‘Isinii Wajjinan Jira’
‘Baayʼeen isa bira gaʼuudhaaf in dhamaʼu, beekumsi [‘dhugaanis,’ NW] baayʼachuuf jira.’—DAN. 12:4.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Yeroo harʼaatti ‘beekumsi dhugaan’ kan baayʼate akkamitti?
Namoonni dhugaa fudhatan “baayʼee” kan taʼan akkamitti?
Beekumsi dhugaan kan ‘baayʼate’ karaawwan kamiini?
1, 2. (a) Yesus yeroo harʼaa namoota isa jalatti bulanii wajjin akka jiruufi gara fuulduraattis akka isaanii wajjin taʼu akkamitti beekna? (b) Akka Daaniʼel 12:4 jedhutti, Caaffata Qulqullaaʼoo of eeggannoodhaan qoruun buʼaa maalii argamsiisa?
MEE Jannata keessa akka jirtanitti of ilaalaa. Ganama ganama boqonnaa gaarii argattanii yommuu hirribaa kaatan guyyaa gaarii dabarsuuf akka jettan isinitti dhagaʼama. Dhukkubni ykn dhibeen tokkoyyuu isinitti hin dhagaʼamu. Dhibee kanaan dura qabdan hundarraa fayyitaniittu. Qaamonni miiraa keessan sirriitti waan hojjetaniif, akka gaariitti arguu, dhagaʼuu, fuunfachuu, qaqqabuufi dhamdhamuu dandeessu. Humna guutuu, hojii gammachiisaafi michoota hedduu qabdu, wanti isin dhiphisu hundis hin jiru. Mootummaa Waaqayyoo keessatti eebbawwan akkasii argattu. Kiristos Yesus inni Mootii taʼee muudame, namoota isa jalatti bulan ni eebbisa, akkasumas waaʼee Yihowaa isaan barsiisa.
2 Yihowaan tajaajiltoonnisaa amanamoon hojii barsiisuu addunyaa maraa isa gara fuulduraatti raawwatamurratti yommuu hirmaatan isaanii wajjin taʼa. Waaqayyoofi Ilmisaa jaarraa hedduudhaaf namoota amanamoo wajjin taʼaniiru. Yesus gara samiitti ol baʼuusaa dura bartootasaa warra amanamoo taʼanii wajjin akka taʼu isaanii mirkaneessee ture. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Amantii waadaa inni gale kanarratti qabnu cimsachuuf, raajii waggoota 2,500 ol dura Baabilon durii keessatti barreeffame tokko haa qorru. Daaniʼel “bara isa dhumaa” keessa jirru ilaalchisee, ‘Baayʼeen isa bira gaʼuudhaaf in dhamaʼu, beekumsi dhugaan, baayʼachuuf jira’ jedhee barreesseera. (Dan. 12:4) Yaanni afaan Ibrootaa “bira gaʼuudhaaf in dhamaʼu” jechuudhaan ibsame, yeroo keessa jirruu wajjin kan walsimu siʼa taʼu, of eeggannoodhaan qoru yaada jedhu dabarsa. Bira gaʼuuf dhamaʼuun akkasii eebbawwan gurguddaa argamsiiseera. Namoonni of eeggannoodhaan Caaffata Qulqullaaʼoo qoran, beekumsa dhugaa isa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru argachuudhaan eebbifamaniiru. Raajiin kun namoonni baayʼeen ‘beekumsa dhugaa’ akka fudhatanis ni dubbata. Kana malees, beekumsi akkasii ni baayʼata. Balʼinaan ni raabsama, akkasumas baayʼinaan ni argama. Raajiin kun akkamitti raawwiisaa akka argate qoruun keenya, Yesus yeroo harʼaa bartootasaa wajjin akka jiruufi Yihowaan waan abdachiise hunda guutummaatti raawwachuuf dandeettii akka qabu hubachuuf nu gargaara.
‘BEEKUMSI DHUGAAN’ NI MULʼATE
3. Ergamoonni Yesus erga duʼanii booda, ‘beekumsi dhugaan’ maal taʼe?
3 Ergamoonni Yesus erga duʼanii booda, gantummaan Kiristiyaanummaa dhugaa keessaa akka kaʼu raajiidhaan dubbatame kan jalqabe taʼuusaarrayyuu ni babalʼate. (HoE. 20:28-30; 2 Tas. 2:1-3) Sana booda jaarraa hedduudhaaf, ‘beekumsi dhugaan’ namoota waaʼee Macaafa Qulqulluu hin beekne gidduutti qofa utuu hin taʼin, namoota Kiristiyaana ofiin jedhan gidduuttis hin mulʼanne. Geggeessitoonni saba Kiristiyaanaa Caaffata Qulqullaaʼootti akka amanan kan dubbatan taʼus, amantii sobaa jechuunis “barsiisa hafuurota hamoo” Waaqayyoof ulfina hin kennine barsiisu turan. (1 Xim. 4:1) Dimshaashumatti namoonni dukkana hafuuraa keessa turan. Gantoonni, barumsa sobaa Waaqayyo Sillaaseedha; lubbuun hin duutu; akkasumas lubbuun namoota tokko tokkoo ibidda qilillee keessatti barabaraaf gubatti jedhan barsiisu.
4. Gareen Kiristiyaanotaa bara 1870mmanii keessa ture tokko, ‘beekumsa dhugaa’ qoruu kan jalqabe akkamitti?
4 Haataʼu malee, ‘guyyoonni gara dhumaa’ jalqabuusaanii gara waggaa afurtamaa dura bara 1870mmanitti, garee xinnoon Kiristiyaanota dhugaa qabate tokko, ‘beekumsa dhugaa’ argachuuf Pensilvaaniyaa Yuu.Essi.Eetti walgaʼuudhaan dhimmee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. (2 Xim. 3:1) Namoonni kun Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhamu turan. Namoonni kun “ogeessotaa fi hubattoota” warra Yesus beekumsi akka jalaa dhokate dubbate hin turre. (Mat. 11:25) Namoota gad of deebisanii garaa qulqulluudhaan fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaadanidha. Of eeggannoofi kadhannaadhaan, Caaffata Qulqullaaʼoo ni dubbisu, irratti mariʼatu, akkasumas irratti xiinxalu turan. Caqasoota Macaafa Qulqulluu walbira qabanii ilaalu; akkasumas yaada namoonni kaan Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼuudhaan barreessan ni qoru turan. Barattoonni Macaafa Qulqulluu kun suutuma suuta dhugaa Macaafa Qulqulluu jaarraa hedduudhaaf dhokatee ture argatan.
5. Kaayyoon tiraaktota Za Oold Tiʼooloojii jedhamanii maal ture?
5 Barattoonni Macaafa Qulqulluu kun wanta barachaa jiranitti kan gammadan taʼus, of hin bokoksine. Dhugaan kun yoomiyyuu Macaafa Qulqulluu keessa akka ture waan beekaniif, waan haaraa arganne jedhanii warra kaanitti hin himne. (1 Qor. 8:1) Kanaa mannaa, tiraaktota Za Oold Tiʼooloojii jedhaman maxxansan. Kaayyoon tiraaktota kanaa namoonni isaan dubbisan dhugaa Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti galmeeffaman akka beekan gargaaruu ture. Tiraaktota kana keessaa warri jalqabaa, “namoonni amantii sobaafi barsiifata namootaa keessaa baʼanii barumsa amantii Gooftaa keenyaafi ergamoota Yesus fudhachuuf barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran akka dubbisan” kan afeeran turan.—Za Oold Tiʼooloojii, Lakk. 1, Caamsaa 1889, ful. 32.
6, 7. (a) Bara 1870mmanii kaasee dhugaa kamfaa hubachuuf gargaarsa arganneerra? (b) Dhugaa barachaa jirtu keessaa caalaatti kam dinqisiifatta?
6 Bara 1870mmanii kaasee dhugaan Macaafa Qulqulluu inni dinqisiisaan ifa taʼeera.a Dhugaan kun kan nama nuffisiisuufi kan namoonni beekumsa amantii qaban irratti wal falmuudhaan fooyyessan hin turre. Kanaa mannaa, kan nama gammachiisu, akkasumas jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu, gammachuufi abdiidhaan akka guutamu gochuudhaan bilisa kan nama baasudha. Yihowaa, amalawwansaa warra jaallatamoofi kaayyoosaa akka beeknu kan nu gargaarudha. Kana malees, gaʼee Yesus kan mulʼisu, gara lafaa kan dhufe maaliif akka taʼeefi maaliif akka duʼe ifa kan godhu; akkasumas yeroo ammaa maal gochaa akka jiru kan argisiisudha. Dhugaan gatii guddaa qabu kun Waaqayyo hammina maaliif akka heyyame, maaliif akka duunu, akkamitti kadhachuu akka qabnuufi gammachuu dhugaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe kan ibsudha.
7 Amma raajiiwwan waggoota hedduudhaaf ‘cufamanii’ ykn iccitii taʼanii turaniifi yeroo harʼaa raawwatamaa jiran hiika maalii akka qaban hubachuu ni dandeenya. (Dan. 12:9) Raajiiwwan kun Caaffata Qulqullaaʼoo hunda keessumaammoo, Wangeelotaafi Macaafa Mulʼataa keessatti warra argaman kan dabalatanidha. Yihowaan wantoota nuyi ijaan arguu hin dandeenye, jechuunis Yesus teessoorra taaʼuusaa, waraanni samiitti godhamuusaafi Seexanni gara lafaatti gad darbatamuusaa akka hubannu nu gargaareera. (Mul. 12:7-12) Hiika wantoonni ijaan arginu, jechuunis waraanni, sochoʼi lafaa, dhaʼichi, hanqinni midhaan nyaataa, akkasumas gumaacha namoonni Waaqayyo malee jiraatan “yeroon sodaachisaan” akka jiraatu gochuurratti qabanii akka hubannus nu godheera.—2 Xim. 3:1-5; Luq. 21:10, 11.
8. Wantoota argineefi dhageenyeef eenyuun galateeffachuu qabna?
8 Yeroo ammaa wanta Yesus bartootasaatti akkas jechuudhaan dubbate hubachuun nuuf salphaadha: “Iji waan isin amma argitan kana argu ayyaantuu dha. Raajonnii fi mootonni baayʼeen isa isin argitan kana arguu akka kajeelan akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhagaʼuu akka kajeelan, akka hin dhagaʼin hafanis, isinittan hima.” (Luq. 10:23, 24) Waaqni keenya Yihowaan wantoota akkasii akka arginuufi akka dhageenyu waan nu gargaareef isa galateeffanna. Hafuurri qulqulluun ‘inni nuuf dubbatu’ duuka buutota Yesus “gara dhugaa hundumaa[tti]” geessuuf ergamuusaattis baayʼee galateeffanna. (Yohannis 16:7, 13 dubbisi.) Kanaaf ‘beekumsa dhugaatiif’ iddoo guddaa haa kenninu; akkasumas haala ofittummaarraa walaba taʼeen namoota kaaniif haa hirru.
NAMOONNI “BAAYʼEEN” ‘BEEKUMSA DHUGAA’ FUDHATU
9. Maxxansa Masaraa Eegumsaa Ebla 1881 baʼerratti waamicha akkamiitu dhihaatee ture?
9 Maxxansi barruu Masaraa Eegumsaa inni jalqabaa erga baʼee waggaa lama utuu hin guutin Ebla 1881tti, barruun kun labsitoota 1,000f waamicha dhiheessee ture. Yaanni maxxansa kanarra jiru akkas jedha: “Namoota hojii Gooftaatiif yeroosaanii keessaa gar tokkoosaa ykn isaa ol kennuu barbaadaniif qophii gooneerra . . . Magaalota gurguddaa ykn xixinnaa keessa adeemaa akka dandeettii keessaniitti kolportarii ykn lallabdoota taʼuudhaan, iddoo hundaatti Kiristiyaanota dhugaa barbaadaa. Isaan keessaa baayʼeensaanii Waaqayyoof hinaaffaa kan qaban taʼanis beekumsa dhugaa waan hin qabneef, gaarummaa Abbaa Keenyaafi bareedina dubbiisaa isaan beeksisuuf yaalaa.”
10. Waamicha tajaajiltoota yeroo guutuu akka taʼan isaanii dhihaateef namoonni deebii akkamii kennanii turan?
10 Waamichi dhihaate kun Barattoonni Macaafa Qulqulluu hojiin Kiristiyaanota dhugaa inni guddaan misiraachoo labsuu akka taʼe hubachuusaanii kan argisiisu ture. Obboloonni walgaʼii Barattoota Macaafa Qulqulluurratti argaman dhibba muraasa qofatti kan lakkaaʼaman taʼus, waamichi labsitoota yeroo guutuu 1,000 argachuuf dhihaate kan abdii nama kutachiisu hin turre. Namoonni baayʼeen tiraaktii ykn barruu tokko erga dubbisanii booda, dhugaa adda baasanii hubachuudhaan waamicha kana fudhataniiru. Fakkeenyaaf, namni biyya Ingilaandi magaalaa Landan jiraatu tokko maxxansa Masaraa Eegumsaafi buukleetii Barattoota Macaafa Qulqulluutiin maxxanfame erga dubbisee booda bara 1882tti, “Hojii gaarii Waaqayyo akka raawwatamu barbaadu hojjechuuf akkamittiifi maal akkan lallabu na barsiisaa” jedhee barreessee ture.
11, 12. (a) Kaayyoon kolportarootaafi kan keenya tokko kan taʼe akkamitti? (b) Kolportaroonni “kutaa” ykn gumii kan hundeessan akkamitti ture?
11 Bara 1885tti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu kolportarii taʼanii tajaajilan gara 300 turan. Kaayyoon tajaajiltoota yeroo guutuu kanaa akkuma keenya warri kaan bartoota Yesus Kiristos akka taʼan gargaaruu ture. Malli isaan itti fayyadaman garuu isa yeroo ammaarraa addadha. Yeroo harʼaa dhuunfaadhaan nama tokko Macaafa Qulqulluu qayyabsiisna. Achiis namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu sun walgaʼiirratti akka argamu afeerra. Dur garuu, kolportaroonni kitaabota erga raabsanii booda, namoonni fedhii qaban Caaffata Qulqullaaʼoo gareedhaan akka qayyabatan walitti isaan qabu turan. Dhuunfaatti qayyabsiisuu mannaa “kutaa” ykn gumii haaraa hundeessu turan.
12 Fakkeenyaaf, bara 1907tti, gareen kolportarootaa tokko namoota magaalaa taʼe tokko keessatti kitaabota Miileeniiyaal Daawuun jedhaman fudhatan argachuuf qorannaa godhee ture. Masaraan Eegumsaa gabaasa akkas jedhu dhiheessee ture: “Namoonni [fedhii qaban] kun isaan keessaa mana isa tokkoo keessatti muraasa taʼanii walitti qabamu turan. Kolportariin tokko mataduree Za Divaayin Pilaan oov za Eejis jedhurratti guyyaa Dilbataa tokko guutuu erga isaanii ibsee booda, Dilbata ittaanu yeroo hunda walgaʼii akka godhan isaan jajjabeessa ture.” Bara 1911tti, obboloonni akkaataa itti qayyabsiisan kana ni fooyyessan. Tajaajiltoonni yeroo guutuu addaa 58 taʼan Yunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaa keessa deemanii haasaa sabaa akka kennan godhame. Obboloonni kun maqaafi teessoo namoota haasaa kanarratti argamanii qabatanii isaan gurmeessuudhaan manneen dhuunfaa keessaatti “kutaa” ykn gumii haaraa hundeessu turan. Bara 1914tti, addunyaa maratti gumii Barattoota Macaafa Qulqulluu 1,200tu ture.
13. Yeroo harʼaa ‘beekumsi dhugaan’ babalʼachuu ilaalchisee maaltu si dinqisiisa?
13 Yeroo harʼaa addunyaa maratti gumiiwwan gara 109,400 taʼan kan jiran siʼa taʼu, obboloonniifi obboleettonni gara 895,800 taʼan qajeelchaa taʼanii tajaajilu. Namoonni gara miliyoona saddeetii taʼan ‘beekumsa dhugaa’ fudhatanii jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchaa jiru. (Isaayaas 60:22 dubbisi.)b Yesus bartootasaa ilaalchisee, “hundinuu anaaf jedhanii isin in jibbu” jechuudhaan raajii waan dubbateef, kun taʼuunsaa kan nama ajaaʼibsiisudha. Itti dabaluudhaanis duuka buutonnisaa akka ariʼataman, akka hidhamaniifi darbees akka ajjeefaman dubbateera. (Luq. 21:12-17) Seexanni, hafuuronni hamooniifi mormitoonni cimsanii kan isaan balaaleffatan taʼus, sabni Yihowaa itti gaafatamummaa bartoota gochuu isaanitti kenname raawwachuurratti milkaaʼina guddaa argataniiru. Yeroo harʼaa “guutummaa biyya lafaatti,” naannoo garmalee hoʼuufi baayʼee qorru jechuunis bakka gaarreen qabanitti, gammoojjiitti, magaalota keessattiifi naannoo baadiyyaa fagootti lallabaa jiru. (Mat. 24:14) Deggersa Waaqayyoo utuu hin qabaatin hojii akkasii raawwachuun matumaa hin dandaʼamu.
‘BEEKUMSI DHUGAAN’ NI ‘BAAYʼATA’
14. ‘Beekumsi dhugaan’ karaa barreeffamootaa baayʼachaa kan jiru akkamitti?
14 ‘Beekumsi dhugaan’ karaa namoota hedduu warra misiraachicha lallabaniin baayʼachaa jira. Karaa barreeffamootaas baayʼachaa jira. Barattoonni Macaafa Qulqulluu Adoolessa 1879, yeroo jalqabaatiif barruu Zaayansi Waach Taawar eendi Heeraaldi oov Kiraayistis Pirazansi jedhamu maxxansuu jalqaban. Barruun kun yeroo jalqabaatiif afaan Ingiliffaa qofaan koppii 6,000n kan maxxanfame siʼa taʼu, kan maxxanfames mana maxxansaa dhuunfaatti ture. Yeroo kanatti Chaarlis Teez Raasil inni umriinsaa waggaa 27 ture, qopheessaa barruu kanaa taʼee kan filatame siʼa taʼu, Barattoonni Macaafa Qulqulluu gaʼumsa qaban shanimmoo yeroo hundaa akka isa gargaaran filataman. Yeroo ammaa Masaraan Eegumsaa afaan 195 maxxanfamaa jira. Barruun kun barreeffamoota addunyaarra jiran hunda caalaa kan raabsamu siʼa taʼu, takkaatti koppii 42,182,000 maxxanfama. Masaraa Eegumsaatti aansuudhaan barruun Dammaqaa! afaanota 84 taʼaniin kan qophaaʼu siʼa taʼu, koppii 41,042,000 raabsama. Kana malees, waggaa waggaadhaan kitaabonniifi Macaafni Qulqulluun gara miliyoona 100 taʼan ni maxxanfamu.
15. Hojiin maxxansaa keenya kan deggeramu akkamitti?
15 Hojiin balʼaan kun buusii qarshii fedhiidhaan godhamuun deggerama. (Maatewos 10:8 dubbisi.) Namoota hojii maxxansaa hojjetaniifi waaʼee gatii maxxansaa, waraqaa, qalamaafi miʼawwan gara biraa beekaniif kana yaaduunsaayyuu ulfaataadha. Obboleessi maxxansa Betʼel addunyaa maraatiif miʼa bitu tokko akkas jedheera: “Daldaltoonni meeshaalee maxxansaa keenya daawwatan, maashinoota buʼaa teknooloojii ammayyaa taʼanitti fayyadamuudhaan hojii maxxansaa guddaa akkasii kan hojjennu, buusii qarshii fedhiidhaan godhamuun taʼuusaa yommuu argan ni dinqisiifamu. Namoonni Betʼel keenya keessaa hojjetan dargaggootaafi gammadoo taʼuunsaaniis isaan ajaaʼibsiisa.”
BEEKUMSI WAAQAYYOO LAFA GUUTA
16. Yihowaan ‘beekumsi dhugaan’ akka baayʼatu kan godhe maaliifi?
16 Yihowaan sababa itti ‘beekumsi dhugaan’ akka baayʼatu godheef qaba. “Namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu in fedha.” (1 Xim. 2:3, 4) Namoonni beekumsa dhugaa argachuudhaan sirriitti akka isa waaqeffataniifi eebbasaa akka argatan barbaada. ‘Beekumsi dhugaan’ akka baayʼatu gochuudhaan, Kiristiyaanota dibamoo warra lafarra jiran walitti qabeera. Akkasumas, namoota “tuuta sonaan baayʼee” taʼaniifi barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban, “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa” walitti qabaa jira.—Mul. 7:9.
17. Waaqeffannaa dhugaan babalʼachuunsaa maal mirkaneessa?
17 Waggaa 130 oliif waaqeffannaa dhugaan babalʼachuunsaa, Waaqayyoofi Yesus Kiristos Mootii inni muude, tajaajiltoota Yihowaa lafarra jiran qajeelchaa, eegaa, gurmeessaafi barsiisaa akka jiran ragaa amansiisaa taʼa. Guddinnisaanii abdiin Yihowaan gara fuulduraa ilaalchisee kenne akka raawwatamu kan mirkaneessudha. “Akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.” (Isa. 11:9) Ilmaan namootaa yeroo sanatti eebba guddaa argatu.
[Miiljaleewwan]
a Dhugaa Baatota Yihowaa—Amantii Isaan Hojiidhaan Argisiisan, Kutaa 1: Dukkana Keessaa Baʼuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa—Amantii Isaan Hojiidhaan Argisiisan, Kutaa 2: Ifichi Haa Ifu jedhamaniifi DVDdhaan qophaaʼan ilaaluudhaan faayidaa argachuu dandeessa.
b Kitaaba Raajii Isaayaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife Jildii 2, fuula 320 ilaali. (Amaariffa)
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Barattoonni Macaafa Qulqulluu jalqabaa namoota gad of deebisanii garaa qulqulluudhaan fedha Waaqayyoo raawwatan turan
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Yihowaan carraaqqii isin ‘beekumsa dhugaa’ babalʼisuuf gootaniif bakka guddaa kenna