BOQONNAA 7
Mala Ittiin Lallabnu—Mala Namootaaf Lallabuuf Gargaaru Hundatti Fayyadamuu
1, 2. (a) Yesus namoota hedduudhaaf lallabuuf mala akkamiitti fayyadame? (b) Duuka buutonni Kiristos warri amanamoon fakkeenyasaa kan hordofan akkamitti? Maaliif?
QARQARA galaana tokkootti namoonni hedduun Yesusitti kan marsan taʼus, inni garuu bidiruu yaabbatee xinnoo gara walakkaatti siqe. Maaliif? Ciisni bishaanichaa sagaleesaa akka guddisuufi namoonni hedduun sun ergaasaa akka gaariitti akka dhagaʼan kan godhu taʼuusaa waan beekuufidha.—Maarqos 4:1, 2 dubbisi.
2 Duuka buutonni Kiristos warri amanamoon waggoota Mootummichi hundeeffamuusaa duraafi booda turanis, malawwan buʼa qabeessa taʼanitti fayyadamanii misiraachoo Mootummichaa namoota baayʼeedhaaf lallabuudhaan fakkeenya Yesus hordofaniiru. Sabni Waaqayyoo qajeelfama Mootichaa fudhachuudhaan, akkuma haalasaatti teknoolojii haaraa uumuu ykn isa warri kaan qopheessanitti fayyadamuusaanii itti fufaniiru. Dhumni sirna kanaa dhufuusaa dura hamma dandaʼametti namoota baayʼeedhaaf dhugaa baʼuu barbaanna. (Mat. 24:14) Malawwan namoota bakka hundaa jiraniif dhugaa baʼuuf itti fayyadamne tokko tokko haa ilaallu. Yeroo kanatti, amantii namoonni yeroo sana misiraachoo Mootummichaa babalʼisaa turan qaban hordofuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaadaa.
Namoota Hedduudhaaf Lallabuu
3. Namoonni dhugaadhaaf diina taʼan gaazexaatti fayyadamuu keenyatti akka aaran kan isaan godhe maalidha?
3 Gaazexaa. Obboleessi keenya Raasiliifi hiriyoonnisaa, ergaa Mootummichaa namoota hedduutti himuuf bara 1879 jalqabee Masaraa Eegumsaa maxxansaa turaniiru. Taʼus, Kiristos bara 1914 dura gara waggaa kudhaniitiif misiraachichi namoota hedduudhaaf akka lallabamu gochuuf jijjiirama tokko tokko gochaa kan ture fakkaata. Jijjiirama akkasii gochuun kan jalqabame bara 1903tti ture. Bara sanatti afyaaʼii tuuta tajaajiltoota Pirootestaantii Pensilvaaniyaa kan ture Eefrem Leewuliin Iitan, barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluurratti Chaarlis Teez Raasilii wajjin yeroo baayʼee falmii godhee ture. Iitan xalayaa Raasiliif barreesserratti, “Gaaffiiwwan aniifi ati namoota duratti irratti wal falmine tokko tokko . . . xiyyeeffannaa namootaa akka harkisan yaadaan ture” jedheera. Raasiliifi hiriyoonnisaas falmiiwwan sun xiyyeeffannaa namootaa akka harkisan yaaduudhaan gaazexaa namoonni hedduun dubbisaniifi Za Piitisbargi Gaazet jedhamurratti akka maxxanfaman qophii godhan. Matadureewwan gaazexaa kanarratti baʼan namoota hedduu biratti kan jaallatamaniifi dhugaa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ibsi Raasil kennu amansiisaa waan taʼeef, gaazexichi torban torbaniin haasaa inni kennu maxxansuuf gaafate. Jijjiiramni kun namoonni dhugaadhaaf diina taʼan baayʼee akka aaran godhee ture.
Bara 1914tti, gaazexoonni 2,000 ol taʼan lallaba Raasil qabatanii baʼu turan
4, 5. Raasil amala akkamii qaba ture? Obboloonni itti gaafatamummaa qabanoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
4 Utuu baayʼee hin turin, gaazexoonni garabiraanis lallaba Raasil maxxansuu barbaadan. Bara 1908tti, Masaraan Eegumsaa lallabawwan kun “haala dhaabbataa taʼeen gaazexoota kudha tokkorratti” maxxanfamaa akka turan gabaaseera. Taʼus, obboloonni hojii gaazexaa qopheessuurratti muuxannoo qaban, Raasil waajjira Waldaa kanaa magaalaa Piitisbargirraa gara magaalaa caalaatti beekamaa taatetti utuu jijjiiree barumsi Macaafa Qulqulluu gaazexoota hedduurratti baʼuu akka dandaʼu yaada isaaf dhiheessan. Raasilis yaada kanaafi wantoota kaanirratti erga xiinxalee booda, bara 1909tti waajjira kana gara Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti jijjiire. Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Jiʼoota muraasa booda, gaazexoonni 400 taʼan haasaawwansaa maxxansuu kan jalqaban siʼa taʼu, sana boodas lakkoofsisaanii yeroo yeroodhaan dabalaa ture. Bara 1914 yeroo Mootummichi hundeeffametti, gaazexoonni 2,000 ol taʼan afaan afuriin haasaa Raasiliifi barreeffamoota inni qopheessu maxxansaa turan.
5 Guddina argame kanarraa maal baranna? Yeroo harʼaa, obboloonni jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa qaban gad of deebisuu ilaalchisee fakkeenya Raasil hordofuu qabu. Akkamitti? Murtoo cimaa ennaa godhan, gorsa obboloota kaanii tilmaama keessa galchuudhaan kana gochuu dandaʼu.—Fakkeenya 15:22 dubbisi.
6. Dhugaan Mootummichaa gaazexaarratti baʼe nama tokko kan tuqe akkamitti?
6 Dhugaawwan Mootummichaa gaazexoota sanarratti baʼan jireenya namoota hedduu jijjiiraniiru. (Ibr. 4:12) Fakkeenyaaf, obboleettiin Ooraa Hetiseel jedhamtuufi bara 1917tti cuuphamte, namoota hedduu karaa gaazexoota kanaa dhugaa baratan keessaa tokko turte. Akkas jetteetti: “Ergan heerumee booda gaaf tokko haadhakoo gaafachuuf gara Roochistar, Miiniisootaan dhaqe. Yommuun achi gaʼu, haatikoo gaazexaa tokkorraa mataduree tokko tokko kuttee utuu baastuun ishee arge. Matadureewwan kun haasaa Raasil kenne turan. Isheenis barumsa achirraa argatte natti himte.” Ooraan, dhugaawwan baratte kana fudhachuudhaan, gara waggaa jaatamaatiif amanamummaadhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo labsaa turteetti.
7. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban gaazexaatti fayyadamuu ilaalchisee irra deebiʼanii kan itti yaadan maaliifi?
7 Bara 1916tti, wantoonni lama obboloonni itti gaafatamummaa qaban gaazexaatti fayyadamanii misiraachicha babalʼisuusaanii akka dhiisan godhaniiru. Tokkoffaa, waraanni yeroo sana ture, meeshaalee maxxansaaf gargaaran argachuun rakkisaa akka taʼu godhee ture. Bara 1916tti, kutaan gaazexaa keenyaa inni Biritaaniyaatti argamu rakkina yeroo sanaa ilaalchisee akkas jedheera: “Yeroo ammaatti Lallaba kana kan maxxansan gaazexoota 30 ol taʼanidha. Gatiin waraqaa dabalaa waan jiruuf yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsi gaazexoota kanaa hirʼachuunsaa hin oolu.” Inni lammaffaanimmoo, Onkoloolessa 31, 1916tti Raasil duʼuusaa ture. Kanaan kan kaʼes Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 1916rratti beeksisni, “Amma obboleessi keenya Raasil waan duʼeef, lallabni [gaazexootarratti] baʼu guutummaatti ni dhaabata” jedhu baʼee ture. Karaa kanaan lallabuun kan dhaabate taʼus, mala garabiraa kan akka fiilmii “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamuun lallabuun buʼaa gaarii argamsiisuusaa itti fufeera.
8. Fiilmii “Footoo Diraamaa Oov Kiriʼeeshin” jedhamu qopheessuun maalfaa dabalata ture?
8 Fakkiiwwan bifa fiilmiitiin dhihaatan. Raasiliifi hiriyoonnisaa fiilmii “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamuufi bara 1914tti baʼe qopheessuuf gara waggaa sadiif hojjechaa turaniiru. (Fak. 21:5) Fiilmiin yeroo sanatti ‘Diraamaa’ jedhamu kun, fakkiiwwan sochoʼan, sagaleewwan waraabamaniifi islaayidoota halluu garaagaraa qaban kan of keessatti qabatedha. Seenaa Macaafa Qulqulluu fiilmiidhaan waraabame kana keessatti namoonni hedduun kan hirmaatan siʼa taʼu, fakkiin bineeldotaas itti dabalamee ture. Yaanni gabaasa bara 1913tti dhihaaterraa fudhatame tokko akkas jedha: “Kutaa fiilmichaa isa seenaa Nohi ibsu sagaleefi fakkiidhaan qindeessanii hojjechuuf, paarkii bineensonni itti eegaman dhaqanii suuraa kaasuun barbaachisee ture.” Artistoonni Landan, Niiwu Yoork, Paarisiifi Filaadelfiyaadhaa walitti qabamanimmoo islaayidoota garaagaraa diraamaa kana keessatti argamaniifi dhibbaan lakkaaʼaman harkasaaniitiin kaasuudhaan irratti hirmaataniiru.
9. Fiilmii “Footoo Diraamaa” qopheessuuf yeroofi qarshii hedduu dhangalaasuun kan barbaachise maaliifi?
9 Fiilmii “Footoo Diraamaa” jedhamu qopheessuuf yeroofi qarshii hammanaa dhangalaasuun kan barbaachise maaliifi? Walgaʼiiwwan gurguddaa bara 1931tti walittaansuudhaan godhamanirratti ibsi ejjennoo akkas jedhu qabu baʼee ture: “Gaazexoonni Ameerikaa oduufi sagantaasaanii kaanirratti fakkiiwwan kaartuuniifi fakkeenyotatti, akkasumas fakkiiwwan sochoʼanitti fayyadamuudhaan ilaalcha uummataa jijjiiruurratti milkaaʼina guddaa argataniiru. Nuyis fakkiiwwan baayʼee jaallatamaniifi akka haalasaatti jijjiiraman kun faayidaa guddaa akka qaban ni amanna. Kanaaf Macaafa Qulqulluu lallabuufi barsiisuurratti yeroo yeroodhaan jijjiirama gochaa kan deemnu siʼa taʼu, fiilmiiwwan islaayidii hojii kana hojjechuuf buʼa qabeessa akka taʼan itti amanuudhaan mala kana guutummaatti itti fayyadamna.”
10. Fiilmiin “Footoo Diraamaa” hammam balʼinaan argisiifameera?
10 Bara 1914tti, fiilmiin “Footoo Diraamaa” jedhamu guyyaa guyyaadhaan magaalota 80 keessatti argisiifama ture. Yuunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaa keessatti namoonni gara miliyoona saddeetii taʼan fiilmii kana ilaalaniiru. Wagguma sanatti fiilmiin kun, biyyoota Awustiraaliyaa, Biritaaniyaa, Deenmaarki, Fiinlaandi, Jarman, Niiwu Ziilaandi, Noorweey, Siwiidiniifi Siwiizarlaanditti argisiifameera. Fiilmiin kun fakkiiwwan sochoʼan utuu hin dabalatin bifa salphaa taʼeen qophaaʼee magaalota xixinnootti argisiifameera. Fiilmii “Yureekaa Diraamaa” jedhamu kana qopheessuun, baasii hedduu kan hin gaafanne siʼa taʼu, bakka barbaadamutti geessuufis salphaa ture. Bara 1916tti, fiilmiin “Footoo Diraamaa” ykn “Yureekaa Diraamaa” jedhamu, afaan Armeeniyaa, Daano Noorweey, Faransaay, Jarman, Giriik, Xaaliyaan, Poolaandi, Ispeeniifi afaan Siwiidinitti hiikameera.
Bara 1914tti, fiilmiin “Footoo Diraamaa” galma namoonni hedduun keessatti walgaʼanitti argisiifama ture
11, 12. Fiilmiin “Footoo Diraamaa” jedhamu dargaggeessa tokkorratti dhiibbaa akkamii geessise? Dargaggeessi kun fakkeenya akkamii nuu taʼa?
11 Fiilmiin “Footoo Diraamaa” afaan Faransaayitti hiikame, Chaarlis Roonar isa umriinsaa waggaa 18 taʼerratti dhiibbaa gaarii geessiseera. Chaarlis, “Fiilmiin kun magaalaa ani dhaladhetti, jechuunis biyya Faransaay, kutaa bulchiinsa Alsaas, magaalaa Koolmar keessatti kan dhihaate siʼa taʼu, dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa ifa taʼeen kan ibsu taʼuunsaa baayʼee na ajaaʼibsiise” jedheera.
12 Kanaan kan kaʼes Chaarlis cuuphamee, bara 1922tti tajaajila yeroo guutuu jalqabe. Hojiinsaa inni jalqabaa fiilmiin “Footoo Diraamaa” biyya Faransaayitti yommuu dhihaatu gargaarsa gochuu ture. Chaarlis waaʼee hojiisaa akkas jechuudhaan ibseera: “Hojii hedduun kan naa kenname siʼa taʼu, vaayooliinii nan taphadha, tajaajilaa herregaafi tajaajilaa barreeffamaa taʼees nan hojjedhan ture. Sagantichi jalqabamuusaa dura namoota keessumsiisuuf ramadameen ture. Yeroo boqonnaattimmoo namoota achitti argamaniif barreeffamoota raabsina turre. Toora galma sana keessa jiru hundarratti obboleessa ykn obboleettii tokko tokko ramadna turre. Obboloonni kun barreeffamoota kaasuutti baatanii namoota toora isaaniif ramadame keessa jiran hundaaf kennu. Kana malees, balbala galma sanaarra barreeffamoonni hedduun minjaalarra ni kaaʼamu turan.” Bara 1925tti Chaarlis, Betʼel Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamutti akka tajaajilu waamame. Achittis buufata raadiyoo haaraa Dabliiwu Bii Bii Aarri jedhamu keessatti tuuta orkeestiraa tokko akka geggeessu ramadame. Fakkeenya obboleessa keenya Chaarlis erga qorree booda, ‘Anoo ergaa Mootummichaa babalʼisuuf jecha hojii naaf kennamu kamiyyuu hojjechuuf fedhii qabaa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.—Isaayaas 6:8 dubbisi.
13, 14. Raadiyoon misiraachicha babalʼisuuf kan gargaare akkamitti? (Saanduqa “Sagantaa Raadiyoo Dabliiwu Bii Bii Aarri” jedhuufi “Walgaʼii Guddaa Seena Qabeessa Taʼe” jedhus ilaali.)
13 Raadiyoo. Bara 1920niitti fiilmii “Footoo Diraamaa” argisiisuun hirʼachaa kan dhufe siʼa taʼu, raadiyoon garuu misiraachoo Mootummichaa babalʼisuurratti shoora guddaa taphachuu jalqabe. Ebla 16, 1922, Raazarfordi buufata raadiyoo Filaadelfiyaa, Pensilvaaniyaa bakka Meetirooppooliitaan Ooppeeraa Haawus jedhamurraa haasaa seena qabeessa dhiheesse. Yeroo kanatti tilmaamaan namoonni 50,000 taʼan haasaa, “Namoonni Amma Jiraniifi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa Hin Duʼan” jedhu dhaggeeffataniiru. Bara 1923tti, sagantaa walgaʼii guddaa raadiyoodhaan dabarsuun ni jalqabame. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban buufatawwan raadiyoo kaanitti fayyadamuu malees, buufata raadiyoo mataa keenyaa ijaarrachuun akka barbaachisu murteessuudhaan, Istaatan Aaylaandi, Niiwu Yoorkitti buufata raadiyoo kan ijaaran siʼa taʼu, maqaa Dabliiwu Bii Bii Aarri jedhuun galmeeffameera. Tamsaasni kan eegale Guraandhala 24, 1924tti ture.
Bara 1922tti, tilmaamaan namoonni 50,000 taʼan haasaa mataduree, “Nammoonni Amma jiraniifi Miliyoonaan Lakkaaqaman Matumaa Hin Du‵an jedu raadiyoodhaan dhaffeeffataniiru
14 Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1924 kaayyoo Dabliiwu Bii Bii Aarri akkas jechuudhaan ibseera: “Malawwan misiraachoo Mootummichaa babalʼisuuf hamma yoonaatti itti fayyadamne keessaa inni guddaaniifi baasii hedduu hin gaafanne raadiyoo akka taʼe ni amanna. Gooftaan, misiraachoo kana babalʼisuuf buufatawwan raadiyoo garabiraa ijaaruun barbaachisaadha yoo jedhe, karaa gaariidha jedheen qarshii nuu qopheessa.” (Far. 127:1) Bara 1926tti, sabni Yihowaa buufata raadiyoo jaʼa qabaachuu dandaʼaniiru. Lamaansaanii Yuunaayitid Isteetisitti, jechuunis Dabliiwu Bii Bii Aarri, Niiwu Yoorkitti, Dabliiwu Oo Aarri Diinimmoo naannoo Chiikaagootti argamu turan. Warri hafan arfan, Kaanaadaa keessaa Albartaa, Biriitish Kolombiyaa, Ontaariyoofi Saaskaachiwaanitti argamu turan.
15, 16. (a) Kaanaadaatti geggeessitoonni amantii buufata raadiyoo keenyarratti tarkaanfiin akkamii akka fudhatamu godhan? (b) Barumsi raadiyoodhaan darbuufi tajaajilli manaa gara manaa kaayyoo tokko galmaan gaʼuuf kan gargaaran akkamitti?
15 Geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaa garuu, sagantaan raadiyoo dhugaa Macaafa Qulqulluu babalʼisuuf gargaaru kanatti hin gammanne. Albart Hofmaan inni hojii buufata raadiyoo Saaskaachiwaan, Kaanaadaa keessa jiru akka gaariitti beeku akkas jedheera: “Namoonni hedduun waaʼee Barattoota Macaafa Qulqulluu [maqaa Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sana itti waamamanidha] beekuu jalqaban. Hamma bara 1928tti mala kanatti fayyadamuudhaan akka gaariitti dhugaa baʼuun dandaʼamus, geggeessittoonni amantii abbootii taayitaarratti dhiibbaa gochuudhaan buufatawwan raadiyoo Barattoota Macaafa Qulqulluu Kaanaadaa keessa jiran heyyamnisaanii akka jalaa fudhatamu godhan.”
16 Buufanni raadiyoo keenya Kaanaadaa ture hundi kan cufame taʼus, buufata raadiyoo warra kaaniitti fayyadamuudhaan haasaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe dabarsuun itti fufee ture. (Mat. 10:23) Barruun Masaraa Eegumsaafi Za Gooldan Eej (yeroo ammaatti Dammaqaa! jedhama) maqaa buufatawwan raadiyoo dhugaa Macaafa Qulqulluu babalʼisan qabatanii kan baʼan siʼa taʼu, babalʼistoonni manaa gara manaatti yommuu tajaajilan barruulee kanatti fayyadamanii namoonni haasaa raadiyoodhaan darbu akka dhaggeeffatan jajjabeessu turan. Kun buʼaa akkamii argamsiise? Bulatiiniin Amajjii 1931 akkas jedheera: “Hojiin tamsaasa raadiyoo, obboloota manaa gara manaatti tajaajilan kakaasuudhaan michuu gaarii isaaniif taʼeera. Namoonni baayʼeen haasaa obboleessi keenya Raazarfordi kenne waan dhaggeeffataniif kitaaba isaaniif kennamu gammachuudhaan akka fudhatan gabaasawwan gara waajjira keenyaatti ergaman ibsaniiru.” Bulatiiniin, tamsaasni raadiyoofi tajaajilli manaa gara manaa “malawwan lamaan lallaba jaarmiyaa Gooftaa beeksisan” akka taʼan ibseera.
17, 18. Haalawwan kan jijjiiraman taʼus, raadiyoon shoora guddaa taphachuusaa kan itti fufe akkamitti?
17 Bara 1930niitti buufatawwan raadiyoo warra kaaniitti fayyadamuun keenya mormii cimaa kaasee ture. Kanaaf gara dhuma bara 1937tti, sabni Yihowaa haalawwan jijjiiramaa jiranii wajjin karaa walsimuun tarkaanfii fudhatan. Raadiyootti fayyadamuu dhiisanii, tajaajila manaa gara manaarratti xiyyeeffachuu jalqaban.a Haataʼu malee, iddoo fagoofi naannoo dhiibbaan siyaasaa hin jirretti raadiyoon ergaa Mootummichaa babalʼisuudhaan shoora guddaa taphachuusaa itti fufee ture. Fakkeenyaaf, bara 1951 hanga 1991tti, buufanni raadiyoo Dhiha Barliin, Jarmanitti argamu tokko, yeroo yeroodhaan haasaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe dabarsuudhaan namoonni yeroo sanatti Baha Jarmanitti argaman ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan gochaa tureera. Buufanni raadiyoo biyyoolessaa Suriinaam, Kibba Ameerikaatti argamu, bara 1961 jalqabee waggaa soddomaa oliif torban torbaniin daqiiqaa 15f dhugaa Macaafa Qulqulluu dabarsaa tureera. Bara 1969 hanga 1977tti, jaarmiyaan Yihowaa mataduree, “Caaffanni Qulqullaaʼaan Hundinuu Faayida Qabeessadha” jedhuun sagantaalee raadiyoo 350 ol taʼaniifi walitti aansanii dhihaataniin dabarsaa tureera. Sagantaaleen kun bulchiinsota Yunaayitid Isteetis 48 keessatti buufatawwan raadiyoo 291n dabarfamu turan. Bara 1996tti, buufanni raadiyoo Appiyaa magaalaa guddittii Saamooʼaa ishee Kibba Paasifiik jirtutti, torban torbaniin sagantaa “Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu Keetiif Deebii Argachuu” jedhu dabarsaa ture.
18 Gara dhuma jaarraa 20ffaatti garuu raadiyootti fayyadamanii misiraachicha babalʼisuun ni hafe. Haataʼu malee, teknoolojii haaraan namoota hedduudhaaf dhugaa baʼuuf gargaaru tokko ni uumame.
19, 20. Sabni Yihowaa Weeb saayitii jw.org jedhamu kan qopheessan maaliifi? Kunoo buʼaa akkamii argamsiisaa jira? (Saanduqa “JW.ORG” jedhus ilaali.)
19 Intarneetii. Bara 2013tti, namoonni biliyoona 2.7 ol taʼan, jechuunis uummata addunyaa keessaa harka 40 kan taʼan Intarneetiitti akka fayyadaman beekame. Ragaawwan tokko tokko akka ibsanitti, namoonni gara biliyoona lamaa taʼan gosa moobaayilii ismaartifoon ykn taabileetii jedhamutti fayyadamuudhaan Intarneetiitti akka fayyadaman tilmaamama. Lakkoofsi kun addunyaa maratti dabalaa kan dhufe taʼus, yeroo ammaatti gama kanaan caalaatti guddinni argamaa kan jiru Afriikaatti siʼa taʼu, namoonni miliyoona 90 ol taʼan karaa moobaayilii Intarneetiitti fayyadamaa jiru. Haalli kun karaan namoonni hedduun odeeffannoo itti argatan guutummaatti akka jijjiiramu godheera.
20 Sabni Yihowaa bara 1997 kaasee, mala namoota hedduu argachuuf gargaaru kanatti fayyadamuu jalqaban. Bara 2013tti, Weeb saayitiin jw.org jedhamu gara afaan 300tiin qophaaʼuu kan jalqabe siʼa taʼu, afaan 520 oliin barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe garagalfachuun akka dandaʼamus qophiin godhameera. Guyyaa guyyaadhaan namoonni 750,000 ol taʼan Weeb saayitii kanatti ni fayyadamu. Viidiyoowwan ilaaluu malees, jiʼa jiʼaan kitaabota miliyoona 3 ol taʼan, barruulee miliyoona 4 ol taʼaniifi wantoota sagaleedhaan qophaaʼan miliyoona 22 ol taʼan ni garagalfatu.
21. Muuxannoo Siinaarraa barumsa akkamii argattan?
21 Weeb saayitiin keenya biyyoota hojiin lallabaa keenya ittifamettillee mala guddaa misiraachicha babalʼisuuf gargaaru taʼeera. Fakkeenyaaf, jalqaba bara 2013tti, namni Siinaa jedhamu Weeb saayitii jw.org erga ilaalee booda, waajjira muummee Yunaayitid Isteetisitti argamutti bilbiluudhaan waaʼee Macaafa Qulqulluu odeeffannoo dabalataa gaafate. Gaaffiisaa kana adda kan godhe maalidha? Siinaan amantii Musiliimaa kan hordofu siʼa taʼu, biyya hojiin keenya itti ittifame tokkotti mandara baadiyyaa fagoo jirtu keessa jiraata. Kanaan kan kaʼes, Siinaan Dhugaa Baatuu Yunaayitid Isteetisitti argamu tokkoo wajjin torbanitti siʼa lama Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu qophiin ni godhameef. Qayyabannaan kunis viidiyoo Intarneetiitti fayyadamuudhaan geggeeffama ture.
Dhuunfaatti Namoota Barsiisuu
22, 23. Malawwan namoota baayʼeedhaaf dhugaa baʼuuf itti fayyadamne, tajaajila manaa gara manaa bakka buʼuu ni dandaʼuu? (b) Mootichi carraaqqii keenya kan eebbise akkamitti?
22 Malli namoota hedduudhaaf dhugaa baʼuuf itti fayyadamne kamiyyuu, jechuunis gaazexaan, fiilmiin “Footoo Diraamaa,” sagantaan raadiyoofi Weeb saayitiin keenya tajaajila manaa gara manaatti goonu bakka buʼuu hin dandaʼan. Maaliif? Fakkeenya Yesus waan hordofnuufidha. Yesus namoota hedduudhaaf lallabuu caalaa, dhuunfaatti namoota gargaaruurratti xiyyeeffateera. (Luq. 19:1-5) Bartoonnisaas akkas akka godhan kan leenjise taʼuusaarrayyuu, ergaa dubbatan isaanitti himeera. (Luqaas 10:1, 8-11 dubbisi.) Akkuma Boqonnaa 6ffaarratti ilaalle, obboloonni itti gaafatamummaa qaban, tajaajiltoonni Yihowaa dhuunfaadhaan namootaaf akka lallaban jajjabeessu.—HoE. 5:42; 20:20.
23 Mootummichi erga hundeeffamee waggaa dhibba tokko booda, babalʼistoonni miliyoona 7.9 ol taʼan waaʼee kaayyoo Waaqayyoo dammaqinaan namoota barsiisaa jiru. Mootichi malawwan Mootummicha beeksisuuf itti fayyadamne hunda akka eebbise hin shakkisiisu. Akkuma boqonnaa ittaanurratti ilaallu, Mootichi meeshaalee misiraachoo Mootummichaa saba, gosaafi afaan dubbatamu hundumaatiif lallabuuf nu gargaaranis nuu qopheesseera.—Mul. 14:6.
a Bara 1957tti, obboloonni itti gaafatamummaa qaban buufanni raadiyoo Dabliiwu Bii Bii Aarri jedhamuufi Niiwu Yoorkitti argamu akka cufamu murteessan.