Sagalee Yaada Garaa Keessanii Dhaggeeffadhaa
‘Yihudoota kan hin ta’in warri seericha [Waaqayyoo] hin qabne, uumamasaaniitiin waan seerichi isaanrraa barbaadu hojjetu.’—ROOMAA 2:14.
1, 2. (a) Namoonni hedduun warra kaan gargaaruuf maal godhaniiru? (b) Warra kaaniif yaaduu ilaalchisee fakkeenyawwan Caaffata Qulqullaa’oo kamfaa caqasuun ni danda’ama?
DARGAGGEESSI umriinsaa waggaa 20 ta’eefi dhukkuba gaggabdoo qabu tokko utuu baabura eegaa jiruu daandii baaburaarratti kufe. Namichi wanta kana ilaalaa ture tokko ijoolleesaa durbaa achumatti dhiisee gad utaalee daandii baaburaa sana keessa gale. Nama gaggabdoodhaan qabame kana gara daandii baaburaa lamaan gidduutti harkisuudhaan baabura isaan gubbaadhaa darbu jalatti mucaa sanarra ciisee isa oolche. Namoonni tokko tokko namicha sanaan goota kan jedhan yommuu ta’u, inni garuu akkas jedheera: “Wanta sirrii ta’e gochuu qabda. Ani gaarummaadhaan kaka’een kana godhe malee, beekamummaa ykn ulfina argachuuf jedhee miti.”
2 Atis nama warra kaan balaarraa oolchuuf jecha lubbuusaa balaarra buuse beekta ta’a. Waraana Addunyaa Lammaffaatti namoonni hedduun, namoota qomoosaanii hin taane manasaaniitti dhoksuudhaan balaarraa eeganiiru. Kana malees, Phaawulosiifi namoonni 275 ta’an kaan yommuu biyya Malaaxiyaa ishee Siisiliitti dhihoo jirtutti markabni jalaa cabee ture, namoonni biyyattii warra qomoosaanii hin taane kanatti ‘jaalala guddaa argisiisanii akka turan’ yaadadhu. (Hojii Ergamootaa 27:27–28:2) Durbi biyya Israa’el tokkos, kun lubbuushee balaarra kan buusu ta’uu baatus, nama Sooriyaa ishee booji’e tokkoof yaaduushee argisiisteetti. (2 Mootota 5:1-4) Fakkeenya beekamaa Yesus namicha Samaariyaa sana ilaalchisuudhaan dubbates yaadi. Lubni tokkoofi namni Leewii tokko, qomoosaanii isa du’aafi jireenya gidduu ture sana biraa goranii kan darban yommuu ta’u, namichi Samaariyaa tokko garuu isa gargaaruuf carraaqqii adda ta’e godheera. Fakkeenyi kun jaarraa hedduudhaaf garaa namoota aadaa garagaraa qabanii kan tuqe ture.—Luqaas 10:29-37.
3, 4. Namoonni hedduun haala ofittummaarraa walaba ta’een warra kaaniif yaaduunsaanii waa’ee jijjiirama tirannaa maal nu barsiisa?
3 Dhugaadha, kan jiraannu ‘guyyoota gara dhumaa yeroo sodaachisaa ta’an kana keessadha;’ namoonni hedduunis ‘warra namatti hin madaqneefi’ “warra waan gaarii jibban” ta’aniiru. (2 Ximotewos 3:1-3) Haata’u malee, namoota warra kaaniif tariimmoo nuuf gaarummaa godhan hin beeknuu? Lubbuu ofiillee balaarra buusanii warra kaan gargaaruun beekamaa waan ta’eef namoonni tokko tokko gocha kana “amala namaa” jedhanii moggaasaniiru.
4 Lubbuu ofii balaarra buusanii warra kaan gargaaruuf fedhii qabaachuun qomoofi aadaa hundumaa keessatti kan argamudha. Kunis ilaalcha namoonni barumsa jijjiirama tirannaa “lubbuun haala naannoosaa wajjin waldhaansoo godhee mo’u jiraachuusaa itti fufa” jedhutti amanan qabanii wajjin walfaallessa. Namni Firaansiis Eessi. Kooliins jedhamuufii jiiniirratti qorannaa geggeesse, akkasumas carraaqqii mootummaan Yunaayitid Isteets jiinii ilmaan namootaa hiikuuf godhe geggeesse tokko akkas jedheera: “Namoonni ofittoo ta’uu dhiisuunsaanii namoota jijjiirama tirannaatti amananiif baay’ee rakkisaadha. . . . Jiinonni mataa mataasaanii kan danda’anidha; akkasumas lubbuu mataasaanii dheeressu yaanni jedhu namoonni ofittoo kan hin taane maaliif akka ta’e ibsuu hin danda’u.” Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Namoonni tokko tokko nama qomoosaanii hin taane ykn karaa kamiiniyyuu walitti dhufeenya hin qabne gargaaruuf jecha aarsaa guddaa kaffalu. . . . Yaanni Daarwiin wanta kanaaf sababii dhiheessuu hin danda’u.”
‘Sagalee Yaada Garaa’
5. Yeroo baay’ee namoonni amala akkamii qabu?
5 Doktoor Kooliins sababii yaanni ofittummaa nu keessatti hin uumamneef isa tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Sagaleen yaada garaa keenyaa warri kaan waan nuu deebisan kan hin qabne yoo ta’aniyyuu akka isaan gargaarru nutti hima.” a Jechi namni kun “yaada garaa” jechuudhaan ibse yaada Phaawulos akkas jechuudhaan ibse nu yaadachiisa: “Yihudoota kan hin ta’in warri seericha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta’e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu. Isaan, hojiin seerichi abboomu garaa isaanii keessatti akka caafamee jiru in argisiisu; dhageettiin garaa isaanii akkasumas yaadni garaa garaa takka takka isaan hadheessan, takka takka immoo isaaniif falman, waa’ee kanaaf dhugaa ba’uu isaanii ti.”—Roomaa 2:14, 15.
6. Namoonni hundi Uumaa keenya biratti itti gaafatamoo kan ta’an maaliifi?
6 Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti, ilmaan namootaa Waaqayyo akka jiruufi amalawwansaa wanta inni uumerraa arguu waan danda’aniif isa biratti akka itti gaafataman ibseera. Ragaawwan kanas “erga biyyi lafaa uumamee jalqabee” arguun ni danda’ama. (Roomaa 1:18-20; Faarfannaa 19:1-4) Namoonni hedduun garuu Uumaasaanii akka tuffataniifi jireenya amala addaggummaa qabu akka jiraatan beekamaadha. Haata’u malee, Waaqayyo namoonni qajeelummaasaa akka hubataniifi gochawwan gadheerraa akka deebi’an barbaada. (Roomaa 1:22–2:6) Yihudoonni karaa Musee Seerri Waaqayyoo isaanii kennamee waan tureef kana gochuuf sababii qabu turan. Haata’u malee, namoonni ‘sagalee abdii Waaqayyoo’ hin qabnellee Waaqayyo jiraachuusaa amananii fudhachuu qabu turan.—Roomaa 2:8-13; 3:2.
7, 8. Wanta sirrii ta’e gochuun hammam kan baramedha? Kunoo maal nu hubachiisa?
7 Sababiin namoonni hundi Waaqayyotti amanuufi isaaf abboomamuu qabu itti jennu inni kaanimmoo, keessasaaniitti gaariifi gadhee kan beekan ta’uusaati. Fedhiin wanta sirrii gochuuf qabnu, yaada garaa akka qabnu kan argisiisudha. Mee dhimma armaan gadiirratti yaadaa: Ijoollee xixiqqoon jiwwaa jiwwee taphachuuf dabaree eeggachaa jiru haa jennu. Mucaan tokko warra hiriira galanii dabaree eeggachaa jiran bira darbee fuuldura dhaabata. Yeroo kanatti baay’eensaanii ‘kun sirrii miti’ jedhanii itti iyyu. Akkas jedhii of gaafadhu, ‘ijoollee xixiqqoo hedduun ergaan takkaa wanta sirrii ta’e jaallachuusaanii argisiisuu kan danda’an akkamitti? Kana gochuunsaanii keessasaanii wanti sirrii ta’e akka jiru argisiisa. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Warri seericha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta’e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu.” Phaawulos akka waan darbee darbee hojjetamuutti, “yoo hojjetan” hin jenne. Kanaa mannaa jecha “yeroo hojjetan” ykn “yeroo” jedhuun fayyadammuudhaan kana kan godhan yeroo baay’ee ta’uusaa ibseera. Kana jechuunis, amoonni “uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu . . . hojjetan” ykn yaanni garaasaanii wanta Seera Waaqayyoo isa barreeffamaan taa’ee wajjin walsimu akka raawwatan isaan kakaasa jechuudha.
8 Amalli akkasii biyyoota hedduutti kan mul’atudha. Piroofeesariin Kaambiriij tokko akka barreessetti, seerri warra Baabilon, Gibxiifi Giriikii dabalatee jiraattonni Awusteraaliyaafi Hindoonni gosa Ameerikaa ta’an “cunqursaa, ajjeechaa, gowwomsaafi soba ni dhowwa. Maanguddoota, daa’immaniifi warra dadhaboodhaaf kunuunsi akka godhamu ajaja barbaachisaa ta’uusa irratti walii galu.” Itti dabaluudhaanis doktoor Kooliins: “Wanti gaariiniifi gadheen ilmaan namootaa hunda biratti kan beekamedha” jechuudhaan barreesseera. Yaanni kun jecha Roomaa 2:14rratti argamu si hin yaadachiisuu?
Yaanni Garaa Keessanii Kan Hojjetu Akkamitti?
9. Yaada garaa jechuun maal jechuudha? Wanta tokko raawwachuukee dura kan si gargaaruhoo akkamitti?
9 Macaafni Qulqulluun, yaanni garaa dandeettii keessi keenya hojii keenya ilaaluufi madaaluuf qabudha jechuudhaan ibsa. Akkuma sagaleen tokko keessa keessanii wanti isin gootan sirrii ta’uufi ta’uu dhiisuusaa isinitti himuutti lakkaa’ama. Phaawulos sagalee keessasaatti itti dhaga’amu ilaalchisee, “Yaadni garaa koos hafuura qulqulluudhaan dhugaa anaaf ba’a” jechuudhaan ibseera. (Roomaa 9:1) Fakkeenyaaf sagaleen kun wanta gaarii ykn gadhee hojjechuuf yaadde tokko hojjechuukee dura sitti himuu danda’a. Yaanni garaakee gocha gara fuulduraatti raawwachuuf jettu gamaaggamuufi yoo gocha sana raawwatte maaltu akka sitti dhaga’amu sitti himuu danda’a.
10. Yeroo baay’ee yaanni garaa kan hojjetu yoomi?
10 Yeroo baay’ee, yaanni garaa keenya kan dubbatu erga waan tokko raawwannee boodadha. Daawit yommuu Saa’ol Mooticha duraa baqatee jiraatutti, wanta mootii Waaqayyo dibe salphisu tokko hojjetee ture. Sana booda Daawit kana gochuunsaa ‘yaada garaasaa tuqe.’ (1 Saamu’el 24:1-5; Faarfannaa 32:3, 5) Seenaa kanarratti jechi “yaada garaa” jedhu kan hin ibsamne ta’us, deebii yaanni garaasaa kenneen kan ka’e maaltu akka isatti dhaga’ame ibsameera. Hundi keenya yaanni garaa keenya nu ceepha’ee beeka. Waan tokko erga hojjennee booda, akkamittan waan sana raawwadhe jennee jeeqamnee, akkasumas dhiphannee beekna. Namoonni tokko tokko qaraxa utuu hin kaffalin hafuusaaniitiin yaanni garaasaanii waan isaan ceepha’eef yeroo booda kaffalaniiru. Warri kaanimmoo ejja raawwatan hiriyaa gaa’elaasaaniitti beeksisaniiru. (Ibroota 13:4) Haata’u malee, namni tokko wanta yaada garaasaa wajjin walsimu yommuu raawwatu, gammachuufi nagaa argata.
11. Yaada garaatiin qofa geggeeffamuun balaa geessisuu danda’a kan jennu maaliifi? Fakkeenya kenni.
11 Kana jechuun ‘waanuma yaanni garaa keenya jedhe goona’ jechuudhaa? Yaada garaa keenya dhaggeeffachuun gaarii ta’uu danda’us, ergaan achii dhufu baay’ee nu dogoggorsuu danda’a. Eeyyee, sagaleen ‘keessi namummaa’ keenyaa dhageessisu nu dogoggorsuu danda’a. (2 Qorontos 4:16) Fakkeenya tokko haa’ilaallu. Macaafni Qulqulluun Isxifaanos inni duuka buutuu Kiristos ture ‘ayyaanaafi humna Waaqayyootiin kan guute’ ta’uusaa nutti hima. Yihudoonni tokko tokko Isxifaanosiin Yerusaalemii baasanii dhagaadhaan rukutanii ajjeesaniiru. Saa’ol (inni yeroo booda Phaawulos ergamaa jedhame) isaan bira dhaabatee “ajjeefamuu Isxifaanositti walii galee ture.” Yihudoonni sun wanti isaan godhan sirrii akka ta’e waan isaanitti dhaga’ameef yaanni garaasaanii kan isaan hin ceephaane fakkaata. Saa’ol sana boodallee “bartoota gooftaa doorsisuudhaaf ajjeesuutti banbanaa” waan tureef, innis wanti godhu sirrii akka ta’e waan amaneef yaanni garaasaa isa hin ceephaane jechuun ni danda’ama. Yeroo sanatti yaanni garaasaa sagalee sirrii hin taane akka dhageessisaa ture beekamaadha.—Hojii Ergamootaa 6:8; 7:57–8:1; 9:1.
12. Wanti yaada garaa keenyarratti dhiibbaa geessisu maal ta’uu danda’a?
12 Yaada garaa Saa’olirratti dhiibbaa kan geessise maal ta’uu danda’a? Sababiin inni tokko, warra kaanii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuusaa ta’uu danda’a. Baay’een keenya nama sagaleensaa sagalee abbaasaa wajjin baay’ee walfakkaatu tokkoo wajjin bilbilaan haasofnee beekna. Mucaan kun hamma ta’e akkaataa dubbiisaa warrasaarraa kan dhaale ta’us, akkaataan abbaansaa itti dubbatus isarratti dhiibbaa geessisee ta’uu danda’a. Haaluma walfakkaatuun, Saa’olis Yihudoota warra Yesusiinis ta’e barumsawwansaa mormanii wajjin hiriyummaa cimaa qabaachuunsaa isarratti dhiibbaa geessisee ta’uu danda’a. (Yohannis 11:47-50; 18:14; Hojii Ergamootaa 5:27, 28, 33) Eeyyee, hiriyoonni Saa’ol sagalee yaanni garaasaa dhageessisurratti dhiibbaa geessisanii ta’uu danda’a.
13. Haalli namoota naannoosaa yaada garaa nama tokkoorratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u akkamitti?
13 Akkuma naannoon tokko akkaataa dubbii ykn loqoda nama tokkoorratti dhiibbaa fidu, aadaan ykn naannoon itti jiraatus yaada garaa nama tokkoorratti dhiibbaa geessisuu danda’a. (Maatewos 26:73) Wanti namoota Sooriyaa bara durii turan mudate kanaa wajjin tokko ta’uu qaba. Warri Sooriyaa waraanaan kan beekaman yommuu ta’u, fakkiin bara sanatti dhagaarraa soofamee hojjetame namoota booji’an yommuu cunqursan argisiisa. (Naahom 2:11, 12; 3:1) Namoonni Nanawwee bara Yoonaasitti turan “warra bitaa fi mirga iyyuu gargar baasuu” hin dandeenye akka turan ibsameera. Kana jechuun, namoonni kun seera bu’uuraa wanta akka ilaalcha Waaqayyootti sirrii ta’eefi hin taane beekuuf isaan gargaaru hin qaban jechuudha. Haalli akkasii kun, yaada garaa nama biyya Nanawweetti guddate tokkoo hammam balleessuu akka danda’u yaadaa! (Yonaas 3:4, 5; 4:11) Haaluma walfakkaatuun yeroo ammaattis, ilaalchi namoota naannoo tokkoo yaada garaa nama nama isaan gidduu jiraaturratti dhiibbaa geessisuu danda’a.
Sagalee Yaada Garaa Keenyaa Fooyyessuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
14. Yaanni garaa keenya yaada Uumama 1:27rratti ibsame kan calaqqisu akkamitti?
14 Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniif yaada garaa kan kenne yommuu ta’u, nutis yaada garaa keenya isaanirraa dhaalleerra. Uumamni 1:27 namoonni akka bifa Waaqayyootti uumamuusaanii nutti hima. Waaqayyo hafuura yommuu ta’u, nutimmoo foon waan taaneef, kana jechuun qaamaan isa fakkaanna jechuu miti. Akka bifa Waaqayyootti uumamne jechuun, yaada garaa sirrii ta’e qabaachuufi wanta gaarii ta’e gochuu dabalatee amalawwansaa qabna jechuudha. Kana beekuun keenya, yaada garaa keenya caalaatti amansiisaa gochuudhaan karaan itti isa cimsinu tokko akka jiru nu hubachiisa. Innis waa’ee Uumaa keenyaa caalaatti barachuufi isatti dhihaachuudha.
15. Abbaa keenya beekuudhaan faayidaan argannu inni tokko maalidha?
15 Macaafni Qulqulluun Yihowaan hunda keenyaaf lubbuu waan kenneef Abbaa keenya ta’uusaa ibsa. (Isaayaas 64:8) Kiristiyaanonni amanamoon samiirras ta’e lafa jannata taaturra jiraachuuf abdatan hundi, Waaqayyoon Abbaa keenya jedhanii waamuu danda’u. (Maatewos 6:9) Yeroo kamiyyuu caalaa Abbaa keenyatti dhihaachuuf fedhii qabaachuudhaan, ilaalchasaas ta’e seerawwansaa beekuu qabna. (Yaaqoob 4:8) Namoonni hedduun kana gochuuf fedhii hin qaban. Namoonni kun Yihudoota Yesus akkas isaaniin jedhe fakkaatu: “Isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan. . . . Dubbiin isaa garaa keessan keessa hin turu.” (Yohannis 5:37, 38) Nutis sagalee Waaqayyoo kallattiidhaan hin dhageenye. Ta’us, Dubbisaa dubbisnee yaadasaa beekuudhaan, isa fakkaachuufi ilaalchasaa qabaachuu dandeenya.
16. Seenaan Yoseef, yaada garaa keenya leenjisuufi waan nuun jedhu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?
16 Seenaan yeroo Yoseef mana Phoxifaaritti dabarse ibsu kana argisiisa. Haati manaa Phoxifaar Yoseefiin sossobuuf yaalii goote. Yoseef Macaafni Qulqulluun utuu hin barreeffaminiifi Abboommiin Kurnan utuu hin kennamin dura kan jiraate ta’us: “Egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan deebii kenne. (Uumama 39:9) Maatiinsaa isarraa fagoo waan turaniif, kana kan dubbate isaaniin gammachiisuuf jedhee hin turre. Hunda caalaa Waaqayyoon gammachiisuu barbaada ture. Yoseef, Waaqayyo dhiirri tokko durba tokko qofa fuudhuu akka qabu, lamaansaaniis “foon tokko” akka ta’an akka barbaadu beeka ture. Abeemeleek, Ribqaan abbaa manaa utuu qabduu ishee ofitti fudhachuunsaa dogoggora akka ta’eefi sabasaarratti balaa akka geessisu yommuu hubatetti maaltu akka itti dhaga’ame Yoseef utuu hin dhaga’in hin oolle. Yihowaanis tarkaanfii Abeemeleek fudhate eebbisuudhaan ejjaaf ilaalcha akkamii akka qabu argisiiseera. Yoseef wantoota sana hunda beekuunsaa, yaanni garaasaa tarkaanfii akka fudhatu isa jajjabeessuudhaan saalqunnamtii sirrii hin taane raawwachuurraa akka fagaatu kan isa kakaase fakkaata.—Uumama 2:24; 12:17-19; 20:1-18; 26:7-14.
17. Abbaa keenya fakkaachuu ilaalchisee, haalli keenya kan bara Yoseefirra wayya kan jennu maaliifi?
17 Yeroo ammaatti, haala yeroo sana ture caalaa gaarii ta’e keessatti akka argamnu beekamaadha. Waan Abbaan keenyaa jaallatuufi jibbu dabalatee ilaalchaafi miirasaa kan nu barsiisu guutummaa Macaafa Qulqulluu qabna. Caalaatti Caaffata Qulqullaa’oo wajjin walbaraa yommuu adeemnu, caalaatti Waaqayyotti dhihaachuufi isa fakkaachuu dandeenya. Kana yoo goone, sagaleen yaada garaa keenyaa, yaada Abbaan keenya qabuu wajjin caalaatti walfakkaachaa adeema. Sana boodas, sagaleen yaada garaa keenyaa yeroodhaa gara yerootti fedhasaa wajjin kan walsimu ta’aa adeema.—Efesoon 5:1-5.
18. Kanaan dura yaada garaa keenyarra dhiibbaan akkamiiyyuu yoo ga’e, caalaatti kan amansiisu akka ta’u gochuuf maal gochuu dandeenya?
18 Naannoon keenya yaada garaa keenyarratti dhiibbaa gochuu ni danda’aa? Ilaachiifi gochi firoota keenyaa, akkasumas naannoon itti guddanne dhiibbaa nurra geessisee ta’uu danda’a. Kanaaf, ergaan yaada garaa keenyaa kan ukkaamame ykn kan jallate ta’uu danda’a. Yaanni garaa keenya “loqoda” namoota naannoo keenya jiranii wajjin walfakkaatuun dubbata. Jireenya kanaan dura jiraanne jijjiiruu akka hin dandeenye beekamaadha; haata’u malee, kana booda hiriyootaafi naannoo yaada garaa keenyarra dhiibbaa gaarii geessisan filachuuf murteessuu dandeenya. Tarkaanfiin inni guddaan, Kiristiyaanota yeroo dheeraadhaaf Abbaasaanii fakkaachuuf yaalii godhanii wajjin michoota ta’uudha. Walga’ii duraafi booda obbolootaa wajjin yeroo dabarsuu dabalatee, walga’iiwwan gumiirratti argamuun kana gochuuf carraa gaarii nuu bana. Kiristiyaanonni hidhata keenya ta’an, yaanni garaasaanii ilaalchaafi daandii Waaqayyoo yeroo isaanitti himu dhaggeeffachuuf qophaa’oo ta’uusaaniirrayyuu, yaannisaaniifi gochiisaanii Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e ta’uusaa hubachuu dandeenya. Kiristiyaanonni Kunimmoo, suutuma suuta yaanni garaa keenya seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin akka walsimu gochuudhaan, caalaatti bifa Waaqayyoo qabaachaa akka adeemnu nugargaara. Sagaleen yaada garaa keenyaa, seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo wajjin akka walsimuufi fakkeenya gaarii Kiristiyaanota dhugaa akka hordofu yoo goone, yaanni garaa keenya caalaatti kan amanamu ta’a, nutis wanta inni jedhu dhaggeeffachuuf fedhii qabaanna.—Isaayaas 30:21.
19. Mataduree ittaanurratti halawwan yaada garaa warra kamfaa ilaalla?
19 Haata’u malee, namoonni tokko tokko wanta yaanni garaasaanii jedhuuf ajajamuuf guyyaa hunda waldhaansoo godhu. Matadureen ittaanu haalawwan Kiristiyaanota mudatan tokko tokko ibsa. Wantoota kana qoruudhaan, shoora yaanni garaa qabu, yaanni garaa namootaa maaliif garaagara akka ta’eefi sagalee yaada garaa keenya caalaatti dhaggeeffachuu keenya akkamitti itti fufuu akka dandeenyu ilaalla.—Ibroota 6:11, 12.
[Miiljalee]
a Haaluma walfakkaatuun, Yuunivarsiitii Haarvaarditti qorataa urjii kan ta’e pirofeesar Owan Gingiriich akkas jechuudhaan barreesseera: ‘Haala ofittummaarraa walaba ta’een warra kaaniif yaaduun, gaaffii saayinsiin jireenya bineensotaa qoruudhaan deebii argachuufii hin dandeenye kaasa. Deebiin caalaatti nama amansiisu, kanarraa baay’ee adda kan ta’eefi yaada garaa dabalatee gara laafina Waaqayyo ilmaan namootaatiif kennee wajjin kan walqabate ta’uu danda’a.’
Maal Baratte?
• Namoonni aadaa akkamiiyyuu yoo qabaatan gaariifi gadhee beekuu ykn yaada garaa qabaachuu kan danda’an maaliifi?
• Waanuma yaanni garaa keenya jedhuun geggeeffamuurraa of eeggachuu kan qabnu maaliifi?
• Karaawwan sagalee yaada garaa keenyaa fooyyessuu itti dandeenyu tokko tokko maalfa’i?