Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu
TOONIIN inni mataduree isa jalqabaarratti caqasamee ture, araada dhugaatii alkoolii akka qabu utuu amaneera taʼee jireenya gaarii jiraata ture. Haataʼu malee, baayʼee dhuguyyuu mallattoon akka machaaʼe argisiisu isarratti waan hin mulʼanneef, of toʼachuu akka dandaʼu isatti dhagaʼama ture. Ilaalchisaa dogoggora kan ture maaliifi?
Dhugaatii alkoolii garmalee waan dhuguuf waan tokko sirriitti madaaluu hin dandaʼu ture. Tooniin hubatus hubachuu baatus, qaamni dhagnasaa, sammuusaafi miirasaa toʼatu dhugaatii garmalee dhuguusaatiin mancaʼaa jira ture. Daddabalatee dhuguusaatiin, dandeettiin sammuunsaa haalasaa sirriitti madaaluuf qabu hirʼachaa dhufeera.
Sababiin inni lammaffaan ilaalchisaa dogoggora ture itti jennummoo, dhugaatii alkoolii baayʼee dhuguusaa itti fufuuf fedhii guddaa kan qabu taʼuusaati. Aalan inni matadureewwan kanaan duraarratti ibsame, jalqabarratti araada dhugaatii alkoolii akka qabu hin amanne ture. Akkas jedha: “Akkan dhugu kanan dhoksu taʼuusaarrayyuu, garmalee dhuguu kootiif sababii baayʼeen dhiheessa, akkasumas salphiseen ilaalan ture. Kaayyoonkoo inni guddaan, wanti dhugaatii na dhowwu tokkoyyuu akka hin jiraanne gochuu ture.” Namoonni kaan, Tooniifi Aalan araada dhugaatii alkoolii akka qaban isaanirratti kan beekan taʼuyyuu, lamaanuu amala akkasii akka hin qabne of amansiisuusaanii itti fufaniiru. Namoonni kun lamaan araada dhugaatii alkooliisaanii toʼachuuf tarkaanfii fudhachuu isaan barbaachisa ture. Garuu tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu?
Tarkaanfii Fudhadhu!
Namoonni dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhaaban, wanta Yesus akkas jechuudhaan dubbatee wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhataniiru: “Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii gati; guutummaan dhagna keetii qililleetti darbatamuu mannaa, buʼaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.”—Maatewos 5:29.
Yesus, waaʼee qaama ofii ofirraa muruu dubbachaa akka hin turre beekamaadha. Kanaa mannaa, jireenya keenya keessatti wanta hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu nu jalaa mancaasu guutummaatti dhiisuuf fedhii akka qabaannu fakkeenyaan jabeessee ibsuusaa ture. Tarkaanfiin fudhannu dhiphina guddaa nurra geessisuu akka dandaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, yaadaafi haala dhugaatii alkoolii garmalee dhuguutti nama geessurraa nu eega. Kanaaf, namoonni kaan dhugaatii alkoolii baayʼee dhugaa akka jirtu yoo sitti himan, hamma dhugdu daangessuuf tarkaanfii fudhadhu.a Daangessuun yoo sitti ulfaate garuu, guutummaatti dhiisuuf of qopheessi. Kun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa; taʼuyyuu jireenya ofii balleessuu mannaa guutummaatti dhuguu dhiisuu wayya.
Araada dhugaatii qabaachuu baattuyyuu, takka takka garmalee dhuguu si kajeelchisaa? Taanaan, tarkaanfiiwwan hamma dhugdu daangessuuf si gargaaran akkamii fudhachuu dandeessa?
Gargaarsa Eessaa Argatta?
1. Yeroo hundumaa kadhannaa garaarraa madde dhiheessuun humna akka qabu amantii qabaadhu. Macaafni Qulqulluun namoota Yihowaa gammachiisuu barbaadan hundumaaf gorsa akkas jedhu kenna: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa. . . . Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Nagaa kana argachuuf maal jettee kadhachuu dandeessa?
Araada dhugaatii alkoolii akka qabdu, rakkinni kunis itti gaafatamummaakee akka taʼe amanii fudhadhu. Dhimma kana ilaalchisee waan gochuu barbaaddu Waaqayyootti himuunkee, carraaqqii boqonnaa argachuufi rakkoon kanarra caalu akka hin dhufne gootu akka sii eebbisu godha. “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.” (Fakkeenya 28:13) Yesusis, “Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee” jennee kadhachuu akka dandeenyu nutti himeera. (Maatewos 6:13) Haataʼu malee, haala kadhannaakee wajjin walsimuun tarkaanfii fudhachuu kan dandeessu akkamitti? Kadhannaa garaarraa dhiheessiteef eessaa deebii argachuu dandeessa?
2. Dubbii Waaqayyoorraa jabina argachuu dandeessa. “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba . . . yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in dandaʼa.” (Ibroota 4:12) Namoonni kanaan dura dhugaatii garmalee dhugaa turan hedduun, guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluunsaanii isaan gargaareera. Faarfatichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni akka gorsa warra jalʼootaatti hin deddeebine . . . gammachuu qaba! Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada. . . . Wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.”—Faarfannaa 1:1-3.
Aalan, inni Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaa araada dhugaatii alkoolii moʼuuf jabina isaaf kenne akkas jedha: “Utuu Macaafni Qulqulluufi seerawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan na gargaaruu baatanii, araada dhugaatii alkoolii dhiisuu hin dandaʼun ture; silaa yoona duʼeera.”
3. Amala of qabuu horadhu. Macaafni Qulqulluun, namoonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiraniifi kanaan dura dhugaatii alkoolii garmalee dhugaa turan, “hafuura Waaqayyo keenyaatiin” akka qulqulleeffaman ni ibsa. (1 Qorontos 6:9-11) Akkamitti? Tokkoffaa, amala of qabuu, isa gargaarsa hafuura Waaqayyootiin argamu waan horataniif machiifi albaadhummaarraa fagaataniiru. “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!” (Efesoon 5:18; Galaatiyaa 5:21-23) Yesus Kiristos, “Abbaan keessan inni waaqa irraa . . . warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” jechuudhaan waadaa galeera. Kanaaf, “kadhadhaa isiniif in kennamaa.”—Luqaas 11:9, 13.
Namoonni karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu barbaadan, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuudhaan, akkasumas yeroo hundumaa garaadhaa kadhannaa dhiheessuudhaan amala of qabu horachuu dandaʼu. Abdii kutachuudhaan dhiphachuu mannaa abdii Dubbii Waaqayyoo keessa jiru kana amani: “Akka yaada hafuuraatti kan facaasu . . . yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata. Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu!”—Galaatiyaa 6:8, 9.
4. Michoota gaarii filadhu. “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada.” (Fakkeenya 13:20) Hamma dhugdu daangessuuf murteessuukee michoota keetti himi. Dubbiin Waaqayyoo ‘machii, gar-malee nyaachuufi gar-malee dhuguu’ yeroo dhiistan michoonni keessan kanaan duraa, akka ‘dinqifataniifi maqaa keessan akka balleessan’ akeekkachiisa. (1 Phexros 4:3, 4) Michoota hamma dhugdan daangessuuf murtoo gochuu keessaniin isinitti gaʼisanirraa fagaadhaa.
5. Daangaa murtaaʼaa godhaa. “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin buʼinaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka taʼe gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” (Roomaa 12:2) Michoonnikee ykn ‘jireenyi inni darbu kun’ utuu hin taʼin seerri buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hamma dhuguu qabdu akka sii murteessu yoo heyyamte, jireenya Waaqayyo duratti fudhatama qabu jiraachuu dandeessa. Haataʼu malee, hamma dhuguu qabdu ilaalchisee murtoo sirrii gochuu kan dandeessu akkamitti?
Dhugaatiin alkoolii hammamiiyyuu ilaalchakee kan jalʼisuufi dandeettii hubannaakee kan si jalaa dadhabsiisuu yoo taʼe, siif baayʼeedha. Kanaaf, dhuguu yoo filatte, hammi dhugdu xinnumallee gara machiitti kan si geessu taʼuu hin qabu. Dhugaatii ilaalchisee haala keessa jirtu utuu hin ganin amanamummaadhaan of qori. Humnakee tilmaama keessa galchuudhaan, takkaatti hammam dhuguu akka qabdu daangessi; daangaan goote kun garmalee akka dhugdu kan si godhu taʼuu hin qabu.
6. Lakki jechuu baradhu. “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu, waawuun keessanis waawuu haa taʼu!” (Maatewos 5:37) Nama akka dhugdu garaa qulqulluudhaan garuu karaa sirrii hin taaneen jabeessee si afeeruun, kabajaan lakki jechuu baradhu. “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaaʼaa haa taʼu; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!”—Qolosaayis 4:6.
7. Gargaarsa gaafadhu. Michoota murtoo araada dhugaatii alkoolii toʼachuuf goote sii jabeessaniifi karaa hafuuraa si gargaaruu dandaʼan gargaarsa gaafadhu. “Wanti lama taʼanii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama taʼuun kophaa taʼuu irra in wayya; inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa.” (Lallaba 4:9, 10; Yaaqoob 5:14, 16) Haaluma walfakkaatuun, Yunaayitid Istetis keessatti Dhaabbanni Biyyoolessaa Waaʼee Alkoolii Garmalee Dhuguufi Araada Alkoolii Qoratu tokko gorsa akkas jedhu kenneera: “Al tokko tokko araada dhugaatii moʼuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Miseensonni maatiikee ykn michoonnikee galmakeerra gaʼuuf akka si gargaaran gaafadhu.”
8. Murtoo gootetti cichi. “Warra dubbicha hojii irra oolchan taʼaa malee, warra dhagaʼuu duwwaadhaan of gowwoomsan hin taʼinaa! Namni seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, isa dhagaʼee hojii irra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne garuu, gocha isaatti gammaduuf jira.”—Yaaqoob 1:22, 25.
Araada Dhugaatii Alkoolii Moʼuu
Namni alkoolii baayʼee dhugu hundi araada dhugaatii qaba jechuu miti. Haataʼu malee, namoonni tokko tokko baayʼee dhuguu ykn irra deddeebiʼanii dhuguu waan jalqabaniif, araada dhugaatii alkooliitiin qabamu. Araadni dhugaatii alkoolii, namni tokko qaamnisaas taʼe sammuunsaa alkoolii malee akka hin sochoone waan godhuuf, namoonni akkasii araada kanarraa walaba taʼuuf murtoo cimaa gochuufi gargaarsa hafuuraa argachuudhaan alas wanti isaan barbaachisu jiraachuu dandaʼa. Aalan akkas jedha: “Yeroon alkoolii dhuguu dhiisetti, dhukkubni dhugaatii dhiisuu kootiin natti dhagaʼamu baayʼee cimaa ture. Gargaarsa hafuuraa ani argachaa tureen ala, yaalii fayyaa argachuun akka na barbaachisu kanan hubadhe yeroo kanatti ture.”
Namoonni machaaʼan baayʼeen, waraana hafuuraa alkoolii garmalee dhuguurraa fagaachuuf godhaniin jabina argachuuf, yaaliin fayyaa isaan barbaachisa.b Namoonni tokko tokko, dhukkuba cimaa dhugaatii dhaabuusaaniitiin isaanitti dhagaʼamu ykn hawwii cimaa dhuguuf qaban moʼuu, akkasumas dhugaatiirraa fagaachuuf jecha hospitaala ciisuun isaan barbaachisa. Ilmi Waaqayyoo inni dinqii raawwachaa ture, “Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee” jedheera.—Maarqos 2:17.
Faayidaa Qajeelfama Waaqayyoo Hordofuun Argamsiisu
Gorsi gaariin Macaafni Qulqulluun dhugaatii alkoolii ilaalchisee kennu, Yihowaa isa yeroo ammaatti qofa utuu hin taʼin barabaraaf akka gammannu barbaadurraa kan dhufedha. Aalan dhugaatii alkoolii erga dhiisee waggaa digdamii afur booda akkas jedheera: “Jijjiiramuu akkan dandaʼuufi Yihowaan jireenyakoo akkan sirreessu na gargaaruu akka barbaadu beekuunkoo baayʼee na gammachiise, inni . . . ” jechuudhaan Aalan seenaa darbe yaadatee imimmaan isatti dhufe toʼachuuf dubbiisaa addaan kuta. Achiis, “Ii . . . Yihowaan akka nama hubatu, nama kunuunsuufi gargaarsa barbaachisu akka namaa kennu beekuun waan amanuun natti ulfaatudha.”
Kanaaf, garmalee kan dhugdu ykn araada dhugaatii alkoolii kan qabdu yoo taʼe, ofitti abdii kutachuuf hin ariifatin. Aalaniifi namoonni hangana hin jedhamne kaan akkumakee turan, hamma dhugan daangessuu ykn guutummaatti dhiisuu dandaʼaniiru. Isaan kana gochuusaaniitiin hin gaabban; atis hin gaabbitu.
Filannaan dhuunfaatti goote alkoolii xinnoo dhuguus taʼe guutummaatti dhiisuu, gorsa Waaqayyo jaalalaan akkas jechuudhaan kenne fudhadhu: “Eeyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta taʼee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaaʼa, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in kaʼa ture.”—Isaayaas 48:18.
[Miiljaleewwan]
a Saanduqa “Dhugaatiin Alkoolii Na Toʼachaa Jiraa?” jedhuufi fuula 8rra jiru ilaali.
b Dhaabbileen yaalii fayyaa kennan, hospitaalonniifi sagantaawwan fooyyaʼiinsa argachuuf gargaaran hedduun jiru. Masaraan Eegumsaa yaalii fayyaa kam filachuu akka qabnu hin dubbatu. Namni hundi yaalii fayyaa addaddaa of eeggannoodhaan madaaluufi karaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin faallessineen murtoo mataasaa gochuu qaba.
[Saanduqa/Fakkii fuula 8rra jiru]
Dhugaatiin Alkoolii Na Toʼachaa Jiraa? Akkas jettee of gaafachuu dandeessa:
• Isan kanaan dura dhugu caalaan dhugaan jiraa?
• Isa kanaan duraa caalaa yeroo baayʼeen dhugaa?
• Dhugaatii caalaatti cimaa taʼe dhugaan jiraa?
• Dhiphina moʼuuf ykn rakkina jalaa baqachuuf jechan dhugaa?
• Michuun ykn miseensi maatii akkaataan dhugaatiikoo akka isa yaaddesse natti hime jiraa?
• Dhuguunkoo mana keessatti, bakka hojiitti ykn yeroon karaa deemu rakkoo uumee beekaa?
• Utuu hin dhugin torban tokko turuun natti ulfaataa?
• Namoonni kaan dhugaatii alkoolii dhuguurraa yeroo of qusatan keessikoo ni jeeqamaa?
• Hamman dhugu namoota kaan jalaa dhoksuuf yaaliin godhaa?
[Saanduqa/Fakkii fuula 9rra jiru]
Dhugaatii Alkoolii Ilaalchisee Murtoo Sirrii Gochuu
Alkoolii dhuguukee dura, wantoota kanaa gadiirratti yaadi:
• Alkoolii dhuguu naa wayyamoo, irraa fagaachuun qaba?
Gorsa: Namni hamma dhugu daangessuun isa rakkisu dhuguu hin qabu.
• Meeqan dhuguu qaba?
Gorsa: Dhugaatiin alkoolii sirriitti akka hin yaanne si gochuusaa dura, hamma dhugdu daangessi.
• Yooman dhuga?
Gorsa: Konkolaataa oofuukee ykn sochiiwwan dammaqina gaafatan raawwachuukee dura, sochiiwwan hafuuraa gochuukee dura, ulfa taatee utuu jirtuu, akkasumas qorichawwan dhugaatii dhorkan fudhachaa utuu jirtuu dhuguu hin qabdu.
• Eessattan dhuga?
Gorsa: Haala baayʼee dhuguuf nama hin qorre keessatti; dhoksaatti taʼuu hin qabu; namoota dhugaatii alkoolii dhuguunkee isaan hin gammachiisne duratti hin dhugin.
• Eenyuu wajjinan dhuguu qaba?
Gorsa: Michoota ykn miseensota maatii gaarii taʼanii wajjin; namoota araada dhugaatii qabanii wajjin taʼuu hin qabu.
[Saanduqa/Fakkii fuula 10rra jiru]
Nama Araada Dhugaatii Qabu Tokko Dubbiin Waaqayyoo Isa Gargaareera
Suupot, inni Taayilaand jiraatu dhugaatii alkoolii garmalee dhuga ture. Jalqabarratti, galgala galgala qofa dhuga ture. Suutuma suuta garuu ganamaa, achiis saʼaatii laaqanaatti dhuguu jalqabe. Yeroo baayʼee machaaʼuumaaf jedhee dhuga ture. Haataʼu malee, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Suupot machiin Yihowaa duratti fudhatama akka hin qabne yeroo beeku dhuguusaa ni dhaabe. Yeroo muraasa booda garuu akkuma kanaan duraa dhugaatiitti deebiʼe. Kanaan kan kaʼes maatiinsaa baayʼee gaddee ture.
Haataʼu malee, Suupot ammayyuu Yihowaa kan jaallatu taʼuusaarrayyuu, karaa sirrii taʼeen isa waaqeffachuu barbaada. Michoonnisaa isa gargaaruu itti fufaniiru; akkasumas maatiinsaa yeroo dabalataa akka isaa wajjin dabarsaniifi isatti abdii akka hin kutanne isaan jajjabeessaniiru. Yeroo sanatti, yaanni ifaan 1 Qorontos 6:10rratti ‘warri machaaʼan matumaa mootummaa Waaqayyootti akka hin galle’ ibsu, Suupot haalli inni keessa jiru baayʼee cimaa akka taʼe hubachuuf isa gargaareera. Araada dhugaatii qabu moʼuufis carraaqii gudddaa gochuun akka isa barbaachisu hubateera.
Yeroo kanatti Suupot guutummaatti dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuuf murteesse. Achiis humna hafuura qulqulluutiin, qajeelfama Dubbii Waaqayyootiin, akkasumas gargaarsa miseensota maatiisaafi gumiitiin, jabina hafuuraa argatee araadasaa kana moʼuu dandaʼeera. Maatiinsaa yeroo inni Waaqayyoof of murteessee cuuphamu baayʼee gammadan. Suupot yeroo ammaatti akkuma yeroo hundumaa fedhiisaa ture Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii kan qabu taʼuusaarrayyuu, yeroosaa karaa hafuuraa namoota gargaaruuf itti fayyadamaa jira.
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Deebii ati gaaffiiwwan kanaaf deebistu keessaa tokko ykn isaa ol eeyyee kan jedhu yoo taʼe, hamma dhugdu daangessuuf tarkaanfii fudhachuu si barbaachisa taʼa.