BOQONNAA 17
Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
YAAQOOB BARATICHI, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedhee barreesseera. (Yaq. 4:8) Cubbuu kan dhaalle taanus Yihowaan wanta dubbannu dhagaʼuuf nu irraa fagoo miti. (HoE. 17:27) Maarree Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaa garaadhaa madde isatti dhiheessuu dabalatee dhuunfaatti Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuudhaan kana gochuu dandeenya. (Far. 39:12) Kana malees, yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe qoʼachuudhaan isaa wajjin hariiroo cimaa uumuu dandeenya. Kana gochuudhaan Yihowaa, kaayyoo isaa fi fedha inni nuuf qabu beekuu dandeenya. (2 Xim. 3:16, 17) Yoo akkas goone isa jaallachuu baranna; akkasumas akka isa hin gaddisiisne sodaa sirrii horanna.—Far. 25:14.
2 Yihowaatti dhihaachuun kan dandaʼamu garuu karaa Ilma isaa Yesuusiin qofa dha. (Yoh. 17:3; Rom. 5:10) Yesuus caalaa qaamni yaada Yihowaa akka gaariitti hubachuuf nu gargaaruu dandaʼu hin jiru. Inni Abbaa isaa akka gaariitti waan beekuuf akkana jedhee dubbateera: “Abbaa malee Ilmi eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee Abbaan eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru.” (Luq. 10:22) Kanaafuu, Wangeelota qoʼachuudhaan yaadaa fi miira Yesuus yommuu barannu, yaadaa fi miira Yihowaa barachaa jirra jechuun ni dandaʼama. Beekumsi akkasii caalaatti Waaqa keenyatti dhihaachuuf nu gargaara.
3 Matummaa Ilma Waaqayyoo jala taanee kutaa jaarmiyaa isaa isa mulʼatuu fi fedhiin Waaqayyoo maal akka taʼe beekuuf nu gargaarutti dhihaachuudhaan Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumna. Akkuma Maatewos 24:45-47 irratti dursee dubbatame, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos maatii isaatiif ‘yeroo sirrii taʼetti nyaata akka kennuuf garbicha amanamaa fi ogeessa’ muudeera. Yeroo harʼaatti, garbichi amanamaan nyaata hafuuraa hedduu nuuf dhiheessaa jira. Yihowaan karaa garbicha kanaa guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisnu, yeroo hunda walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akka argamnuu fi ‘misiraachoo Mootummichaa’ lallabuu irratti hirmaannaa gaarii akka goonu nu gorsa. (Mat. 24:14; 28:19, 20; Iya. 1:8; Far. 1:1-3) Garbichi amanamaan mudaa kan qabu taʼus, garbichi kun Waaqayyoon akka geggeeffamu mirkanaaʼoo dha. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa mulʼatutti dhihaannee jiraachuu fi qajeelfama isaa hojii irra oolchuuf carraaqqii gochuu qabna. Kun Waaqa keenya Yihowaatti caalaatti dhihaachuu fi yeroo qorumsi nu irra gaʼutti jabinaa fi eegumsa argachuuf nu gargaara.
RAKKOON DABALAA KAN JIRU MAALIIFI?
4 Tarii waggoota hedduudhaaf dhugaa keessa jiraatteetta taʼa. Taanaan, amanamummaa kee eeggachuuf qorumsa dandamachuu jechuun maal jechuu akka taʼe akka beektu hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, Yihowaa kan beektee fi saba isaatti kan makamte dhiheenya yoo taʼe illee, Seexanni nama ol aantummaa Yihowaatiif bitamuu barbaadu kam iyyuu akka mormu hubatteetta. (2 Xim. 3:12) Kanaafuu, qorumsi si irra gaʼu muraasas taʼe hedduu, sodaachuus taʼe abdii kutachuu hin qabdu. Yihowaan akka si cimsuu fi akka si oolchu, akkasumas gara fuulduraatti jireenya akka siif kennu waadaa galeera.—Ibr. 13:5, 6; Mul. 2:10.
5 Guyyoota dhumaa sirna Seexanaa kana keessatti hunda keenya irra iyyuu qorumsi gaʼuun isaa hin oolu. Seexanni erga Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti hundeeffamee jalqabee samii Yihowaan keessa jiraatu akka hin seenne dhorkameera. Lafa bakka innii fi maleekonni isaa hamoon daangeffamanitti gad darbatameera. Ariʼatama cimaa tajaajiltoota Yihowaa isaaf of murteessan irra gaʼu dabalatee, lafa irratti wayyoon baayʼachuun isaa Seexanni akka aaree fi kan jiraannu guyyoota gara dhumaa bulchiinsa isaa isa hamaa keessa akka taʼe argisiisa.—Mul. 12:1-12.
6 Seexanni salphina isa irra gaʼeen baayʼee aareera. Akkasumas yeroon gabaabaan qofti akka isaaf hafe beeka; jinniiwwan isaatti fayyadamee hojii Mootummicha labsuu dhaabuu fi tokkummaa tajaajiltoota Waaqayyoo balleessuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. Kun immoo waraana hafuuraa akka geggeessinu nu dirqisiisa; waraana kana ilaalchisee, “Waldhaansoon keenya dhiigaa fi foonii wajjin miti; kanaa mannaa mootummoota, abbootii taayitaa, bulchitoota addunyaa isa dukkanaaʼaa kanaa, jechuunis humnoota hafuurota hamoo iddoowwan samii keessa jiranii wajjini dha” jedhameera. Yihowaa cinaa dhaabbannee injifachuu yoo barbaanne loluu keenya itti fufuu qabna; akkasumas meeshaa waraanaa hafuuraa keenya cimsinee hidhachuu qabna. “Malawwan haxxummaa Diyaabilos [morminee] dhaabbachuu” qabna. (Efe. 6:10-17) Kana gochuuf immoo jabaannee dhaabbachuun keenya barbaachisaa dha.
AMALA JABAATANII DHAABBACHUU HORACHUU
7 Jabaatanii dhaabbachuu jechuun “rakkina ykn qorumsa dandamachuu” jechuu dha. Jireenya hafuuraa wajjin haala wal qabateen immoo jabaatanii dhaabbachuu jechuun, rakkinni, mormiin, ariatamni ykn wanti Waaqayyoof amanamoo akka hin taane nu godhu kam iyyuu utuma jiruu wanta sirrii raawwachuu keenya itti fufuu jechuu dha. Kiristiyaanonni amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu qabu. Kun immoo yeroo fudhata. Guddina hafuuraa gochaa yommuu deemnu, amalli jabaatanii dhaabbachuu keenyas dabalaa deema. Qorumsawwan xixinnoo jireenya Kiristiyaanummaa yommuu jalqabnetti nu mudatan dandamachuudhaan, qorumsawwan guguddaa gara fuulduraatti nu mudachuun isaanii hin oolle dandamachuuf cimina qabaachuu dandeenya. (Luq. 16:10) Qorumsi cimaan yeroo nu irra gaʼutti amantii keessa jabaannee dhaabbachuuf murteessuu kan qabnu, qorumsi erga nu irra gaʼee booda utuu hin taʼin qorumsi nu irra gaʼuu isaa dura dha. Qorumsi nu irra gaʼuu isaa dura murtoo cimaa gochuu qabna. Pheexiros ergamaan amaloota Waaqayyoon gammachiisan kan biroo dabalatee, amala jabaatanii dhaabbachuu horachuun barbaachisaa taʼuu isaa ibsuuf akkas jedhee barreesseera: “Amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa keessan irratti beekumsa dabaluuf wanta dandeessan hunda godhaa; beekumsa keessan irratti of toʼachuu, of toʼachuu keessan irratti jabaatanii dhaabbachuu, jabaatanii dhaabbachuu keessan irratti Waaqayyoof buluu, Waaqayyoof buluu keessan irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa keessan irratti, nama hunda jaallachuu dabalaa.”—2 Phe. 1:5-7; 1 Xim. 6:11.
Qorumsa nu irra gaʼu yommuu dandamannu amalli jabaatanii dhaabbachuu keenya guyyaa guyyaatti cimaa deema
8 Yaaqoobis xalayaa isaa irratti jabaatanii dhaabbachuun barbaachisaa taʼuu isaa yommuu ibsu akkana jedheera: “Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa; kana yommuu gootan amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu akka isiniif argamsiisu ni beektu. Haa taʼu malee, wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.” (Yaq. 1:2-4) Yaaqoob, qorumsi jabaatanii dhaabbachuu horachuuf waan isaan gargaaruuf, Kiristiyaanonni qorumsa jibbuu mannaa gammachuudhaan dandaʼuu akka qaban dubbateera. Atoo qorumsaaf ilaalcha akkasii qabdaa? Yaaqoob itti dabaluudhaan jabaatanii dhaabbachuun amala Kiristiyaanaa keenya fiixaan akka baasuu fi Waaqayyo duratti guutummaatti fudhatama akka nuuf argamsiisu ibseera. Eeyyee, qorumsa nu irra gaʼu yommuu dandamannu amalli jabaatanii dhaabbachuu keenya guyyaa guyyaatti cimaa deema. Jabaatanii dhaabbachuun immoo, amaloota barbaachisoo kan biroo horachuuf nu gargaara.
9 Jabaannee dhaabbachuun keenya Yihowaa ni gammachiisa; kun immoo jireenya bara baraa nu badhaasuuf isa kakaasa. Yaaqoob itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha; sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa isa Yihowaan warra isa jaallachuu isaanii itti fufaniif waadaa gale ni argata.” (Yaq. 1:12) Eeyyee, jabaatanii dhaabbachuun jireenya keenya kan tuqu dha. Jabaannee yoo dhaabbanne malee dhugaa keessa jiraachuu hin dandeenyu. Dhiibbaa addunyaatiif harka yoo kennine gara addunyaatti deebiʼuuf dirqamuun keenya hin oolu. Jabaannee yoo dhaabbanne malee hafuura Yihowaa qabaannee itti fufuu hin dandeenyu; akkasumas firii isaa jireenya keenya keessatti horachuu hin dandeenyu.
10 Yeroowwan rakkisoo taʼan kanatti jabaannee dhaabbachuu yoo barbaanne, qorumsa Kiristiyaanota taʼuu keenyaan nu irra gaʼuuf ilaalcha sirrii qabaachuu qabna. Yaaqoob, “Akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa” jedhee barreessuu isaa yaadadhu. Qorumsi miidhaa qaamaa ykn sammuu waan geessisuuf akkas gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, kun dhimma jireenyaa taʼuu isaa yaadadhu. Haalli ergamoota mudate tokko qorumsa keessatti gammachuu qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Seenaan isaanii kun kitaaba Hojii Ergamootaa irratti argama; akkana jedha: “Ergamoota waamanii erga garafanii booda, maqaa Yesuusiin dubbachuu isaanii akka dhaaban ajajanii isaan gadhiisan. Kanaafuu, isaan maqaa isaatiif jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii gammadaa yaaʼii Saanhedriin duraa baʼan.” (HoE. 5:40, 41) Ergamoonni rakkinni isaan irra gaʼuun isaa, ragaa Yesuusiif ajajamaa akka jiranii fi Yihowaa duratti fudhatama akka argatan mirkaneessu taʼuu isaa hubataniiru. Pheexiros waggoota hedduu booda geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaa isaa isa jalqabaa yeroo barreessetti, qajeelinaaf jedhanii dhiphachuun faayidaa qabaachuu isaa dubbateera.—1 Phe. 4:12-16.
11 Muuxannoon kan biraa immoo Phaawulosii fi Siilaasii wajjin kan wal qabate dha. Filiphisiyusitti hojii misiyoonummaa isaanii yeroo raawwachaa turanitti, magaalattii jeeqaa fi aadaa hin heyyamamne labsaa akka jiran himatamanii qabaman. Kanaan kan kaʼes, garmalee reebamanii mana hidhaa galfaman. Seenaan Kitaaba Qulqulluu utuma madaaʼanii mana hidhaa keessa jiranii wanta raawwatame yommuu ibsu, “Gara halkan walakkaa garuu Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa fi faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachaa turan; hidhamtoonnis isaan dhaggeeffatu turan” jedha. (HoE. 16:16-25) Phaawulosii fi michuun isaa kun Kiristoosiif jedhanii dhiphachuun isaanii amanamoo taʼuu isaanii qofa kan argisiisu utuu hin taʼin, namoota misiraachicha dhagaʼuu barbaadaniif dhugaa baʼiinsa dabalataa akka kennutti ilaalanii turan. Kanaafuu, kun jireenya namoota kaaniis kan ilaallatu ture. Gaafuma sana galgala, eegduun mana hidhaa fi maatiin isaa misiraachicha dhagaʼanii barattoota taʼan. (HoE. 16:26-34) Phaawulosii fi Siilaas Yihowaatti, humna isaa fi fedhii inni rakkina keessatti isaan cimsuuf qabutti amanamaniiru. Akkas gochuun isaaniis isaan kiiseera.
12 Yeroo harʼaattis Yihowaan, wanta qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaaru hunda nuuf dhiheesseera. Inni jabaannee akka dhaabbannu barbaada. Waaʼee kaayyoo isaa beekumsa sirrii argachuu akka dandeenyuuf, Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame nuuf kenneera. Kun immoo amantii keenya nuuf cimsa. Namoota hidhata amantaa keenyaa wajjin taʼuu fi tajaajila qulqulluu dhiheessuuf carraa qabna. Kana malees, karaa kadhannaa hariiroo cimaa Yihowaa wajjin qabnu eeggachuuf mirga arganneerra. Inni jajannaa isaaf dhiheessinu, akkasumas kadhannaa garaadhaa maddee fi ejjennoo qulqulluu isa duratti qabnu eeggannee itti fufuuf dhiheessinu ni dhagaʼa. (Filp. 4:13) Jabina abdii keenya irratti xiinxaluudhaan argannus akka laayyootti ilaaluu hin qabnu.—Mat. 24:13; Ibr. 6:18; Mul. 21:1-4.
RAKKOOWWAN GARAA GARAA DANDAMACHUU
13 Rakkoowwan yeroo harʼaatti nu irra gaʼan, rakkoowwan barattoota Yesuus Kiristoos warra jaarraa jalqabaa irra gaʼaa turanii wajjin baayʼee wal fakkaatu. Yeroo ammaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa mormitoota odeeffannoo dogoggoraa qaban irraa arrabsoo fi miidhaan qaamaa isaan irra gaʼaa jira. Akkuma bara ergamootaa yeroo harʼaattis, baayʼinaan mormii kan kakaasan finxaalessitoota amantaa warra barumsii fi gochi isaanii inni sobaa Kitaaba Qulqulluu keessatti saaxilame dha. (HoE. 17:5-9, 13) Darbee darbee, sabni Yihowaa mirga seeraa mootummoonni siyaasaa kennanitti fayyadamuudhaan boqonnaa argataniiru. (HoE. 22:25; 25:11) Haa taʼu malee, bulchitoonni tajaajila Kiristiyaanaa keenya dhaabsisuuf hojii keenya irra dhorkaas kaaʼaniiru. (Far. 2:1-3) Yeroowwan akkasiitti, fakkeenya ergamoota amanamoo warra ija jabinaan, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jedhanii hordofna.—HoE. 5:29.
14 Hafuurri sabboonummaa yeroo biyya lafaa irratti garmalee babalʼate kanatti, namoonni misiraachicha lallaban tajaajila Waaqayyo isaaniif kenne akka dhiisan dhiibbaa guddaan isaan irra gaʼa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi “bineensichaa fi bifa fakkeenyaa isaa” waaqeffachuu ilaalchisee akeekkachiisa Mulʼata 14:9-12 irratti kenname guutummaatti hubataniiru. Yaanni Yohaannis, “Qulqulloonni warri ajajawwan Waaqayyoo eeganii fi amantii Yesuus jabeessanii qabatan, jabaatanii dhaabbachuun kan isaan barbaachisu kana irratti dha” jechuudhaan dubbate hiika maalii akka qabu beekna.
15 Qorumsawwan sababa waraanaa, warraaqsaa ykn ariʼatamaa fi dhorkaa mootummoonni kaaʼaniin dhufan, waaqeffannaa kee ifatti akka hin raawwanne gochuu dandaʼu. Obboloota kee wajjin walitti qabamuu hin dandeessu taʼa. Waajjira damee wajjin wal qunnamuun hin dandaʼamu taʼa. Ilaaltonni ol aanaa aanaas nu daawwachuu hin dandaʼan taʼa. Barreeffamoota argachuu dhiisuu dandeenya. Wantoota kana keessaa tokko yoo si mudate maal gochuu qabda?
16 Haala sana keessatti wanta gochuu dandeessu hundumaa godhi. Qoʼannaa dhuunfaa gochuu dandeessa. Yeroo baayʼee gareewwan xixinnoon qoʼannaadhaaf mana dhuunfaatti walitti qabamuu dandaʼu. Barreeffamoota kanaan dura qoʼatamanii fi Kitaaba Qulqulluu fayyadamuudhaan walgaʼii godhachuun ni dandaʼama. Hin dhiphatin ykn hin naʼin. Qaamni Ol Aanaan yeroo gabaabaa keessatti mala ittiin obboloota itti gaafatamummaa qabanii wajjin wal qunnamu ni qopheessa.
17 Obboloota kee hunda irraa yoo adda baate illee, Yihowaa fi Ilmi isaa Yesuus Kiristoos sii wajjin akka jiran yaadadhu. Abdiin kee cimaa taʼee itti fufuu dandaʼa. Yihowaan yeroo akkasiitti illee kadhannaa kee ni dhagaʼa, hafuura isaatiinis si cimsa. Qajeelfama akka siif kennu isa kadhadhu. Tajaajilaa Yihowaa fi barataa Yesuus Kiristoos taʼuu kee yaadadhu. Kanaafuu, carraa argattetti fayyadamuudhaan dhugaa baʼuuf yaali. Yihowaan carraaqqii kee ni eebbisa, yeroo muraasa gidduuttis namoota si wajjin waaqeffatan argachuu dandeessa.—HoE. 4:13-31; 5:27-42; Filp. 1:27-30; 4:6, 7; 2 Xim. 4:16-18.
18 Haa taʼu malee, akkuma ergamootaa fi warra kaanii, doorsisni ajjeechaa yoo si irra gaʼe, “waaqa isa warra duʼan duʼaa kaasutti” amanami. (2 Qor. 1:8-10) Amantiin abdii duʼaa kaʼuu inni kenne irratti qabdu mormii cimaa illee dandamachuuf si gargaara. (Luq. 21:19) Kiristoos Yesuus fakkeenya gaarii taʼeera; qorumsa keessatti amanamaa taʼuun isaa warra kaan akka cimsu beeka ture. Atis haaluma wal fakkaatuun obboloota keetiif madda jajjabinaa taʼuu dandeessa.—Yoh. 16:33; Ibr. 12:2, 3; 1 Phe. 2:21.
19 Ariʼatamaa fi mormii malees haalawwan rakkisoo kan biroo dandamachuun si barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboloonni tokko tokko namoonni naannoo tajaajilaa isaanii dantaa kan hin qabne taʼuun isaanii abdii isaan kutachiiseera. Warri kaan immoo dhibee qaamaa ykn miiraa qaban dandamachuun isaan barbaachiseera ykn immoo dadhabina nama taʼuun isaanii isaanitti fide dandamachuun isaan barbaachiseera. Phaawulos ergamaanis qorumsawwan tajaajila isaa daangessan ykn rakkisaa akka isatti taʼu taasisan tokko tokko dandamachuun isa barbaachiseera. (2 Qor. 12:7) Kana malees, Ephaafrodixos inni jaarraa jalqabaatti Filiphisiyus keessa jiraachaa ture, ‘michoonni isaa akka inni dhukkubsate waan dhagaʼaniif baayʼee dhiphatee’ ture. (Filp. 2:25-27) Nutis taane warri kaan cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya rakkina dandamachuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Amala adda addaa qabaachuu keenyaan kan kaʼe, Kiristiyaana hidhata amantii keenyaa taʼee wajjin ykn miseensa maatii keenyaa wajjin illee walitti buʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, gorsa Dubbii Yihowaa keessa jiru hojii irra oolchuudhaan rakkoowwan akkasii dandamachuu fi moʼuu ni dandeenya.—His. 2:3-5; 1 Qor. 9:27; 13:8; Qol. 3:12-14; 1 Phe. 4:8.
AMANAMOO TAANEE JIRAACHUUF MURTEESSUU
20 Yesuus Kiristoos isa Yihowaan Mataa gumii godhee muudetti maxxannee jiraachuu qabna. (Qol. 2:18, 19) ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa,’ akkasumas ilaaltota ol aanaa muudamanitti dhihaannee hojjechuu qabna. (Ibr. 13:7, 17) Qophiiwwan tiʼookraasii guutummaatti deggeruu fi obboloota dura buʼanii geggeessanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuudhaan, fedha Yihowaa raawwachuuf gurmaaʼuu dandeenya. Mirga kadhannaa argannetti guutummaatti fayyadamuu qabna. Gamoon mana hidhaas taʼe, warra kaan irraa adda baafamnee hidhamuun keenya Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa taʼee wajjin akka wal hin qunnamne gochuu ykn tokkummaa obboloota keenyaa wajjin qabnu matumaa balleessuu hin dandaʼu.
21 Kutatoo taʼuu fi jabaannee dhaabbachuudhaan ergama lallabaa keenya galmaan gaʼuuf wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu; akkasumas hojii Yesuus Kiristoos inni duʼaa kaʼe, barattoota isaatiif, “Dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jechuudhaan kenne hojjechuu keenya itti haa fufnu. (Mat. 28:19, 20) Akkuma Yesuus jabaannee haa dhaabbannu. Abdiin Mootummichaa fi abdiin jireenya bara baraa nuuf haa dhugoomu. (Ibr. 12:2) Barattoota Kiristoos cuuphamne waan taaneef, raajiin Yesuus “dhuma sirna kanaa” ilaalchisee dubbate akka raawwatamu gochuu irratti hirmaachuuf mirga arganneerra. Yesuus akkana jedheera: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.” (Mat. 24:3, 14) Yeroo ammaatti garaa guutuudhaan hojii kana irratti yoo hirmaanne, addunyaa haaraa qajeelummaan Yihowaa keessa buufate keessa seenuudhaan jireenya bara baraa arganna!