FAARFANNAA 58
Warra Nagaa Jaallatan Barbaaduu
1. ‘Dhugaa lallabaa’ jedheera Yesuus;
Inni hundaaf lallabeera,
Yeroo hoʼaa, awwaararras.
Hoolota Yihowaa ni jaallate.
Fagoo deemee dhamaatiidhaan
isaan argate.
Manaa manatʼ karaarrattis,
Rakkoon kan hafu taʼuusaa
Ni himna hundattʼ oduu gammachiisaa.
(BUUSAA)
Addunyaarraa
Michoota nagaa ni barbaanna;
Nama fayyu
Argachuuf cimnee tajaajilla,
Hundattʼ himuuf
Ni carraaqna.
2. Yeroon waan dhumeef dafnee lallabna.
Kumaatama hedduu keessaa,
Tokkollee oolchuuf dhamaana.
Jaalalaan kaanee deebinee dhaqna.
Garaan cabe ni fayya,
jabina argata.
Bakka hundumaa ni deemna,
Kan dhagaʼu yoo arganne,
Ni gammanna hojicha itti fufna.
(BUUSAA)
Addunyaarraa
Michoota nagaa ni barbaanna;
Nama fayyu
Argachuuf cimnee tajaajilla,
Hundattʼ himuuf
Ni carraaqna.
(Dabalataan, Isa. 52:7; Mat. 28:19, 20; Luq. 8:1; Rom. 10:10 ilaali.)