QOʼANNAA 4
Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
Maatewos 22:41-45
YAADA IJOO: Caqasa tokko dubbisuu kee dura sammuu dhaggeeffattoota keetii qopheessi.
KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Caqasicha maaliif akka dubbistu yaadi. Caqasa hunda dhaggeeffattoonni kee qabxii caqasichatti fayyadamtee ibsuu barbaaddu irratti akka xiyyeeffatan karaa godhuun beeksisi.
Kitaaba Qulqulluu akka ragaatti caqasi. Namoota Waaqayyotti amananitti yommuu dubbattu, Kitaabni Qulqulluun “Dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa fi kanaan kan kaʼes madda ogummaa hunda irra caalu taʼuu isaa akka hubatan godhi.
Caqasicha xiyyeeffannaadhaan akka hordofan kakaasi. Gaaffii caqasicha irraa deebii argatu tokko gaafadhu, rakkina caqasichi hiikuuf gargaaru tokko kaasi, ykn dhugaa buʼuuraa seenaa Kitaaba Qulqulluu sana keessatti ibsame tokko dubbadhu.