Walii Wajjin Maqaa Yihwoaa Ol Haa Kaafnu
“Anaa wajjin guddina Waaqayyoo odeessaa, kottaa walii wajjinis maqaa isaa ol in kaafnaa!” —FAARFANNAA 34:3.
1. Yesus tajaajilasaa isa lafaarratti fakkeenya gaarii akkamii ta’eera?
DHALOOTA KIRISTOS BOODA Niisaan 14, 33 galgala, Yesusiif ergamoonnisaa mana mana irra keessaa Yerusaalem keessatti argamutti faarfannaadhaan Yihowaa galateeffachaa turan. (Maatewos 26:30) Yesus ergamootasaa wajjin kana kan godhe yeroo dhumaatiif ture. Haata’u malee, yeroo dhumaa ergamootasaa wajjin dabarsu kana faarfannaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan xumuruunsaa sirrii ture. Guyyaa tajaajilasaa isa lafaarraa itti jalqabee kaasee hanga dhumaatti Abbaasaa kan galateeffate yommuu ta’u, maqaasaas hinaaffaadhaan beeksiseera. (Maatewos 4:10; 6:9; 22:37, 38; Yohannis 12:28; 17:6) Waamicha faarfatichi: “Anaa wajjin guddina Waaqayyoo odeessaa, kottaa walii wajjinis maqaa isaa ol in kaafnaa!” jechuudhaan dhiheesse hojiirra oolcheera jechuun ni danda’ama. (Faarfannaa 34:3) Kun fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii?
2, 3. (a) Faarfannaan 34 ergaa raajii akka of keessaa qabu akkamitti beekna? (b) Mata-duree kanaafi isa ittaanurratti waa’ee maal ilaalla?
2 Yohaannis ergamaan Yesusii wajjin faarfannaadhaan erga Yihowaa galateeffate sa’aatii muraasa booda wanta adda ta’e tokko arge. Gooftaansaa yakkamtoota lamaa wajjin mukarratti yeroo fannifamu, akkasumas loltoonni warra Roomaa yakkamtoonni lamaan dafanii akka du’aniif jecha miillasaanii utuu cabsanii arge. Haata’u malee, Yohannis loltoonni kun miilla Yesus akka hin cabsines dubbateera. Yommuu isaan gara Yesus dhufan inni du’ee ture. Yohannis, kunis raajii Faarfannaa 34rratti: “Isaan [lafee dhagnasaa] keessaas tokko illee hin cabu” jechuudhaan dubbatame raawwatamuusaa kan argisiisu ta’uusaa wangeelasaa keessatti barreesseera.—Yohannis 19:32-36; Faarfannaa 34:20.
3 Faarfannaan 34 yaadawwan xiyyeeffannaa Kiristiyaanotaa hawwatan hedduu qabateera. Kanaaf, mata-duree kanaafi isa ittaanurratti, Daawit yommuu faarfannaa kana barreessu haala akkamii keessa akka ture, akkasumas barumsawwan nama jajjabeessaniifi faarfannicha keessatti ibsaman ilaalla.
Daawit Saa’ol Jalaa Baqate
4. (a) Daawit Mootii Israa’el isa gara fuulduraa ta’ee kan dibame maaliifi? (b) Saa’ol Daawitiin ‘baay’ee kan jaallate’ maaliifi?
4 Daawit yeroo ijoollee turetti Saa’ol mootii Israa’el ture. Haata’u malee, Saa’ol utuu hin abboomamin hafuusaatiin Yihowaa biratti fudhatama dhabe. Kanaaf, Saamu’el raajichi: “Har’a Waaqayyo mootummaa Israa’el si irraa tarsaasee, nama si irra wayyutti in kenne” isaan jedhe. (1 Saamu’el 15:28) Yeroo boodas, Yihowaan ilmaan Isey keessaa isa quxisuu, jechuunis Daawitiin mootii Israa’el isa ittaanu godhee akka dibu Saamu’elitti hime. Kana gidduutti Saa’ol mooticharraa hafuurri Waaqayyoo waan fudhatameef hafuura hamaadhaan dhiphachuu jalqabe. Daawit nama akka gaariitti kiraara rukutu waan ta’eef, Saa’oliin akka tajaajiluuf gara Giibe’aatti kan geeffame yommuu ta’u, muuziqaan Daawit taphatu boqonnaa waan isaaf argamsiisuuf “Saa’olis baay’ee isa jaallate.”—1 Saamu’el 16:11, 13, 21, 23.
5. Ilaalchi Saa’ol Daawitiif qabu kan jijjiirame maaliifi? Daawit maal gochuuf dirqame?
5 Yommuu yeroon darbaa adeemu Yihowaan Daawitii wajjin ta’uunsaa hubatamuu jalqabe. Yihowaan Daawit, Goliyaad isa goota Filisxeemotaa akka injifatuufi dandeettii waraanarratti qabuun Israa’el keessatti ulfina akka qabaatu gargaareera. Haata’u malee, Yihowaan Daawitiin eebbisuunsaa Saa’ol akka hinaafuufi Daawitiin akka jibbu isa godhe. Daawit Saa’ol duratti utuu kiraara rukuchaa jiruu, mootichi si’a lama eeboo itti darbateera. Yeroo lamaanuu Daawit Saa’ol jalaa waan miliqeef eeboon itti darbatame utuu isa hin waraanin hafeera. Saa’ol, Daawit isa isatti aansee mootii Israa’el ta’u ajjeesuuf yeroo sadaffaadhaaf yommuu yaalii godhu, Daawit lubbuusaa oolchuuf baqachuu akka qabu hubate. Saa’ol isa qabuufi ajjeesuuf yaalii gochuusaa waan itti fufeef, Daawit naannoo Israa’elii ala dhokachuuf murteesse.—1 Saamu’el 18:11; 19:9, 10.
6. Saa’ol namoonni mandara Nob akka ajjeefaman kan abboome maaliifi?
6 Daawit daangaa Israa’el gadhiisee ba’uuf yommuu jedhu, mandara Nob ishee dunkaanni Yihowaa keessatti argamu keessa xinnoo ture. Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti yommuu Daawit baqatetti, dargaggoonni isaa wajjin bu’an waan turaniif gara mandarattii kan dhaqe nyaata isaafis ta’e isaaniif barbaachisu argachuufidha. Saa’ol, hangafni lubootaa Daawitiifi namoota isaa wajjin turaniif nyaataafi billaa Daawit Goliyaadirraa fudhate akka kenneef dhaga’e. Saa’ol haala kanatti baay’ee waan aareef luboota 85 dabalatee namoota mandarattii hunda ajjeese.—1 Saamu’el 21:1, 2; 22:12, 13, 18, 19; Maatewos 12:3, 4.
Yeroo Garabiraattis Du’arraa Ooluu
7. Daawit dhokachuuf gara Gaat dhaquunsaa mijaa’aa kan hin turre maaliifi?
7 Daawit mandara Nobirraa gara lixaatti kiiloomeetira 40 fagaattee jirtu gara biyya Filisxeemotaatti kan baqate yommuu ta’u, biyya dhaloota Goliyaad kan taate Gaat keessa Mootii Akiish jedhamu bira dhokate. Daawit gara Gaat kan dhaqe Saa’ol achitti akka isa hin barbaanne yaadee ta’uu danda’a. Haata’u malee, utuu baay’ee hin turin tajaajiltoonni mootii Gaat Daawitiin baran. Daawit akka beekame yommuu dhaga’u, “Akiishin mootii Gaat baay’isee in sodaate.”—1 Saamu’el 21:10-12.
8. (a) Faarfannaan 56 wanta biyya Gaatitti Daawitirra ga’e maal nutti hima? (b) Daawit du’a jalaa hamma xinnootti kan oole akkamitti?
8 Achiis Filisxeemonni Daawitiin qaban. Daawit: “Imimmaan koo qodaa safaraa keetti walitti qabi!” jechuudhaan kadhannaafi faarfannaa garaadhaa madde kana kan qindeesse yeroo kanatti utuu hin ta’in hin oolu. (Faarfannaa 56:8fi ibsa boqonnichaa olitti argamu ilaali) Faarfatichi karaa kanaan Yihowaan gaddasaa akka hin irraanfanne, jaalalaan akka isa kunuunsuufi isa eegu kan amanu ta’uusaa ibseera. Kana malees, Daawit mootii Filisxeemotaa gowwoomsuuf mala gargaarameera. Mooticha duratti maraatuu of fakkeesse. Akiish Mootichi yommuu kana argu, tajaajiltoonnisaa nama “maraatuu” garasaatti fiduusaaniitti dheekkame. Yihowaan mala Daawit ittiin fayyadame akka eebbise kanarraa hubachuun ni danda’ama. Daawit magaalicha keessaa kan ari’ame yommuu ta’u, yeroo kanattis du’a jalaa kan oole hamma xinnoottidha.—1 Saamu’el 21:13-15.
9, 10. Daawit Faarfannaa 34 kan barreesse maaliifi? Faarfannaa kana yommuu qindeessu namoota kam yaadatti qabatee ta’uu danda’a?
9 Namoonni Daawitii wajjin turan gara Gaat dhuquusaanii ykn miidhaan akka isarra hin geenye isa eeguuf jecha mandaroota Israa’el naannoo sanatti argaman keessa turuufi dhiisuusaanii Macaafni Qulqulluun hin dubbatu. Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e, lammata erga wal arganii booda, Daawit yeroo lammaffaadhaaf Yihowaan akkamitti akka isa oolche yommuu itti himu hin gammadin hin oolan. Ibsi Faarfannaa boqonnaa 34 olitti argamu akka argisiisutti, faarfannaa kana qindeessuuf wanti sababii ta’e haala kanadha. Daawit, lakkoofsa torban jalqabaarratti Yihowaan waan isa oolcheef isa jajata; akkasumas namoonni isaa wajjin turan Yihowaa isa Fayyisaa sabasaa ta’e isaa wajjin akka jajatan afeera.—Faarfannaa 34:3, 4, 7.
10 Daawitiifi namoonnisaa, tulluu Israa’el isa karaa bahaa Gaatirraa kiiloomeetira 15 fagaatee jiru holqa Adulaam keessa dhokatan. Achittis, Israa’eloonni bulchiinsa Saa’ol Mootichaatti hin gammadin hafan gara Daawit dhufuudhaan isaa wajjin jiraachuu jalqaban. (1 Saamu’el 22:1, 2) Daawit yaadawwan Faarfannaa 34:8-22rratti argaman yommuu qindeesse namoota akkasii sammuusaatti qabatee ta’uu danda’a. Yaadachiisni lakkoofsota kanarratti argaman namoota yeroo har’aatti argamaniifis kan barbaachisanidha; faarfannaa gaarii kana bal’inaan ilaaluun keenya akka nu fayyadu homaa hin shakkisiisu.
Wanti Daawitiin Caalaatti Yaaddesse Siinis Si Yaaddessaa?
11, 12. Sababiiwwan yeroo hundumaa Yihowaa akka jajannu nu godhan maalfa’i?
11 “Ani yeroo hundumaa maqaa Waaqayyoo [Yihowaa, NW] nan eebbisa, jajuun isaas takkaa afaan koo keessaa hin bu’u.” (Faarfannaa 34:1) Daawit hawaasarraa fagaatee waan jiraatuuf soora isa barbaachisu argachuu ilaalchisee wantoonni isa yaaddessan hedduun jiraachuu danda’u. Ta’us, yaada caqasawwan kanarratti argamanirraa hubachuun akka danda’amutti wantoonni kun Yihowaa akka hin jajanne isa hin dhowwine. Kun yeroo rakkoon nu mudatu dhimmawwan akkamiitiif dursa kennuu akka qabnu fakkeenya kan nuu ta’u mitii? Mana barumsaatti, bakka hojiitti, obboloota hidhata amantaa keenyaa ta’anii wajjin yeroo jiraannus ta’e, tajaajilarratti yeroo hirmaannu fedhiin keenya inni guddaan Yihowaa jajachuu ta’uu qaba. Sababiiwwan hedduu akkas akka goonu nu kakaasan mee yaadi! Fakkeenyaaf, gammachuun wantoota dinqisiisoo Yihowaan uume beekuudhaan argannu dhuma hin qabu. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamuun wantoota hojjetaman mee yaadi! Bara keenyattis, Yihowaan hojii guddaa akka hojjetaniif namoota amanamoo gonkummaa hin qabnetti fayyadameera. Hojiin Waaqayyoo kun, hojii namoota addunyaarratti beekamoo ta’an hojjetanii wajjin yeroo waliin ilaalamu maal fakkaata? Yaada Daawit: “Waaqayyolii keessa kan akka kee tokko illee hin jiru, yaa gooftaa [“Yihowaa,” NW ]! Waan hojjetame keessaas kan akka hojii kee hin jiru” jechuudhaan barreessee wajjin walii hin galtuu?—Faarfannaa 86:8.
12 Nutis akkuma Daawit hojiisaa isa homtinuu ittiin walgituu hin dandeenyeef yeroo hundaa Yihowaa galateeffachuuf kakaana. Hundumaa caalaattimmoo, Mootummaa Waaqayyoo kan bulchu Yesus Kiristos isa bara baraan Mootummaa Daawit Dhaalu akka ta’e beekuun keenya baay’ee nu gammachiisa. (Mul’ata 11:15) Kunis, badiisni sirna kanaa dhihaachuusaafi namoonni biliyoona ja’aa ol ta’an carraa jireenya bara baraa argachuuf qaban shakkisiisaa ta’uusaa argisiisa. Yeroo kamiyyuu caalaatti, amma Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti ilmaan namootaatiif maal akka fidu warra kaanitti himuudhaan isaanis nu waliin Yihowaa akka jajan gargaaruu qabna. Dhugumayyuu, wanti nuti dursa kennuufii qabnu namoonni kaan utuu yeroonsaa hin darbin ‘wangeela’ akka dhaga’an jajjabeessuu ta’uu qaba.—Maatewos 24:14.
13. (a) Daawit eenyutti of jaje? Namoota akkamiitu Waaqayyotti dhihaata? (b) Yeroo har’aatti namoonni gad of deebisan gara gumii Kiristiyaanaatti yaa’aa kan jiran akkamitti?
13 “Lubbuun koo Waaqayyoon of in jajji, warri gadadamanis kana dhaga’anii haa gammadan!” (Faarfannaa 34:2) Asirratti akka ibsametti Daawit wanta hojjete caqasuudhaan of hin jajne. Fakkeenyaaf, mootii Gaatiin akkamitti akka gowwoomse of tuuluudhaan hin dubbanne. Yeroo biyya Gaat keessa ture Yihowaan akka isa eege, miliquu kan danda’es gargaarsa Yihowaatiin ta’uusaa hubatee ture. (Fakkeenya 21:1) Kanaaf, Daawit Yihowaa jaje malee of hin jajne. Daawit Yihowaa jajachuunsaa namoonni gad of deebisan kaanis Yihowaatti akka dhihaatan godheera. Yesusis maqaa Yihowaa jajachaa kan ture yommuu ta’u, akkas gochuunsaas namoonni gad of deebisaniifi barachuuf fedhii qaban Yihowaatti akka dhihaatan godheera. Yeroo ammaattis namoonni gad of deebisaniifi saba gara garaa keessaa bobba’an gara gumii Kiristiyaanota dibamoo addunyaa maratti argamutti yaa’aa kan jiran yommuu ta’u, Mataan gumii kanaas Yesusidha. (Qolosaayis 1:18) Namoonni gad of deebisan akkasii kun, tajaajiltoonnisaa yommuu maqaasaa jajan arguunsaaniifi ergaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu geggeessaa hafuura qulqulluutiin yommuu hubatan garaansaanii ni xuqama.—Yohannis 6:44; Hojii Ergamootaa 16:14.
Walga’iiwwan Amantaa Keenya Jabeessu
14. (a) Daawit Yihowaa kan jajate kophaasaa turee? (b) Yesus waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu ilaalchisee fakkeenya akkamii kaa’eera?
14 “Anaa wajjin guddina Waaqayyoo odeessaa, kottaa walii wajjinis maqaa isaa ol in kaafnaa!” (Faarfannaa 34:3) Daawit kophaasaa Yihowaa hin jajne. Hiriyoonnisaas isaa wajjin maqaa Waaqayyoo akka jajan afeereera. Haaluma wal fakkaatuun, Daawit Guddicha kan ta’e Yesus Kiristos namoota duratti Yihowaa jajachuudhaan gammada ture. Ayyaanawwan mana sagadaa naannoo sanatti argamuufi mana Qulqullummaa Yerusaalem keessatti argamutti, akkasumas bartootasaa wajjin Yihowaa jajateera. (Luqaas 2:49; 4:16-19; 10:21; Yohannis 18:20) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan carraa arganne hundaatti, caalaadhumattimmoo, yommuu ‘guyyaansaa dhihaachaa adeemu’ kanatti namoota hidhata amantaa keenyaa ta’anii wajjin Yihowaa jajachuun mirga guddaa mitii?—Ibroota 10:24, 25.
15. (a) Muuxannoon Daawit namoota isaa wajjin turanirratti dhiibbaa gaarii akkamii geessiseera? (b) Walga’iiwwanirratti argamuurraa bu’aa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
15 “Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase.” (Faarfannaa 34:4) Daawit wanta Yihowaan isaaf godheef bakka guddaa kenna ture. Kanaan kan ka’es akkas jedhe: “Namichi gadadamaan kun yommuu iyyate, Waaqayyo isaaf dhaga’e, rakkina isaa hundumaa keessaas isa in oolche.” (Faarfannaa 34:6) Nutis yommuu namoota hidhata amantaa keenyaa ta’anii wajjin taanu, haalawwan rakkisoo ta’an akka moonu Yihowaan akkamitti akka nu gargaare muuxannoowwan argisiisan dubbachuuf carraa baay’ee arganna. Wantoonni Daawit dubbate amantaa namoota isaa wajjin turanii akkuma jabeesse, nutis akkas gochuun keenya amantaa namoota hidhata amantaa keenya ta’an jabeessa. Namoonni Daawitii wajjin turaniifi ‘Gara Yihowaa ilaalan, fuullisaanii ifeera! Deebi’aniis qaaniidhaan lafa hin ilaalle.’ (Faarfannaa 34:5) Namoonni kun Saa’ol Mooticha duraa baqachaa kan turan ta’anillee hin qaanofne. Waaqayyo Daawitii wajjin akka ture waan amananiif fuullisaanii ni ifa ture. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni haaraan fedhii argisiisanis ta’an, Kiristiyaanonni dhugaa yeroo dheeraadhaaf amanamummaasaanii eeganii jiraatan gargaarsa argachuuf gara Yihowaa ilaalu. Yihowaan dhuunfaatti waan isaan gargaareef, murtoon isaan hanga dhumaatti amanamummaasaanii eeganii jiraachuuf godhan fuulasaaniirraa calaqqisa.
Gargaarsa Ergamootarraa Argannuuf Galateeffadhaa
16. Yihowaan nu oolchuuf ergamootasaatti kan gargaaramu akkamitti?
16 “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas.” (Faarfannaa 34:7) Daawit, Yihowaan fayyisuuf harkasaa kan diriirse isaaf qofa akka ta’e godhee hin yaanne. Daawit nama Yihowaan dibeefi gara fuulduraatti mootii Israa’el ta’us, Yihowaan tajaajiltootasaa warra bakki guddaan kennamuufis ta’e hin kennamneef hundaa eeguuf ergamootasaa akka ergu beeka ture. Bara keenyattis, Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’aniif eegumsa godheera. Naazii Jarman, Angoolaa, Maalaawwii, Moozaambiikiifi biyyoota hedduu garabiraatti, abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota Yihowaa lafarraa balleessuuf duula labsanii turan. Haata’u malee, carraaqqiinsaanii bu’aa hin argamsiisne. Kanaa mannaa, sabni Yihowaa biyyoota kana keessatti argaman harka wal qabatanii maqaa Yihowaa jajuusaanii kan itti fufan yommuu ta’u lakkoofsisaaniis dabalaa jira. Kun kan ta’e maaliifi? Yihowaan sabasaa eeguufi geggeessuuf ergamootasaa warra qulqulluutti waan fayyadamuufidha.—Ibroota 1:14.
17. Ergamoonni Waaqayyoo karaawwan kamiin nu gargaaru?
17 Kana malees, Ergamoonni Yihowaa namoota warra kaan gufachiisan sabasaa gidduudhaa akka baafaman gochuu ni danda’u. (Maatewos 13:41; 18:6, 10) Yeroo sanatti hubachuu baannus, ergamoonni wantoota akka nuti Waaqayyoon hin tajaajille gufuu ta’aniifi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasanirraa nu eegu. Hundumaa caalaattimmoo, naannoowwan tajaajilaa baay’ee rakkisoo ta’anitti lallabuu dabalatee, hojii “wangeela isa bara baraa” ilmaan namootaa hundaaf labsuurratti yommuu hirmaannu nu geggeessu. (Mul’ata 14:6) Muuxannoowwan ergamoonni akka nu gargaaran argisiisan barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’anirratti yeroo baay’ee ni ba’u.a Muuxannowwan akkasii hedduu waan ta’aniif wantoonni kun wantoota akka tasaa ta’anidha jechuun rakkisaadha.
18. (a) Ergamoota Waaqayyoorraa gargaarsa argachuuf maal gochuu qabna? (b) Mata-duree ittaanutti waa’ee maaliirratti mari’anna?
18 Qajeelfamaafi gargaarsa ergamootaa argachuuf, yeroo mormiin nurra ga’ullee maqaa Yihowaa jajachuu keenya itti fufuu qabna. Ergamaan Waaqayyoo kan buufatu “naannoo warra [Yihowaa] sodaatanii” qofa akka ta’e yaadadhaa. Kun maal argisiisa? Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuudha? Amala kana horachuu kan dandeenyu akkamitti? Waaqani jaalala-qabeessa ta’e akka isa sodaannu kan barbaadu maaliifi? Gaaffiiwwan kana mata-duree ittaanurratti mari’anna.
[Miiljalee]
a Dhugaa Baatota Yihowaa Labsitoota Mootummichaa Ta’an (Ingiliffa) ful. 550; Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2005, ful. 53; Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 1, 2000, ful. 5-6; Amajjii 1, 1991, ful. 27fi Guraandhala 15, 1991, ful. 26.
Maal Jettee Deebista?
• Daawit dargaggummaasaatti rakkoowwan akkamii mo’eera?
• Akkuma Daawit wanti caalaatti nu yaaddessu maalidha?
• Walga’iiwwan Kiristiyaanaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
• Yihowaan nu gargaaruuf ergamootasaatti akkamitti fayyadama?