Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Rakkina kan fidu Waaqayyo dhaa?
Ati maal jetta?
Eeyyee
Lakki
Taʼuu dandaʼa
Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
“Jalʼinni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa dandaʼu irraa haa fagaatu!” (Iyoob 34:10) Hamminaa fi rakkina addunyaa irratti arginu kan fide matumaa Waaqayyo miti.
Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu
Adda durummaadhaan rakkina kan fidu Seexana isa Diyaabilos jedhamee fi ‘bulchaa addunyaa’ kanaa taʼe dha.—Yohaannis 14:30.
Rakkinaa fi hammina kan fidu inni kan biraan immoo yeroo baayʼee filannoo gadhee namoonni godhani dha.—Yaaqoob 1:14, 15.
Rakkinni ni badaa?
Namoonni tokko tokko, namoonni waliin carraaqqii gochuudhaan rakkina balleessuu akka dandaʼan kan amanan siʼa taʼu, warri kaan immoo haalli addunyaa guutummaatti gara gaariitti jijjiiramuuf abdii akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Ati hoo maal jetta?
Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Waaqayyo rakkina ni balleessa. “Duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:3, 4.
Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu
Waaqayyo rakkina Diyaabilos fide balleessuuf Yesuusitti fayyadama.—1 Yohaannis 3:8.
Namoonni gaariin bara baraaf nagaadhaan lafa irra jiraatu.—Faarfannaa 37:9-11, 29.