Fakkeenya Amantaasaanii Hordofaa
Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera
ELIYAAS kophaasaa ta’ee Abbaasaa isa samii kadhachuu barbaadee ture. Haata’u malee, namoonni baay’een yeroo raajii dhugaan kun ibiddi samiirraa akka bu’u godhu waan arganiif, baay’eensaanii isa biratti fudhatama argachuu akka barbaadan beekamaadha. Eliyaas kophaasaa Yihowaa kadhachuuf gara gubbee Gaara Qarmelositti ol ba’uusaa dura, hojii rakkisaa tokko hojjechuu qaba ture. Ahaab Mooticha haasofsiisuu qaba.
Namoonni lamaan kun baay’ee addadda turan. Ahaab, uffata moototaa bareedaa ta’e kan uffatu yommuu ta’u, nama gantuu, sassattuufi ilaalcha sirrii hin qabne ture. Eliyaas garuu nama uffata gati jabeessa hin taaneefi tarii gogaa horiirraa ykn rifeensa gaalaa ykn re’eerraa hojjetameefi raajonni ittiin beekaman uffatu yommuu ta’u, nama ija jabeessa, ejjennoo cimaafi amantii qabu ture. Guyyaan sun, eenyummaa namoota kana lamaanii akka gaariitti ifa godheera.a
Guyyaan sun Ahaabiifis ta’e waaqeffattoota Ba’aal warra kaaniif guyyaa gadhee ture. Amantiin gantummaa, Ahaabiifi haati manaasaa Iizaabel Mootittiin, mootummaa gosoota saba Israa’el kurnanii keessatti ol ol gochaa turan soba ta’uunsaa ni mirkanaa’e. Ba’aal waaqa sobaa ta’uunsaa ni saaxilame. Raajonnisaa dhiphatanii ragadaafi dhiigasaanii dhangalaasaa isa kadhataniyyuu, waaqni lubbuu hin qabne kun ifa ibiddaa xinnoollee uumuu dadhabeera. Ba’aal, namoota 450 ajjeefamuu qaban sana oolchuu hin dandeenye. Waaqayyichi sobaa kun, waan kan biraa tokkos gochuu dadhabuudhaan, dandeettii akka hin qabaanne argisiiseera. Raajonni Ba’aal waaqnisaanii kun ongee biyyasaanii miidhaa jiru akka hambisu waggaa sadiif kadhachaa kan turan ta’us, Ba’aal kana gochuu akka hin dandeenye argisiiseera. Yihowaan garuu sana booda utuu baay’ee hin turin ongee kana hambisuudhaan Waaqa dhugaa ta’uusaa ni argisiisa.—1 Mootota 16:30–17:1; 18:1-40.
Haata’u malee, Yihowaan kana kan godhu yoomi? Eliyaas hammasitti haala akkamiitiin eeggachuu qaba? Nuhoo nama amantaa qabu kanarraa maal barachuu dandeenya? Seenaa 1 Mootota 18:41-46rra jiru qoruudhaan deebiisaa haa ilaallu.
Kadhannaatti Cimuu
Eliyaas gara Ahaab dhaqee, “Sagaleen bokkaa yandoo waan dhaga’amuuf amma ol ba’ii nyaadhu, dhugis!” jedheen. (Lakkoofsa 41) Mootii hamaan kun wanta guyyaa sanatti raawwatamerraa waan barate qabaa? Seenaansaa wanta ifatti dubbatu hin qabu. Haata’u malee, qalbii jijjiirrachuusaas ta’e, Yihowaatti dhihaachuufi dhiifama argachuuf gargaarsa raajichaa gaafachuusaa wanti argisiisu hin jiru. Kanaa mannaa Ahaab, “nyaachuufi dhuguudhaafis ol in ba’e.” (Lakkoofsa 42) Eliyaasoo maal godhe?
“Eliyaas garuu gubbee tulluu Qarmelos irratti ol ba’ee mataa isaa hamma jilba isaa biraan ga’utti gad gombisee in kadhate.” Ahaab garaasaa guuttachuuf yommuu deemu, Eliyaas Abbaasaatti kadhannaa dhiheessuuf carraa argatee ture. Eliyaas hamma mataansaa jilbasaa bira ga’utti jilbeenfatee sagaduunsaa, nama gad of qabu ta’uusaa akka argisiisu hubadhu. Eliyaas waa’ee maalii kadhachaa ture? Deebii kanaa tilmaamuun nu hin barbaachisu. Macaafni Qulqulluun Yaaqoob 5:18rratti, Eliyaas ongeen sun akka dhaabatu kadhachaa akka ture nutti hima. Kadhannaa kana gochaa kan ture gubbee Qarmelos gubbaatti akka ta’e homaa hin shakkisiisu.
Sana dura Yihowaan, “Ani immoo lafa irratti bokkaa nan roobsa” jedhee ture. (1 Mootota 18:1) Kanaafuu Eliyaas, jaalalli Abbaasaa kun akka raawwatamu kadhachuusaa si’a ta’u, Yesusis waggoota kuma tokko booda duuka buutonnisaa kadhannaa kanaan wal fakkaatu akka dhiheessan isaan barsiiseera.—Maatewos 6:9, 10.
Fakkeenyi Eliyaas waa’ee kadhannaa waan baay’ee nu barsiisa. Wanti hunda caalaa Eliyaasiin yaaddessu, jaalalli Abbaasaa raawwatamuusaa ture. Yeroo kadhannu, ‘akka fedhasaatti yoo isa kadhanne Waaqayyo kan nuuf dhaga’u’ ta’uusaa yaadachuu qabna. (1 Yohannis 5:14) Kanaaf, kadhannaa fudhatama qabu dhiheessuuf, fedhiin Waaqayyoo maal akka ta’e beekuu qabna. Kana gochuufimmoo yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuun nu barbaachisa. Kana malees Eliyaas, lammiiwwansaa baay’ee rakkatanii waan turaniif, ongeen kun akka hafu barbaadee akka ture beekamaadha. Dinqii Yihowaan gaaf sana raawwate erga argee booda, garaansaa galateeffannaadhaan guutamuu hin oolu. Kadhannaan keenyas warra kaaniif kan yaannuufi garaadhaa kan galateeffannu ta’uu keenya argisiisuu qaba.—2 Qorontos 1:11; Filiphisiiyus 4:6.
Amanannaa kan Qabuufi Dammaqaa
Eliyaas, Yihowaan ongee kana akka hambisu kan amanu ta’uyyuu, kana kan godhu yoom akka ta’e hin beeku ture. Raajiin kun hamma dubbiin Yihowaa raawwatamutti maal godha laata? Lakkoofsi 43 maal akka jedhu qalbeeffadhu: “Hojjetaa isaatiin immoo, ‘Dhaqii qixa galaanichaatiin ilaali!’ jedhe; kana irratti inni dhaqee ilaalee, ‘Achiin homtuu hin jiru’ jedheen; Eliyaas, Si’a torba deebisee ‘dhaqii ilaali!’ ittiin jedhe.” Fakkeenya Eliyaasirraa yoo xinnaate waan lama baranna. Tokkoffaa, amanannaa inni qabu, lammaffaammoo dammaqaa ta’uusaa baranna.
Eliyaas mallattoo Yihowaan tarkaanfii akka fudhatu mirkaneessu arguuf hawwee ture. Kanaafuu, hojjetaansaa lafa ol ka’aarra dhaabatee mallattoo bokkaan jiraachuusaa argisiisu akka ilaalu isa erge. Hojjetaansaa yommuu deebi’u, “Achiin homtuu hin jiru” jechuudhaan oduu nama hin gammachiisne fidee dhufe. Samiin qulqulluufi duumessa kan hin qabne ture. Wanta haaraa ta’e tokko hubatteettaa? Eliyaas Ahaab Mootichaan, ‘Sagaleen bokkaa yandoo ni dhaga’ama’ jedhee akka ture yaadadhu. Duumessi mul’atu utuu hin jiraatin, raajichi kana dubbachuu kan danda’e akkamitti?
Eliyaas abdii Yihowaan kenne beeka ture. Raajii Yihowaafi bakka bu’aasaa waan ta’eef, Waaqnisaa wanta dubbate akka raawwatu mirkanaa’aa ture. Eliyaas sagalee bokkaa kan dhaga’e hamma itti fakkaatutti, mirkanaa’aa ta’ee ture. Kunimmoo wanta Macaafni Qulqulluun Musee ilaalchisee, “Isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisa. Atoo Waaqayyorratti amantaa akkasii qabdaa? Yihowaan, isarrattis ta’e abdii inni kennerratti amantii akkasii akka qabaannu, ragaa quubsaa nuu kenneera.—Ibroota 11:1, 27
Ammammoo, Eliyaas hammam dammaqinaan kan eeggatu akka ture ilaali. Hojjetaasaa al tokko ykn lama utuu hin ta’in al torba deddeebisee ergeera! Hojjetaansaa yeroo kana hundumaatiif deddeebi’uunsaa baay’ee akka isa nuffisiise nutti dhaga’ama ta’a; Eliyaas garuu milikkita tokko arguuf baay’ee waan hawweef abdii hin kutanne. Dhumarrattis, hojjetaansaa al torba erga deddeebi’ee booda, “Kunoo, duumessi xinnoon hamma harka namaa ga’u tokko galaanicha irraa ol ka’aa jira” jedhe. (Lakkoofsa 44) Hojjetaan sun, barruusaa diriirsee duumessi utuu Galaana Guddaarraa ol ka’uu arge sun hammam xinnoo akka ta’e yommuu Eliyaasitti argisiisu sitti mul’ataa?b Hojjetaan sun wanta kana hin dinqisiifanne ta’a. Eliyaasiif garuu duumessi kun bakka guddaa qaba ture. Kanaafuu, hojjetaasaatiin, “Dhaqiitii Ahaabin, ‘Konkolaataa kee kaafadhuutii, utuu bokkaan si hin ittisin gad bu’i!’ jedhi!” jechuudhaan qajeelfama ariifachiisaa kenneef.
Eliyaas karaa gara biraatiinis fakkeenya gaarii nuu ta’a. Nuyis kan jiraannu, yeroo Waaqayyo dhiheenyatti kaayyoosaa itti raawwatu keessadha. Akkuma Eliyaas yeroo ongeen itti dhaabatu eeggachaa ture, sabni Waaqayyoo yeroo ammaatti argamanis yeroo biyyi lafaa manca’aan kun itti badu hawwiidhaan eeggatu. (1 Yohannis 2:17) Nuyis akkuma Eliyaas, hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti dammaqoo ta’uu qabna. Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus, “Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa gorseera. (Maatewos 24:42) Yesus, duuka buutonnisaa yeroo inni itti dhufu guutummaatti akka hin beekne dubbachuusaa turee? Guyyoota gara dhumaatti haalli biyya lafaa maal akka fakkaatu bal’inaan waan dubbateef, akkas jechuusaa hin turre. Hundi keenya waa’ee milikkitoota “dhuma barichaa” bal’inaan ibsan kanaa barachuu dandeenya.—Maatewos 24:3-7.c
Milikkinni kun hundi, ragaa cimaa nama amansiisu kan qabatedha. Ragaan akkasii kun miira ariifannaa akka qabaannu gochuuf ga’aadhaa? Duumessi xinnoon samiirratti mul’ate tokko, Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf akka jedhu Eliyaasiin amansiiseera. Wanti raajiin amanamaan kun eegaa ture utuu hin raawwatamin hafeeraa?
Yihowaan Boqonnaafi Eebba Argamsiise
Seenaansaa akkas jechuudhaan itti fufa: “Qilleensi duumessa fidee bantii waaqaa in gurraachesse; bokkaan ulfaataan in dhufe, Ahaab yommus konkolaataa isaa yaabbatee Yizre’elitti gad in bu’e.” (Lakkoofsa 45) Wanti hundumtuu hatattamaan jijjiirame. Hojjetaan Eliyaas ergaa raajichaa utuu Ahaabitti himaa jiruu, duumessi xinnoon sun baay’atee samii guutee gurraachesse. Qilleensi guddaan ni ka’e. Dhumarratti, waggaa sadiifi walakkaa booda, biyya Israa’elitti bokkaan ni roobe.d Lafti gogee ture sun bishaan quufe. Bokkaan sun cimaa ta’aa waan dhufeef lagni Qiison ni guute. Lagni kunis dhiiga raajota Ba’aal akka dhiqee fudhate homaa hin shakkisiisu. Israa’eloonni mata jabeeyyii ta’an sunis, waaqeffannaa Ba’aal isa ciiggaasisaa biyyasaanii keessatti geggeeffamaa ture akka balleessan carraan isaanii banamee ture.
Eliyaas Israa’eloonni tarkaanfii akkasii akka fudhatan eegee akka ture beekamaadha! Ahaab qalbiisaa geddaratee waaqeffannaa Ba’aalirraa ni deebi’aa laata? Wantoonni guyyaa sanatti raawwataman, qalbii geddarachuuf kan nama kakaasan turan. Dhugaadha, yeroo sanatti Ahaab maal yaadaa akka ture beekuu hin dandeenyu. Seenaansaa, ‘Ahaab yommus konkolaataasaa yaabbatee Yizre’elitti gad bu’uusaa’ qofa nutti hima. Kanarraa waan barate qabaa? Akkaataa jireenyasaa jijjiiruuf murteessee turee? Wantoonni sana booda raawwataman kana akka hin goone mirkaneessu. Haata’u malee, Ahaabittis ta’e Eliyaasitti yeroonsaa hin darbine.
Raajiin Yihowaa kun, karaa Ahaab deemerra isa duukaa bu’e. Karaa dheeraa, dukkanaafi raareetu isa eeggata ture. Sana booda garuu wanti haaraan tokko ni raawwatame.
“Waaqayyo humna isaa Eliyaasiif in kenne; Eliyaas immoo wayyaa isaa sassaabbatee mudhiitti suuqqatee, Ahaab dura bu’ee hamma Yizre’elitti in fiige.” (Lakkoofsa 46) ‘Humni Yihowaa,’ Eliyaas wanta humna namaatii ol ta’e akka raawwatu isa gargaaree akka ture beekamaadha. Yizre’el gara kiilomeetira 30 kan fagaattu ta’uusaarrayyuu, Eliyaasimmoo dulluma jala ga’ee ture.e Raajichi akka gaariitti fiiguuf jecha wayyaasaa mudhiitti suuqqatee, daandii bokkaan raaresserra fiiguudhaan konkolaataa fardaa mootichaa bira yommuu darbu sitti haa mul’atu!
Kun Eliyaasiif eebba guddaa mitii? Jabinaafi humna tarii yeroo dargaggummaasaattillee hin qabne akkasii qabaachuunsaa, baay’ee isa gammachiisee ta’uu qaba. Kunimmoo, raajiiwwan namoonni amanamoo ta’an jannata dhuftu keessatti fayyaa guutuufi humna qabaatanii akka jiraatan dubbatan nu yaadachiisuu danda’a. (Isaayaas 35:6; Luqaas 23:43) Eliyaas karaa dhoqqee sanarra yeroo fiigu, Abbaasaa Yihowaa biratti fudhatama qabaachuusaa akka beeku homaa hin shakkisiisu!
Yihowaan namoota eebbisuuf ni hawwa. Eebbawwan kana argachuuf, hamma dandeenye carraaquun keenya barbaachisaadha. Milikkitoota Yihowaan yeroo sodaachisaafi ariifachiisaa kanatti tarkaanfii akka fudhatu argisiisan hubachuudhaan, akkuma Eliyaas dammaqinaan eeguun keenya barbaachisaadha. Akkumasaa, abdiiwwan Yihowaan inni “Waaqayyo amanamaa” ta’e kennerratti guutummaatti haa amanamnu.—Faarfannaa 31:5.
[Miiljaleewwan]
a Ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2008, mataduree, “Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera” jedhu ilaali.
b Galaana Guddaa kan jedhame, isa yeroo har’aatti Galaana Mediteraaniyaa jedhamudha.
c Wanti Yesus dubbate yeroo har’aatti raawwatamaa jiraachuusaa ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessaniifi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 9 ilaali.
d Namoonni tokko tokko, ongeen sun yeroo hammamiitiif akka ture ilaalchisee Macaafni Qulqulluun yaada wal faallessu akka qabu isaanitti dhaga’ama. Saanduqa fuula 19rra jiru ilaali.
e Kana booda Yihowaan, Eliyaas Elsaa’in akka leenjisu godhe. Elsaa’i booddee ‘gargaartuu Eliyaas’ ta’eera. (2 Mootota 3:11) Elsaa’i, raajii dulloome kana gargaaruudhaan hojjetaasaa ta’ee tajaajileera.
[Saanduqa/Fakkii fuula 27rra jiru]
Ongeen Bara Eliyaas Yeroo Hammamiitiif Ture?
Eliyaas raajichi, ongeen yeroo dheeraadhaaf ture yeroo dhihootti akka dhaabatu Ahaab Mootichatti himee ture. Kun kan ta’e, guyyaa Eliyaas ongeen akka dhufu itti dubbatee kaasee “waggaa sadaffaatti” akka ta’e haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. (1 Mootota 18:1) Eliyaas bokkaan akka roobu erga dubbatee baay’ee utuu hin turin, Yihowaan bokkaa roobse. Namoonni tokko tokko, ongeen kun waggaa sadaffaasaatti waan dhaabateef, waggaa sadi hin guunne jedhanii yaadu ta’a. Haata’u malee, Yesusiifi Yaaqoob ongeen sun “waggaa sadii fi ji’a ja’a” akka ture dubbataniiru. (Luqaas 4:25; Yaaqoob 5:17) Yaanni kun wal faallessaa?
Matumaa wal hin faallessu. Israa’el durii keessatti bonni hamma ji’a ja’aa ni dheerata ture. Eliyaas waa’ee ongee Ahaabitti himuu kan dhufe, yommuu bonni cimaafi yeroo dheeraadhaaf ture jalqabettidha. Kanaafuu, ongeen sun yeroo ni jalqaba jedhamerra ji’a ja’a dursee jalqabe. Eliyaas, ongeen akka jalqabu erga dubbatee booda “waggaa sadaffaatti” akka dhaabatu dubbate. Akka kanaan, yeroo Eliyaas kana dubbatetti, ongeen sun walumatti gara waggaa sadiifi ji’a ja’aa tureera. Yeroo namoonni hundi Waaqni dhugaan eenyu akka ta’e arguuf Gaara Qarmelosirratti wal ga’an, ‘waggaan sadiifi jiini ja’aan sun’ darbee ture.
Yeroo Eliyaas jalqaba waa’ee ongee Ahaabitti hime wanta ta’e ilaali. Sabichi, Ba’aal inni “duumessa gulufu,” waaqa bokkaa fidee ongee balleessudha jedhanii amanu turan. Yeroon ongee garmalee yoo dheerate, ‘Ba’aal eessa jira? Bokkaa kan fidu yoomi?’ jedhanii yaaduunsaanii hin oolu. Eliyaas, hamma inni bokkaan ni dhufa jedhutti bokkaanis ta’e fixeensi akka hin jiraanne dubbachuunsaa, waaqeffattoota Ba’aal baay’ee naasisee ta’uu qaba.—1 Mootota 17:1.
[Madda]
Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Kadhannaan Eliyaas, fedhiin Waaqayyoo yommuu raawwatamu arguuf hawwii akka qabu kan argisiisu ture