BOQONNAA 124
Kiristoos Dabarfamee Kenname, Akkasumas Ni Qabame
MAATEWOS 26:47-56 MAARQOS 14:43-52 LUQAAS 22:47-53 YOHAANNIS 18:2-12
YIHUDAAN BAKKA ASHAAKILTIITTI YESUUSIIN DABARSEE KENNE
PHEEXIROS GURRA NAMA TOKKOO KUTE
YESUUS NI QABAME
Amma saʼaatiin isaa halkan walakkaa darbeera. Luboonni Yihudaan, Yesuusiin dabarsee yoo isaanitti kenne saantima meetii 30 akka kennaniif isaa wajjin walii galaniiru. Yihudaan dura buutota lubootaa fi Fariisota dura buʼee Yesuusiin barbaadaa jiru. Gareen loltoota Roomaa meeshaa hidhatee fi ajajaa loltootaatiin geggeeffamus isaan duukaa jira.
Yesuus, Yihudaan irbaata Faasikaa irraa akka deemu yommuu isatti hime, gara dura buutota lubootaa akka dhaqe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. (Yohaannis 13:27) Namoonni kun eegdota mana qulqullummaa fi garee loltootaa walitti qaban. Yihudaan jalqaba gara kutaa Yesuusii fi ergamoonni Faasikaa itti kabajanitti isaan geessee taʼuu dandaʼa. Amma garuu tuutni kun Sulula Qedroon keessa ceʼuudhaan bakka ashaakiltichaa dhaqaa jira. Namoonni Yesuusiin qabuuf kutatanii kaʼan kun, meeshaa waraanaa malees, gucaa fi ibsaa qabataniiru.
Yihudaan namoota kana gara Gaara Ejersaatti yommuu geessu Yesuusiin eessatti argachuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa dha. Torban darbe Yesuusii fi ergamoonni Bitaaniyaa fi Yerusaalem gidduu yommuu deddeebiʼan, yeroo baayʼee bakka ashaakiltii Getesemaaneetti ni boqotu turan. Amma garuu halkan waan taʼeef, Yesuus mukkeen ejersaa iddoo ashaakiltii kanaa jala boqotee taʼuu hin oolu. Kanaaf, loltoonni tarii Yesuusiin arganii hin beekne, isa taʼuu isaa adda baasuu kan dandaʼan akkamitti? Yihudaan, Yesuus isa kam akka taʼe mallattoo isaanitti argisiisa. “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii, of eeggannoodhaan isa geessaa” isaaniin jedhe.—Maarqos 14:44.
Yihudaan namoota kana gara bakka ashaakiltiitti erga geessee booda Yesuusii fi ergamoota isaa argee kallattiidhaan gara Yesuus dhaqe. Yihudaan, Yesuusiin, “Rabbii, nagaan siif haa taʼu!” jedhee isa dhungate. Yesuus garuu, “Yaa michuu ko, kaayyoo maaliitiif dhufte?” jedheen. (Maatewos 26:49, 50) Yesuus gaaffii ofuma isaatii gaafate kanaaf, “Yaa Yihudaa, Ilma namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” jedhee deebii kenne. (Luqaas 22:48) Yesuus namicha dabarsee isa kennuuf jedhu kana, kana caalaa hin haasofsiisne.
Yesuus gara ifa gucaa fi ibsaatti baʼee, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee gaafate. Namoonni kunis, “Yesuus nama Naazireet” jedhanii deebisan. Yesuusis ija jabinaan, “Inni ana dha” isaaniin jedhe. (Yohaannis 18:4, 5) Namoonni kun wanta taʼaa jiru wallaalanii lafa irratti kukkufan.
Yesuus carraa kanatti fayyadamee dukkanicha keessa jalaa miliquu mannaa, ammas eenyuun akka barbaadan isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhan. Achiis Yesuus tasgabbiidhaan, “Inni ana dha isiniin jedheeraam. Kanaaf isin ana barbaaddu yoo taʼe, namoonni kun haa deeman dhiisaa” isaaniin jedhe. Yesuus, yeroo rakkisaa taʼe kanatti illee wanta kanaan dura namni tokkittiin akka hin badne dubbatee ture ni yaadata. (Yohaannis 6:39; 17:12) Yesuus, Yihudaa isa “ilma badiisaa” taʼe irraa kan hafe, ergamoota isaa amanamoo taʼan keessaa tokko illee akka hin badne eegeera. (Yohaannis 18:7-9) Kanaaf, duuka buutonni isaa amanamoo taʼan kun akka deeman gaafate.
Loltoonni bakka kukkufanii kaʼanii gara Yesuusitti yommuu deeman ergamoonni wanta taʼaa jiru hubatan. Achiis, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?” jedhanii gaafatan. (Luqaas 22:49) Yesuus deebii isaanii kennuu isaa dura Pheexiros goraadee ergamoonni qabatanii turan lamaan keessaa tokko luqqifate. Achiis gurra mirgaa Maalkos isa garbicha luba ol aanaa taʼee kute.
Yesuus gurra Maalkos qaqqabee isaaf fayyise. Achiis, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jedhee Pheexirosiin ajajuudhaan barumsa barbaachisaa taʼe barsiise. Yesuus, “Wanti Kitaabonni Qulqulluun akkana taʼuu akka qabu dubbatan akkamitti raawwatama ree?” jechuun isaa, qabamuuf fedhii akka qabu kan argisiisu dha. (Maatewos 26:52, 54) Itti dabalees, “Xoofoo Abbaan anaaf kenne dhuguu hin qabuu?” jedhe. (Yohaannis 18:11) Yesuus hamma duʼaatti illee taanaan fedhii Abbaan isaa isaaf qabu ni raawwata.
Yesuus namoota kanaan akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii ana qabuu dhuftanii? Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isin garuu na hin qabne. Haa taʼu malee, kun hundi kan taʼe, wanti raajonni barreessan akka raawwatamuufi.”—Maatewos 26:55, 56.
Gareen loltootaa, ajajaan loltootaa fi eegdonni mana qulqullummaa Yihudootaa Yesuusiin qabanii hidhan. Ergamoonni kana yommuu argan ni baqatan. Haa taʼu malee, “dargaggeessi” tokko Yesuusiin hordofuuf namoota sanatti makamee hafe. Dargaggeessi kun Maarqos isa barataa Yesuus taʼe taʼuu hin oolu. (Maarqos 14:51) Namoonni kun eenyummaa dargaggeessa kanaa baranii isa qabuuf yaallaan, uffata quncee talbaa irraa hojjetamee fi marxifate gatee baqate.