Waliif Dhiisaa
“Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa.”—QOL. 3:13.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi?
Yesus dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuusaa fakkeenyaan kan ibse akkamitti?
Dhiifama walii gochuun eebba akkamii nuu argamsiisa?
1, 2. Dhiifama gochuuf fedhii qabaachuufi dhiisuukee qoruun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
MACAAFNI QULQULLUUN, Yihowaan cubbuuf ilaalcha akkamii akka qabuufi yommuu cubbuu raawwannu maal akka godhu beekuuf nu gargaara. Dhiifama gochuu ilaalchisees waan hedduu ibsa. Mataduree darberratti, Daawitiifi Minaaseen ilaalchasaanii jijjiirrachuunsaanii, Yihowaan dhiifama akka isaanii godhu akkamitti akka isa kakaase barannee turre. Gaabbuunsaaniifi wanta raawwatanitti garaadhaa gadduunsaanii, cubbuusaanii akka himataniifi hammina raawwatanirraa deebiʼuuf isaan kakaaseera. Yihowaanis deebiʼanii isa duratti fudhatama akka argatan godheera.
2 Mee waaʼee dhiifama gochuu kallattii garabiraatiin haa qorru. Namoota balleessaa hin qabneefi Minaaseen miidhaa irraan geessise keessaa tokko utuu firakee taʼee ilaalcha akkamii isaaf qabaatta turte? Minaaseedhaaf dhiifama gochuu ni dandeessa turtee? Yeroo harʼaa biyya lafaa seera malee jiraatu, hammeenya raawwatuufi ofittoo taʼe keessa waan jiraannuuf, gaaffii kana kaasuun keenya gaariidha. Kanaaf, Kiristiyaanni tokko dhiifama gochuuf fedhii qabaachuun kan isarra jiru maaliifi? Kana malees, jalʼinni yoo sirratti raawwatame, miirakee toʼattee, karaa Yihowaan barbaaduun deebii kennuufi dhiifama gochuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?
DHIIFAMA GOCHUUN KAN NU BARBAACHISU MAALIIFI?
3-5. (a) Yesus namoonni isa dhaggeeffatan dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan gargaaruuf, fakkeenya akkamiitti fayyadame? (b) Fakkeenyi Yesus Maatewos 18:21-35rratti dubbate yaada akkamii dabarsa?
3 Miseensota maatii keenya, michoota keenya, namoota kaaniifi Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu yoo barbaanne, namoota gumii keessas taʼe gumiidhaa ala jiraniifi nu mufachiisaniif dhiifama gochuun nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun, namni tokko irra deddeebiʼee yoo nu mufachiisellee dhiifama gochuun ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamu waan taʼeef kana gochuu akka qabnu ibsa. Yesus ulaagaa kana guutuun barbaachisaa taʼuusaa fakkeenyaan ibsuuf, waaʼee hojjetaa liqiin irra jiru tokkoo caqasee ture.
4 Hojjetaan fakkeenya kana keessatti ibsame liqiin gooftaasaa mindaa hojii guyyaa 60,000,000f kaffalamuu wajjin wal gitu kan isarra jiru taʼus, gooftaansaa liqicha isaaf dhiiseera. Booda hojjetaan kun, achii baʼee nama akkasaa hojjetaa taʼeefi liqii mindaa hojii guyyaa 100f kaffalamu irraa qabu argate. Namichi liqiin irra jiru kun akka isaaf obsu kan kadhate taʼus, hojjetaan liqii guddaan dhiifameef sun garuu mana hidhaa akka galu isa godhe. Gochi hojjetaa kanaa gooftaasaanii ni aarse. Gooftichi, “Akkuma ani siif ooʼe, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif ooʼuun siif hin taʼu turee ree?” jedhee isa gaafate. “Akkasitti gooftaan isaa dheekkamee, hamma [hojjetaan dhiifama gochuu dide sun] gatii isa irra jiru hundumaa baasutti, dabarsee warra isa dhiphisanitti kenne.”—Mat. 18:21-34.
5 Yesus fakkeenya kanatti fayyadamee waaʼee maalii barsiise? Yesus, “Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha” jedheera. (Mat. 18:35) Yaanni Yesus dabarsuu barbaade ifadha. Cubbuu dhaaluu keenyaan kan kaʼe wanti nuyi jireenya keenya keessatti raawwannu, matumaa ulaagaa Yihowaa guutuu akka hin dandeenye argisiisa. Taʼus, Yihowaan dhiifama nuu gochuufi akkuma waan cubbuu hin qabneetti nu qulleessuuf fedhii qaba. Kanaaf, namni michuu Yihowaa taʼuu barbaadu kamiyyuu, hirʼina warra kaaniitiif dhiifama gochuuf dirqamni irra jira. Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti, “Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa. Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu” jedheera.—Mat. 6:14, 15.
6. Dhiifama gochuun yeroo hunda salphaa kan hin taane maaliifi?
6 ‘Kun yaada gaariidha; hojiirra oolchuun garuu akka dubbatamu kana salphaa miti’ jettu taʼa. Kun kan taʼu, namoonni yommuu nu mufachiisan yeroo baayʼee deebii kan kenninu miiraan kakaanee waan taʼeefidha. Yeroo akkasiitti namni tokko aaruu, akka ganame itti dhagaʼamuu, murtoo sirrii argachuu barbaaduu ykn haaloo baʼuu akka qabu yaaduu dandaʼa. Namoonni tokko tokko nama isaan mufachiiseef matumaa dhiifama gochuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Atis akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, fedhii dhiifama gochuuf qabdu guddifachuudhaan, ulaagaa Yihowaan sirraa barbaadu guutuu kan dandeessu akkamitti?
MIIRAKEE QORI
7, 8. Gochi gadheen namoonni kaan raawwatan yoo isin aarse dhiifama gochuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa?
7 Jalʼina nurratti raawwatameef ykn akka raawwatame nutti dhagaʼameef deebiin miiraan kakaanee kenninu baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. Qorannoo aarii ilaalchisee godhamerratti wanta dargaggeessi tokko dubbate hubadhaa: “Yeroo tokko . . . matumaa manatti akkan hin deebine dubbachaa aariidhaan manaa baʼeen deeme. Guyyaansaa tibba bonaa namatti tolu siʼa taʼu, hanga bareedinni naannoo karaa ani irra deemaa jiruu suutuma suuta na tasagabbeessutti deemuukoo ittuman fufe. Saʼaatii muraasa booda yaadakoo geddaradhee, akkasumas tasgabbaaʼeen deebiʼe.” Akka muuxannoon kun argisiisutti, yeroo fudhannee tasgabbaaʼuufi haala uumame sana kallattii sirrii taʼeen ilaaluuf yaaluun keenya, dhiifama gochuu dhiisuudhaan wanta booda itti gaabbinu raawwachuurraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa.—Far. 4:4; Fak. 14:29; Yaq. 1:19, 20.
8 Haataʼu malee, miirri hin taane isinitti dhagaʼamuusaa yoo itti fufehoo? Sababa isin aarse hubachuuf yaalaa. Karaa sirrii hin taaneen waan qabataniif, tariimmoo haalli sun waan isin qaanesseefidhaa? Moo namni sun taʼe jedhee isin miidhuu akka yaale waan isinitti dhagaʼameefidha? Gochi nama kanaa dhuguma baayʼee gadhee turee? Maaliif akka aartan qoruufi hubachuun keessaan deebiin hunda caalaa gaarii taʼeefi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe maal akka taʼe hubachuuf isin gargaara. (Fakkeenya 15:28; 17:27 dubbisi.) Akkasitti yaaduun caalaatti ilaalcha sirrii qabaachuufi dhiifama gochuuf isin gargaaruu dandaʼa. Ulfaataa taʼuu dandaʼus mala kanatti fayyadamuun keessan, dubbiin Waaqayyoo “yaadaa fi akeeka garaa [keessanii]” akka qoru, akkasumas dhiifama gochuurratti fakkeenya Yihowaa akka hordoftan isin gargaaruu dandaʼa.—Ibr. 4:12.
TAʼE JEDHAMEE ISIN MIIDHUUF KAN GODHAMEDHAA?
9, 10. (a) Namni tokko taʼe jedhee akka isin mufachiise yoo isinitti dhagaʼame maal gochuu qabdu? (b) Dhiifama gochuuniifi ilaalcha sirrii qabaachuun, jireenya keessan keessatti dhiibbaa akkamii qaba?
9 Haalawwan jireenya keessatti nama mudatan hedduun tarkaanfii gadhee fudhachuuf kan nama kakaasanidha. Fakkeenyaaf utuu konkolaataa oofaa jirtuu, konkolaataan tokko hamma xinnoof konkolaataa keetti buʼee oole haa jennu. Yeroo kanatti maal goota? Tarii konkolaachisaan tokko aariidhaan kakaʼee konkolaachisaa garabiraa akka miidhe dubbistee beekta taʼa. Ati garuu Kiristiyaana waan taateef akkas gochuu hin barbaaddu.
10 Dhimma akkasiirratti yeroo muraasa fudhatanii yaaduun baayʼee barbaachisaadha. Tarii yaannikee hihhiramuusaatiin atis wanta raawwatame sanaaf hamma tokko gumaacha gooteetta taʼa. Yookiinimmoo, konkolaataan namicha sanaa rakkina qaba taʼa. Fakkeenyi kun, dhimma sana hubachuuf yaaluu, ilaalcha balʼaa qabaachuufi dhiifama gochuuf fedhii qabaachuudhaan, aarii, abdii kutachuufi miira gadhee nutti dhagaʼamuu dandaʼamu hambisuu akka dandeenyu nu barsiisa. Lallabni 7:9, “Aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!” jedha. Taʼe jedhamee isin miidhuuf akka raawwatame gootanii hin yaadinaa. Yeroo baayʼee, wanti nama tokko miidhuuf taʼe jedhamee akka raawwatametti yaadamu, matumaa yaada akkasii of keessaa hin qabu. Kanaa mannaa, cubbuu dhaalleen ykn karaa dogoggora taʼeen hubachuurraa kan maddudha. Dubbii ykn gocha gaarii hin taane fakkaatu tokko ilaalchisee balʼistanii yaaduuf, akkasumas jaalalaan dhiifama gochuuf yaalaa. Kana kan gootan taanaan caalaatti gammachuu qabaattu.—1 Phexros 4:8 dubbisi.
“NAGAAN KEESSAN ISINIIF DEEBIʼA”
11. Lallaba keenyarratti deebiin namoonni misiraachichaaf kennan dhiibbaa akkamii nurratti gochuu qaba?
11 Tajaajilarra utuu jirtanii namni tokko dubbii jabaa yoo isinitti dubbate, of qabuu kan dandeessan akkamitti? Yesus namoota 70 lallabaaf yommuu erge, mana dhaqan hundatti nagaa akka gaafatan isaanitti himee ture. Yesus, “Achi ilmi nagaa yoo jiraate, nagaan keessan isa irra in boqota. Kanaa achis nagaan keessan isiniif deebiʼa” jedheera. (Luq. 10:1, 5, 6) Namoonni ergaa isaanitti himnuuf ilaalcha gaarii qabaachuunsaanii waan isaan fayyaduuf, haala gaariidhaan yommuu nu simatan ni gammanna. Yeroo tokko tokko garuu deebii gaarii hin kennan. Yeroo kanatti maal gochuu qabna? Yesus nagaan nama haasofsiisne sanaaf kennuu barbaanne, nuuf akka deebiʼu dubbateera. Akkaataan namoonni deebii itti nuu kennan maaliyyuu yoo taʼe, mana dhaqnu hundatti nagaa keenya eeggannee deebiʼuu qabna. Yommuu namoonni nutti dheekkaman aariidhaan deebii kan kenninu yoo taʼe, nagaa keenya eeggachuu hin dandeenyu.
12. Yaada Phaawulos Efesoon 4:31, 32rratti dubbatee wajjin haala walsimuun akkamitti deebii kennuu qabna?
12 Tajaajilarratti qofa utuu hin taʼin, haala hunda keessatti nagaa keessan eeggachuuf yaalaa. Dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu jechuun, amala gadhee namoonni argisiisan gaarii akka taʼetti lakkaaʼuu ykn miidhaa amallisaanii geessisu xiqqeessanii ilaaluu jechuu miti. Dhiifama gochuu jechuun, gocha gadhee raawwatame sanatti haaloo qabachuu dhiisuudhaan nagaa ofii eeggachuu jechuudha. Namoonni tokko tokko yaada gadheerratti xiinxaluudhaan, akkasumas namoonni kaan garmalee akka isaan miidhan yaaduudhaan, amalli namoonni kaan qaban gammachuu akka isaan dhabsiisu heyyamaniiru. Yaanni akkasii akka isin toʼatu hin heyyaminaa. Haaloo kan qabattan taanaan gammachuu qabaachuu akka hin dandeenye yaadadhaa. Kanaaf dhiifama kan gootan taʼaa!—Efesoon 4:31, 32 dubbisi.
KARAA YIHOWAA GAMMACHIISUUN DEEBII KENNAA
13. (a) Kiristiyaanni tokko mataa diinasaarratti ‘giimii walitti kan qabu’ akkamitti? (b) Nama nu mufachiiseef gaarummaadhaan deebisuun buʼaa akkamii argamsiisa?
13 Yeroon namni isin miidhe tokko ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamu akka hubatu gargaaruu akka dandeessan isinitti dhagaʼamu jiraachuu dandaʼa. Phaawulos, “‘Diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeellaʼu in goota [‘giimii mataasaarratti walitti in qabda,’ hiika bara 1899]’ jedhamee caafameera. Waan gaariidhaan isa hamaa moʼi malee, hamaan si hin moʼin!” jedhee barreesseera. (Rom. 12:20, 21) Yommuu namni tokko isin aarsu gaarummaa argisiisuudhaan, amala gadhee inni qabu laaffisuufi amalli gaariin isa keessa jiru akka baʼu gochuu dandeessu. Isa hubachuu, isaaf gadduufi isaaf ooʼuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu akka fudhatu isa gargaaruu dandeessu taʼa. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, gaarummaadhaan deebii kennuun keessan, namni sun amala gaarii isin qabdanirratti akka yaadu carraa isaa bana.—1 Phe. 2:12; 3:16.
14. Namni tokko hammamiyyuu haala gadheedhaan yoo nu qabe, haaloo qabachuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
14 Namoota tokko tokko michuu godhachuun sirrii taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kunis, namoota yeroo tokko gumii keessa turaniifi cubbuu raawwatanii yaada garaa geddarachuu diduudhaan gumiidhaa baafaman kan dabalatudha. Namni akkasii isin miidheera taanaan, madaan miiraa dafee waan hin fayyineef, namni kun yoo yaada garaa geddaratellee, dhiifama isaaf gochuun baayʼee isinitti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti, Yihowaan cubbamaa yaada garaa geddarate kanaaf dhiifama gochuuf akka isin gargaaru kadhachuu keessan itti fufuun isin barbaachisuu dandaʼa. Kana malees, yaadaafi miira nama kaanii beekuu hin dandeenyu. Kana kan beeku Yihowaa qofadha. Yihowaan yaada nama sanaa kan qoru yommuu taʼu obsa isatti argisiisuus ni dandaʼa. (Far. 7:9; Fak. 17:3) Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa taʼe yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta dandaʼamu hundumaa godhaa! Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaaʼaa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera.” (Rom. 12:17-19) Nama kaanitti faraduu ni dandeenyaa? Gonkumaa! (Mat. 7:1, 2) Haataʼu malee, murtoo sirrii kennuu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.
15. Namoota nu mufachiisan ilaalchisee maal beekuu keenyatu ilaalcha isaaniif qabnu jijjiiruu dandaʼa?
15 Namni tokko jalʼina yoo nurratti raawwateefi namni kun yaada garaa kan geddarate taʼus dhiifama gochuun kan nutti ulfaatu yoo taʼe, nama sanarras miidhaan gaʼaa akka jiru hubachuun keenya barbaachisaadha. Innis cubbuun dhaale miidhaa isarraan geessisaa jira. (Rom. 3:23) Yihowaan ilmaan namootaa cubbuu dhaalan hundatti ooʼa argisiisa. Kanaaf nama nu mufachiiseef kadhachuun keenya gaariidha. Nama kadhannaa dhiheessinuuf tokkottimmoo aaruu keenya akka itti hin fufne beekamaadha. Yaada Yesus, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa!” jechuudhaan dubbaterraa namoota haala gadheedhaan nu qabanittillee haaloo qabachuurraa fagaachuu akka qabnu ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Mat. 5:44.
16, 17. Jaarsoliin namni cubbuu raawwate tokko yaada garaa akka geddarate yoo murteessan maal gochuu qabna? Maaliif?
16 Jaarsoliin gumii fedha Yihowaa wajjin haala walsimuun cubbuu gumii keessatti raawwatamuuf furmaata akka kennan itti gaafatamummaan isaanii kennameera. Obboloonni kun akka Waaqayyoo hubannaa qabaachuu baatanis, murtoon isaan godhan qajeelfama Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jiruu wajjin akka walsimu gochuu barbaadu. Kanaaf, murtoon isaan erga kadhannaadhaan gargaarsasaa gaafatanii booda godhan, ilaalcha Yihowaa kan calaqqisudha.—Mat. 18:18.
17 Amanamummaan kan barbaachisu yeroo kanattidha. Nama cubbuu raawwatee koree murtiitti erga dhihaatee booda, jaarsoliin yaada garaa akka geddarate murteessan tokkoof, nuyis dhiifama gochuudhaan jaalala keenya itti ni argisiisinaa? (2 Qor. 2:5-8) Keessumaa namni kun nurratti ykn fira keenyarratti miidhaa geessiseera yoo taʼe, kana gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, Yihowaafi akkaataa inni dhimmoota gumii keessa jiraniif furmaata itti kennutti amanamuun keenya gaariidha. Akkas kan goonu taanaan dhugumaan garaadhaa dhiifama kan goonu taʼuu keenya argisiisna.—Fak. 3:5, 6.
18. Dhiifama gochuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisuu dandaʼa?
18 Ogeessonni fayyaa sammuu, faayidaa garaadhaa dhiifama gochuun qabu ni beeku. Dhiifama gochuun, miirri ukkaamameefi dhukkuba namatti fiduu dandaʼu akka baʼu gochuudhaan hariiroo gaariin akka jiraatu godha. Haala kana, miidhaa haaloo qabachuun fidu, jechuunis fayyaa dhabuu, hariiroon warra kaanii wajjin qabnu baduu, dhiphinaafi waliin haasaʼuu dadhabuu wajjin walbira qabaa ilaalaa. Faayidaa dhiifama gochuun argamsiisu keessaa hundarra kan caalu Yihowaa Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu gochuudha.—Qolosaayis 3:12-14 dubbisi.
[Fakkii fuula 26rra jiru]
[Fakkii fuula 27rra jiru]
Hojjetaan tokko dhiifamni akka godhamuuf yommuu kadhatu, haata’u malee hojjetaa garabiraadhaaf dhiifama gochuu yommuu didu
Fakkeenyi Yesus itti fayyadame kun hiika maalii qaba?
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Dhiifama gochuun ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamudha