Duʼaa Kaʼuun Yesus Dhugumaan Raawwatameeraa?
BARREESSAAN seenaa lammii Giriikii waggaa 2,500 dura jiraateefi Herodotas jedhamu, Gibxoota barasaa turan ilaalchisee seenaa tokko barreessee ture. Akkas jedheera: “Afeerraa irbaataa warra sooressaarratti, erga irbaanni nyaatamee booda namni tokko, muka reeffa namaa fakkeeffamee boocame, dhundhuma tokko ykn lama dheeratuufi saanduqa reeffaa keessa kaaʼame hundasaaniitti argisiisaa. Achiis, ‘Yommuu duutan akka bobboca kanaa taatu waan taʼeef dhugaa, akkasumas gammadaa’ isaaniin jedha.”
Jireenyaafi duʼa ilaalchisee ilaalcha akkasii kan qaban Gibxoota qofa miti. Yeroo harʼaa yaanni, “Nyaadhu, dhugi akkasumas gammadi” jedhu wanta baramaa taʼedha. Jireenya booda kan nama eeggatu duʼa qofa erga taʼee hanga lubbuudhaan jirtutti maaliif hin gammaddu? Wanta sirrii taʼe gochuuf carraaquun maaliif barbaachise? Xumurri jireenyaa duʼa yoo taʼe, harʼumaaf qofa akka gaariitti jiraachuun sirriidha. Phaawulos ergamaan dhimma kana akka gaariitti ibseera. Ilaalcha namoonni abdii duʼaa kaʼuutti hin amanne qabanii wajjin haala wal qabateen, “Warri duʼan hin kaafaman erga taʼee, akkuma warra kaanii, ‘Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!’” jedheera.—1 Qorontos 15:32.
Phaawulos namoonni duʼan barabaraaf irraanfatamu jedhee hin amanu ture. Namoonni duʼan kaafamuudhaan deebiʼanii barabaraaf akka jiraatan amana ture. Amantiinsaa kun, duʼaa kaafamuu Kiristos Yesus isa dhugumaan raawwatameefi bakka guddaa qaburratti kan hundaaʼedha.a Duʼaa kaafamuun Yesus wanta amantii bartoota jaarraa tokkoffaa jabeesse keessaa isa guddaadha.
Kanaaf, duʼaa kaafamuun Yesus nuuf hiika maalii qaba? Dhugumaan akka duʼaa kaafame beekuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Phaawulos Kiristiyaanota Qorontos keessa jiraataniif yommuu barreesse, dhimma kana akkamitti akka ibse haa qorru.
KIRISTOS HIN KAAFAMNE UTUU TAʼEE MAALTU TAʼA TURE?
Kiristiyaanonni Qorontos durii keessa turan tokko tokko dhimma kana ilaalchisee burjaajaʼanii kan turan siʼa taʼu, kaanimmoo yaada duʼaa kaʼuu jedhutti matumaa hin amanan turan. Phaawulos ergaa isa duraa Kiristiyaanota kanaaf barreesserratti, duʼaa kaʼuun dhugumaan hin jiru taanaan wanta taʼuu dandaʼu ibseera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Warri duʼan kaʼuun hin jiru erga taʼee, Kristosis immoo duʼaa hin kaafamne. Kristos duʼaa hin kaafamne erga taʼee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu. Nuyis Waaqayyo, Kristosin duʼaa kaaseera jennee, Waaqayyoof dhugaa baʼuu keenyaan sobduu taanee argamuu keenya; . . . amantiin keessan immoo waaʼee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira. Yoos immoo warri Kristositti amananii obbaafatan baduu isaanii ti.”—1 Qorontos 15:13-18.
“Ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mulʼate; . . . Erga Yaaqoobitti mulʼatee booddee immoo, warra ergamoota jedhaman hundumaatti mulʼate. Hundumaa booddee ana[tti] . . . mulʼateera.”—1 Qorontos 15:6-8
Phaawulos asirratti yaada matumaa haalamuu hin dandeenye kaasuudhaan kan jalqabe siʼa taʼu, Namoonni duʼan hin kaafaman taanaan Kiristosis kan hin kaafamne taʼuusaa caqaseera. Kiristos duʼaa hin kaafamne utuu taʼee maaltu taʼa ture? Hojiin misiraachicha lallabuu gatii hin qabu; kunimmoo soba hundarra caalu taʼa ture. Hunda caalaammoo, duʼaa kaʼuun Yesus amantii Kiristiyaanaatiif buʼuura guddaa siʼa taʼu, barumsa Macaafni Qulqulluun olaantummaa Waaqayyoo, maqaasaa, Mootummaasaafi fayyina keenya ilaalchisee barsiisuurraa adda baafamee kan ilaalamu miti. Duʼaa kaʼuun hin jiru taanaan, ergaan Phaawulosiifi ergamoonni Yesus kaan labsaa turan faayidaa kan hin qabneefi oduu duwwaa taʼee hafa.
Wanti taʼu garabiraanis jira. Kiristos duʼaa hin kaafamne taanaan, amantiin Kiristiyaanaa faayidaa kan hin qabneefi sobarratti kan hundaaʼe taʼa. Kana malees, Phaawulosiifi warri kaan duʼaa kaʼuu Yesus qofa utuu hin taʼin, Yihowaa isa Yesusiin duʼaa kaase ilaalchisees wanta sobaa dubbataniiru jechuudha. Hunda caalaammoo, Yesus inni Fayyisaa jedhameyyuu ofiisaa duʼarraa hin oolle taanaan, warra kaanis oolchuu waan hin dandeenyeef, yaadni Kiristos “cubbuu keenyaaf duʼeera” jedhu soba taʼa. (1 Qorontos 15:3) Kana jechuunimmoo, Kiristiyaanonni duʼaa akka kaafaman abdachuudhaan ajjeefaman ofumaa wareegaman jechuudha.
Phaawulos, “Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosin abdanna erga taʼee, namoota hundumaa caalaatti nuuf booʼuutu taʼa” jechuudhaan yaada walii galaa dubbateera. (1 Qorontos 15:19) Phaawulosis abdii duʼaa kaʼuufi wantoota sana booda raawwataman hundatti waan amaneef, akkuma Kiristiyaanota kaanii, dhaba, ariʼatama, rakkinaafi duʼa ija jabinaan moʼeera. Duʼaa kaʼuun dhuguma hin jiru utuu taʼee kana gochuunsaanii bilaasha taʼa ture.
AMANUU KAN QABDU MAALIIFI?
Phaawulos, wanti Kiristiyaanonni itti amanan sobarratti kan hundaaʼedha jedhee matumaa yaadee hin beeku. Yesus duʼaa akka kaafame waan beekuuf, warra Qorontosiif yaada xumuraa akkas jedhu barreesseera: “Caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf duʼeera; inni awwaalameera, caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis duʼaa kaafameera. Inni Phexrositti mulʼate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mulʼate.” Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Kana booddee immoo ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mulʼate; isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru. Erga Yaaqoobitti mulʼatee booddee immoo, warra ergamoota jedhaman hundumaatti mulʼate. Hundumaa booddee ana[tti] . . . mulʼateera.”—1 Qorontos 15:3-8.
Phaawulos, Kiristos cubbuu keenyaaf jedhee akka duʼe, akka awwaalameefi akka duʼaa kaafame amanannaa guutuudhaan dubbateera. Amanannaa akkasii akka qabaatu kan isa godhe maalidha? Sababiin inni tokko Yesus isa duʼaa kaʼe namoonni hedduun waan arganiifidha. Yesus erga duʼaa kaʼee booda (Phaawulosiin dabalatee) namoota tokko tokkotti, tuuta namoota muraasaatti, akkasumas namoota 500 taʼanitti kan mulʼate siʼa taʼu, isaan keessaa hedduun duʼaa kaʼuu Yesus ilaalchisee oduu dubbatamu siʼa dhagaan mormaniiru taʼa. (Luqaas 24:1-11) Namoonni Yesus duʼaa akka kaʼe beekan hedduunsaanii yeroo Phaawulos turetti lubbuudhaan waan turaniif eenyuyyuu isaaniin gaafatee mirkaneessuu dandaʼa ture. (1 Qorontos 15:6) Ragaa nama tokkoo ykn nama lamaa fudhachuudhaaf seesuun salphaa taʼus, kan namoota 500 ykn isaa olii ija guutanii falmuun garuu ulfaataadha.
Phaawulos, al lama “Caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti” jechuudhaan waaʼee duʼuu, awwaalamuufi kaafamuu Yesus caqasuusaas hubadhu. Wanti raawwatame kun, raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessa jiraniifi waaʼee Masiihichaa dubbatan, dhugumayyuu Yesus Masiihicha abdachiifame akka taʼe kan mirkaneessanidha.
Namoonni Yesus akka duʼaa kaʼe arganiifi ragaan Caaffata Qulqullaaʼoo utuu jiruu duʼaa kaafamuusaa kan shakkan jiru turan, ammas jiru. Namoonni tokko tokko ‘reeffisaa bartootasaa warra yeroo sana Yesus duʼaa kaʼuusaa lallabaniin hatame’ jedhu turan. Haataʼu malee, bartoonni Yesus eegdota warra Roomaa bakka awwaalichaa eegaa turan moʼuudhaan reeffasaa fudhachuuf humnas taʼe dandeettii hin qaban. Kaanimmoo ‘duʼaa kaʼuunsaa fakkeessuudhaan kan raawwatamedha malee dhugaa miti’ jedhu. Faallaa kanaatiin garuu Yesus duʼaa erga kaʼee booda yeroo garaagaraatti namoota hedduutti mulʼateera. Qaamni fakkeessaadhaan dubbatame tokkommoo akka Yesus inni duʼaa kaafame Galiilaatti godhe, qurxummii bilcheessee namaa kennuu hin dandaʼu. (Yohannis 21:9-14) Akkasumas qaama fakkeessuudhaan dubbatame tokko qaqqabanii ilaaluun waan hin fakkaannedha.—Luqaas 24:36-39.
Ragaan kun hundi jiraatus namoonni kaanimmoo duʼaa kaafamuun Yesus wanta bartoonnisaa uumanii odeessan akka taʼetti ilaalu. Haataʼu malee soba akkasii dubbachuun faayidaa maalii qaba? Waaʼee duʼaa kaʼuu dhugaa baʼuun bartoonni akka isaanitti gaʼifamu, gidiraan akka isaanirra gaʼuufi akka ajjeefaman godheera. Wanta soba taʼe deggeruudhaaf jedhanii lubbuusaanii balaadhaaf kan saaxilan maaliifi? Hunda caalaammoo jalqaba dhugaa kan baʼan Yerusaalem bakka mormitoonnisaanii jiraniifi dubbii afaansaanii keessaa baʼu sababeeffachuudhaan isaan miidhuu barbaadan duratti ture.
Ariʼatamni cimaan bartootarra gaʼullee, duʼaa kaʼuun hunda caalaa waaʼee Gooftaasaanii dubbachuudhaaf ija jabina isaanii kenneera. Duʼaa kaʼuun dhugumaan raawwatame kun, amantii Kiristiyaanaatiif buʼuura taʼeera. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa lubbuusaanii aarsaa kan godhan, barsiisaa ogeessa taʼeefi ajjeefame tokkoof qofa dhugaa baʼuuf jedhanii miti. Duʼaa kaafamuunsaa, inni Kiristos, Ilma Waaqayyoo, humna kan qabu, nama jiraataa isaan gargaaraafi isaan geggeessaa ture akka taʼe kan mirkaneessu waan tureef, Yesus duʼaa akka kaʼe labsuuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Inni duʼaa kaʼuunsaa isaanis duʼaa akka kaafaman kan isaaniif mirkaneessu ture. Dhugaasaa dubbachuuf, Yesus duʼaa hin kaane utuu taʼee, amantiin Kiristiyaanaa hin jiru ture. Akkasumas, Yesus duʼaa hin kaafamne utuu taʼee waaʼeesaa matumaa hin dhageenyu turre.
Duʼaa kaʼuun Yesus yeroo harʼaa hiika maalii nuuf qaba?
a Jechi afaan Giriikii Macaafa Qulqulluu keessatti “duʼaa kaʼuu” jedhamee hiikame, kallattiidhaan “deebiʼanii dhaabachuu” jechuudha. Kunis namni tokko yommuu duʼaa kaafamu, eenyummaa, namummaafi yaadannoosaa deebisee akka argatu kan argisiisudha.