KUTAA 10
Solomoon Mootii Ogeessa Ture
Yihowaan Solomoon Mootichaaf ogummaa kenneef; bara bulchiinsa Solomoonitti Israa’eloonni nagaa guddaafi badhaadhina argatanii turan
MOOTICHIIFI guutummaan sabichaa, Olaantummaa Yihowaa deggeranii seerasaatiif utuu abboomamaniiru ta’ee, jireenyisaanii maal fakkaata ture laata? Deebiin gaaffii kanaa, bara bulchiinsa Solomoon Mootichaa isa waggaa 40f turerratti argameera.
Daawit du’uusaa dura, ilmisaa Solomoon mootii akka ta’u isa muude. Waaqayyo abjuudhaan, Solomoon wanta barbaadu akka isa gaafatu itti hime. Solomoonis, ogummaafi beekumsa sabicha sirriitti bulchuuf isa gargaaru akka isaaf kennu gaafate. Yihowaan wanta Solomoon gaafatetti gammaduudhaan, ogummaafi hubannaa isaaf kenne. Yihowaan, Solomoon isaaf abboomamuusaa yoo itti fufe, badhaadhummaa, ulfinaafi umrii dheeraa akka isaaf kennu waadaa galeef.
Solomoon, ogummaadhaan firdii kennuutti beekamaa ta’e. Yeroo tokko, dubartoonni lama haatisaa anadha jedhanii daa’ima tokkorratti wal falman. Solomoon daa’imni kun iddoo lamatti muramee, akka isaaniif hiramu ajaje. Dubartiin isheen tokko yaada kanarratti walii galte; isheen dhugumaan haadhasaa taate garuu, mucichi dubartii ishee kaaniif akka kennamu kadhatte. Solomoonis isheen daa’imichaaf gaddite sun haadhasaa ta’uushee waan beekeef, mucichi akka isheedhaa kennamu ajaje. Yeruma sana Israa’eloonni firdii kenname kana dhaga’anii, Waaqayyo Solomooniif ogummaa akka kenne hubatan.
Wantoota gurguddaa Solomoon hojjete keessaa inni tokko, mana qulqullummaa Yihowaa ijaarsisuudha. Manni kun gamoo dinqisiisaa Yerusaalem keessa tureefi Israa’elitti bakka handhuura waaqeffannaa ta’ee tajaajiledha. Solomoon manni qulqullummaa kun yommuu eebbifamu akkas jedhee kadhate: “Kunoo, bantiiwwan waaqaa fi bantiin waaqaa inni bantiiwwan waaqaa gararraa jiru iyyuu si fudhachuu hin danda’u erga ta’ee, manni qulqullummaa ani ijaare kun immoo hammam isa irra haa xinnaatu ree!”—1 Mootota 8:27.
Waa’een Solomoon hamma biyya Sheebaa ishee Arabiyaa keessa jirtuuttillee dhaga’amee ture. Mootittiin Sheebaa ulfina, badhaadhinaafi guddina ogummaa Solomoon qortee ilaaluuf isa bira dhaqxe. Mootittiin ogummaa Solomooniifi badhaadhummaa Israa’el waan dinqisiifatteef, Yihowaan mootii ogeessa kanaaf aangoo kennuusaatiin isa jajatte. Yihowaan mooticha waan eebbiseef, seenaa Israa’el durii keessatti, bulchiinsa kamiyyuu caalaa barri bulchiinsa Solomoon, bara badhaadhummaafi bara nagaa ture.
Kan nama gaddisiisu garuu, Solomoon ogummaa Yihowaa wajjin haala walsimuun jiraachuu dhiise. Abboommii Waaqayyoo cabsuudhaan, warra waaqolii sobaa waaqeffatan hedduu dabalatee, dubartoota dhibbaan lakkaa’aman fuudhe. Suutuma suuta haadhotiin manaasaa kun Yihowaarraa garaasaa fageessuudhaan, waaqolii tolfamoo akka waaqeffatu isa godhan. Yihowaan, gar tokkoon mootummaasaa akka irraa fudhatamu Solomoonitti hime. Waaqayyo kakuu abbaa Solomoon kan ta’e Daawitiif galeef jecha, sanyiinsaa mootummicha keessaa ga’ee xinnoo akka qabaatu dubbate. Solomoon Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin yoo hafellee, Yihowaan kakuu Mootummaa Daawitiif gale amanamummaadhaan raawwateera.
—Mootota Isa Duraa boqonnaa 1 hanga 11; 2 Seenaa, boqonnaa 1 hanga 9 fi Keessa Deebii 17:17rratti kan hundaa’e.