BOQONNAA 6
Tajaajiltoonni Gumii Gaʼee Guddaa Qabu
PHAAWULOS ERGAMAAN gumii Filiphisiyusiif akkana jedhee barreesseera: “Phaawulosii fi Ximotewos warra garboota Kiristoos Yesuus taʼan irraa, ilaaltota ol aanaa fi tajaajiltoota gumii dabalatee, qulqulloota Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii fi Filiphisiyus keessa jiran hundumaaf.” (Filp. 1:1) Phaawulos tajaajiltoota gumiitiifis nagaa akka dhaame hubadhu. Dhiironni kun jaarsolii gumii yeroo sana turan gargaaruu irratti gaʼee guddaa kan qaban akka turan ifa dha. Bara keenyattis akkasuma gochaa jiru. Tajaajilli isaan dhiheessan ilaaltota ol aanaatiifis taʼe qindoomina gumichaatiif gargaarsa guddaa godha.
2 Tajaajiltoonni gumii, gumii kee keessa jiran eenyufaa akka taʼan beektaa? Hojii isaan siinis taʼe guutummaa gumichaa fayyaduuf hojjetan hoo beektaa? Yihowaan carraaqqii obboloonni kun godhan guddaa dinqisiifata. Phaawulos akkana jechuudhaan barreesseera: “Dhiironni haala gaariidhaan tajaajilan ofii isaaniitiif maqaa gaarii qabaachuu, akkasumas amantii Kiristoos Yesuus irratti qaban bilisummaa guddaadhaan dubbachuu dandaʼu.”—1 Xim. 3:13.
ULAAGAALEE KITAABA QULQULLUU TAJAAJILTOONNI GUMII GUUTUU QABAN
3 Tajaajiltoonni gumii jireenya qulqulluu kan jiraatan, itti gaafatamummaan kan isaanitti dhagaʼamuu fi hojii isaaniif kenname sirriitti kan hojjetan taʼuu qabu. Ulaagaalee isaan irraa barbaadamu kana xalayaa Phaawulos Ximotewosiif barreesse irraa ifatti hubachuu dandeenya: “Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni gumii itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, arraba lamaan kan hin dubbanne, daadhii wayinii hedduudhaaf kan hin bitamne, karaa sirrii hin taaneen buʼaa argachuuf kan hin sassanne, akkasumas qalbii qulqulluudhaan iccitii qulqulluu amantii jabeessanii kan eegan taʼuu qabu. Kana malees, isaan gaʼumsa akka qaban ilaaluuf dura haa qoraman; achiis himata irraa walaba yoo taʼan tajaajiltoota taʼanii haa tajaajilan. Tajaajiltoonni gumii haadha manaa takkittii kan qaban, akkasumas ijoollee isaanii fi maatii isaanii haala gaariidhaan kan bulchan taʼuu qabu.” (1 Xim. 3: 8-10, 12) Ulaagaalee ol aanoo tajaajiltoota gumii irraa eegaman kana sirriitti hordofuun, dhiirota itti gaafatamummaan addaa isaaniif kenname kanaan kan kaʼe maqaan gumii akka hin xuroofne taasisa.
4 Tajaajiltoonni gumii, dargaggootas taʼan maanguddoota, tajaajila irratti utuu hin hirmaatin jiʼi tokko illee isaan hin darbu. Akkuma Yesuus tajaajilaaf hinaaffaa akka qaban argisiisu. Hinaaffaan isaanii kun akkuma Yihowaa, ilmaan namootaa akka fayyan kan barbaadan taʼuu isaa argisiisa.—Isa. 9:7.
5 Kana malees, dhiironni tajaajiltoota gumii taʼanii tajaajilan uffannaa fi miidhaginaan, dubbiidhaan, ilaalchaa fi gochaan fakkeenya taʼuu qabu. Sirriitti kan yaadan waan taʼaniif warri kaan isaan kabaju. Dabalataanis, hariiroo Yihowaa wajjin qabanii fi mirga gumii tajaajiluuf qabaniif bakka guddaa kennu.—Tit. 2:2, 6-8.
6 Dhiironni kun gaʼumsa akka qaban ilaaluuf ‘dursanii qoramaniiru.’ Muudamuu isaanii dura illee namoota garaadhaa hojjetan taʼuu isaanii mirkaneessaniiru. Jireenya isaanii keessatti Mootummichaaf dursa akka kennan argisiisaniiru; carraa tajaajilaa isaaniif baname kam irratti iyyuu hirmaachuuf carraaqqii godhu. Dhuguma iyyuu obboloota gumii keessa jiraniif fakkeenya taʼu.—1 Xim. 3:10.
TAJAAJILA AKKAMII RAAWWATU?
7 Tajaajiltoonni gumii obbolootaa fi obboleettota isaaniitiif jedhanii hojiiwwan hedduu hojjetu; kun immoo ilaaltonni ol aanaa barsiisuu fi tika gochuuf caalaatti yeroo akka argatan godha. Qaamni jaarsolii yommuu itti gaafatamummaa isaaniif kennu, dandeettii isaanii fi wanta gumicha barbaachisu tilmaama keessa galcha.
Tajaajiltoonni gumii hojiiwwan hedduu hojjetu; kun immoo ilaaltonni ol aanaa barsiisuu fi tika gochuuf caalaatti yeroo akka argatan godha
8 Tajaajila isaan dhiheessan keessaa muraasni kana dha: Tajaajilaan gumii tokko kutaa barreeffamaatti ramadamuu dandaʼa; kun immoo barreeffamoota dhuunfaatti itti fayyadamnuu fi tajaajilaaf nu barbaachisan argachuuf nu gargaara. Warri kaan immoo hojii herrega gumichaa ykn naannoo tajaajilaa wajjin wal qabatu akka hojjetan ramadamuu dandaʼu. Tokko tokko immoo maayikiraafoonii akka naannessan, kutaa sagalee keessatti akka hojjetan, akka keessummeessanii fi karaawwan kan birootiin jaarsolii akka gargaaran ramadamuu dandaʼu. Galma Walgaʼii suphuu fi qulqulleessuu wajjin haala wal qabateen hojiiwwan hojjetaman hedduun jiru; kanaafuu, tajaajiltoonni gumii yeroo baayʼee hojiiwwan kana irratti deggersa akka godhan gaafatamuu dandaʼu.
9 Gumiiwwan tokko tokko keessatti hojiiwwan kana hunda irratti tajaajiltoota garaa garaa ramaduun ni dandaʼama taʼa. Bakkawwan birootti immoo, tajaajilaa gumii tokkoof hojii hedduun kennamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko immoo hojii tokko irratti tajaajilaan gumii tokkoo ol ramadamuu dandaʼa. Tajaajiltoonni gaʼaan itti gaafatamummaawwan kana fudhachuu dandaʼan hin jiran yoo taʼe immoo, qaamni jaarsolii obboloonni cuuphamanii fi fakkeenya taʼan kan biroon hojii kana akka hojjetan ramaduu dandaʼa. Muuxannoon yeroo kanatti argatan yeroo gaʼumsa qabaatanii tajaajiltoota gumii taʼanitti baayʼee isaan fayyada. Obboloonni dhiiraa hin jiran yoo taʼe immoo, obboleettiin fakkeenya taatu tajaajiltuu gumii taatee muudamuu baattus, hojii tokko tokko irratti gargaarsa gochuu dandeessi. Nama fakkeenya taʼu jechuun amala isaatiinis taʼe waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessuun fakkeenya kan taʼu jechuu dha. Walgaʼii irratti argamuudhaan, tajaajila irratti hirmaachuudhaan, jireenya maatiidhaan, filannoo bohaartiidhaan, akkaataa uffannaa fi miidhaginaatiin, akkasumas wantoota kana fakkaataniin fakkeenya gaarii kan taʼu ykn kan taatu taʼuu qaba ykn qabdi.
10 Gumiiwwan jaarsolii baayʼee muraasa taʼan qaban keessatti tajaajiltoonni gumii gaʼumsa qaban gaaffiiwwan cuuphaa barumsa buʼuuraa wajjin wal qabatan namoota cuuphamuu yaadan gaafachuu dandaʼu. Gaaffiiwwan kun Kutaa Dabalataa mata duree “Kutaa 1: Wantoota Kiristiyaanonni Itti Amanan” jedhu jalatti argamu. Mata dureen “Kutaa 2: Jireenya Kiristiyaanaa” jedhu dhimmoota dhuunfaa iccitii taʼan waan of keessatti qabateef jaarsa gumiitu gaafachuu qaba.
11 Qaamni jaarsolii sababii quubsaa yoo qabaate akka barbaachisummaa isaatti hojii tajaajiltoonni gumii hojjetan jijijjiiruu dandaʼa. Haa taʼu malee, muuxannoo fi dandeettii horachuu akka dandaʼaniif, hojiidhuma tokko yeroo dheeraadhaaf hojjechuun isaanii buʼaa guddaa qaba.
12 Haala gumichaa irratti hundaaʼuudhaan itti gaafatamummaawwan kan biroon tajaajiltoota gumii ‘guddinni isaanii namoota hundumaatti ifatti mulʼatuuf’ kennamuu dandaʼu. (1 Xim. 4:15) Bakka jaarsoliin gaʼaan hin jirretti, tajaajilaan gumii tokko gargaaraa ilaaltuu ol aanaa garee ykn yeroo tokko tokko immoo tajaajilaa garee taʼee tajaajiluu dandaʼa; kanas kan hojjetu qaama jaarsolii jala taʼee ti. Tajaajiltoonni gumii kutaawwan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa tokko tokko akka dhiheessan ramadamuu dandaʼu; barbaachisaa taanaan immoo Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii geggeessuu dandaʼu, akkasumas haasaa sabaa dhiheessuu dandaʼu. Haalli addaa yoo uumamee fi ulaagaalee hojii sanaaf barbaachisu yoo guutan tajaajiltoota gumiitiif itti gaafatamummaawwan kan biroon kennamuu dandaʼu. (1 Phe. 4:10) Tajaajiltoonni gumii yeroo jaarsolii gargaaranitti fedhiidhaan of dhiheessuu qabu.
13 Hojiin isaanii kan jaarsolii irraa adda taʼus, kutaa tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessanii ti; akkasumas gumichi rakkina tokko malee akka sochoʼu gumaacha godha. Tajaajiltoonni gumii hojii isaaniif kenname akka gaariitti yoo hojjetan, akkasumas tiksuu fi barsiisuuf gaʼumsa yoo qabaatan yeroo booda jaarsolii gumii taʼanii muudamuu dandaʼu.
14 Obboleessa umurii kurnanii keessa jirtu ykn reefuu cuuphamte yoo taate tajaajilaa gumii taʼuuf carraaqqii gochaa jirtaa? (1 Xim. 3:1) Waggaa waggaadhaan namoonni hedduun gara dhugaatti dhufaa waan jiraniif, dhiironni gaʼumsa qabanii fi gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu dandaʼan ni barbaachisu. Fedhii warra kaan gargaaruuf qabdu guddifachuudhaan galma kana irra gaʼuuf carraaqqii gochuu dandeessa. Karaan kana gochuu itti dandeessu keessaa tokko fakkeenya Yesuus irratti xiinxaluu dha. (Mat. 20:28; Yoh. 4:6, 7; 13:4, 5) Warra kaaniif kennuudhaan gammachuu yommuu argattu immoo, fedhiin tajaajiluuf qabdu guddachaa deema. (HoE. 20:35) Kanaafuu, warra kaaniif gargaarsa qabatamaa gochuuf, Galma Walgaʼii suphuu irratti gargaarsa gochuu ykn yeroo namni kutaa barataa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa fudhate hafutti bakka buutee dhiheessuuf carraaqqii godhi. Galma kana irra gaʼuuf carraaqqii gochuun barsiifata qoʼannaa dhuunfaa gaarii qabaachuudhaan amalawwan Kiristiyaanaa horachuu dabalata. (Far. 1:1, 2; Gal. 5:22, 23) Kana malees, obboleessi carraaqqii godhu tokko hojiin gumii yommuu isaaf kennamu amanamummaadhaan raawwachuu qaba.—1 Qor. 4:2.
15 Tajaajiltoonni gumii hafuura qulqulluudhaan muudamu; kun immoo gumichaaf gaarii dha. Obboloonni gumii keessa jiran hundi tajaajiltoonni gumii hojii isaaniif ramadame jabaatanii yeroo hojjetanitti isaan deggeruudhaan akka isaan dinqisiifatan argisiisuu dandaʼu. Akka kanaan gumichi qophii Yihowaan mana isaa karaa qindoomina qabuun bulchuuf godhe kana akka dinqisiifatu argisiisa.—Gal. 6:10.