BOQONNAA 11
Guyyaa Cidhaa Booda
“Jaalalli matumaa hin badu.”—1 QORONTOS 13:8.
1, 2. Gaaʼelli tokko rakkina qabaachuun isaa milkaaʼina hin arganne jechuudhaa? Ibsi.
GAAʼELLI kennaa Yihowaa biraa argame dha. Jireenyi nama tokkoo gammachiisaa akka taʼu gochuu dandaʼa. Taʼus, gaaʼelli hundi rakkina mataa isaa qaba. Rakkoowwan kun matumaa dhuma kan hin qabne fakkaachuu, akkasumas abbaan manaa fi haati manaa akka duraanii akka walitti hin dhihaanne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.
2 Gaaʼela keenya keessatti darbee darbee yoo rakkinni uumame dinqisiifamuu hin qabnu. Taʼus, rakkinni jira jechuun gaaʼelli keenya hin milkoofne jechuu miti. Hiriyoonni gaaʼelaa rakkina baayʼee cimaa qaban illee, karaawwan hariiroo isaanii fi gaaʼela isaanii deebisanii itti cimsan argataniiru. Akkamitti?
WAAQAYYOTTII FI WALITTI CAALAATTI DHIHAACHUU
3, 4. Yeroo tokko tokko gaaʼela keessatti maaltu uumamuu dandaʼa?
3 Gaaʼelli namoota adda addaa, wanta jaallatan ykn jibban, akkasumas yaada gara garaa qabanii fi karaa gara garaatiin wanta tokko hojjetan lama walitti fida. Kana malees, abbaan manaa fi haati manaa akkaataa guddinaa ykn aadaa gara garaa kan qaban taʼuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa akka gaariitti wal beekuu fi wal hubachuuf yeroo isaanitti fudhata, akkasumas carraaqqii gochuu gaafata.
4 Yeroon yommuu darbaa adeemu immoo, abbaan manaa fi haati manaa, dhimma dhuunfaa isaanii irratti xiyyeeffachuudhaan wal irraa fagaachuu dandaʼu. Jireenya gara garaa waan jiraatan fakkaachuu dandaʼa. Maarree caalaatti walitti dhihaachuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
5. (a) Kiristiyaanni tokko caalaatti hiriyaa gaaʼelaa isaatti akka dhihaatu maaltu isa gargaaruu dandaʼa? (b) Akka Ibroota 13:4 irratti ibsametti gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
5 Yihowaan gorsa gaarii atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee isattii fi walitti akka dhihaattan isin gargaaruu dandaʼu kenneera. (Faarfannaa 25:4; Isaayyaas 48:17, 18) Yihowaan, “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu” jechuudhaan nutti himeera. (Ibroota 13:4) Wanti kabajamaa akka taʼetti ilaaltu tokko, gatii guddaa fi faayidaa kan qabu dha. Wanta kana ni eegda malee akka laayyootti hin ilaaltu. Yihowaan gaaʼelaaf ilaalcha akkasii akka qabaannu barbaada.
YIHOWAA JAALLACHUUN GAAʼELA KEESSAN FOOYYESSUU DANDAʼA
6. Maatewos 19:4-6 ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu ilaalchisee maal jedha?
6 Gaaʼela jalqabaa kan hundeesse Yihowaa dha. Ilmi isaa Yesuus akkana jedheera: “Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume hin dubbisnee? ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaan isaanii foon tokko taʼu.’ Kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.” (Maatewos 19:4-6) Yihowaan jalqabumaa kaasee, gaaʼela kan hundeesse itti fufiinsa akka qabaatuuf ture. Maatiiwwan akka walitti dhihaatanii fi jireenyatti akka waliin gammadan barbaadee ture.
7. Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa gaaʼela isaanii cimsuu kan dandaʼan akkamitti?
7 Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran, isa yeroo kamii iyyuu caalaa dhiphinnii fi dhiibbaa guddaan isaan irra gaʼa. Yeroo tokko tokko dhiibbaan akkasii baayʼee cimaa waan taʼuuf, gaaʼelli isaanii itti fufuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama; kanaan kan kaʼes, abdii kutatu. Taʼus, Yihowaan gaaʼelaaf ilaalcha akkamii akka qabu hubachuun nu gargaaruu dandaʼa.—1 Yohaannis 5:3.
8, 9. (a) Qajeelfama Yihowaan gaaʼela ilaalchisee kenne hordofuu kan qabnu yoomi? (b) Gaaʼelli keenya gatii guddaa akka nuuf qabu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Qajeelfamni Yihowaa yeroo hundumaa faayidaa nuuf argamsiisa. Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan, “Gaaʼelli . . . kabajamaa haa taʼu” jechuudhaan gorsa nuuf kenneera. (Ibroota 13:4; Lallaba 5:4) Yeroo rakkisaa taʼutti illee qajeelfama Yihowaa yoo hordofne faayidaa akka argannu homaa hin shakkisiisu.—1 Tasalonqee 1:3; Ibroota 6:10.
9 Gaaʼelli keenya nuuf gatii guddaa waan qabuuf, wanta gaaʼela keenya miidhu kam iyyuu gochuu ykn dubbachuu irraa of qusanna. Kanaa mannaa, hariiroon hiriyaa gaaʼelaa keenyaa wajjin qabnu caalaatti cimaa akka taʼu barbaanna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
WANTA DUBBATTUU FI RAAWWATTUUN GAAʼELA KEE KABAJI
10, 11. (a) Gaaʼela tokko tokko keessa rakkina cimaa akkamiitu jira? (b) Akkaataa abbaa manaa ykn haadha manaa keenyatti itti dubbannuuf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
10 Namni tokko karaawwan gara garaa hedduudhaan hiriyaa gaaʼelaa isaa miidhuu dandaʼa. Kiristiyaanonni hiriyaa gaaʼelaa isaanii rukutuu ykn wanta karaa qaamaa isaan miidhu kam iyyuu raawwachuu akka hin qabne beekna. Taʼus, dubbiidhaan wal miidhuu dandeenya taʼa. Jechoonni meeshaa waraanaa taʼuu ni dandaʼu. Dubartiin takka akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo dubbiidhaan na rukuta. Dirmammuu alaan mulʼatu hin qabu taʼa, haa taʼu malee, dubbiin isaa inni yeroo hunda nama madeessu, kan akka ‘Ati baʼaa dha!’ akkasumas ‘Ati gatii hin qabdu!’ jedhan garaa koo irratti godaannisa uumaniiru.” Abbaan manaa tokko, haati manaa isaa yeroo hundumaa dubbii ishiitiin akka isa salphistuu fi akka isa arrabsitu dubbateera. Akkana jedheera: “Wanta ishiin naan jettu, deebisee dubbachuun natti ulfaata. Ishiitti dubbachuu kanan hin dandeenyee fi bakka hojii kanan turu kanaafi. Manatti galuu mannaa kana gochuu naaf wayya.” Arrabsoo fi dubbii hamaa miira namaa miidhu dubbachuun yeroo harʼaa baramaa dha.
11 Abbaan manaa fi haati manaa dubbii hamaa yommuu walitti dubbatan madaan miiraa fayyuuf yeroo dheeraa fudhatu uumamuu dandaʼa. Yihowaan abbaan manaa fi haati manaa akkasitti akka walitti dubbatan akka hin barbaanne ifaa dha. Haa taʼu malee, utuu hin beekin illee hiriyaa gaaʼelaa kee miidhuu ni dandeessa. Ati hiriyaa gaaʼelaa keetiif gaarii akka taate sitti dhagaʼama taʼa, haa taʼu malee, hiriyaa gaaʼelaa keetti maaltu dhagaʼama? Wanti ati dubbatte tokko hiriyaa gaaʼelaa kee yoo miidhe, jijjiirama gochuuf fedhii qabdaa?—Galaatiyaa 5:15; Efesoon 4:31 dubbisi.
12. Hariiroo namni gaaʼela godhate tokko Yihowaa wajjin qabu irratti maaltu dhiibbaa gochuu dandaʼa?
12 Yihowaan namoota birattis taʼe kophaatti akkaataa ati hiriyaa gaaʼelaa kee itti haasofsiistuuf xiyyeeffannaa kenna. (1 Pheexiros 3:7 dubbisi.) Yaaqoob 1:26, “Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne yoo taʼe, inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu” jechuudhaan nu yaadachiisa.
13. Karaa kan biraan namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa miidhuu itti dandaʼu maali dha?
13 Karaawwan hiriyoonni gaaʼelaa walii isaaniitiif of eeggannoo gochuu itti qaban kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, nama kan biraa wajjin yeroo dheeraa dabarsuu yoo jalqabde hiriyaa gaaʼelaa keetti maaltu dhagaʼama? Kana kan gootu, tajaajila irratti waliin hirmaachuuf ykn rakkina tokko irratti gargaarsa gochuuf garaa qulqulluudhaan kakaatee yoo taʼe illee hiriyaan gaaʼelaa kee ni miidhamaa? Haati manaa Kiristiyaanni takka akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo obboleettii gumii keessa jirtu takkaaf xiyyeeffannaa guddaa fi yeroo hedduu yommuu kennu arguun na miidha. Namaa gad akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godha.”
14. (a) Uumama 2:24 irraa dhugaa buʼuuraa akkamii baranna? (b) Gaaffii kam of gaafachuu qabna?
14 Kiristiyaanota waan taaneef, warra keenya, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya gumii keessa jiraniif itti gaafatamummaa qabna. Taʼus, yommuu gaaʼela godhannu, itti gaafatamummaan keenya inni guddaan abbaa manaa ykn haadha manaa keenyaafi. Yihowaan, abbaan manaa ‘haadha manaa isaatti ni maxxana’ jedheera. (Uumama 2:24) Miirri hiriyaa gaaʼelaa keenyaa nuuf iddoo guddaa qaba. ‘Yeroo, xiyyeeffannaa fi jaalala hiriyaan gaaʼelaa koo barbaaduu fi argachuu qabu kennaafiin jiraa?’ jedhii of gaafadhu.
15. Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan nama hiriyaa gaaʼelaa isaanii hin taanetti garmalee dhihaachuu irraa of qusachuu kan qaban maaliifi?
15 Nama abbaa manaa ykn haadha manaa keenya hin taanetti baayʼee yoo dhihaanne, kun gaaʼela keenya irratti dhiphina fida. Nama sanaa wajjin miiraan baayʼee walitti dhihaachuu fi miira jaalalaa isaaf qabaachuu dandeenya. (Maatewos 5:28) Miirawwan akkasii guddatanii wanta gaaʼela kee salphisu akka raawwattu si gochuu dandaʼu.
‘CIISICHI GAAʼELAA QULQULLUU HAA TAʼU’
16. Kitaabni Qulqulluun gaaʼela ilaalchisee ajaja akkamii kenna?
16 Kitaabni Qulqulluun, “Gaaʼelli . . . kabajamaa haa taʼu” erga jedhee booda, “Ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu; sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa” jedha. (Ibroota 13:4) As irratti, ‘ciisicha gaaʼelaa’ kan jedhame, saalqunnamtii abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu argisiisa. (Fakkeenya 5:18) Maarree hariiroo kanaaf kabaja akka qabnuu fi akka hin xureessine argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
17. (a) Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen ejjaaf ilaalcha akkamii qabu? (b) Kiristiyaanonni ejja akkamitti ilaaluu qabu?
17 Namoonni yeroo harʼaa jiran tokko tokko, hiriyaa gaaʼelaatiif amanamaa taʼuu dhiisuun dogoggora akka qabu hin yaadan. Nuti garuu ilaalchi akkasii dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu hin qabnu. Yihowaan halalummaa fi ejja akka jibbu ifa godheera. (Roomaa 12:9 dubbisi; Ibroota 10:31; 12:29) Nama abbaa manaa ykn haadha manaa keenya hin taanee wajjin saalqunnamtii yoo raawwanne gaaʼela keenya xureessina. Ulaagaa Yihowaatiif kabaja akka hin qabne argisiisna, akkasumas hariiroo isaa wajjin qabnu balaadhaaf saaxilla. Kanaafuu, tarkaanfii jalqabaa gara ejjaatti geessuu dandaʼu irraa illee fagaachuu qabna. Kunis waaʼee nama kan biraa wanta sirrii hin taane yaaduu irraa of qusachuu dabalata.—Iyyoob 31:1.
18. (a) Ejji waaqolii sobaa waaqeffachuu wajjin kan wal fakkaatu maaliifi? (b) Yihowaan ejja akkamitti ilaala?
18 Israaʼel durii keessatti akka Seera Museetti ejji cubbuu cimaa yeroo taʼu, waaqolii sobaa waaqeffachuu wajjin tokko akka taʼetti lakkaaʼama ture. Lamaaniifuu adabni kennamu duʼa ture. (Leewwota 20:2, 10) Ejji waaqolii sobaa waaqeffachuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? Namni Israaʼel tokko waaqolii sobaa yoo waaqeffate, waadaa Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf gale cabsa. Ejja yoo raawwate immoo, waadaa hiriyaa gaaʼelaa isaatiif amanamaa taʼuuf gale cabsa. (Baʼuu 19:5, 6; Keessa Deebii 5:9; Miilkiyaas 2:14 dubbisi.) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan bara duriitti ejji cubbuu cimaa akka taʼetti ilaala ture.
19. Ejja akka hin raawwanne murteessuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
19 Yeroo harʼaa hoo? Seera Musee jala jiraachuu baannus, ilaalchi Yihowaan ejjaaf qabu hin jijjiiramne. Akkuma waaqa sobaa hin waaqeffanne, matumaa hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuu hin qabnu. (Faarfannaa 51:1, 4; Qolosaayis 3:5) Ejja yoo raawwanne, gaaʼela keenyaafis taʼe Waaqa keenya Yihowaadhaaf kabaja akka hin qabne argisiisna.—Ibsa Dabalataa 26 ilaali.
GAAʼELA KEE CAALAATTI CIMSUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
20. Ogummaan gaaʼela kan fayyadu akkamitti?
20 Gaaʼela kee caalaatti cimsuu kan dandeessu akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo, “Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabaatee dhaabbata” jedha. (Fakkeenya 24:3) Manni tokko diilallaaʼaa fi duwwaa ykn hoʼaa, mijataa fi amansiisaa taʼuu dandaʼa. Gaaʼellis kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Namni ogeessi tokko gaaʼelli isaa amansiisaa, gammachiisaa fi kan namatti tolu akka taʼu godha.
21. Beekumsi gaaʼela caalaatti kan cimsu akkamitti?
21 Kitaabni Qulqulluun mana akkasii ilaalchisee, “Qabeenya akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuu fi miidhagaa taʼeen beekumsaan kutaawwan isaa guutamaniiru” jedha. (Fakkeenya 24:4) Wanti Dubbii Waaqayyoo irraa baratte, gaaʼelli keessan caalaatti gaarii akka taʼu gochuu dandaʼa. (Roomaa 12:2; Filiphisiyus 1:9) Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya lama taatanii yommuu waliin dubbistan, wanta barattan akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan mariʼadhaa. Karaawwan jaalalaa fi kabaja walitti argisiisuu dandeessan, akkasumas, gaarummaa fi akka waliif yaaddan argisiisuu itti dandeessan barbaadaa. Amalawwan gaaʼela keessan cimsanii fi hiriyaan gaaʼelaa keessan caalaatti akka isin jaallatu godhan horachuuf akka isin gargaaru Yihowaa gaafadhaa.—Fakkeenya 15:16, 17; 1 Pheexiros 1:7.
22. Hiriyaa gaaʼelaa keenyatti jaalalaa fi kabaja argisiisuu kan qabnu maaliifi?
22 Abbaa manaa ykn haadha manaa keenya jaalalaa fi kabajaan qabuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuu qabna. Taanaan, gaaʼelli keenya caalaatti hoʼaa fi cimaa taʼa. Hunda caalaa immoo, Yihowaa ni gammachiisna.—Faarfannaa 147:11; Roomaa 12:10.