Faarfannaa 21
Warri Oo’an Haa Gammadan!
1. Oo’a qabeeyyiin gammadaa!
Waaqayyo iisin jaallataa.
Waaqni oo’atti gammadaa
Kana himaa yeroo hundaa.
Karaa Yesus nuu oo’eeraa,
Namaaf furii dhiheesseera.
Cubbuun keenya iisaaf iifaa
Qajeelotaaf garaa laafaa.
2. Gammadoodha warri oo’an;
Isaanis oo’a argatan.
Aarsaan Kiristos dhiheesse.
Dhiifama nuu argamsiisee,
Oo’a kana babal’isu,
Dubbii Waaqaa hundaaf labsu.
Waan dhihaateef Mootummaan kun
“Jabaadhaa” jedhaa namootaan.
3. Ni gammadu garraamonnii
Firdii gaarii argatanii.
Araarasaa ni hubatu,
Namaa oo’uuf tattaafatu.
Garaa laafuuf haa carraaqnu
Gama kanaan haa guddannu.
Akkuma Waaqaafi Yesus;
Oo’a haa qabaannu nutis.
(Dabalataan Luq. 6:36; Rom. 12:8; Yaq. 2:13 ilaali.)