Kan Ulfinni Isaaf Maluuf Ulfina Kennaa
“Isa teessoo irra taaʼe Sanaa fi Hoolichaaf eebbi, kabajni, ulfinnii fi humni baraa hamma bara baraatti haa taʼu.”—MUL. 5:13.
1. Namoonni tokko tokko ulfina argachuun kan isaaniif malu maaliifi? Amma waaʼee maalii mariʼanna?
NAMA tokkoof ulfina kennuu jechuun xiyyeeffannaa addaa fi kabaja isaaf kennuu jechuu dha. Xiyyeeffannaa fi kabaja akkasii argachuu kan qabu, nama wanta ulfina isaaf argamsiisu raawwate ykn aangoo adda taʼe qabu dha. Mata duree kana keessatti ulfina kennuufii kan qabnu Eenyuuf akka taʼee fi ulfinni akkasii kan isaaf malu maaliif akka taʼe mariʼanna.
2, 3. (a) Keessumaa, Yihowaadhaaf ulfinni ni mala kan jennu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mulʼata 5:13 irratti Hoolicha kan jedhame eenyu? Ulfinni kan isaaf malu hoo maaliifi?
2 Mulʼata 5:13 irratti akka ibsametti, “Isa teessoo irra taaʼe Sanaa fi Hoolichaaf” ulfinni ni mala. Kitaabuma kana boqonnaa 4 irraa sababii Yihowaadhaaf ulfinni ni mala itti jennu hubanna. Uumamawwan hafuuraa samii keessa jiran sagalee isaanii guddisanii Yihowaa “isa baraa hamma bara baraatti jiraatu” faarsaniiru. Akkana jedhan: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—Mul. 4:9-11.
3 Hoolichi, Yesuus Kiristoosi dha; inni “Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa kanaa balleessu!” jedhameera. (Yoh. 1:29) Kitaabni Qulqulluun Yesuus mootota hanga harʼaatti bulchan ykn bulchaa jiran hunda irra akka caalu dubbata. Akkana jedha: “Inni Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa ti; kan hin duune isa qofa dha; ifa itti dhihaatamuu hin dandaʼamne keessa jiraata; namni tokko illee isa argee hin beeku, isa arguus hin dandaʼu.” (1 Xim. 6:14-16) Mootota keessaa fedhiidhaan cubbuu keenyaaf jecha lubbuu isaa furii godhee kan kenne jiraa? Maarree, uumamawwan samii kumaatamaan lakkaaʼamanii wajjin, “Hoolichi inni qalamee ture humna, qabeenya, ogummaa, jabina, kabaja, ulfinaa fi eebba fudhachuun isaaf ni mala” jechuuf hin kakaatuu?—Mul. 5:12.
4. Yihowaa fi Kiristoosiif ulfina kennuun wanta filannoodhaaf dhiifame miti kan jennu maaliifi?
4 Yihowaa fi Kiristoosiif ulfina kennuun wanta filannoodhaaf dhiifame miti. Jireenya bara baraa argachuun keenya isaaniif ulfina kennuu irratti kan hundaaʼe dha. Wanti Yesuus Yohaannis 5:22, 23 irratti dubbate kana ifatti hubachuuf nu gargaara: “Abbaan matumaa eenyutti iyyuu hin murteessu; kanaa mannaa hundumaa irratti akka murteessuuf Ilmaaf aangoo kenneera; kanas kan godhe, namni hundi akkuma Abbaadhaaf ulfina kennu, Ilmaafis ulfina akka kennuufi. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa isa ergeefis ulfina hin kennu.”—Faarfannaa 2:11, 12 dubbisi.
5. Namoota hundumaaf ulfina kennuu fi isaan kabajuu kan qabnu maaliifi?
5 Ilmaan namootaa “akka bifa Waaqayyootti” uumaman. (Uma. 1:27) Kanaaf, hammi isaa garaa gara taʼus, baayʼeen isaanii amalawwan Waaqayyoo calaqqisiisuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni jaalala, garraamummaa fi gara laafina argisiisuu dandaʼu. Kana malees, qalbii wajjin waan uumamaniif, wanta sirrii ykn dogoggora taʼe, akkasumas wanta soba ykn dhugaa taʼe addaan baasanii beekuu dandaʼu. (Rom. 2:14, 15) Wanti qulqulluunii fi wanti miidhagaa taʼe namoota hedduu ni hawwata. Walumaa galatti, namoota kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuu barbaadu. Beekanis beekuu baatanis hamma tokko ulfina Yihowaa calaqqisiisu; kanaaf ulfinnii fi kabajni isaaniif ni mala.—Far. 8:5.
KARAA SIRRII TAʼEEN WARRA KAANIIF ULFINA KENNUU
6, 7. Namootaaf ulfina kennuu ilaalchisee, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota hedduu irraa adda kan taʼan akkamitti?
6 Namootaaf ulfina akkamii fi hanga maaliitti ulfina isaaniif kennuu akka qabnu ilaalchisee, ilaalcha sirrii qabaachuun keenya barbaachisaa dha. Hafuurri addunyaa Seexanaa namoota cubbuu dhaalan hedduu irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Namoonni ulfinaa fi kabaja isaaf malu nama tokkoof kennuu mannaa isa waaqeffachuuf kan kakaʼan kanaafi. Geggeessitoota amantii ykn siyaasaa, namoota ispoortii fi bohaartii irratti beekamtii argatan, akkasumas namoota beekamoo taʼan kaan gar malee kan kabajan siʼa taʼu, uumama addaa akka taʼanitti isaan ilaalu. Kanaaf xinnaa guddaa utuu hin jedhin, namoota kana akka fakkeenyaatti ilaaluudhaan tarii haala, akkaataa uffannaa fi amala isaanii hordofu.
7 Kiristiyaanonni dhugaan haala kanaan namootaaf ulfina kennuu irraa ni fagaatu. Namoota hanga harʼaatti jiraatan keessaa fakkeenya guddaa nuuf taʼuu kan qabu Kiristoos qofa dha. (1 Phe. 2:21) Waaqayyo namootaaf ulfina isaaniif malu caalaa yoo kennine nutti gadda. Dhugaa buʼuuraa kana yaadachuu qabna: “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaʼan.” (Rom. 3:23) Dhuguma iyyuu, namni kam iyyuu hamma waaqeffannaa fakkaatutti ulfina argachuu hin qabu.
8, 9. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa abbootii taayitaa mootummaatiif ilaalcha akkamii qabu? (b) Abbootii taayitaa kan deggerru hanga maaliitti taʼuu qaba?
8 Addunyaa kana keessas namoonni aangoo qaban jiru. Abbootiin taayitaa mootummaa seeraa fi heera eegsisuu, akkasumas wantoota lammiiwwan isaaniitiif barbaachisan akka guutan isaan irraa eegama. Kun immoo namoota hundumaatiif faayidaa argamsiisa. Kanaaf, Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni, bulchitoota namoota taʼan kana, “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” akka taʼanitti ilaaluudhaan isaaniif bitamuu akka qaban gorseera. Kana malees, “Hundumaaf wanta isaaf malu, jechuunis isa qaraxa gaafatuuf qaraxa, . . . isa ulfina barbaaduuf ulfina kennaa” jedhee isaan ajajeera.—Rom. 13:1, 7.
9 Dhugaa Baatonni Yihowaa, akka biyya isaaniitti waan isaan irraa eegamu gochuudhaan, bulchitoota uummata tajaajilaniif fedhiidhaan ulfina kennuun isaanii sirrii dha. Dirqama isaan irra jiru yommuu raawwatan isaan ni deggerra. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ulfinnii fi deggersi isaaniif kenninu daangaa isaa irra darbuu akka hin qabne ibsa. Wanta ajaja Waaqayyoo akka cabsinu ykn siyaasa keessa akka seennu nu taasisu hin raawwannu.—1 Pheexiros 2:13-17 dubbisi.
10. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii walitti dhufeenya bulchitootaa fi abbootii taayitaa wajjin qaban ilaalchisee fakkeenya kan nuuf taʼan akkamitti?
10 Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii walitti dhufeenya bulchitootaa fi abbootii taayitaa wajjin qaban ilaalchisee fakkeenya nuuf taʼu. Mootummaan Roomaa namoonni akka galmaaʼan yeroo seera baasetti, Yoseefii fi Maariyaam ajajamaniiru. Maariyaam ilma ishii isa jalqabaa daʼuu jala geessee kan turte taʼus, gara Beetaliheem dhaqaniiru. (Luq. 2:1-5) Yeroo booda immoo, Phaawulos yeroo himatametti, karaa kabaja qabuun of irraa ittiseera; akkasumas Heroodis Agriiphaa fi Feesxos isa bulchaa godina Yihudaa ishii Roomaa jala turtee akka kabaju argisiiseera.—HoE. 25:1-12; 26:1-3.
11, 12. (a) Geggeessitoota amantiitiif ulfina addaa kennuu kan hin qabne maaliifi? (b) Dhugaa Baatuun Ostiriyaa tokko nama siyaasaa tokkoof ulfina kennuu isaatiin buʼaa gaarii akkamiitu argame?
11 Haa taʼu malee, geggeessitoonni amantii ulfina addaa argachuu akka qabanitti kan of ilaalan yoo taʼe illee, Dhugaa Baatonni Yihowaa kana gochuu irraa of qusatu. Amantiin sobaa waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa kan hin barsiisne taʼuu isaa irra iyyuu, barumsawwan Dubbii isaa irra jiran ni jalʼisa. Kanaaf, geggeessitoota amantii kanaaf akkuma namoota kaaniitti ulfina isaaniif kennina; ulfina adda taʼe garuu isaaniif hin kenninu. Yesuus geggeessitoonni amantii bara isaatti turan fakkeessitootaa fi geggeessitoota jaamaa akka taʼan dubbateera. (Mat. 23:23, 24) Faallaa kanaatiin garuu, abbootii taayitaa mootummaatiif ulfinaa fi kabaja isaaniif malu kennuun keenya, yeroo tokko tokko buʼaa gaarii argamsiisuu ni dandaʼa.
12 Liiʼoopolti Eenglaayitinar Dhugaa Baatuu hinaaffaa qabuu fi Ostiriyaadhaa dhufe siʼa taʼu, warri Naazii isa qabanii baaburaan mana hidhaa Buukanwaalditti argamutti isa geessanii turan. Hayyuun seeraa Haayinriik Gilaaysinar jedhamus hidhamtoota seeraa baabura sana keessa turan keessaa tokko ture. Namni kun nama siyaasaa Ostiriyaa ture. Haa taʼu malee, warra Naazii biratti fudhatama dhabee ture. Gara mana hidhaa yeroo waliin deemanitti obboleessi keenya Eenglaayitinar, wanta itti amanu karaa ulfina qabuun Gilaaysinaritti kan hime siʼa taʼu, innis akka gaariitti isa dhaggeeffateera. Gilaaysinar, waraana addunyaa lammaffaa booda, Dhugaa Baatota Ostiriyaa keessa jiran gargaaruuf carraaqqii guddaa godheera. Isinis, Dhugaa baatonni ulfina sirrii isa Kitaabni Qulqulluun ajaju abbootii taayitaatiif kennuu isaaniitiin kan kaʼe, muuxannoo gaarii argame kan biraa ni yaadattu taʼa.
NAMOOTA KAN BIROO ULFINNI ISAANIIF MALU
13. Keessumaa kabajaa fi ulfina argachuu kan qaban eenyu faʼi? Maaliifi?
13 Namoonni nuu wajjin waaqeffatan ulfinaa fi kabaja argachuun isaaniif mala. Keessumaa immoo jaarsoliin dursa fudhatanii nu geggeessan ulfina argachuu qabu. (1 Ximotewos 5:17 dubbisi.) Lammummaan, sadarkaan barumsaa, iddoon isaan hawaasa keessatti qaban ykn haalli dinagdee isaanii maal iyyuu yoo taʼe isaan ni kabajna. Kitaabni Qulqulluun ‘dhiirota kennaa’ taʼan jechuudhaan kan isaan waamu siʼa taʼu, wanta saba Waaqayyootiif barbaachisu guutuu wajjin haala wal qabateen gahee guddaa qabu. (Efe. 4:8) Mee waaʼee jaarsolii gumii, ilaaltota ol aanaa aanaa, miseensota Koree Waajjira Damee fi miseensota Qaama Ol Aanaa yaadaa. Obboloonni jaarraa jalqabaatti turan, namoota geggeessuuf itti gaafatamummaa qabaniif kabaja guddaa kennu turan; nutis akkas gochuu akka qabnu nutti dhagaʼama. Bakka buutota gumii Kiristiyaanaa beekamoo taʼan hin waaqeffannu ykn yeroo isaan nu bira jiranitti akka waan maleekaan nu bira jiruu hin taanu. Taʼus, hojii cimaa isaan hojjetanii fi amala gad of qabuu isaan argisiisaniin kan kaʼe obboloota kana ni kabajna; ulfinas ni kenninaaf.—2 Qorontos 1:24; Mulʼata 19:10 dubbisi.
14, 15. Garaagarummaa tiksitoota dhugaa Kiristiyaanota taʼanii fi warra akkas akka taʼan dubbatan gidduu jiru ibsi.
14 Jaarsoliin kun tiksitoota hafuuraa gad of qaban akka taʼanitti beekamu. Kanaaf, beekamummaa argachuu hin barbaadan. Gama kanaan geggeessitoota amantii bara keenyatti jiran hedduu irraas taʼe, warra jaarraa jalqabaatti Yesuus waaʼee isaanii akkana jedhe irraa adda dha: “Afeerraa irbaataa irratti bakka filatamaa taaʼuu, mana sagadaa keessattis fuuldura taaʼuu jaallatu. Iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu . . . barbaadu.”—Mat. 23:6, 7.
15 Tiksitoonni dhugaan Kiristiyaanota taʼan wanta Yesuus akkana jedhee dubbateef gad of qabuudhaan ajajamu: “Barsiisaan keessan tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha. Kana malees Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa. Garuu inni hunda keessan irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol ol of qabu hundi gad ni deebisama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol ni qabama.” (Mat. 23:8-12) Kanaafuu, sababa jaarsoliin gumii addunyaa maratti argaman, Dhugaa Baatota hidhata amantii isaanii taʼan irraa jaalala, kabajaa fi ulfina itti argachuu qaban hubachuu dandeessu.
16. Wanta Kitaabni Qulqulluun ulfina kennuu ilaalchisee dubbatu hubachuu fi hojii irra oolchuuf carraaquu kee itti fufuu kan qabdu maaliifi?
16 Ulfina kennuu kan qabnu akkamittii fi eenyuuf akka taʼe ilaalchisee, ilaalcha sirrii qabaachuuf yeroo nutti fudhachuu akka dandaʼu ifa dha. Haalli akkanaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa mudatee ture. (HoE. 10:22-26; 3 Yoh. 9, 10) Taʼus, wanta Kitaabni Qulqulluun ulfina kennuu ilaalchisee dubbatu hojii irra oolchuun carraaqqii guddaa gaafata. Ilaalcha sirrii qabaachuun garuu faayidaa hedduu qaba.
FAAYIDAA ULFINA SIRRII TAʼE KENNUUN QABU
17. Namoota aangoo qaban kabajuun faayidaawwan akkamii qaba?
17 Abbootii taayitaatiif ulfinaa fi kabaja sirrii taʼe kan kenninu yoo taʼe, tarii rakkinni utuu nu hin mudatin mirga hojii lallabaa keenya raawwachuuf qabnu nuuf kabachiisuu dandaʼu. Yeroo baayʼee immoo, hojii keenyaaf ilaalcha gaarii akka qabaatan gochuu dandaʼa. Waggoota hedduu dura qajeelchituun Birgiit jedhamtuu fi Jarmanitti argamtu, guyyaa eebbaa intala ishii irratti argamtee turte. Barsiisonni waggoota hedduudhaaf barattoota Dhugaa Baatota taʼan barsiisuun isaanii akka isaan gammachiise Birgiititti himaniiru. Barattoonni Dhugaa Baatota taʼan mana barumsaa isaanii keessa jiraachuu isaaniitiin manni barumsaa isaanii gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Birgiit akkana jetteetti: “Ijoolleen keenya, barsiisota kabajuu fi ulfina isaaniif kennuu dabalatee, seera Waaqayyo naamusaaf baase akka hordofan barataniiru.” Barsiistuun tokko, “Ijoolleen hundi akka ijoollee keessanii utuu taʼanii barsiisummaan jannatuma fakkaata ture” jetteetti. Torban hedduu booda barsiisota sana keessaa ishiin tokko walgaʼii Laayipsiigitti godhame irratti argamteetti.
18, 19. Jaarsoliidhaaf kabaja sirrii kennuu kan qabnu maaliifi?
18 Kabajni sirriin jaarsolii gumiitiif kenninu, dhugaa buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo isa mudaa hin qabnee fi ogummaa irratti hundaaʼee wajjin kan wal simu taʼuu akka qabu beekamaa dha. (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Carraaqqii isaan godhaniif isaan galateeffachuu ni dandeenya, akkas gochuus qabna; akkasumas qajeelfama isaan nuu kennan hojii irra oolchuuf dhamaʼuu qabna. Akkana gochuun keenya, hojii isaanii gammachuudhaan raawwachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaara. Kana jechuun garuu akkuma jaarsi tokko uffatutti uffachuu ykn akkaataa inni itti haasaa dhiheessu ykn akkaataa inni itti dubbatu hordofuu qabna jechuu miti. Kana kan goonu yoo taʼe ergaa sirrii hin taane dabarsuu dandaʼa. Innis taanaan nama mudaa qabu akka taʼe dagachuu hin qabnu. Kan nuti hordofuu qabnu fakkeenya Kiristoosi.
19 Jaarsoliin beekamoo akka taʼanitti isaan ilaaluu dhiisuudhaan, ulfinaa fi kabaja sirrii taʼe isaaniif kennuun keenya isaan fayyada. Koora, warra kaan akka caalanitti ykn qajeelota akka taʼanitti of ilaaluu irraa fagaachuun akka isaaniif salphatu godha.
20. Warra kaan kabajuun kan nu gargaaru akkamitti?
20 Warra ulfinni isaaniif maluuf ulfina kennuun keenya ofittoo taʼuu irraa nu eega. Akkasumas namoonni kaan yeroo nu kabajan akka of hin tuulle godha. Kana malees, warra amananis taʼe kan hin amanne garmalee kabajuu ykn ulfina isaaniif hin malle isaaniif kennuu irraa fagaachuudhaan, jaarmiyaa Yihowaa wajjin wal simnee jiraachuuf nu gargaara. Hunda caalaa immoo, namni nuti kabajnu tokko yommuu nu mufachiisu gufachuu irraa nu eega.
21. Warra isaaniif maluuf ulfina sirrii kennuun faayidaa guddaa akkamii qaba?
21 Faayidaa guddaan warra isaaniif maluuf ulfina sirrii kennuudhaan argannu, Waaqayyoon kan gammachiisu taʼuu isaa ti. Wanta inni nu irraa barbaadu kan raawwannu siʼa taʼu, kun immoo amanamummaa isaaf qabnu eeggachuuf nu gargaara. Kunis warra isa arrabsuuf yaalan hundumaaf deebii kennuu irratti gumaacha godha. (Fak. 27:11) Namoonni addunyaa irratti argaman kabaja kennuu wajjin haala wal qabateen ilaalcha sirrii hin qaban. Nuti garuu karaa Yihowaan barbaaduun ulfina kennuu barachuu keenyatti guddaa galateeffanna.