‘Amma Saba Waaqayyoo Taataniittu’
“Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu.”—1 PHE. 2:10.
1, 2. Ayyaana Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33tti kabajamerratti jijjiirama akkamiitu raawwatame? Yeroo kanatti miseensa saba Yihowaa isa haaraa kan taʼan eenyu faʼi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
AYYAANNI Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33tti kabajame seenaa saba Yihowaa keessatti guyyaa seena qabeessa ture. Yeroo kanatti jijjiiramni guddaan raawwatamee ture. Yihowaan hafuurasaatiin saba haaraa, jechuunis Israaʼel hafuuraa ykn “Israaʼel Waaqayyoo” hundeesse. (Gal. 6:16) Bara Abrahaam booda yeroo jalqabaatiif, sabni Waaqayyoo kan adda baafaman dhagna qabaa dhiirotasaaniitiin taʼuunsaa ni hafe. Phaawulos tokkoon tokkoon miseensota saba haaraa ilaalchisee, “Dhagna qabaan isaa dhagna qabaa yaada garaa hafuuraan raawwatamudha” jedheera.—Rom. 2:29, NW.
2 Miseensonni saba Waaqayyoo isa haaraa warri jalqabaa, ergamoota Yesusiifi bartoota Kiristos dhibbaa ol taʼaniifi Yerusaalem keessatti walitti qabamanii turanidha. (HoE. 1:12-15) Namoonni kun hafuurri qulqulluun waan isaanirratti dhangalaʼeef, ilmaan Waaqayyoo taʼan. (Rom. 8:15, 16; 2 Qor. 1:21) Kunis kakuu haaraan hojiirra ooluu akka jalqabe mirkaneesseera; kakuu kanaaf giddu galeessa kan taʼe Kiristos yommuu taʼu, buʼaa akka qabaatu kan godhe dhiigasaati. (Luq. 22:20; Ibroota 9:15 dubbisi.) Kanaaf bartoonni kun miseensa saba Yihowaa isa haaraa ykn uummata haaraa taʼan. Hafuurri qulqulluun Yihudootaafi namoota amantiisaanii gara Yihudiitti jijjiiraniifi Bulchiinsa Roomaa garaagaraa keessaa Ayyaana Phenxeqosteerratti argamuuf dhufaniif afaan isaan dubbataniin lallabuuf isaan dandeessiseera. Kiristiyaanonni hafuura qulqulluudhaan ilmaan Waaqayyoo taʼan, afaan namoonni kun dubbataniin “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” yeroo isaaniif lallabanitti jarri kun dhagaʼuufi hubachuu dandaʼaniiru.—HoE. 2:1-11.
SABA WAAQAYYOO ISA HAARAA
3-5. (a) Guyyaa Phenxeqosteetti Phexros Yihudootaan maal jedhe? (b) Wantoonni duraa duubaan raawwatamaniifi guddina saba Yihowaa isa haaraatiif gumaacha godhan maal faʼi?
3 Yihowaan Yihudoonniifi namoonni amantiisaanii gara Yihudiitti jijjiiran miseensa saba haaraa ykn gumii Kiristiyaanaa kanaa akka taʼaniif karaa akka isaaniif banu Phexrositti fayyadameera. Guyyaa Phenxeqosteetti Phexros, Yesus isa isaan ‘muka irratti fannisan’ ‘Waaqayyo, gooftaadhaa fi Masiihii waan godheef’ isatti amanuu akka qaban Yihudootatti ija jabinaan himee ture. Namoonni walitti qabamanii turan maal gochuu akka qaban yeroo isa gaafatanitti, Phexros akkas isaaniin jedhee ture: “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.” (HoE. 2:22, 23, 36-38) Guyyaa sana, namoonni gara 3,000 taʼan miseensa saba haaraa Israaʼel hafuuraa taʼan. (HoE. 2:41) Sana boodas, hojiin lallabaa ergamoonni hinaaffaadhaan raawwachaa turan buʼaa argamsiisuusaa itti fufe. (HoE. 6:7) Sabni haaraan kun guddachaa ture.
4 Yeroo booda, hojiin lallabaa babalʼatee warra Samaariyaatiifis lallabamuu kan jalqabe siʼa taʼu, buʼaa gaarii argamsiiseera. Filiphos inni wangeela lallabu namoota baayʼee cuuphee kan ture taʼus, namoonni kun yeruma sana hafuura qulqulluu hin arganne. Qaamni olaanaan Yerusaalem keessa ture, namoota Samaariyaa amantiisaanii gara Yihudiitti jijjiiran kanaaf Phexrosiifi Yohannisiin kan erge siʼa taʼu, isaanis “harka isaanii isaan irra kaaʼan, isaan immoo hafuura qulqulluu argatan.” (HoE. 8:5, 6, 14-17) Kanaaf, namoonni Samaariyaa kunis miseensa Israaʼel hafuuraa, hafuura qulqulluudhaan dibaman taʼan.
5 Dh.K.B. bara 36ttis Waaqayyo namoonni kaanis miseensa saba haaraa Israaʼel hafuuraa akka taʼan gochuuf yeroo lammaffaatiif Phexrositti fayyadameera. Kun kan taʼe, yeroo inni Qorneelewos isa ajajaa waraanaa Roomaa taʼeefi firootasaatiif, akkasumas hiriyootasaatiif lallabetti ture. (HoE. 10:22, 24, 34, 35) Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Utuu Phexros dubbii kana itti himaa jiruu, hafuurri qulqulluun warra dubbicha dhagaʼan [Yihudoota hin taʼin] hundumaa irratti buʼe. Warra Yihudootaa keessaa amantoonni Phexrosii wajjin Yopheedhaa dhufan, kennaan hafuura qulqulluu saba Waaqayyoo warra hin taʼiniif kennamuu isaa arganii, akka abjuu taʼan.” (HoE. 10:44, 45) Yeroo kanatti, namoonni dhagna hin qabanneefi saba Waaqayyoo hin taʼinis miseensa saba haaraa Israaʼel hafuuraa taʼuu dandaʼan jechuudha.
“SABA MAQAA ISAATIIF TAʼU”
6, 7. Miseensonni saba isa haaraa “saba maqaa [Yihowaatiif] taʼu” taʼuusaanii argisiisuuf maal gochuu qabu turan? Hojii kana kan hojjetanoo hamma eessatti?
6 Walgaʼii qaama olaanaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, Dh.K.B. bara 49tti godhamerratti Yaaqoob akkas jedhee ture: “Simoon [Phexros], Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu godhachuuf, attamitti xiyyeeffannaasaa gara warra saba isaa hin taʼinitti yeroo jalqabaatiif akka deebise nutti himeera.” (HoE. 15:14, NW) Sabni haaraan maqaa Yihowaa baatu kun amantoota Yihudii taʼaniifi Yihudii hin taʼin of keessatti kan qabatedha. (Rom. 11:25, 26a) Yeroo booda Phexros, “Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu” jedhee barreesseera. Itti gaafatamummaa isaan qabanis akkas jechuudhaan ibseera: “[Isin] qomoo foʼamaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaaʼaa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo taʼanii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.” (1 Phe. 2:9, 10) Waaqa isaaniitiif galata dhiheessuufi maqaasaa saba gidduutti faarsuu qabu turan. Yihowaa isa uumama cufarratti olaantummaa qabuuf hinaaffaadhaan dhugaa baʼuu qabu turan.
7 Akkuma saba Israaʼel durii, Yihowaan saba Israaʼel hafuuraatiinis, “saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf[i]” jechuu ni dandaʼa. (Isa. 43:21) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan waaqolii sobaa yeroo sanatti waaqeffatamaa turan saaxiluudhaan, Yihowaan Waaqa dhugaa isa tokkicha taʼuusaa ija jabinaan labsaniiru. (1 Tas. 1:9) “Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis” waaʼee Yihowaafi Yesus dhugaa baʼaniiru.—HoE. 1:8; Qol. 1:23.
8. Phaawulos saba Waaqayyoo jaarraa jalqabaatti turaniif hubachiisa akkamii kenne?
8 Warra jaarraa jalqabaatti “saba maqaa [Yihowaatiif] taʼu” turan keessaa tokko Phaawulos ergamaa isa ija jabeessa turedha. Namoota Waaqayyoon hin beekneefi falaasama dubbatan dura dhaabatee, waaʼee olaantummaa Yihowaa isa ‘biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa uumeefi gooftaa waaqaafi lafaa taʼee’ ija jabinaan dubbateera. (HoE. 17:18, 23-25) Dhuma adeemsa misiyoonummaasaa isa sadaffaarratti, Phaawulos warra miseensa saba maqaa Waaqayyoo taʼan akkas jechuudhaan hubachiiseera: “Erga ani adeemee immoo warri akka yeeyyii sodaachisoon, hoolota karra keessatti kan hin hambifne akka isin gidduu galan ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jalʼisuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in kaʼu.” (HoE. 20:29, 30) Akkuma dursee dubbatame gantummaan akkasii dhuma jaarraa tokkoffaatti mulʼateera.—1 Yoh. 2:18, 19.
9. “Saba maqaa [Yihowaatiif] taʼu” wajjin haala walqabateen duʼa ergamootaa booda maaltu taʼe?
9 Ergamoonni erga duʼanii booda, gantummaan akkasii babalʼatee waldaaleen saba Kiristiyaanaa akka uumaman godhe. Kiristiyaanonni gantuu taʼan “saba maqaa [Yihowaatiif] taʼu” akka taʼan argisiisuu mannaa, maqaan Yihowaa Macaafa Qulqulluu ofiin hiikan hedduu keessaa akka baʼu godhaniiru. Sirnawwan namoonni Waaqayyoon hin beekne raawwatan gara amantii Kiristiyaanaatti akka seenan kan godhan taʼuusaarrayyuu, barumsa Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofneen, waraanawwan akka qulqulluutti ilaalaniin, akkasumas akkaataa jireenyaasaanii yeellaasisaa taʼeen Waaqayyoon arrabsiisaniiru. Kanaaf, Yihowaan jaarraa hedduudhaaf namoota dhuunfaadhaan isa waaqeffataniifi faffacaʼanii jiraatan malee, saba gurmaaʼeefi “maqaa isaatiif taʼu” lafarratti hin qabu ture.
DEEBIʼEE DHALACHUU SABA WAAQAYYOO
10, 11. (a) Yesus fakkeenya waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbaterratti waaʼee maalii raajii dubbate? (b) Fakkeenyi Yesus dubbate bara 1914 booda raawwiisaa kan argate akkamitti? buʼaan argamehoo maalidha?
10 Yesus fakkeenya waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbaterratti, sababa gantummaatiin dukkanni hafuuraa akka uumamu dursee dubbatee ture. “Yeroo namni rafutti” Seexanni ija qamadii Ilmi namaa facaaserratti inkirdaada akka facaasu Yesus dubbatee ture. Hanga ‘dhuma biyya lafaatti’ lamaanuu wal faana ni guddatu. Yesus “sanyiin gaariin” “ilmaan mootummaa,” “inkirdaadi” immoo “ilmaan isa hamaa” akka argisiisu isaaniif ibsee ture. Yeroo dhuma biyya lafaatti, Ilmi namaa qamadichaafi inkirdaadicha fakkeenyaan ibsame gargar akka baasaniif ‘warra midhaan sassaaban’ jechuunis ergamoota ni erga. Yeroo sanatti ilmaan Mootummichaa walitti qabamu. (Mat. 13:24-30, 36-43) Kun kan raawwatame akkamitti? Yihowaan lafarratti saba qabaachuusaa wajjinoo walitti dhufeenya akkamii qaba?
11 “Dhumni biyya lafaa” kan jalqabe bara 1914tti. Waggaa kanatti waraanni yeroo kaʼetti, Kiristiyaanonni dibamoon “ilmaan mootummaa” taʼaniifi kumaatama muraasatti lakkaaʼaman karaa hafuuraa boojuu Baabilon Guddittii jala turan. Yihowaan bara 1919tti, isaaniifi ‘inkirdaadicha,’ jechuunis Kiristiyaanota fakkeessituu gidduu garaagarummaa jiru ifa gochuudhaan bilisa isaan baaseera. “Ilmaan mootummaa” walitti qabuudhaan saba gurmaaʼe akka taʼan kan godhe siʼa taʼu, kunis raawwii raajii Isaayaas isa, “Lafti, miixuu guyyaa tokkootiin, saba tokko siʼa tokkotti of keessaa in baaftii ree? Xiyoon garuu akkuma miixatteen ilmaan in deesse” jedhuudha. (Isa. 66:8) Xiyoon, isheen jaarmiyaa Yihowaa isa qaamawwan hafuuraa of keessatti qabate bakka buutu, ilmaanshee hafuura qulqulluudhaan dibaman ifa gochuudhaan akka sabaatti isaan gurmeessiteetti.
12. Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaatti “saba maqaa [Yihowaatiif] taʼu” akka taʼan argisiisaa kan jiran akkamitti?
12 Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turanii, “Ilmaan mootummaa” warri hafuuraan dibaman Yihowaadhaaf dhugaa baatuu taʼuu qabu turan. (Isaayaas 43:1, 10, 11 dubbisi.) Kanaaf, amala Kiristiyaanummaa argisiisuudhaan, akkasumas ‘saba hundumaatti wangeela mootummichaa’ lallabuudhaan adda baʼanii beekamuu qabu. (Mat. 24:14; Filp. 2:15) Karaa kanaan, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Yihowaa duratti qajeeloo akka taʼan gargaaruu dandaʼaniiru.—Daaniʼel 12:3 dubbisi.
‘SII WAJJIN DHAQNA’
13, 14. Warri Israaʼel hafuuraa hin taane, karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuufi tajaajiluudhaaf maal gochuu qabu? Kana ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti raajii akkamiitu dubbatame?
13 Mataduree darberratti, Israaʼel durii keessatti namoonni galaa taʼan Yihowaa waaqeffachuu kan dandaʼan taʼus, akkas gochuuf saba Yihowaan kakuu wajjiniin galetti makamuu akka qaban ilaallee turre. (1 Mot. 8:41-43) Haaluma walfakkaatuun, yeroo harʼaattis warri Israaʼel hafuuraa hin taane, saba Yihowaa “ilmaan mootummaa” jedhamanitti ykn Dhugaa Baatota Yihowaa warra dibamootti makamuu qabu.
14 Raajonni lama bara dhumaa kanatti namoonni baayʼeen sabasaa wajjin Yihowaa waaqeffachuudhaaf akka dhufan raajii dubbatanii turan. Isaayaas akkas jechuudhaan raajii dubbatee ture: “Sabni lafa irraas baayʼatanii in dhufu, Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan baʼuuf, ‘Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!’ in jedhu.” (Isa. 2:2, 3) Zakaariyaas raajichis, ‘Sabni baayʼeen, sabni jajjaboonis Waaqayyo gooftaa maccaa barbaaddachuudhaaf, isa araarfachuudhaafis gara Yerusaalem akka dhufan’ dursee dubbateera. Namoonni kun “saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa” kan dhufanidha. Israaʼel hafuuraa wajjin Waaqayyoon kan waaqeffatan siʼa taʼu, “Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna” jedhu. —Zak. 8:20-23.
15. ‘Hoolonni kan biraan’ Israaʼel hafuuraa wajjin ‘kan dhaqan’ hojii isa kamirratti?
15 ‘Hoolonni kan biraan’ hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti Israaʼel hafuuraa wajjin waan hirmaataniif isaanii ‘wajjin dhaqu’ jechuun ni dandaʼama. (Mar. 13:10) Hoolonni kun Yesus Kiristos isa tiksee guddicha taʼe jalatti, kutaa saba Waaqayyoo taʼu ykn warra dibamoo wajjin “karra tokko” taʼu.—Yohannis 10:14-16 dubbisi.
SABA YIHOWAA WAJJIN EEGUMSA ARGADHAA
16. Yihowaan kutaan “rakkina guddaa” inni xumuraa akka jalqabamu kan godhu akkamitti?
16 Baabilon Guddittiin erga balleeffamtee booda saba Yihowaarratti lolli guddaan ni kaʼa; yeroo kanatti eegumsa Yihowaan tajaajiltootasaatiif godhu argachuun nu barbaachisa. Lolli isaan kaasan kun kutaan ‘rakkina guddaa’ inni xumuraa akka jalqabu waan godhuuf, waraana kanaaf haala kan mijeessuufi yeroosaa kan filatu Yihowaadha. (Mat. 24:21; His. 38:2-4) Yeroo sanatti Goog, “warra saba warra kaan keessaa walitti qabaman” irratti, jechuunis saba Yihowaarratti lola bana. (His. 38:10-12) Lolli kun Yihowaan Googiifi maccasaarratti tarkaanfii akka fudhatu godha. “Ani . . saba baayʼee durattis nan beekama; yommus ani Waaqayyo akkan taʼe isaan in beeku” waan jedheef, Yihowaan olaantummaasaa ni mirkaneessa, akkasumas maqaasaa ni qulqulleessa.—His. 38:18-23.
17, 18. (a) Sabni Yihowaa yeroo Goog isaan lolutti qajeelfama akkamii argatu? (b) Eegumsa Yihowaa argachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?
17 Goog lola yeroo banutti Yihowaan tajaajiltootasaatiin, “Yaa saba koo as kottu! Kutaa mana keetti ol gali, balbala kees cufadhu; dheekkamsichi hamma darbutti, iddoo baqaa tolfadhu” jedha. (Isa. 26:20) Yeroo murteessaa taʼe kanatti, Yihowaan qajeelfama lubbuu keenya baraaru nuuf kenna; ‘kutaa manaa’ inni jedhame tarii gumiiwwan keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
18 Kanaafuu, yeroo rakkina guddaatti eegumsa Yihowaa argachuu yoo barbaanne, Yihowaan lafarratti saba gumiidhaan gurmaaʼe akka qabu hubachuu qabna. Saba Yihowaa deggeruufi gumii keenyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu keenya itti fufuu qabna. Akkuma faarfatichaa garaa keenya guutuudhaan, “Gargaarsi Waaqayyo bira jira; eebbi kee saba kee irra haa jiraatu!” haa jennu. —Far. 3:8.