Faarfannaa 9
Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!
1. Jajadhaa! Yihowaa keenyaa!
Maqaasaa hundumaan geenyaa!
Dubbadhaa! Ga’ee guyyaansaa,
Hundi haa fudhatan gorsasaa.
Waaqayyo ibseera, Yeroon Yesus
Mootii ’tti ta’u ga’uusaa.
Namoota hundumaatti beeksisaa,
Himaa Misiraachoo isaa!
(WALLEE)
Jajadhaa! Yihowaa keenyaa!
Ulfinasaa hundumaan geenyaa!
2. Jajadhaa! Faarsaa maqaasaa!
Gammachuudhaan ol ol kaasaa!
Garaadhaa, gammadaa faarsaa,
Sodaa malee himaa waa’eesaa.
Waaqayyo keenya guddaa ta’uyyuu,
Baay’ee kan gad of qabuudhaa.
Arjaa waan ta’eef yommuu waammannu
Yoomiyyuu nu jalaa qabaa.
(WALLEE)
Jajadhaa! Yihowaa keenyaa!
Ulfinasaa hundumaan geenyaa!
(Dabalataan Far. 89:27; 105:1; Er. 33:11 ilaali.)