BOQONNAA 61
Yesuus Mucaa Jinniidhaan Qabame Fayyise
MAATEWOS 17:14-20 MAARQOS 9:14-29 LUQAAS 9:37-43
MUCAA JINNIIDHAAN QABAME FAYYISUUF AMANTII CIMAATU BARBAACHISE
Yesuus, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis gaara irraa yeroo buʼan namoota walitti qabamanii jiran argan. Rakkinni tokko uumameera. Barsiisonni seeraa, barattoota Yesuusitti marsanii isaanii wajjin falmaa jiru. Namoonni Yesuusiin yeroo argan gammadanii nagaa isa gaafachuuf gara isaatti fiigan. Yesuus, “Waaʼee maalii irratti isaanii wajjin wal falmaa jirtu?” jedhee isaan gaafate.—Maarqos 9:16.
Namoota walitti qabamanii jiran keessaa inni tokko Yesuus duratti jilbeenfatee, akkana jechuudhaan haala isaa ibse: “Barsiisaa, ilmi koo hafuura arraba hidhuun waan qabameef gara keetti isa nan fide. Yeroo isatti kaʼu hunda lafatti isa kuffisa, afaan isaa hoomacha baasa, ilkaan isaa ni qara, akka malees humna dhaba. Barattoonni kee akka keessaa baasan gaafadheen ture; isaan garuu kana gochuu hin dandeenye.”—Maarqos 9:17, 18.
Haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti, barsiisota seeraa, barattoonni Yesuus mucicha fayyisuu waan hin dandeenyeef isaan ceephaʼaa jiru; tarii immoo carraaqqii isaan taasisanitti qoosaa jiru taʼa. Yesuus abbaa mucichaa dhiphatee jirutti dubbachuu mannaa, namoota walitti qabamanii jiraniin akkana jedhe: “Dhaloota amantii hin qabnee fi micciiramaa nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura?” Yaadni cimaan inni dubbate kun barsiisota seeraa bakka inni hin jirretti barattoota isaatti rakkina uumaa turan akka ilaallatu hin shakkisiisu. Achiis abbaa mucichaa isa dhiphatee jirutti garagalee, “Mucicha as natti fidaa” jedhe.—Luqaas 9:41.
Mucicha gara Yesuusitti yeroo fidan, jinnichi isa kuffisee, garmalee isa dhidhiittachiise. Achiis, mucichi afaan isaa hoomacha baasaa lafa irra gangalate. Yesuus abbaa mucichaatiin, “Kun erga isa qabatee hammam taʼeera?” jedhee gaafate. Innis, “Ijoollummaa isaatii jalqabee ti; isa ajjeesuufis yeroo baayʼee ibidda keessatti, akkasumas bishaan keessatti isa kuffisa” jedhee deebiseef. Achiis, “Wanta tokko gochuu yoo dandeesse garuu garaa nuu laafii nu gargaari” jedhee Yesuusiin kadhate.—Maarqos 9:21, 22.
Barattoonni Yesuus illee isa gargaaruu waan hin dandeenyeef, abbaan mucichaa baayʼee dhiphateera. Yesuus gaaffii namichi dhiphatee dhiheesseef, “‘Yoo dandeesse’ jettee? Nama amantii qabuuf wanti hundi ni dandaʼama” jechuudhaan deebii nama jajjabeessu kenne. Abbaan mucichaas yeruma sana, “Nan amana! Amantii koo caalaatti anaaf cimsi!” jedhee iyye.—Maarqos 9:23, 24.
Yesuus namoonni walitti qabamanii jiran gara isaatti fiigaa akka jiran arge. Utuu isaan arganiis, “Ati yaa hafuura arraba namaa hiituu fi gurra namaa duuchitu nana, isa keessaa akka baatuu fi deebitees akka isa keessa hin galle sin ajaja!” jedhee jinnicha ifate. Jinnichis mucicha iyyisiisee fi baayʼee isa dhidhiittachiisee isa keessaa baʼe. Achiis mucichi sochii tokko malee achuma ciisee hafe. Namoonni kana yeroo argan, “Innoo duʼeera” jedhan. (Maarqos 9:25, 26) Yesuus harka mucichaa yeroo qabu garuu, mucichi kan ol kaʼe siʼa taʼu, “saʼaatii sanaa jalqabee ni fayye.” (Maatewos 17:18) Wanti Yesuus gochaa jiru namoota kana akka dinqisiisu beekamaa dha.
Kanaan dura, Yesuus barattoota isaa lallabaaf yeroo ergetti, jinnii baasuu dandaʼanii turan. Kanaaf, amma kophaa isaanii mana keessa utuu jiranii, “Nuti hafuuricha baasuu kan dadhabne maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. Yesuusis, “Hafuurri xuraaʼaan akkanaa kadhannaadhaan malee waan tokkoon illee baʼuu hin dandaʼu” jechuudhaan sababii amantiin isaanii xinnaateef akka taʼe isaaniif ibse. (Maarqos 9:28, 29) Jinnii humna guddaa qabu kana baasuuf, amantii cimaa fi humna argachuuf Waaqayyoon gargaarsa gaafachuutu barbaachisa ture.
Yesuus, xumura irratti akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, amantii hanga firii sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ‘Asii kaʼiitii achi deemi’ yoo jettan ni deema; wanti isin hin dandeenyes hin jiraatu.” (Maatewos 17:20) Dhuguma iyyuu, amantiin humna guddaa qaba!
Gufuuwwanii fi rakkoowwan tajaajila Yihowaaf dhiheessinu akka hin guddifanne nu dhorkan, akkuma gaara tokkoo humna keenyaa ol ykn kan hin sochoone fakkaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, amantii keenya yoo guddifanne, gufuuwwanii fi rakkoowwan akka gaaraa taʼan moʼuu ni dandeenya.