. 22:22) Yeroo kanatti ajajaan loltootaa sun isa oolchuuf jecha gara mooraa loltootaatti isa galche. Achiis, ajajaan kun Yihudoonni Phaawulositti maaliif akka aaran beekuu waan barbaadeef garafanii akka isa qoratan ajaje. Haataʼu malee, Phaawulos mirga gama seeraatiin qabutti fayyadamee eegumsa argachuu waan barbaadeef lammii Roomaa taʼuu isaa dubbate. Waaqeffattoonni Yihowaa yeroo harʼaatti argamanis amantii isaaniitiif falmuuf mirga gama seeraatiin qabanitti ni fayyadamu. (Saanduqa, “Seera Roomaa fi Lammiilee Roomaa,” jedhuu fi saanduqa, “Falmii Mana Murtiitti Goone” jedhu ilaali.) Ajajaan kun, Phaawulos lammii Roomaa taʼuu isaa yommuu hubatu waaʼee isaa baruuf mala kan biraatti fayyadamuu akka qabu hubate. Guyyaa itti aanutti miseensota mana maree Saanhedriin warra mana murtii Yihudootaa keessaa hojjetan walitti qabuudhaan Phaawulosiin isaan duratti dhiheesse.
“Ani Fariisicha” (Hojii Ergamootaa 23:1-10)
16, 17. (a) Wanta yeroo Phaawulos Saanhedriin duratti dubbatetti taʼe ibsi. (b) Phaawulos yommuu rukutametti amala gad of qabuu akka qabu kan argisiise akkamitti?
16 Phaawulos miseensota mana maree Saanhedriin dura dhaabbatee, “Yaa obboloota koo, ani hanga guyyaa harʼaatti qalbii qulqulluudhaan mudaa tokko malee Waaqayyo duratti deddeebiʼeera” jedhee falmachuu jalqabe. (HoE. 23:1) Haataʼu malee, itti fufee dubbachuu hin dandeenye. Seenaan isaa akkana jedha: “Yeroo kanatti Anaaniyaas lubni ol aanaan, warri isa bira dhaabbatan afaan isaa akka rukutan ajaje.” (HoE. 23:2) Kun isaaniif qaanii guddaadha. Wanta gama Phaawulosiin jiru utuu hin dhaggeeffatin sobduudha jedhanii murteessuun isaanii jalʼina guddaadha. Phaawulos luba ol aanaa sanaan, “Girgiddaa nooraa dibame nana, Waaqayyo si rukuta. Ati akka Seerichaatti natti murteessuuf teessee utuu jirtuu, akkan rukutamu ajajuudhaan Seericha cabsitaa?” kan jedhe kanaaf ture.—HoE. 23:3.
17 Namoonni achi turanis Phaawulos rukutamuu isaatti utuu hin taʼin, wanta inni dubbatetti rifatan. Achiis, “Luba ol aanaa Waaqayyoo arrabsitaa?” isaan jedhan. Phaawulosis, deebisee akka gad of qabuu fi seericha akka kabaju karaa argisiisuun, “Yaa obbolootaa, luba ol aanaa taʼuu isaa ani hin beekne. Sababiin isaas, ‘Bulchaa saba keetti wanta hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameera”d isaaniin jedhe. (HoE. 23:4, 5; Bau. 22:28) Phaawulos itti aansuudhaan mala kan biraa fayyadame. Mana maree Saanhedriin keessa kan jiran Fariisotaa fi Saduuqota akka taʼan waan hubateef akkana isaaniin jedhe: “Yaa obbolootaa, ani Fariisicha, sanyii Fariisotaatis. Ani amma murtiitti kanan dhihaadhe, warri duʼan akka duʼaa kaʼan waanan amanuufi.”—HoE. 23:6.
18. Phaawulos Fariisii kan ofiin jedhe maaliifi? Yeroo tokko tokko mala Phaawulos fayyadametti fayyadamnee namoota mariisisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Phaawulos Fariisicha kan ofiin jedhe maaliifi? “Sanyii Fariisotaa” akka taʼe waan dubbateef maatii miseensa garee kanaa taʼe keessaa dhalachuu hin oolu. Ammayyuu namoonni hedduun Fariisii akka taʼetti isa ilaalu.e Fariisonni duʼaa kaʼuu ilaalchisee yaada dogoggoraa utuma qabanii Phaawulos Fariisii kan ofiin jedhe maaliifi? Fariisonni lubbuun akka hin duunee fi duʼa booda lubbuun qajeelotaa qaama kan biraa uffachuudhaan deebitee akka jiraattu amanu. Phaawulos immoo yaada kanarratti walii hin galu. Phaawulos kan amanu duʼaa kaʼuu isa Yesuus barsiisettidha. (Yoh. 5:25-29) Taʼus, Phaawulos Fariisotaa wajjin yaada duʼa booda jireenyi jira jedhurratti walii gala; Saduuqonni garuu, duʼa booda jireenyi akka hin jirre amanu. Nutis, namoota amantaa Kaatolikii ykn Pirootestaantii hordofanii wajjin yeroo mariʼannutti yaada wal fakkaatutti fayyadamuu dandeenya. Nutis akkuma isaanii Waaqayyotti akka amannu dubbachuu dandeenya. Dhugaadha, isaan Sillaaseetti amanu, nutimmoo Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasametti amanna. Kanaaf lamaan keenyayyuu Waaqayyo akka jiru ni amanna jechuudha.
19. Walgaʼiin Saanhedriin jeequmsaan kan bittinnaaʼe maaliif ture?
19 Yaanni Phaawulos dubbate kun namoonni Saanhedriin akka gargar hiraman godhe. Seenaan isaa, “Jeequmsi guddaan ni uumame; barsiisonni seeraa garee Fariisotaa taʼan tokko tokko kaʼanii akkana jedhanii cimsanii falmuu jalqaban: ‘Nuti nama kana irratti balleessaa tokko illee hin arganne; uumamni hafuuraa yookiin maleekaan tokko yoo isatti dubbateera taʼe garuu’” jechaa itti fufa. (HoE. 23:9) Saduuqonni maleekotatti waan hin amanneef yaanni maleekaan Phaawulositti dubbatee taʼuu dandaʼa jedhu isaan mufachiisa. (Saanduqa, “Saduuqotaa fi Fariisota” jedhu ilaali.) Yeroo kanatti baayʼee waan iyyaniif ammas ajajaan raayyaa waraana Roomaa gidduu galee Phaawulosiin oolche. (HoE. 23:10) Haataʼu malee, ammayyuu Phaawulosirra balaan gaʼuu dandaʼa. Maarree, itti aansuudhaan maaltu isa mudate? Boqonnaa itti aanurratti waaʼee kanaa balʼinaan baranna.
a Yihudoonni hedduun Kiristiyaanota waan taʼaniif fedhii hafuuraa obboloota kanaa guutuuf, walgaʼiiwwan manneen dhuunfaa obbolootaa keessatti geggeeffamaa kan turan taʼuu hin oolu.
b Waggoota muraasa booda Phaawulos xalayaa gumii Ibrootaatiif barreesserratti caalmaa kakuu haaraan qabu ibsee ture. Xalayaa kanarratti kakuu inni haaraan kakuu isa moofaa akka bakka buʼe ibseera. Xalayaan Phaawulos barreesse Kiristiyaanonni Yihudoota isaan mormaniif deebii gaarii akka kennan godheera. Kana malees, ibsi Phaawulos kenne amantii Kiristiyaanota Seera Museetiif iddoo guddaa kennaa turan tokko tokkoo cimsee taʼuu hin oolu.—Ibr. 8:7-13.
c Hayyoonni namoonni arfan Phaawulosii wajjin turan Naaziroota taʼuuf wareeganii akka turan dubbatu. (Lak. 6:1-21) Dhugaadha, Seerri Musee inni wareega akkasii wareeguu jajjabeessu hafeera. Phaawulos dhiironni kun wareega Yihowaadhaaf wareegan raawwachuun isaanii dogoggora akka hin qabne yaadee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, baasiisaanii isaaniif kaffaluun isaa fi bakka sana isaan faana dhaquunsaa dogoggora hin qabu. Wareegni isaan wareegan maal akka taʼe hin beeknu. Kanas taʼe sana, namoonni kun akkuma Naaziroonni gochaa turan cubbuu isaaniirraa qulqullaaʼuuf aarsaa horii dhiheessaniiru yoo taʼe, Phaawulos gocha isaanii kana akka hin deggerre beekamaadha. Aarsaan Kiristoos inni mudaa hin qabne aarsaawwan horii dhiifama cubbuu argachuuf dhihaachaa turan hunda hambiseera. Wanti inni godhe maaliyyuu yoo taʼe Phaawulos wanta qalbiisaa jeequ akkamiiyyuu raawwachuuf akka walii hin galle mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.
d Namoonni tokko tokko, Phaawulos sirriitti arguu waan hin dandeenyeef luba ol aanaa taʼuu isaa hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Yookiin immoo Yerusaalem keessa yeroo dheeraadhaaf waan hin turreef luba ol aanaa isa yeroo ammaatti jiru beekuu dhiisuu dandaʼa. Tariimmoo namoonni baayʼeen bakka sana waan turaniif akka isa rukutuuf ajaja kan kenne eenyu akka taʼe hin hubanne taʼa.
e Dhaloota Kiristoos Booda bara 49tti ergamoonnii fi jaarsoliin namoonni Yihudoota hin taane Seera Museetiif ajajamuu qabumoo hin qaban isa jedhurratti mariʼachaa turan. Yeroo kanatti namoonni ‘garee amantii Fariisotaa keessaa amantoota taʼan tokko tokkos’ achi turan. (HoE. 15:5) Namoonni kun garee amantaa Fariisotaa keessaa kan jedhaman, kanaan dura Fariisota akka turan wanti argisiisu waan jiruuf taʼuu hin oolu.