BOQONNAA 7
Walgaʼiiwwan “Jaalalaa fi Hojii Gaariidhaaf Nu Kakaasan”
SABNI YIHOWAA jaarraawwan hedduudhaaf karaa gurmaaʼinsa qabuun walitti qabamaa turaniiru. Israaʼel durii keessatti dhiironni hundi ayyaanota waggaa sadii kabajuuf gara Yerusaalem dhaqu turan. (Kes. 16:16) Jaarraa tokkoffaatti Kiristiyaanonni yeroo yerootti walitti kan qabaman yommuu taʼu, yeroo baayʼee walitti kan qabaman mana namootaatti ture. (Film. 1, 2) Yeroo harʼaattis, walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti argamuun nu gammachiisa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo kan walitti qabaman maaliifi? Sababii inni guddaan walgaʼiin kutaa waaqeffannaa keenyaa bakka guddaa qabu waan taʼeefi.—Far. 95:6; Qol. 3:16.
2 Namoonni walgaʼiiwwan kana irratti argamanis faayidaa argatu. Israaʼelonni Ayyaana Daasii isa waggaa waggaatti kabajamu ilaalchisee waggaa torbaffaa irratti wanti gochuu akka qaban itti himameera: “Isaan akka dhagaʼaniif, waaʼee Waaqa kee Yihowaa akka baratanii fi isa akka sodaataniif, akkasumas dubbii Seera kanaa hundumaa akka raawwataniif sabicha, jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi nama biyya ormaa magaalota kee keessatti argamu walitti qabi.” (Kes. 31:12) Kana irraa ifatti akka hubannutti, sababiin walgaʼii irratti argamnu inni guddaan ‘Yihowaa irraa barachuufi.’ (Isa. 54:13) Walgaʼiiwwan gumii irratti argamuun keenya warra kaanii wajjin wal baruuf, wal jajjabeessuu fi wal cimsuuf nu gargaara.
WALGAʼIIWWAN GUMII
3 Barattoonni Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxee booda walitti qabaman barumsa ergamootaa cimsanii hordofaa turan; akkasumas “guyyaa guyyaadhaan yeroo hunda yaada tokkoon mana qulqullummaa keessatti walitti ni qabamu turan.” (HoE. 2:42, 46) Yeroo booda immoo Kiristiyaanonni waaqeffannaadhaaf yommuu walitti qabamanitti, xalayaawwan ergamoonnii fi barattoonni kaan barreessan dabalatee, kitaabota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman ni dubbisu turan. (1 Qor. 1:1, 2; Qol. 4:16; 1 Tas. 1:1; Yaq. 1:1) Kana malees, gumiidhaan taʼanii ni kadhatu turan. (HoE. 4:24-29; 20:36) Darbee darbee immoo, muuxannoowwan tajaajila misiyoonummaa irraa argaman dhaggeeffatu. (HoE. 11:5-18; 14:27, 28) Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu fi raawwii raajiiwwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin dubbataman irrattis ni mariʼatu. Amalawwan Kiristiyaanaa fi Waaqayyoof buluu ilaalchisees qajeelfamni isaaniif kennama ture. Hundi isaanii iyyuu misiraachicha hinaaffaadhaan akka lallaban ni jajjabeeffamu turan.—Rom. 10:9, 10; 1 Qor. 11:23-26; 15:58; Efe. 5:1-33.
Guyyoota dhumaa baayʼee rakkisoo taʼan kana keessatti, yeroo hundumaa walitti qabamuudhaan jajjabina argachuun nu barbaachisa
4 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa bara keenyatti godhaman, isa bara ergamootaatti turee wajjin wal fakkaatu. Gorsa Ibroota 10:24, 25 irratti akkana jechuudhaan nuuf kenname hordofna: “Xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.” Guyyoota dhumaa baayʼee rakkisoo taʼan kana keessatti, karaa hafuuraa cimoo taʼuu fi ejjennoo Kiristiyaanummaa keenya eeggachuuf yeroo hundumaa walitti qabamuudhaan jajjabina dabalataa argachuun nu barbaachisa. (Rom. 1:11, 12) Nuti Kiristiyaanonni dhaloota jallaa fi micciiramaa gidduu jiraanna. Taʼus wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa kanaa irraa fagaanneerra. (Filp. 2:15, 16; Tit. 2:12-14) Maarree, saba Waaqayyoo wajjin walitti qabamuu wanti caalu jiraa? (Far. 84:10) Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti mariʼachuu caalaa wanti faayidaa argamsiisuu dandaʼu hoo jiraa? Mee walgaʼiiwwan garaa garaa faayidaa keenyaaf jecha qophaaʼan haa ilaallu.
WALGAʼII DHUMA TORBANIITTI GEGGEEFFAMU
5 Walgaʼii dhuma torbaniitti geggeeffamu keessaa kutaan inni jalqabaa haasaa sabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dha; haasaan kun keessumaa namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taaneef qophaaʼa; isaan keessaa tokko tokko immoo warra yeroo jalqabaatiif walgaʼicha irratti argaman taʼuu dandaʼu. Haasaan sabaa namoota haaraadhaafis taʼe babalʼistoota gumiitiif fedhii hafuuraa guutuu irratti gaʼee guddaa qaba.—HoE. 18:4; 19:9, 10.
6 Kiristoos Yesuus, ergamoonni isaa fi duuka buutonni kaan walgaʼii uummataa isa yeroo harʼaatti gumiiwwan Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessanii wajjin wal fakkaatu geggeessaa turan. Namoota hanga harʼaatti lafa irra jiraatan keessaa uummataaf haasaa dhiheessuu irratti Yesuusiin kan qixxaatu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun isa ilaalchisee, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti dubbatee hin beeku” jedha. (Yoh. 7:46) Yesuus akka nama aangoo qabuutti barsiisa ture; kun immoo dhaggeeffattoota isaa baayʼee ajaaʼibsiiseera. (Mat. 7:28, 29) Namoonni ergaa isaa kana dhaggeeffatanii hojii irra oolchan faayidaa hedduu argataniiru. (Mat. 13:16, 17) Ergamoonnis fakkeenya isaa hordofaniiru. Hojii Ergamootaa 2:14-36 irratti haasaa dinqisiisaan Pheexiros Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti dhiheesse galmeeffameera. Namoonni kumaan lakkaaʼaman wanta dhagaʼan kanaan jijjiiramanii tarkaanfii fudhataniiru. Yeroo booda immoo namoonni tokko tokko haasaa Phaawulos Ateenaatti dhiheesse erga dhagaʼanii booda amantoota taʼaniiru.—HoE. 17:22-34.
7 Bara keenyattis, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman haasaawwan sabaa torbee torbeedhaan gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti dhihaatanii fi haasaawwan sabaa walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo irratti dhihaatan irraa faayidaa argachaa jiru. Haasaawwan akkasii barumsawwan Kiristiyaanaa dammaqinaan hordofuu fi tajaajila Mootummichaa irratti jabaannee itti fufuuf nu gargaaru. Warra fedhii qaban dabalatee namoota hundumaa affeeruudhaan namoonni barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruu dandeenya.
8 Haasaawwan sabaa mata dureewwan garaa garaa qabu. Haasaawwan kun barumsawwanii fi raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qajeelfamootaa fi gorsawwan jireenya maatiifis taʼe jireenya gaaʼelaatiif fayyadan, akkasumas haalawwan dargaggoota mudatanii fi amalawwan Kiristiyaanaa irratti xiyyeeffatu. Haasaawwan tokko tokko immoo uumamawwan Yihowaa ajaaʼibsiisoo taʼan irratti xiyyeeffatu. Haasaawwan kaan immoo namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii fi amantii, ija jabinaa fi amanamummaadhaan fakkeenya nuuf taʼan irratti xiyyeeffachuudhaan barumsa irraa argachuu dandeenyu ibsu.
9 Haasaa sabaa irraa faayidaa guutuu argachuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu, caqasa obboleessi haasaa dhiheessu caqasu baafachuu, akkasumas yeroo inni dubbisuu fi ibsa irratti kennu sirriitti hordofuu qabna. (Luq. 8:18) Wantoota ibsaman sana ofuma keenyaa mirkaneeffachuun keenya, wanta baranne sana jabeessinee qabachuu fi hojii irra oolchuuf nu gargaara.—1 Tas. 5:21.
10 Obboloonni haasaa dhiheessan gaʼaan jiru taanaan gumiin sun torban torbaniin haasaa sabaa argachuu dandaʼa. Yeroo baayʼee immoo gumii ollaa irraa obboloota haasaa dhiheessan affeeruudhaan kana galmaan gaʼuun ni dandaʼama. Hanqinni obboloota haasaa dhiheessanii yoo jiraate garuu hamma dandaʼametti yerooma argametti akka dhihaatu gochuun gaarii dha.
11 Kutaan lammaffaan walgaʼii dhuma torbaniitti geggeeffamu Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa yeroo taʼu, mata dureewwan Masaraa Eegumsaa maxxansa qoʼannaa irratti baʼan irratti hundaaʼe gaaffii fi deebiidhaan geggeeffama. Yihowaan Masaraa Eegumsaatti fayyadamee nyaata hafuuraa yeroosaatiif taʼu nuuf dhiheessaa jira.
12 Mata dureewwan qoʼannaa yeroo baayʼee akkaataa itti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu dandeenyu irratti xiyyeeffatu. Mata dureewwan kun kutannoo Kiristiyaanonni “hafuura addunyaa” fi gochawwan xuraaʼoo irraa fagaachuuf godhan isaaniif jabeessu. (1 Qor. 2:12) Masaraa Eegumsaa irratti barumsawwanii fi raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hubannaa haaraan argannes ni ibsamu; kun immoo hundi keenya dhugaa wajjin qixxee akka deemnuu fi daandii qajeelummaa irra imaluu keenya akka itti fufnu nu gargaara. (Far. 97:11; Fak. 4:18) Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa irratti argamuu fi hirmaachuun keenya abdii Yihowaan addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu fiduuf kennetti akka gammannu nu gargaara. (Rom. 12:12; 2 Phe. 3:13) Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan kaanii wajjin walitti qabamuun keenya, firii hafuuraa horachuu fi fedhii hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajiluuf qabnu guddifachuuf nu gargaarsa. (Gal. 5:22, 23) Qorumsawwan nu mudatan dandamachuu fi gara fuulduraatiif ‘buʼuura gaarii kaaʼachuu’ filanneerra; kun immoo ‘jireenya isa dhugaa jabeessinee qabachuuf’ nu gargaara.—1 Xim. 6:19; 1 Phe. 1:6, 7.
13 Qophii karaa hafuuraa nu sooruuf godhame kana irraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Dhuunfaattis taʼe maatiidhaan barumsa sanaaf dursinee qophaaʼuu, caqasawwan achi keessa jiran baasnee dubbisuu fi walgaʼii irratti immoo jecha mataa keenyaatiin hirmaannaa gochuudhaani. Kun dhugaan garaa keenya akka tuqu gochuu isaa irra iyyuu, warri kaan amantii keenya yeroo ibsinu dhagaʼuudhaan akka fayyadaman taasisa. Yaada warri kaan kennan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun keenya barumsa torban torbaniin dhihaatu irraa faayidaa argachuuf nu gargaara.
WALGAʼII TORBAN GIDDUU
14 Obboloonnii fi obboleettonni torban torbaniin Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jedhamuuf Galma Walgaʼiitti walitti qabamu. Kutaawwan walgaʼii kanaa sadan tajaajiltoota Waaqayyoo ‘gaʼumsa qaban’ akka taanu nu gargaaru. (2 Qor. 3:5, 6) Sagantaa fi wantoonni barumsicha irratti hundaaʼan Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii irratti baʼu. Barreeffamni Qoʼannaa Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa kun maree fakkeenya taʼuu fi tajaajilaaf itti fayyadamuu dandeenyus qabateera.
15 Kutaan jalqabaa Beekumsa Dubbii Waaqayyoo Irraa Argamu jedhu, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamanii wajjin akka wal barruu fi jireenya keenya keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu beekuuf nu gargaara. Kutaan kun haasaa, dubbisaa fi maree dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban sanaaf nuu kenname irratti hundaaʼe of keessatti kan qabate dha. Viidiyoowwanii fi fakkiiwwan, akkasumas wantoonni barumsichi irratti hundaaʼe barreeffama qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti baʼu. Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qoʼachuun keenya jireenya dhuunfaa keenyaafis taʼe warra kaan barsiisuuf nu fayyada; akka kanaan ‘hojii gaarii hundumaatiif akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophoofne taana.’—2 Xim. 3:16, 17.
16 Kutaa lammaffaan Tajaajilaaf Of Qopheessi jedhu immoo, hundi keenya iyyuu carraa itti tajaajilaaf shaakallu argachuudhaan dandeettii lallabuu fi barsiisuu keenya fooyyeffachuuf nu gargaara. Kutaa barattootaa dabalatee viidiyoowwan maree fakkeenya taʼuuf qophaaʼan ni dhihaatu. Kutaan walgaʼichaa kun ‘warra dadhabaniif dubbii sirrii taʼetti fayyadamnee deebii kennuu akka dandeenyuuf arraba warra baratanii qabaachuuf’ nu gargaara.—Isa. 50:4.
17 Kutaa sadaffaan Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu jedhu immoo, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe kan ibsu dha. (Far. 119:105) Kutaa kana jalatti kan dhihaatan keessaa inni guddaan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii ti. Akkuma Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa, Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu Gumiis gaaffii fi deebiidhaan dhihaata.
18 Barreeffamni qoʼannaa Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa haaraan yeroo dhufu, qindeessaan qaama jaarsolii ykn jaarsi gumii isa gargaaru kan biraan kutaawwan sana akka gaariitti erga ilaalee booda sagantaa baasa. Torban torbaniin obboleessi dandeettii barsiisuu gaarii taʼe qabuu fi qaamni jaarsolii heyyameef dura taʼaa walgaʼichaa taʼee tajaajila. Hojii isaa keessaa tokko tokko walgaʼichi yeroodhaan jalqabamee yeroodhaan akka xumuramu gochuu fi warra kutaa barattootaa dhiheessan galateeffachuu, akkasumas gorsa kennuu dha.
19 Yeroo hundumaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaatiif kan qophoofnu, kan irratti argamnuu fi kan hirmaannu yoo taʼe beekumsa Kitaaba Qulqulluu arganna, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ni hubanna, misiraachicha sodaa malee lallabna, akkasumas dandeettii barattoota gochuu horanna. Namoonni hin cuuphamnes walgaʼii kana irratti argamuudhaan michummaa nu gidduu jiruu fi haasaa waltajjii irraa dhihaatu irraa faayidaa guddaa argatu. Walgaʼii kanaafis taʼe walgaʼiiwwan kaaniif qophaaʼuuf, Laayibrarii Masaraa Eegumsaa (Ingiliffaa), JW Laayibrarii fi LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAA (afaan keetiin kan argamu yoo taʼe) itti fayyadamuu dandeessa. Akkasumas mana kitaabaa Galma Walgaʼii keessa jirutti fayyadamuu dandeessa; manni kitaabaa Galma Walgaʼii keessa jiru barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan kan akka Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa (Ingiliffaa) ykn Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe, akkasumas hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaa, konkordaansii (Ingiliffaa), galmee jechootaa fi barreeffamoota qorannaaf fayyadan kan biroo qabateera. Namni kam iyyuu walgaʼii booda ykn walgaʼii dura mana kitaabaa kanatti fayyadamuu dandaʼa.
WALGAʼIIWWAN TAJAAJILA DIRREE
20 Torban gidduuttii fi dhuma torbanii irratti babalʼistoonni tajaajila dirreetiif walgaʼii gabaabaa godhachuuf walitti qabamu. Walgaʼiiwwan kun yeroo baayʼee manneen dhuunfaatti ykn bakka mijataa taʼe kan biraatti geggeeffamu. Galma Walgaʼiitti fayyadamuunis ni dandaʼama. Bakka garaa garaatti garee xixinnoodhaan walgaʼii tajaajila dirree qopheessuun, babalʼistoonni walgaʼicha irratti argamuuf ykn naannoo tajaajilaa isaanii dhaquuf karaa dheeraa akka hin deemne gargaara. Babalʼistoonni dafanii gara naannoo tajaajilaa isaanii akka dhaqaniif, yeroo utuu hin gubin ramaduun gaarii dha. Ilaaltuun ol aanaa garees warra isa jala jiraniif xiyyeeffannaa kennuuf carraa argata. Tokkoon tokkoon garee kopha kophaatti walitti qabamuun isaa gaarii taʼus, haalli adda taʼe yeroo uumamutti gareewwan garaa garaa wal faana walgaʼii kana godhachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf namoonni walgaʼii tajaajila dirree torban gidduutti godhamu irratti argaman muraasa yoo taʼan, gareewwan hedduun wal faana taʼanii Galma Walgaʼiitti ykn bakka mijataa kan biraatti walgaʼii tajaajila dirree akka godhatan qophii gochuun ni dandaʼama. Kun babalʼistoonni nama wajjin tajaajilan akka argatan godha. Kana malees, gumichi guyyaa ayyaanaatti Galma Walgaʼiitti walgaʼii tajaajila dirree godhachuu dandaʼa. Yookiin immoo akkuma Qoʼannaan Masaraa Eegumsaa xumurameen guutummaa gumichaatiif walgaʼii tajaajila dirree gochuun ni dandaʼama.
21 Gareewwan tajaajilaa, walgaʼii tajaajila dirree kan godhatan kopha kophaatti yoo taʼe ilaaltuun ol aanaa garee dursa fudhatee walgaʼicha geggeessa. Darbee darbee immoo gargaaraa isaa ykn obboleessa gaʼumsa qabu kan biraa ramaduu dandaʼa. Obboleessi geggeessu sun wanta tajaajila dirreetiif gaarii taʼee fi hojii irra ooluu dandaʼu qophaaʼuudhaan walgaʼicha irratti dhiheessa. Achiis obboloonni erga ramadamanii fi naannoo tajaajilaa isaanii beekanii booda obboleessi tokko kadhannaa dhiheessa. Babalʼistoonnis yeruma sana gara naannoo tajaajilaa isaanii dhaqu. Walgaʼiin tajaajila dirree daqiiqaa shanii hanga torbaa gidduutti geggeeffama; walgaʼii gumiitti aansee geggeeffama yoo taʼe immoo isaa gad taʼuu qaba. Walgaʼiin kun namoota lallabuu baʼaniif jajjabinaa fi qajeelfama kan kennu taʼuu qaba. Babalʼistoonni haaraan ykn namoonni gargaarsa barbaadan kaan obboloota muuxannoo qabanii wajjin tajaajiluudhaan leenjii argachuu dandaʼu.
GUMIIWWAN HAARAA YKN XIQQOO TAʼANIIF WALGAʼII QOPHEESSUU
22 Namoonni hedduun gara dhugaatti yeroo dhufan lakkoofsi gumiiwwaniis ni dabala. Yeroo baayʼee gumii haaraan akka hundaaʼu waajjira dameetiif kan barreessu ilaaltuu ol aanaa aanaa dha. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko gareewwan xixiqqoon gumii naannoo isaanii jiruu wajjin walitti qabamuun isaanii faayidaa qaba.
23 Tarii gumiiwwan xixiqqoon tokko tokko obboleettota qofa kan of keessatti qabatan taʼuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti obboleettiin gumicha keessatti kadhattu ykn walgaʼiiwwan gumii geggeessitu, akkuma qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu jedhutti mataa ishii haguuggachuu qabdi. (1 Qor. 11:3-16) Yeroo baayʼee garee sanatti garagaltee teessi. Obboleettonni walgaʼii irratti haasaa hin dhiheessan. Kanaa mannaa, barreeffamoota jaarmiyichaan qophaaʼan dubbisuudhaan yaada irratti kennu; yookiin immoo barumsa sana maree ykn hojiin argisiisaan dhiheessu. Obboleettiin tokko waajjira damee wajjin akka walii barreessituu fi walgaʼiiwwan gumii akka geggeessitu waajjirri damee ishii gaafachuu dandaʼa. Yeroo obboloonni gaʼumsa qaban argamanitti garuu hojii kana isaantu hojjeta.
WALGAʼIIWWAN AANAA
24 Gumiiwwan aanaa tokko keessa jiran waggaatti siʼa lama walgaʼii aanaa guyyaa tokkoof walitti qabamu. Namoonni walgaʼii gammachiisaa taʼe kana irratti argaman hundi Kiristiyaanota hidhata isaanii taʼaniif ‘garaa isaanii balʼisanii banuuf’ carraa argatu. (2 Qor. 6:11-13) Jaarmiyaan Yihowaa wantoota caalaatti barbaachisan tilmaama keessa galchuudhaan, mata duree Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi haasaawwan garaa garaa qopheessa. Barumsawwan kun haasaadhaan, hojiin argisiisaan, of haasii fi gaafannoodhaan, akkasumas hojiin argisiisawwan muuxannoo dhugaa irratti hundaaʼaniin dhihaatu. Barumsawwan yeroo sirrii taʼetti dhihaatan kun namoota achi irratti argaman hundumaa ni cimsu. Walgaʼiiwwan kana irratti barattoonni haaraan cuuphamuudhaan, Yihowaadhaaf akka of murteessan argisiisuuf carraa argatu.
WALGAʼIIWWAN NAANNOO
25 Waggaatti siʼa tokko walgaʼiiwwan guguddaan ni geggeeffamu. Walgaʼiiwwan kun yeroo baayʼee guyyaa sadiif kan geggeeffaman yeroo taʼan, gumiiwwan aanaa garaa garaa keessaa dhufantu walitti qabama. Waajjiroonni damee xixinnoon gumiiwwan isaan jala jiran hundumaa bakka tokkotti walitti qabuudhaan walgaʼii kana godhachuu dandaʼu. Biyyoota tokko tokkotti haala isaan keessa jiran irratti hundaaʼuudhaan ykn qajeelfama jaarmiyicha irraa kennamuun qophiin walgaʼiiwwan kanaaf godhamu adda taʼuu dandaʼa. Darbee darbee walgaʼiiwwan idil addunyaa ykn walgaʼiiwwan naannoo adda taʼan biyyoota tokko tokkotti ni geggeeffamu; walgaʼiiwwan kana irratti Dhugaa Baatonni Yihowaa kuma kudhaniin lakkaaʼaman biyyoota garaa garaa irraa argamuu dandaʼu. Walgaʼiiwwan guguddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa godhaniin kan kaʼe namoonni hedduun misiraachoo Mootummichaa dhagaʼuu dandaʼaniiru.
26 Saba Yihowaatiif walgaʼiiwwan guguddaan yeroo gammachiisaa tokkummaadhaan waaqeffatani dha. Walgaʼiiwwan kana irratti dhugaa ilaalchisee ibsi haaraan yoo jiraate ni kennama. Walgaʼiiwwan naannoo tokko tokko irratti barreeffamoonni haaraan dhuunfaatti dubbifamanii fi gumii irratti qoʼataman ykn tajaajila irratti itti fayyadamnu ni baʼu. Walgaʼiiwwan kana irrattis sirni cuuphaa ni jiraata. Walgaʼiiwwan naannoo kun guddina hafuuraa keenya keessatti iddoo guddaa qabu. Sabni Yihowaa namoota addunyaa mara irraa walitti qabaman taʼuu isaanii fi jaalala isa mallattoo duuka buutota Yesuus Kiristoos taʼe akka qaban walgaʼiiwwan kana irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Yoh. 13:35.
27 Walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuun keenya fedhii Yihowaa raawwachuuf nu kakaasu. Dhiibbaawwan addunyaa amantii keenya laaffisan irraas eegumsa arganna. Walgaʼiiwwan kun hundi Yihowaan akka kabajamuu fi akka jajamu godhu. (Far. 35:18; Fak. 14:28) Yihowaan sabni isaa guyyoota dhumaa kanatti karaa hafuuraa akka haaromaniif, qophiiwwan akkasii gochuu isaatiif isa galateeffanna.
IRBAATA GOOFTAA
28 Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos ykn Irbaata Gooftaa waggaatti siʼa tokko kabaju. (1 Qor. 11:20, 23, 24) Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa waggaatti siʼa tokko geggeeffaman keessaa ayyaanni kun iddoo guddaa qaba. Ayyaana Yaadannoo akka kabajnu kallattiidhaan ajajni nuu kennameera.—Luq. 22:19.
29 Guyyaan Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu guyyaa ayyaanni Faasikaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame itti kabajamu irra oola. (Bau. 12:2, 6; Mat. 26:17, 20, 26) Faasikaan ayyaana Israaʼelonni Dh.K.D. bara 1513tti Gibxii keessaa baʼuu isaanii yaadachuuf waggaa waggaatti kabajani dha. Yeroo sanatti Yihowaan hoolaa Faasikaa akka nyaatanii fi garbummaa Gibxii jalaa akka baʼaniif jiʼa isa jalqabaa keessaa guyyaa 14ffaa isaaniif murteesse. (Bau. 12:1-51) Guyyaan kun kan beekamu Yerusaalem keessatti yeroo guyyaa fi halkan wal qixxaatutti guyyaa jiini baatu irraa kaʼanii guyyaa 13 lakkaaʼuudhaani. Ayyaanni kun yeroo baayʼee kan kabajamu waqtii birraa guyyaa halkanii fi guyyaan isaa wal qixxee taʼutti aansee, yeroo jiini goobanutti dha.
30 Akkaataa Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu ilaalchisee wanti Yesuus dubbate Maatewos 26:26-28 irratti ibsameera. Kun sirna amantaa Waaqaa wajjin hariiroo adda taʼe qabaachuuf adeemsifamu miti; kanaa mannaa, Irbaata namoonni Kiristoosii wajjin Mootummaa isaa isa samii irratti bulchuuf waamaman qooddatani dha. (Luq. 22:28-30) Kiristiyaanonni of murteessan hundii fi namoonni fedhii qaban kaan Irbaata Gooftaa kana irratti akka argaman ni jajjabeeffamu. Ayyaanicha irratti argamuudhaan qophii Yihowaan karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos isa ilmaan namootaa hundumaa fayyaduuf godheef dinqisiifannaa akka qaban argisiisu. Ayyaana Yaadannoo dura haasaan addaa ayyaanicha hawwiidhaan akka eeggannu godhuu fi namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan jajjabeessu ni dhihaata.
31 Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiiwwan keenya ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, akkasumas xiyyeeffannaa waliif kennuuf’ nu gargaaran hawwiidhaan eeggatu. (Ibr. 10:24) Garbichi amanamaa fi ogeessi wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu irratti hundaaʼuudhaan walgaʼiiwwan kana dammaqinaan nuuf qopheessa. Namoota fedhii qaban dabalatee tajaajiltoonni Yihowaa hundi walgaʼiiwwan kana irratti yeroo hundumaa argamuudhaan faayidaa guutuu akka argatan jajjabeeffamaniiru. Tajaajiltoonni Waaqayyoo qophii Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa godhe kanaaf dinqisiifannaa guddaa akka qaban argisiisuudhaan tokkummaa isaanii eeggatu. Hunda caalaa immoo Yihowaadhaaf jajannaa fi ulfina argamsiisu.—Far. 111:1.