Gaaffileen Kurnan Saalqunnamtii Ilaalchisee Kaʼan Deebii Argataniiru
1 Cubbuun jalqaba Addaamiifi Hewwaan dhaaba Eeden keessatti raawwatan saalqunnamtiidhaa?
▪ Deebii: Namoonni baayʼeen Eeden keessatti iji mukaa akka hin nyaanne dhorkame saalqunnamtii raawwachuu argisiisa jedhanii yaadu. Macaafni Qulqulluun garuu akkas jedhee hin barsiisu.
Mee yaadi: Waaqayyo ija ‘mukaa hamaafi gaarii ittiin beekan’ irraa akka hin nyaanne Addaamiin kan abboomee utuu Hewwaan hin uumamin ture. (Uumama 2:15-18) Yeroo kanatti Addaam kophaasaa waan tureef abboommiin kun saalqunnamtii raawwachuu kan argisiisu hin turre. Kana malees, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin ‘horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa’ jedhee abboommii ifa taʼe kenneeraaf. (Uumama 1:28) Waaqni jaalala qabeessa taʼe abboommii inni hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatiif “lafa guutaa” jedhee isaanii kenneef ajajamuu kan dandaʼan saalqunnamtii raawwachuudhaan taʼee utuu jiruu, qajeelfamasaa kanaaf waan abboomamaniif duʼa isaanitti murteessa jettee yaaddaa?—1 Yohannis 4:8.
Kana malees, Hewwaan ‘ija [mukaa dhorkame] irraa kutattee kan nyaatte’ bakka abbaan manaashee hin jirretti ture; achiis “abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.”—Uumama 3:6.
Akkasumas, Addaamiifi Hewwaan saalqunnamtii raawwachuudhaan ijoollee godhachuusaaniitiin kan kaʼe hin adabamne. (Uumama 4:1, 2) Iji mukaa Addaamiifi Hewwaan akka hin nyaanne dhorkaman, saalqunnamtii akka hin raawwanne kan argisiisu utuu hin taʼin, kallattiidhaan ija mukaa akka taʼe hubachuun ni dandaʼama.
2 Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii raawwachuudhaan gammaduu ni dhorkaa?
▪ Deebii: Kitaaba Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa kan taʼe Seerri Uumamaa, Waaqayyo “dhiiraa fi dubartii” godhee namoota akka uume ibsa. Waaqayyo wanti inni uume “baayʼee gaarii” akka taʼe dubbatee ture. (Uumama 1:27, 31) Yeroo boodas Waaqayyo geggeessaa hafuuraatiin barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko, “Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi! . . . Harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu” jedhee akka barreessu godheera. (Fakkeenya 5:18, 19) Yaanni kun, Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii raawwachuudhaan gammaduu kan dhorku taʼuusaa argisiisaa?
Dhugaansaa Waaqayyo qaama saalaa kan uume, hiriyoonni gaaʼelaa dhala godhachuu malees, jaalala waliif qaban akka ittiin ibsaniifi akka itti gammadan akka taʼe argisiisa. Saalqunnamtiin akkasii fedhii qaamaafi miiraa hiriyoota gaaʼelaa jaalala guddaa waliif qaban guutuu dandaʼa.
3 Macaafni Qulqulluun dhiirriifi dubartiin tokko seeraan gaaʼela utuu hin godhatin waliin jiraachuusaanii ni deggeraa?
▪ Deebii: Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo warra halaleetti faraduuf jira’ jechuudhaan ifatti dubbata. (Ibroota 13:4) Jechi afaan Giriikii poorniyaa halalee ykn ejja jedhu hiika balʼaa kan qabu siʼa taʼu, qaama saalaa nama hiriyaa gaaʼelaa ofii hin taanee wajjin karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu kan dabalatudha.a Kanaaf, dhiirriifi dubartiin tokko gara fuulduraatti gaaʼela godhachuuf kan yaadan taʼullee, seeraan utuu hin galmeessisin waliin jiraachuun Waaqayyo duratti dogoggoradha.
Waaqayyo, dhiirriifi dubartiin tokko baayʼee kan wal jaallatan taʼanillee seeraan gaaʼela godhachuusaanii dura saalqunnamtii akka hin raawwanne isaanirraa eega. Jaalala akka qabaannu godhee kan nu uume Waaqayyodha. Amalli Waaqayyo hunda caalaa ittiin beekamus jaalaladha. Kanaaf, akkuma mataduree ittaanurratti ilaallu saalqunnamtii raawwachuu kan qaban namoota seeraan gaaʼela godhatan qofa taʼuusaaniitiif sababii quubsaatu jira.
4 Haadha manaa tokkoo ol fuudhuun sirriidhaa?
▪ Deebii: Waaqayyo yeroo murtaaʼeef dhiirri tokko haadha manaa tokkoo ol akka fuudhu heyyamee ture. (Uumama 4:19; 16:1-4; 29:18–30:24) Taʼus haadha manaa tokkoo ol akka fuudhan kan abboome Waaqayyo hin turre. Waaqayyo Addaamiif haadha manaa tokko qofa kenne.
Waaqayyo kaayyoosaa isa jalqabaa, jechuunis dhiirri tokko dubartii tokko qofa akka fuudhu Yesus Kiristos irra deebiʼee akka dubbatu godheera. (Yohannis 8:28) Yesus waaʼee gaaʼelaa ennaa gaafatametti, “Inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree? ‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.ʼ” jedhee ture.—Maatewos 19:4, 5.
Bartoota Yesus keessaa tokko yeroo booda geggeessaa hafuuraatiin, “Dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu” jedhee barreesseera. (1 Qorontos 7:2) Akkasumas Macaafni Qulqulluun dhiirri gaaʼela qabuufi gumii keessatti itti gaafatamummaan addaa kennameef kamiyyuu, “haadha manaa tokkittii” akka qabaatu ibsa.—1 Ximotewos 3:2, 12.
5 Hiriyoonni gaaʼelaa qoricha ulfa dhowwutti fayyadamuunsaanii dogoggoraa?
▪ Deebii: Yesus duuka buutonnisaa ijoollee akka godhatan hin abboomne. Bartoota Yesus keessaas waaʼee dhimma kanaa kan abboome hin jiru. Macaafni Qulqulluunis taanaan bakka kamittiyyuu maloota ulfa ittisanitti fayyadamuu hin dhowwu.
Kanaaf hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee godhachuufi dhiisuu murteessuu ilaalchisee filannoo mataasaanii gochuu dandaʼu. Ijoollee meeqa godhachuufi yoom godhachuu akka qaban murteessuunis filannaasaaniiti. Hiriyoonni gaaʼelaa qoricha ulfa dhowwutti fayyadamuu yoo filatan garuu, kun murtoofi itti gaafatamummaa dhuunfaasaaniiti. Kana gochuusaaniitiin eenyuyyuu isaan ceephaʼuu hin qabu.—Roomaa 14:4, 10-13.b
6 Ulfa baasuun dogoggoraa?
▪ Deebii: Lubbuun fuula Waaqayyoo duratti bakka guddaa waan qabuuf, ulfa gadameessa keessatti reefuu uumamellee akka nama taʼetti ilaala. (Faarfannaa 139:16) Waaqayyo, namni mucaa gadameessa keessa jirurratti miidhaa geessisu akka itti gaafatamu dubbata. Kanaaf, isa duratti ulfa baasuun lubbuu balleessuu wajjin tokkodha.—Baʼuu 20:13; 21:22, 23.
Haataʼu malee, dubartiin tokko ennaa deessutti haalli rakkisaan yoo uumame, jechuunis haadhaafi mucaa keessaa hambisuun kan dandaʼamu tokkoosaanii qofa yoo taʼe maal gochuutu dandaʼama? Haalli akkasii ennaa uumamutti hiriyoonni gaaʼelaa eenyuun oolchuu akka qaban murteessuu qabu.c
7 Macaafni Qulqulluun wal hiikuu ni heyyamaa?
▪ Deebii: Eeyyee, Macaafni Qulqulluun wal hiikuu ni heyyama. Taʼus, Yesus hiriyaa gaaʼelaa ofii hiikuuf wanti sababa taʼu tokko qofa akka taʼe yeroo ibsu, “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedheera.—Maatewos 19:9.
Waaqayyo, gowwoomsaafi haxxummaadhaan kakaʼanii wal hiikuu ni jibba. Namoonni sababa hin taaneen, keessumaa nama garabiraa wajjin gaaʼela godhachuuf jecha hiriyaa gaaʼelaasaanii hiikan Waaqayyo duratti itti gaafatamu.—Miilkiyaas 2:13-16; Maarqos 10:9.
8 Waaqayyo saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamu ni deggeraa?
▪ Deebii: Macaafni Qulqulluun ejja ifatti balaaleffata; kunis saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamu kan dabalatudha. (Roomaa 1:26, 27; Galaatiyaa 5:19-21) Macaafni Qulqulluun Waaqayyo gocha akkasii akka jibbu kan dubbatu taʼus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” akka jedhu beekna.—Yohannis 3:16.
Kiristiyaanonni saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamu deggeruu baatanis namoota hundumaatti gaarummaa argisiisu. (Maatewos 7:12) Waaqayyos ‘namoota hundumaaf ulfina akka kenninu’ barbaada. Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan gochasaanii malee namoota kana hin jibban.—1 Phexros 2:17.
9 Bilbilaan ykn Intarneetiidhaan waaʼee saalqunnamtii dubbachuunis taʼe dhaggeeffachuun dogoggoraa?
▪ Deebii: Gochi akkasii oduu fedhii saalqunnamtii kakaasuufi sirrii hin taane bilbilaan dubbachuu ykn dhaggeeffachuu kan dabalatudha. Karaa moobaayilii fakkiiwwaniifi ergaa fedhii saalqunnamtii kakaasan namootaaf erguus ni dabalata. Intarneetiidhaan haasaa fedhii saalqunnamtii kakaasu haasaʼuunis gocha akkasii keessaa tokkodha.
Macaafni Qulqulluun gocha namoonni yeroo harʼaa jiran raawwatan kana ilaalchisee kallattiidhaan waan ibsu hin qabu. Haataʼu malee, akkas jedha: “Akka warra Waaqayyoof qulqullaaʼaniitti jiraadhaa malee, halalummaan, xuraaʼummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhagaʼamin. . . . Dubbiin gurratti hin tolle, dubbiin midhaan hin qabne, qoosaan hin taanes hin dubbatamin!” (Efesoon 5:3, 4) Gochawwan keeyyata olii keessatti caqasaman namoonni saalqunnamtiidhaaf ilaalcha sirrii akka hin qabaanne waan godhuuf, gaaʼelasaaniitiin ala saalqunnamtii akka raawwatan jajjabeessu. Fedhii saalqunnamtii raawwachuuf qaban akka toʼatan gargaaruu mannaa, fedhii dhuunfaasaanii guuttachuurratti qofa akka xiyyeeffatan isaan godha.
10 Macaafni Qulqulluun gocha qaama hormaataa ofii sukkuumuudhaan gammaduu ni deggeraa?
▪ Deebii: Macaafni Qulqulluun waaʼee qaama hormaataa ofii sukkuumuudhaan gammaduu ykn maastarbeeshinii kallattiidhaan hin caqasu. Haataʼu malee Dubbiin Waaqayyoo, “Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraaʼummaa, kajeellaa . . . of keessaa ajjeesaa” jedhee Kiristiyaanota abbooma.—Qolosaayis 3:5.
Amalli qaama hormaataa ofii sukkuumuudhaan gammaduu, namni tokko waaʼee saalqunnamtii ilaalcha dogoggoraafi ofittummaarratti hundaaʼe akka qabaatu isa godha. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota barsiifata kanarraa walaba baʼuuf garaadhaa carraaqaniif ‘humna humna gararraa jiru’ akka isaanii kennu mirkaneessa.—2 Qorontos 4:7; Filiphisiiyus 4:13.
[Miiljaleewwan]
a Jechi poorniyaa jedhu gochawwan garabiraa kaayyoo Waaqayyo jalqaba qaama saalaa itti uumeen faallaa taʼe, jechuunis ejja, saalqunnamtii nama saala wal fakkaatu qabu, akkasumas horiifi nama gidduutti raawwatamu kan argisiisudha.
b Yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuutiin dhala akka hin godhanne dhowwuu ilaalchisee ilaalcha Macaafni Qulqulluun qabu ibsa dabalataa argachuuf “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1999, fuula 27-28 ilaali. (Amaariffa)
c Dubartiin dirqisiifamtee gudeedamte tokko yoo ulfoofte ulficha baasuun sirrii taʼuufi dhiisuusaa ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Amajjii-Bitootessa 1994 (Amaariffa); akkasumas Caamsaa 22, 1993, fuula 10-11 Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali. (Ingiliffa)