Fakkeenya Maariyaamirraa Maal Baranna?
Rakkina akka tasaa sirra ga’een ykn itti gaafatamummaa utuu itti hin yaadin sii kennameen, akkasumas wanta si barbaachisu bitachuuf qarshii dhabuukeetti dhiphattee beektaa? Atis namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi koolu galtoota ta’anii wanta godhan wallaaluudhaan dhiphatan keessaa tokko ta’uu dandeessa. Nu keessaa namni michuusaa du’aan dhabuusaatiin gaddi guddaafi abdii kutachuun itti hin dhaga’amne jiraa?
RAKKOOWWAN kun hundi, Maariyaam haadha Yesusirra ga’anii akka turan beektaa? Maariyaam rakkoowwan kana hunda mooteetti! Fakkeenyasheerraa maal baranna?
Maariyaam dubartii addunyaa maratti beekamtudha. Raawwii kaayyoo Waaqayyoo keessatti shoora guddaa waan qabduuf, beekamtuu ta’uunshee nama hin dinqisiisu. Kana malees, namoonni miliyoona hedduutti lakkaa’aman Maariyaamiif ulfina addaa kennu. Waldaan Kaatolikii, Maariyaam Haadha jaallatamtuu, fakkeenya amantii, fakkeenya abdiifi arjummaa akka taate ibsuudhaan ulfina addaa kennitiif. Namoonni hedduun, Maariyaam Waaqayyoofi namoota akka walitti araarsitu barataniiru.
Atoo haadha Yesusiif ilaalcha akkamii qabda? Hunda caalaatti Waaqayyo isheedhaaf ilaalcha akkamii qaba?
Itti Gaafatamummaa Adda Ta’e
Maariyaam intalli Elii, Israa’el keessaa nama gosa Yihudaa turte. Yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluu keessatti kan caqasamte, wanta dinqisiisaa tokkoo wajjin haala wal qabateen ture. Ergamaan tokko garashee dhufee, “Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira’o, nagaan siif haa ta’u, yaa ayyaana-qabeettii!” jedheen. Isheenis jalqabarratti baay’ee dhiphattee, “kun maal jechuu dha? jettee of gaafatte.” Ergamichi yeroo kanatti hojii nama ajaa’ibsiisuufi itti gaafatamummaa guddaadhaaf, jechuunis Ilma Waaqayyoo akka ulfooftu, akka deessuufi akka guddistu filatamuushee itti hime.—Luqaas 1:26-33.
Itti gaafatamummaan shamarree kanaaf kenname baay’ee guddaa ture! Yeroo kanatti maaltu isheetti dhaga’ame? Maariyaam seenaa kana eenyutu amana? jettee dhiphattee ta’uu danda’a. Ulfaa’uunshee jaalala kaadhimashee Yoseef ishee dhabsiisaa? Yookiin uummata biratti qaanii isheetti fidaa? (Keessa Deebii 22:20-24) Maariyaam itti gaafatamummaa guddaa kana fudhachuurraa duubatti hin jenne.
Amantii cimaan Maariyaam qabdu, Yihowaadhaaf akka abboomamtu ishee kakaaseera. Yihowaan akka ishee kunuunsu mirkanooftee turte. Kanaan kan ka’es, “Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta’u!” jetteetti. Maariyaam mirgawwan karaa hafuuraa argatteef bakka guddaa waan kenniteef, rakkoowwan ishee eeggatan mo’uuf of qopheessitee turte.—Luqaas 1:38.
Maariyaam ulfaa’uushee yommuu itti himtu, Yoseef ishee dhiisuu yaade. Yeroon sun, lamaansaaniitiif yeroo dhiphinaa akka ture beekamaadha. Macaafni Qulqulluun rakkinnisaanii kun yeroo hammamiitiif akka itti fufe hin ibsu. Haata’u malee, ergamaan Yihowaa yommuu Yoseefitti mul’ate, Maariyaamiifi Yoseef baay’ee gammadanii akka turan hin shakkisiisu. Ergamaan sun Maariyaam karaa adda ta’een akka ulfoofte Yoseefitti himuudhaan, haadha manaasaa godhee gara manasaatti akka fudhatu itti hime.—Maatewos 1:19-24.
Yeroo Rakkisaa
Yeroo ammaatti, dubartoonni ulfaa’an hedduun, ji’oottan dheeraadhaaf yeroo mucaan itti dhalatu qophaa’anii eeggatu; Maariyaamis akkasuma gootee ta’a. Kun ilmashee isa angafaati. Haata’u malee, wantoonni hin yaadamne qophii da’umsaaf gootu kanarratti gufuu uumaniiru. Awugusxos mootichi, namoonni hundi magaalaa itti dhalatan dhaqanii akka lakkaa’aman seera baase. Kanaaf, Yoseef Maariyaam ishee ulfa ji’a sagal turte, tarii harreerra kaa’ee adeemsa gara kiilomeetira 150 deemeera. Betlihem namoota galmeeffamuu dhufaniin waan guutamteef, Maariyaam bakka qoofnii da’umsaaf ta’u argachuun ishee barbaachisus, moonaa horii malee bakka garabiraa argachuu hin dandeenye. Moonaa horii keessatti da’uun Maariyaamiif rakkisaa akka ture hin shakkisiisu. Yeroo kanatti baay’ee qaanoftee akkasumas sodaattee ta’uu qaba.
Maariyaam yeroo rakkisaa kanatti, Yihowaan isheefi ilmasheetiif kunuunsa akka godhu abdachuudhaan, wanta garaashee keessa jiru Yihowaatti akka dhangalaafte hin shakkisiisu. Yeroo xinnoo boodas, tiksitoonni mucicha ilaaluu barbaadan ni dhufan. Isaanis, ergamoonni Waaqayyoo mucaan kun ‘fayyisaa Kristos goofticha’ ta’uusaa akka isaanitti himan dubbatan. Achiis caqasa, “Maariyaam garuu dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte” jedhu dubbisna. Maariyaam jechoota kanarratti xiinxaluudhaan jajjabina argachuu dandeesseetti.—Luqaas 2:11, 16-19.
Kanarraa maal baranna? Nuyis wanti rakkisaan nu mudachuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, ‘yerooniifi walitti dhufuun’ hunda keenyarra ga’uufi rakkina akkamiiyyuu nutti fiduu akka danda’u argisiisa. (Lallaba 9:11, hiika bara 1899) Haalli akkasii utuu nurra ga’ee, Waaqayyoon komachuudhaan isa hadheessinaa? Kanaa mannaa, fakkeenya Maariyaam hordofnee, Macaafa Qulqulluu barachuufi wanta barannerratti xiinxaluudhaan, Yihowaatti dhihaachuun keenya gaarii hin ta’uu? Kana gochuun rakkoowwan mo’uuf akka nu gargaaru beekamaadha.
Hiyyeettiifi Koolu Galtuu
Maariyaam hiyyummaadhaan jiraachuufi biyyasheetii baqachuu dabalatee, rakkoowwan garabiraanis irra ga’aniiru. Rakkoowwan akkasii sirra ga’anii beekuu? Gabaasni tokko akka ibsutti, “namoota addunyaa maratti argaman keessaa harki walakkaan, jechuunis namoonni biliyoona sadii ta’an guyyaatti galiinsaanii doolaara lamaa gadidha.” Namoonni miliyoona hedduutti lakkaa’amanimmoo, biyyoota sooreyyii keessa jiraatanis, wanta isaan barbaachisu argachuuf baay’ee dhama’u. Atoo gama kanaan rakkina qabdaa? Maatiikeetiif nyaata, uffataafi mana jireenyaa argachuuf carraaquun si dadhabsiiseeraa? Yookiin humnaa ol akka ta’e sitti dhaga’amaa?
Macaafni Qulqulluun Yoseefiifi Maariyaam hiyyeeyyii akka turan ibsa. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Wangeelonni Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis dhimma kana ilaalchisee yaada akka ragaatti ilaalamu dhiheessaniiru. Ragaawwan kana keessaa inni tokko, Maariyaam erga deessee guyyaa 40 booda, isheefi Yoseef aarsaa isaanirraa eegamu, jechuunis “gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama” dhiheessuuf gara mana qulqullummaa akka dhufan kan dubbatudha.a (Luqaas 2:22-24) Aarsaan akkasii, hiyyeessota xobbaallaa hoolaa dhiheessuu hin dandeenyeef qofa heyyamama ture. Kanaaf, Yoseefiifi Maariyaam wanta ittiin jiraatan argachuuf baay’ee dhama’uu isaan hin barbaachisin hin oolu. Ta’us, maatiinsaanii gammachuu kan qabu ture. Jireenya hafuuraasaaniitiif dursa kennaa akka turan homaa hin shakkisiisu.—Keessa Deebii 6:6, 7.
Yesus dhalatee utuu baay’ee hin turin, jireenyi Maariyaam yeroo lammataatiif guutummaatti jijjiirame. Ergamaan Waaqayyoo, Yoseef maatiisaa fudhatee gara Gibxiitti akka baqatu itti hime. (Maatewos 2:13-15) Maariyaam bakka jireenyaasheetii yommuu baqattu kun isa lammaffaa si’a ta’u, yeroo kanatti garuu biyya ormaatti baqatte. Yihudoonni hedduun Gibxii keessa jiraachaa waan turaniif, Maariyaamiifi Yoseef isaanii wajjin jiraachuu hin oolan. Haata’u malee, biyya ormaa jiraachuun nama dhiphisuufi bitaa namatti ta’uu danda’a. Atiifi maatiinkee, namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi faayidaa ykn nageenya ijoolleesaaniitiif jecha biyyasaaniitii baqatan keessaa tokkodhaa? Taanaan, rakkoowwan Maariyaam Gibxiitti dabarsite tokko tokko hubachuun si hin rakkisu.
Niitiifi Haadha Waaqayyoon Sodaattu
Maariyaam Yesusiin da’uufi seenaa jireenya ijoollummaasaa ibsaniin alatti, seenaanshee bal’inaan hin ibsamne. Haata’u malee, Maariyaamiifi Yoseef yoo xinnaate ijoollee garabiraa ja’a akka qaban beekna. Kun baay’ee si ajaa’ibsiisa ta’a. Ta’us wanta Wangeelonni jedhan ilaali.
Yoseef, Maariyaam Ilma Waaqayyoo da’uuf mirga argachuushee akka ulfina guddaatti ilaala ture. Kanaafis, Maariyaam Yesusiin da’uushee dura, ishee wajjin saalqunnamtii raawwachuurraa of qusateera. Maatewos 1:25 Yoseef, “hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre” jedha. Caqasa kana keessatti jechi “hamma” jedhu, Yesus erga dhalatee booda Maariyaamiifi Yoseef akkuma abbaa manaafi haadha manaatti saalqunnamtii raawwachuusaanii argisiisa. Kanaan kan ka’es Wangeelli, Maariyaam Yoseefiif ilmaaniifi intaloota godhachuushee dubbata. Yaaqoob, Yoseef, Simi’ooniifi Yihudaan, Yesusii wajjin haadhaan tokko turan. Kana malees, Maariyaam yoo xinnaate intaloota lama qabdi turte. (Maatewos 13:55, 56) Haata’u malee, Maariyaam haaluma dubartoota kaanii wajjin wal fakkaatuun ijoollee kana Yoseefirraa godhatte.b
Maariyaam jireenya hafuuraatiif bakka guddaa kenniti turte. Seerri Musee dubartoonni ayyaana Faasikaarratti akka argaman kan hin ajajne ta’us, Maariyaam ayyaana waggaa waggaatti kabaju kanarratti argamuuf Yoseefii wajjin gara Yerusaalem dhaquu amaleeffattee turte. (Luqaas 2:41) Kunimmoo maatii baay’ee kana qabatanii waggaa waggaatti dhaqaa gala naannoo kiilomeetira 300 adeemuu kan gaafatu ture. Ta’us, maatiin kun adeemsa kanarratti yeroo nama gammachiisu akka dabarsu homaa hin shakkisiisu.
Yeroo ammaatti dubartoonni hedduun fakkeenya Maariyaam ni hordofu. Itti gaafatamummaa Caaffata Qulqullaa’oo keessatti isaanii kenname raawwachuuf jabaatanii hojjetu. Dubartoonni kun obsaafi jabina guddaa qabu; akkasumas akka gad of qaban ni argisiisu. Ilaalcha Maariyaam qabaachuunsaanii, qannoofi gammachuusaanii caalaatti dhimmawwan hafuuraatiif dursa kennuusaanii akka itti fufan isaan gargaara. Akkuma Maariyaam goote, isaanis abbootii manaafi ijoolleesaanii wajjin Waaqayyoon waaqeffachuun maatiisaanii akka jabeessuufi tokko akka godhu beeku.
Yeroo tokko Maariyaamiifi Yoseef ayyaana Yerusaalemitti kabajamurratti argamanii yommuu deebi’an, Yesus inni umriinsaa 12 ture isaanii wajjin akka hin jirre hubatan. Tarii yeroo kanatti maatichi ijoollee hedduu qabaachuu danda’a. Maariyaam, guyyaa sadiif ilmashee yeroo barbaadaa turtetti hammam dhiphattee akka turte tilmaamuu dandeessaa? Dhumarratti isheefi Yoseef mana qulqullummaatti yommuu isa argatan Yesus, “Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jedheen. Seenaansaa, Maariyaam “dubbii kana hundumaa garaatti in qabatti turte” jedha. Kunis, ragaa garabiraa Maariyaam wantoota hafuuraatiif bakka guddaa akka kennitu argisiisudha. Haala Yesusii wajjin wal qabateen wantoota raawwatamanirratti of eeggannoodhaan xiinxalti turte. Waggoota muraasa booda, dhimma kanas ta’e wantoota ijoollummaasaatti raawwataman kaan namoota Wangeela barreessanitti bal’inaan himuu hin ooltu.—Luqaas 2:41-52.
Rakkinaafi Gadda Obsaan Danda’uu
Yoseef, abbaan buddeenaa Yesus yeroo booda maal ta’e? Seenaan Yoseef, yeroo Yesus umriinsaa 12 ture erga caqasamee booda, Wangeelarratti hin argamu. Namoonni tokko tokko, Yoseef sana booda utuu hin caqasamin hafuunsaa, Yesus tajaajila jalqabuusaa dura akka du’e argisiisa jedhu.c Kun dhugaa ta’us ta’uu baatus, Maariyaam gara dhuma tajaajila Yesusitti dubartii abbaan manaa irraa du’e kan turte fakkaata. Yesus yeroo ajjeefamuuf jedhetti, haadhasaa akka kunuunsuuf Yohannisitti hadaraa kenneera. (Yohannis 19:26, 27) Yoseef utuu hin duune ta’ee, Yesus kana akka hin goone beekamaadha.
Maariyaamiifi Yoseef wanta hedduu waliin dabarsaniiru. Ergamoota Waaqayyoorraa ergaa fudhataniiru, bulchaa biyyaa baqachuuf dirqamaniiru, yeroo baay’ee qe’eesaanii dhiisanii baqataniiru, ijoollee hedduus waliin guddisaniiru. Yoseefiifi Maariyaam Yesusiin ilaalchisee gaaffiiwwan, Gara fuulduraatti maaltu irra ga’a? Akka gaariitti isa leenjifneerraa? Wanta isatti dhufuuf sirriitti isa qopheessineerraa laata? jedhanirratti halkan hedduudhaaf mari’achuu hin oolan. Sana booda Maariyaam akkuma tasaa kophaatti hafte.
Atoo hiriyaa gaa’elaakee du’aan dhabdeettaa? Kun erga ta’e waggoonni hedduun darbanis, ammayyuu gaddi cimaan sitti dhaga’amaa? Maariyaam abdii du’aa ka’uu ilaalchisee beekumsaafi amantaa qabaachuusheetiin jajjabina akka argatte hin shakkisiisu.d (Yohannis 5:28, 29) Maariyaam wantoota jajjabina isheedhaa argamsiisan akkasii qabaattus, rakkinnishee kanaan qofa hin dhaabanne. Akkuma haadhotii qeentee yeroo ammaatti argaman hedduu, isheenis gargaarsa abbaa manaa malee, wanta ijoolleesheetiif barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaa guddaa qabdi turte.
Yoseef erga du’ee booda, wanta maatichaaf barbaachisu adda durummaadhaan dhiheessaa kan ture Yesusidha jedhanii amanuun sirriidha. Obboloonni Yesus erga guddatanii booda, itti gaafatamummaa maatii keessatti qaban hiratanii ta’uu danda’a. Yesus yommuu umriinsaa “akka waggaa soddomaa” ta’u manaa ba’ee tajaajila jalqabe. (Luqaas 3:23) Maatiiwwan hedduun, ilmaan ykn intaloonnisaanii of danda’anii yommuu manaa ba’an ni gammadus ni gaddus. Warri ijoolleesaanii guddisuuf yeroofi humnasaanii aarsaa gochuusaaniirrayyuu, isaanii wajjin walitti dhufeenya cimaa waan qabaataniif, yommuu manaa ba’an kophaatti akka hafan itti dhaga’amuu danda’a. Ilmaan ykn intaloonnikee of danda’anii jiraachuuf manaa ba’aniiruu? Kun ta’uunsaa si gammachiisullee, darbee darbee natti dhihaatanii utuu jiraatanii jettee hawwitaa? Taanaan, yommuu Yesus manaa ba’e Maariyaamitti maaltu akka dhaga’ame hubachuun salphaadha.
Qorumsawwan Hin Eegamne
Rakkinni Maariyaamirra ga’e kaanimmoo, matumaa ni ta’a jettee kan hin yaanne ta’uu danda’a. Yesus yommuu lallabu, namoonni hedduun isa duukaa kan bu’an si’a ta’u, obboloonnisaa garuu isa duukaa hin buune. Caaffanni Qulqullaa’aan, “Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne” jedha. (Yohannis 7:5) Ergamaan Waaqayyoo tokko, Yesus “ilma Waaqayyoo” ta’uusaa akka isheetti hime, Maariyaam ijoolleesheetti akka himte hin shakkisiisu. (Luqaas 1:35) Yaaqoob, Yoseef, Simi’ooniifi Yihudaan garuu, Yesusiin obboleessasaanii isa hangafa qofa godhanii ilaalu turan. Kanaaf, maatiin Maariyaam amantiidhaaf ilaalcha addaddaa qaba ture jechuudha.
Maariyaam abdii kutattee, ilaalcha ijoolleeshee jijjiiruuf yaalii gochuushee dhiisteettii? Gonkumaa! Yeroo Yesus Galiilaatti lallabaa ture tokko, nyaata nyaachuuf gara mana nama tokkoo ennaa dhaqu, namoonni hedduun isa dhaggeeffachuuf garasaa dhufan. Isa barbaacha ala dhaabatanii kan turan eenyufa’i? Maariyaamiifi obbolootasaa turan. Kanaaf yommuu Yesus naannoo maatiisaa dhufu, Maariyaam tarii obboloonnisaa ilaalcha isaaf qaban ni jijjiiru jettee abdachuudhaan, ijoolleeshee wajjin isa bira dhaqxi turte.—Maatewos 12:46, 47.
Atis Yesus duukaa bu’uuf yommuu carraaqxu, miseensonni maatiikee kana gochuu hin barbaadan ta’a. Abdii kutattee isaan gargaaruu hin dhiisin! Namoonni baay’een akkuma Maariyaam, waggoota hedduudhaaf bu’aa tokko malee obsaan miseensota maatiisaanii jajjabeessaniiru. Namoonni kaan ilaalchasaanii jijjiiranis jijjiiramuu baatanis, Waaqayyo carraaqqii akkasiitiif bakka guddaa kenna.—1 Phexros 3:1, 2.
Qorumsa Hundarra Caalu
Caaffata Qulqullaa’aa keessatti akkuma ibsame, qorumsi Maariyaamirra ga’e inni dhumaafi inni guddaan, sammuufi miirashee akka miidhe hin shakkisiisu. Ilmishee inni jaallatamaan, namoota biyyasaatiin jibbameefi dhiphatee yommuu du’u argiteetti. Daa’imas ta’e ga’eessa, duuti mucaa “gadda guddaa” kan geessisuufi “du’a hundarra caalu” akka ta’e ibsameera. Akkuma waggoota kurnan muraasa dura dubbatame, Maariyaam billaa qaramaan onneeshee akka waraane itti dhaga’amee ture!—Luqaas 2:34, 35.
Qorumsi dhumaa Maariyaamirra ga’e akka of hin to’anne ishee godhee ykn amantaa Yihowaarratti qabdu ishee dhabsiisee turee? Matumaa! Sababiinsaas sana booda, Maariyaam Macaafa Qulqulluu keessatti bartoota Yesusii wajjin ‘kadhataaf of kennitee’ akka turte ibsameera. Yeroo kanatti kophaashee hin turre. Ilmaanshee warri obboleessasaanii isa angafaatti amananis yeroo kanatti ishee wajjin turan. Kun Maariyaamiin baay’ee kan gammachiise ta’uu qaba!e—Hojii Ergamootaa 1:14.
Maariyaam yeroo durba, niitiifi haadha taatee turtetti, itti gaafatamummaa Waaqayyo isheedhaa kenne hunda raawwachuudhaan, jireenya gammachuu qabu jiraatteetti. Karaa hafuuraa eebbawwan hedduu argatteetti. Qorumsaafi rakkina hedduu mooteetti. Nuyis, yommuu qorumsawwan hin yaadamne nurra ga’an ykn rakkoowwan maatii keenya keessatti uumamaniin yeroo dhiphannu, fakkeenya Maariyaam ishee amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilterraa barumsa argachuu akka dandeenyu beekamaadha.—Ibroota 10:36.
Haata’u malee, Maariyaamiif ulfina addaa kennuun sirriidhaa? Seenaan Macaafa Qulqulluu Maariyaam shoora addaa akka qabdu ibsu, ishee waaqeffachuun sirrii ta’uusaa argisiisaa?
[Miiljaleewwan]
a Gugeewwan kana keessaa tokko aarsaa cubbuutiif dhihaatti turte. (Lewwoota 12:6, 8) Maariyaam aarsaa kana dhiheessuudhaan, akkuma namoota cubbuu dhaalan kaanii, isheenis Addaam nama isa jalqabaarraa miidhaawwan karaa cubbuu dhufan dhaaluushee akka amantu argisiisteetti.—Roomaa 5:12.
b Saanduqa “Yesus Obbolootaafi Obboleettota qaba turee?” jedhu ilaali.
c Seenaa tajaajila Yesusirratti haatisaa, obboloonnisaafi obboleettonnisaa caqasamanii Yoseef utuu hin caqasamin hafuunsaa akka du’e argisiisa. Fakkeenyaaf Maariyaam cidha Qaanaatti godhamerratti kan argamteefi wantoota tokko tokko raawwachuurratti adda durummaadhaan kan hirmaatte si’a ta’u, waa’een Yoseef garuu iddoo kanatti hin ibsamne. (Yohannis 2:1-11) Yeroo garabiraattimmoo, namoonni biyyasaa Yesusiin, ilma Yoseef utuu hin ta’in “ilma Maariyaam” jedhanii waamaniiru.—Maarqos 6:3.
d Du’aa ka’uu ilaalchisee, abdii Macaafni Qulqulluun kennu caalaatti beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 7 ilaali.
e Saanduqa fuula 7rra jiruufi “Ija Jabinaan Amantiishee Jijjiirteetti” jedhu ilaali.
[Saanduqa/Fakkii fuula 6rra jiru]
Yesus Obbolootaafi Obboleettota Qaba Turee?
Eeyyee qaba ture. Wangeelonni iddoo baay’eetti waa’ee dhugaa kanaa ifatti kan dubbatan ta’us, hayyoonni amantii tokko tokko kana haaluuf jecha falmii tokko tokko kaasu. (Maatewos 12:46, 47; 13:54-56; Maarqos 6:3) Hayyoonni Macaafa Qulqulluu, barumsa Maariyaam ijoollee garabiraa hin godhanne jedhu lamarratti yaada qaban kaa’aniiru. Tokkoffaa barumsa kana kan babal’isan, barumsa waldaa isa yeroo booda dhufeefi Maariyaam umriishee guutuu durba taatee jiraatteetti jedhu deggeruuf jechadha. Lammaffaammoo, yaadawwan kun gadi fageenyaan yommuu qoraman kan nama amansiisan miti.
Fakkeenyaaf yaanni inni jalqabaa, “obboloota” Yesus kan jedhaman, ijoollee Yoseef utuu Maariyaamiin hin fuudhin dura dubartii garabiraarraa godhatedha kan jedhudha. Yaanni kun, Yesus angafa ta’uudhaan mootummaa Daawit dhaaluuf, seeraan mirga akka qabu yaada ibsamee wajjin kan wal faallessu waan ta’eef dhugaarraa kan fagaatedha.—2 Saamu’el 7:12, 13.
Yaanni inni kaanimmoo jechi asirratti obboloota jedhu, durbii Yesus ta’uusaanii argisiisa kan jedhudha. Haata’u malee, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii, jechoota “obboleessa,” “durbii,” akkasumas “fira” jedhan adda baasanii ibsu. Kanaan kan ka’es, hayyuun Firaanki Ee. Gebalaayin jedhamu, barumsawwan kun sirrii akka hin taane ibseera. Akkas jechuudhaanis yaadasaa xumureera: “Jechi ‘obboloota’ jedhu, . . . ilmaan Maariyaamiifi Yoseef kan argisiisu ta’uusaafi obboloonnisaa kun Yesusii wajjin haadhaan tokko ta’uusaanii kan argisiisu ta’uu qaba.”
[Saanduqa fuula 7rra jiru]
Ija Jabinaan Amantiishee Jijjiirteetti
Maariyaam maatii Yihudootaa keessaa waan dhalatteef, amantii Yihudii hordofti turte. Bakka Yihudoonni waaqeffannaa itti geggeessaniifi mana sagadaa jedhanii waamanitti ni argamti turte; mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamus ni dhaqxi turte. Kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee beekumsi isheen qabdu yommuu guddachaa adeemu garuu, barsiifanni abbootashee Waaqayyo biratti fudhatama akka hin qabne hubatte. Geggeessitoonni amantii Yihudii Ilmashee isa Masiihii ajjeesan. Innis ajjeefamuusaa dura, “Ilaa, manni keessan onee in hafa” isaaniin jedhee ture. (Maatewos 23:38) Waaqayyo, amantii Yihudootaa isa Maariyaam keessatti guddatterraa eebbasaa kaasee ture.—Galaatiyaa 2:15, 16.
Gumiin Kiristiyaanaa yommuu hundeeffame, umriin Maariyaam naannoo waggaa 50 ta’a ture. Yeroo kanatti tarkaanfii akkamii fudhatte? Amantii Yihudootaa keessatti waan dhalatteef, barsiifata amantii abbootasheetti cichitee hafuuf murteessitee? Umriikoo kanatti akkamittan amantiikoo jijjiira jettee yaaddeettii? Matumaa! Maariyaam, yeroo sanatti Waaqayyo gumii Kiristiyaanaa eebbisaa akka jiru waan hubatteef, ija jabinaan amantiishee jijjiirteetti.
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Gibxiitti baqachuu
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Qorumsa hunda caaluufi haadha tokkorra ga’uu danda’u