Gaaffii Dubbistootaa
Ajaja Kitaabni Qulqulluun dhiigni maal godhamuu akka qabu ilaalchisee kennuu wajjin haala wal qabateen, Dhugaa Baatonni Yihowaa yaalii fayyaa dhiiga ofiitti fayyadamuudhaan kennamuuf ilaalcha akkamii qabu?
Filannoo dhuunfaa ykn gorsa ogeeyyee fayyaa tokko tokko irratti hundaaʼanii murteessuu mannaa, Kiristiyaanonni dhuunfaatti wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu gad fageenyaan qoruu qaba. Kun dhimma nama sanaa fi Yihowaa gidduu jiru dha.
Yihowaa inni madda jireenya keenyaa taʼe, dhiigni nyaatamuu akka hin qabne ajajeera. (Uumama 9:3, 4) Dhiigni lubbuu waan bakka buʼuuf, Waaqayyo Seera saba Israaʼel duriitiif kenne irratti itti fayyadama dhiigaa ilaalchisee daangaa kaaʼeera. “Lubbuun foonii dhiiga keessa jira; anis akka araara isiniif argamsiisuuf iddoo aarsaa irratti isa isiniif kenneera” jechuudhaan dubbateera. Namni tokko nyaataaf jecha horii yoo qale hoo? Waaqayyo, “Dhiiga isaa dhangalaasee biyyoo itti uwwisuu qaba” jedheera.a (Leewwota 17:11, 13) Yihowaan ajaja kana irra deddeebiʼee kenneera. (Keessa Deebii 12:16, 24; 15:23) Kitaabni Yihudootaa Soonsiinoo Shuumaash jedhamu akkana jedheera: “Dhiigni kaaʼamuu hin qabu, kanaa manaa nyaataaf akka hin oolleef lafatti dhangalaafamuu qaba.” Namni Israaʼel kam iyyuu dhiiga uumama kan biraa isa qabeenya Yihowaa taʼe, kaaʼachuu ykn itti fayyadamuu hin dandaʼu.
Dirqamni Seera Musee eeguu Masihichi yommuu duʼutti hafeera. Haa taʼu malee, ilaalchi Waaqayyo dhiigaaf qabu hin jijjiiramne. Ergamoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii Kiristiyaanonni ‘dhiiga irraa fagaachuu’ akka qaban ajajaniiru. Ajajni kun dhimma salphaatti ilaalamu hin turre. Ajajni kun akkuma halalummaa ykn waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa fagaachuu baayʼee barbaachisaa dha. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; 21:25) Jaarraa 20ffaatti dhiiga kennuunis taʼe fudhachuun baramaa taʼaa yommuu deemutti, Dhugaa Baatonni Yihowaa gochi kun Dubbii Waaqayyo wajjin akka wal faalleessu hubatan.b
Darbee darbee doktarri tokko barbaachisaa taanaan dhiiga nama dhukkubsate tokko deebisee isumaaf kennuu akka dandaʼutti, yaaliin baqaqsanii hodhuu godhamuu isaa torbee muraasa dura namni dhukkubsate sun dhiiga isaa akka kennu (yaalii baqaqsanii hodhuu dura dhiiga ofii kennuu ykn PAD) itti hima. Haa taʼu malee haala kanaan dhiiga fudhachuu, kaaʼuu fi kennuun yaada seera Leewwotaa fi Keessa Deebii irratti ibsamee wajjin kallattiidhaan wal faallessa. Dhiigni kaaʼamuu hin qabu; kanaa mannaa lafatti dhangalaafamuu qaba, jechuunis akka fakkeenyaatti gara Waaqayyootti deebiʼuu qaba. Yeroo ammaatti Seerri Musee akka hafe beekamaa dha. Taʼus Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfamawwan Waaqayyo Seera Musee keessatti ibse ni kabaju, akkasumas dhiiga irraa fagaachuuf murtoo godhaniiru. Kanaan kan kaʼes dhiiga hin fudhannu; dhiiga keenya dhangalaʼuu qabu, deebisnee fudhachuuf jecha hin kenyu. Akkas gochuun seera Waaqayyoo wajjin wal faallessa.
Yaaliiwwan fayyaa ykn qorannoowwan kan biroon dhiiguma nama sanaa fayyadamuu gaafatan kallattiidhaan qajeelfamawwan Waaqayyoo barreeffamaan kaaʼamanii wajjin wal hin faallessan. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni hedduun dhiiga xinnoo qorannoof erga oolee booda gatamu kennuuf tole jedhaniiru. Kana malees, doktaroonni dhiiga nama sanaa fayyadamuudhaan yaaliiwwan ciccimoo kan biroon akka isaaf taasifaman ajajuu dandaʼu.
Fakkeenyaaf, yaaliiwwan baqaqsanii hodhuu tokko tokko irratti mala heemoodaayiluushin jedhamuun dhiigni muraasni toora kan biraatiin akka darbu godhamuu dandaʼa. Dhiigni nama dhukkubsate sana keessatti hafe immoo dhangalaʼaan itti dabalamee ni qalʼifama. Sana booda dhiiga meeshaa qaama nama sanaatti qabsiifame keessa jiru gara qaama isaatti galchuudhaan dhiigni isaa baayʼina isa sirriitti akka siqu godha. Haaluma wal fakkaatuun, dhiiga yommuu qaamni baqaqfamu dhangalaʼu calalanii seelii dhiiga diimaa gara nama dhukkubsate sanaati akka deebiʼu gochuun ni dandaʼama; malli kun seel saalveej jedhama. Malli biraa immoo dhiigni meeshaa hojii kutaaleen qaamaa (fakkeenyaaf, onnee, somba ykn kalee) hojjetanitti yeroodhaaf akka galuu gochuu dha. Achiis dhiigni meeshaa sana keessa gale deebiʼee gara nama dhukkubsate sanaatti seena. Malli biraan immoo kutaalee dhiigaa miidhaa geessisan ykn rakkina qaban keessaa baasuuf dhiigni meeshaa calalu keessaa akka darbu gochuu dha. Kaayyoon mala kanaa inni biraan kutaalee dhiigaa tokko tokko adda baasuu fi kutaa qaamaa kan biraatiif kennuu taʼuu dandaʼa. Malli qorannoo kan biraanis jira; innis nama dhukkubsate sana irraa dhiigni erga fuudhamee booda mallattoo adda baasu irra kaaʼuudhaan ykn dhiiga sana qorichaa wajjin walitti makuudhaan deebisanii dhukkubsataa sanaaf kennuu dha.
Dhimmoonni kanaa wajjin wal qabatan adda adda taʼuu dandaʼu, akkaataa hojiin kun itti raawwatamu, malawwan yaalii fayyaa fi qorannoowwan fooyyaʼuun isaanii hin oolu. Tooftaalee kana hunda qoruu fi murtoo itti kennuun gaʼee keenya miti. Kiristiyaanni tokko yaaliin baqaqsanii hodhuu, qorannoon fayyaa ykn yaalii fayyaa kan biraan yeroo isaaf godhamutti dhiigni isaa akkamitti itti hojjetamuu akka qabu murteessuu qaba. Namni sun yaaliin baqaqsanii hodhuu yommuu isaaf godhamutti doktaroonnii fi ogeeyyii fayyaa dhiiga isaa maal akka godhan dursee odeeffannoo argachuu qaba. Achiis wanta qalbiin isaa isaaf heyyame irratti hundaaʼee murtoo gochuu qaba. (Saanduqa ilaali.)
Kiristiyaanonni Waaqayyoof akka of murteessanii fi Waaqayyoon ‘garaa isaanii guutuu, lubbuu isaanii guutuu, humna isaanii guutuu, sammuu isaanii guutuudhaan jaallachuuf’ dirqamni akka isaan irra jiru yaadachuu qabu. (Luqaas 10:27) Namoota addunyaa irra jiran irraa haala adda taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa hariiroo gaarii Waaqayyoo wajjin qabaniif bakka guddaa kennu. Waaqni inni jireenya kenne namoonni hundi dhiiga Yesuus isa dhangalaʼe irratti amantii akka qabaatan cimsee isaan akeekkachiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Karaa dhiiga Ilma isaa [Yesuus Kiristoos] furicha kaffaluu isaatiin bilisa baaneerra, eeyyee, cubbuun keenya nuuf dhiifameera” jedha.—Efesoon 1:7.
[Miiljalee]
a Piroofeesar Firaanki H. Goorman akkana jedhanii barreessaniiru: “Dhiiga lafatti dhangalaasuun, namichi sun lubbuu horichaatiif, akkasumas Waaqa isa lubbu sana kennee fi kunuunsa isaaf godhuuf kabaja argisiisuu akka taʼetti lakkaaʼama.”
b Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1, 1951 (Ingiliffa) sababa dhiiga nama kan biraa fudhachuun sirrii itti hin taane ibsuudhaan gaaffiiwwan guguddaa dhimma kana ilaalchisee kaʼaniif deebii kenneera.
[Saanduqa/Fakkii]
GAAFFIIWWAN OF GAAFACHUU QABNU
Dhiigni koo muraasni toora kan biraa keessa akka darbu yoo godhamee fi tarii immoo yeroo muraasaaf sochiin isaa gidduutti kan citu yoo taʼe dhiigichi akka qaama koo keessaa hin baanee fi ‘lafa irratti dhangalaafamuu’ hin qabne godhee akkan ilaalu qalbiin koo naaf heyyamaa?
Yeroo qorannaatti dhiigni koo qaama koo keessaa fuudhamee jijjiiramawwan tokko tokko erga irratti godhame booda gara qaama kootti akka deebiʼu yoo godhame qalbiin koo inni Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe na ceephaʼaa?