Warri “Waaqa Gammadaa” Tajaajilan Gammadoo Dha
“Sabni gooftichi [“Yihowaan,” NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!”—FAR. 144:15.
1. Waaqeffattoonni Yihowaa saba gammadoo kan taʼan maaliifi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
DHUGAA BAATONNI YIHOWAA saba gammadoo dha. Walgaʼiin gumii isaanii, walgaʼiiwwan guguddaa fi yeroon isaan walii wajjin dabarsan taphaa fi kolfa nama gammachiisuun beekama. Akka kana gammadoo kan taʼan maaliifi? Sababiin inni guddaan, Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” taʼe, beekuu, isa tajaajiluu fi fakkeenya isaa hordofuuf carraaquu isaanii ti. (1 Xim. 1:11; Far. 16:11) Waaqayyo madda gammachuu waan taʼeef, gammadoo akka taanu barbaada, gammadoo akka taanuufis sababii hedduu nuuf kenneera.—Kes. 12:7; Lal. 3:12, 13.
2, 3. (a) Gammachuun maali dha? (b) Gammadaa taʼuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
2 Atoo dhuunfaa keetti akkami? Gammadaa dhaa? Gammachuu kee caalaatti dabaluu ni dandeessaa? Gammadaa taʼuu jechuun miirri gaariin namatti dhagaʼamuu, jireenya ofiitti gammaduu ykn gammachuu guddaa argachuu jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun, gammachuu dhugaan haala namni eebba Yihowaa argate tokko qabu akka argisiisu ibsa. Haa taʼu malee, addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti gammadaa taʼuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maaliifi?
3 Haalawwan nama dhiphisan, kan akka namni jaallatan duʼuu ykn gumiidhaa baafamuu ykn wal hiikuu ykn hojii ofii dhabuu jiran gammachuu keenya balleessuu dandaʼu. Walitti buʼiinsi maatii keessatti uumamuu fi nagaadhaan walitti dubbachuu dadhabuun miira nageenyaa keenya balleessuu dandaʼu. Namoonni waliin hojjennu ykn waliin barannu nutti qoosuun isaanii, ariʼatamni amantii ykn hidhaan gammachuu keenya xiqqeessuu dandaʼu. Kana malees, fayyaan keenya mancaʼaa deemuun isaa, dhukkubni cimaan ykn dhiphinni sammuu gammachuu keenya balleessuu dandaʼa. Taʼus Yesuus Kiristoos, “inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa taʼe,” jajjabinaa fi gammachuu namootaaf kennuutti ni gammada ture. (1 Xim. 6:15; Mat. 11:28-30) Addunyaa Seexanaa keessatti qorumsawwan nama dhiphisan kan nu mudatan taʼus, Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti, amalawwan hedduu gammachuu keenyaaf gumaacha godhan ibseera.
KARAA HAFUURAA CIMAA TAʼUUN GAMMACHUUDHAAF BUʼUURA DHA
4, 5. Gammachuu argachuu fi gammachuu keenya eegnee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Wanti Yesuus jalqaba irratti, irratti xiyyeeffate baayʼee barbaachisaa dha: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.” (Mat. 5:3) Wanta hafuuraa akka dheebonnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Nyaata hafuuraa soorachuudhaan, wantoota hafuuraatiif iddoo guddaa kennuu fi Waaqa gammadaa waaqeffachuuf dursa kennuudhaan kana gochuu dandeenya. Tarkaanfiiwwan kana yoo fudhanne gammachuun keenya ni guddata. Abdiin Waaqayyo kenne akka raawwatamu amantii qabnu ni cimsanna. Akkasumas, “abdii gammachiisaa” Dubbiin Waaqayyoo waaqeffattoota dhugaatiif kennu irraa jajjabina arganna.—Tit. 2:13.
5 Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuun, wantoota gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf barbaachisan keessaa isa guddaa dha. Phaawulos ergamaan, hafuuraan geggeeffamee, “Yeroo hunda Gooftaatti [Yihowaatti] gammadaa. Ammas irra deebiʼeen dubbadha, Gammadaa!” jedhee barreesseera. (Filp. 4:4) Hariiroo gaarii akkasii qabaachuuf, ogummaa Waaqayyoo argachuu nu barbaachisa. Dubbiin Waaqayyoo, “Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu! Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!” jedha.—Fak. 3:13, 18.
6. Gammachuu itti fufiinsa qabu argachuun keenya maal irratti kan hundaaʼe dha?
6 Haa taʼu malee, gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu qofa utuu hin taʼin, hojii irra oolchuun keenyas baayʼee barbaachisaa dha. Yesuus, “Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha” jechuudhaan wantoota baranne hojii irra oolchuun keenya barbaachisaa taʼuu isaa cimsee ibseera. (Yoh. 13:17; Yaaqoob 1:25 dubbisi.) Fedhii hafuuraa keenya guuttachuu fi gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf kun murteessaa dha. Haa taʼu malee, wantoonni gammachuu nu dhabsiisan hedduun utuu jiranii gammadoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Mee wanta Yesuus Lallaba Gaaraa irratti itti aansee dubbate haa qorannu.
AMALAWWAN GAMMACHUU KEENYA GUDDISAN
7. Warri gaddan gammadoo taʼuu kan dandaʼan akkamitti?
7 “Warri gaddan gammadoo dha; isaan jajjabina ni argatu.” (Mat. 5:4) Namoonni tokko tokko, ‘Warri gaddan gammadoo taʼuu kan dandaʼan akkamitti?’ jedhanii gaafatu taʼa. Yesuus kana kan dubbate, namoota sababii kamiin iyyuu gaddan hundumaa sammuutti qabatee hin turre. Namoonni hamoon illee haalawwan rakkisoo ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kanatti gaʼaniin kan kaʼe ni gaddu. (2 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, gaddi isaanii inni ofittummaa irratti hundaaʼe gara Yihowaatti akka dhihaatan isaan hin godhu; kanaafuu gammachuu isaaniif hin argamsiisu. Yesuus, namoota wantoota hafuuraa dheebotanii fi kanaan kan kaʼes, haalawwan hafuuraa rakkisoo babalʼatanii jiraniin gaddan sammuutti qabatee taʼuu qaba. Namoonni akkasii cubbamoota taʼuu isaanii fi haalawwan gaddisiisoo cubbuu namootaatiin dhufan ni hubatu. Yihowaan namoota garaadhaa gaddan akkasii ni hubata; akkasumas dubbii isaatiin, gammachuu fi jireenya isaaniif kennuudhaan isaan jajjabeessa akkasumas isaan eebbisa.—Hisqiʼel 5:11; 9:4 dubbisi.
8. Garraamii taʼuun gammachuudhaaf gumaacha kan godhu akkamitti akka taʼe ibsi.
8 “Warri garraamiin gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.” (Mat. 5:5) Garraamii taʼuun gammachuudhaaf gumaacha kan godhu akkamitti? Namoonni beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe erga argatanii booda jijjiirama godhu. Namoonni kun yeroo tokkotti, hamoota, falmii kan jaallatanii fi dheekkamoo kan turan taʼuu dandaʼu. Amma garuu, “namummaa haaraa” uffachuudhaan, “gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa” argisiisu. (Qol. 3:9-12) Kanaan kan kaʼes, amma jireenya nagaa, jaalalaa fi gammachuu qabu jiraachaa jiru. Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo namoonni akkasii ‘lafa akka dhaalan,’ (NW) abdii kenna.—Far. 37:8-10, 29.
9. (a) Garraamonni “lafa ni dhaalu” jechuun kan dandaʼamu akkamitti? (b) “Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan” gammadoo taʼuu kan dandaʼan maaliifi?
9 Yesuus, “Warri garraamiin . . . lafa ni dhaalu” yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? Barattoonni isaa warri dibamtoota taʼan, lafa kan dhaalan yommuu moototaa fi luboota taʼanii lafa bulchanitti dha. (Mul. 20:6) Namoonni kaan miliyoonaan lakkaaʼaman waamicha samii hin qabne garuu, cubbuu irraa walaba taʼanii, nagaa fi gammachuudhaan bara baraaf lafa irra akka jiraatan waan isaaniif heyyamamuuf lafa ni dhaalu jechuun ni dandaʼama. Namoonni kun warra ‘qajeelummaa beelaʼuu fi dheebochuu’ isaaniitiin kan kaʼe gammadan sana dha. (Mat. 5:6) Beelli isaan karaa hafuuraa qabanii fi dheebuun isaan qajeelummaaf qaban addunyaa haaraa keessatti isaaniif guutama. (2 Phe. 3:13) Waaqayyo hammina hundumaa guutummaatti yeroo balleessu, gammachuun namoota qajeeloo taʼanii matumaa lammata jeequmsaa fi jalʼinaan hin booraʼu.—Far. 37:17.
10. Gara laafeyyii taʼuu jechuun maal jechuu dha?
10 “Warri gara laafeyyii taʼan gammadoo dha; isaan gara laafina ni argatu.” (Mat. 5:7) Jechi Afaan Ibrootaa gara laafinaa wajjin walitti dhufeenya qabu tokko hiikni isaa, “ifuu, miira gara laafinaatiin hoʼuu; . . . Gara laafessa taʼuu” jechuu dha. Haaluma wal fakkaatuun, jechi Afaan Giriikii yaada nama kan biraatiif miira gaddaa qabaachuu jedhu of keessaa qaba. Haa taʼu malee, gara laafinni, miira gaddaa qabaachuu caalaa waan dabalatu qaba. Kitaaba Qulqulluu keessatti akka itti hojjetametti, gocha gara laafinaa raawwachuudhaan, akka namaaf gaddan argisiisuu dabalata.
11. Fakkeenya waaʼee nama Samaariyaa dubbatu irraa waaʼee gara laafina argisiisuu maal barachuu dandeenya?
11 Luqaas 10:30-37 dubbisi. Fakkeenyi Yesuus waaʼee nama Samaariyaa dubbate gara laafina argisiisuu jechuun maal jechuu akka taʼe akka gaariitti ibsa. Namichi Samaariyaa sun gara laafina garaadhaa maddeen kakaʼee, namicha balaa irra buʼe sanaaf wanta boqonnaa argamsiisu raawwateera. Yesuus fakkeenya kana erga dubbatee booda, “Atis dhaqiitii akkanuma godhi” jedheera. Kanaafuu, akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Anoo akkas gochaan jiraa? Wanta namni Samaariyaa gara laafessa taʼe sun raawwate gochaan jiraa? Caalaatti gara laafina argisiisuudhaan, namoota rakkina keessa jiraniif gocha gaarummaa raawwachuu nan dandaʼaa? Fakkeenyaaf, maanguddoota Kiristiyaana taʼan, warra abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee warri isaanii Yihowaa hin tajaajilleef gargaarsa qabatamaa gochuu nan dandaʼaa? ‘Warra dhiphatan jajjabeessuuf’ dursa fudhachuu nan dandaʼaa?’—1 Tas. 5:14; Yaq. 1:27.
12. Gara laafeyyii taʼuun gammachuu keenyaaf gumaacha kan godhu akkamitti?
12 Haa taʼu malee, gara laafessa taʼuun, gammachuu kan argamsiisu akkamitti? Namoota kaanitti gara laafina yommuu argisiisnu, gammachuu kennuudhaan argamu arganna. Kana malees, Yihowaa gammachiisaa akka jirru beekna. (HoE. 20:35; Ibroota 13:16 dubbisi.) Daawit Mootichi nama warra kaaniif yaadu ilaalchisee, “Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf; biyya keessattis ‘Isa gammade’ in jedhama” jedheera. (Far. 41:1, 2) Kana malees, gara laafina argisiisuun keenya, gara laafina Yihowaa akka argannu nu godha, kun immoo gammachuu bara baraa nuuf argamsiisa.—Yaq. 2:13.
“WARRI GARAAN ISAANII QULQULLUU TAʼE” KAN GAMMADAN MAALIIFI?
13, 14. Garaa qulqulluu fi gammachuun walitti dhufeenya akkamii qabu?
13 Yesuus, “Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe gammadoo dha; isaan Waaqayyoon ni argu” jedheera. (Mat. 5:8) Garaan keenya qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuuf, keessa keenyatti qulqulluu taʼuu, akkasumas jaalalaa fi hawwii qulqulluu horachuu qabna. Karaa hafuuraa qulqulluu taanee Yihowaadhaaf buluu akka dandeenyuuf, yaada keenya qulqulluu goonee eeguu qabna.— 2 Qorontos 4:2 dubbisi; 1 Xim. 1:5.
14 Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe, Yihowaa isa “Warri uffata isaanii miiccatan gammadoo dha” jechuudhaan labse duratti ejjennoo qulqulluu fi gammachiisaa taʼe qabaachuu dandaʼu. (Mul. 22:14) “Uffata isaanii miiccatan” jechuun maal jechuu dha? Kirstiyaanonni dibamoon, “uffata isaanii miiccatan” jechuun Yihowaa duratti qulqulluu taʼuudhaan, samii irratti jireenya hin duunee fi gammachuu bara baraa argachuu isaanii argisiisa. Tuutni uummataa guddaan lafa irra jiraachuuf abdatanis, michuu Waaqayyoo taʼuudhaan ejjennoo qulqulluu qabaachuu dandaʼu. Namoonni kun yeroo ammaatti illee, “uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.”—Mul. 7:9, 13, 14.
15, 16. Warri garaa qulqulluu qaban ‘Waaqayyoon kan argan’ akkamitti?
15 Haa taʼu malee, ‘namni [Waaqayyoon] argee jiraachuu hin dandaʼu’ erga taʼee, warri garaa qulqulluu qaban ‘Waaqayyoon kan argan’ akkamitti? (Bau. 33:20) Jechi Afaan Giriikii, ‘arguu’ jedhamee hiikame, “yaadaan arguu, hubachuu, beekuu” yaada jedhu qabaachuu dandaʼa. Warri ‘ija garaa isaaniitiin’ Waaqayyoon argan, warra dhugumaan isa beekanii fi amalawwan isaa dinqisiifatani dha. (Efe. 1:18) Yesuus amalawwan Waaqayyoo guutummaatti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jechuu dandaʼeera.—Yoh. 14:7-9.
16 Waaqeffattoonni dhugaan amalawwan Waaqayyoo beekuu isaanii malees, wanta inni isaaniif godhe hubachuudhaan ‘Waaqayyoon arguu’ dandaʼu. (Iyo. 42:5) Kana malees, ‘iji garaa isaanii’ eebba dinqisiisaa Waaqayyo warra qulqulluu taʼanii jiraachuu isaanii itti fufanii fi amanamummaadhaan isa tajaajilaniif qopheesse irratti akka xiyyeeffatu godhu. Dhugaa dha, dibamtoonni duʼaa kaafaman, yeroo badhaasa isaanii isa samii argatan kallattiidhaan Yihowaa ni argu.—1 Yoh. 3:2.
RAKINNI JIRAATUS GAMMADOO TAʼUU
17. Gammadoo taʼuuf nagaan gaʼee akkamii qaba?
17 Yesuus itti aansuudhaan, “Warri nagaa uuman gammadoo dha” jedheera. (Mat. 5:9) Warri nagaa uumuuf dursa fudhatan gammadoo taʼuuf sababii gaarii qabu. Yaaqoob baratichi, “Warra nagaa uumaniif, firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe keessatti facaafama” jedhee barreesseera. (Yaq. 3:18) Nama gumii ykn maatii keenya keessa jiru tokko wajjin walitti dhufeenyi qabnu yommuu miidhamu, nagaa uumuuf gargaarsa Waaqayyoo cimsinee kadhachuu ni dandeenya. Yoo akkas goone, hafuurri qulqulluun Yihowaa, amalli qajeelaanii fi gammachuun baayʼinaan jiraachuu dandaʼa. Yesuus nagaa uumuuf dursa fudhachuun barbaachisaa taʼuu isaa akkas jechuudhaan ibseera: “Kanaaf, kennaa kee gara iddoo aarsaatti yeroo fiddu, utuu achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Achiis jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Mat. 5:23, 24.
18, 19. Kiristiyaanonni kan ariʼataman taʼus gammadoo taʼuu kan dandaʼan maaliifi?
18 “Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa.” Yesuus maal jechuu isaa ture? Itti fufuudhaan, “Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turan iyyuu akkanuma ariʼataniiru” jedheera. (Mat. 5:11, 12) Ergamoonni yeroo garafamanii, lallabuu isaanii akka dhaaban ajajamanitti, ‘yaaʼii Saanhediriin duraa kan baʼan gammachuudhaan’ ture. Dhugaa dha, kan gammadan garafamuu isaaniitti hin turre. Kanaa mannaa kan gammadan, ‘maqaa [Yesuusiif] jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti waan lakkaaʼaniifi.’—HoE. 5:41.
19 Sabni Yihowaa bara keenyatti jiranis maqaa Yesuusiif jedhanii yommuu dhiphinni ykn qorumsi cimaan isaan irra gaʼu gammachuudhaan dandaʼu. (Yaaqoob 1:2-4 dubbisi.) Akkuma ergamootaa nutis dhiphina nu irra gaʼu kamitti iyyuu hin gammadnu. Haa taʼu malee, yeroo qorumsi nu irra gaʼutti amanamummaa Waaqayyoof qabnu yoo eegne, Yihowaan jabaannee akka dhaabannu nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Hagayya 1944, biyya tokko keessatti abbootiin taayitaa abbaa irree taʼan, Heenriik Doorniikii fi obboleessa isaa gara mana hidhaatti erganii turan. Taʼus, mormitoonni, “Wanta kam iyyuu akka godhan isaan amansiisuun hin dandaʼamu. Wareegamuun isaan gammachiisa” jechuudhaan dhugaa isaa amananiiru. Obboleessi keenya Doorniik akkas jedheera: “Ani wareegamuuf fedhii tokko illee kanan hin qabne taʼus, Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf, ija jabinaa fi ulfinaan dhiphina dandaʼuun koo gammachuu naaf argamsiiseera. . . . Kadhannaa cimaan Yihowaatti caalaatti akkan dhihaadhu na taasiseera, innis Gargaaraa amansiisaa naaf taʼeera.”
20. “Waaqa gammadaa” tajaajiluu keenyatti gammachuu kan argannu maaliifi?
20 Ariʼatamni amantii, mormiin maatii irraa nu irra gaʼu, dhukkubni ykn dullumni kan nu irra gaʼu taʼus, “Waaqa gammadaa” biratti fudhatama argachuun keenya nu gammachiisa. (1 Xim. 1:11) Kana malees, abdii dinqisiisaa Waaqni keenya inni “sobuu hin dandeenye” nuu kenneen ni gammadna. (Tit. 1:2) Abdiin Yihowaan kenne yommuu raawwatamu haalli jiru baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef, rakkinnii fi qorumsi yeroo ammaatti nu mudatu homaatti iyyuu hin lakkaaʼamu. Eebbi Yihowaan Jannata dhufu keessatti fidu wanta nuti tilmaamuu dandeenyu hundumaa irra kan caalu dha. Nutis gammachuu kanaan dura argamee hin beekne akka argannu hin shakkisiisu. Eeyyee, ‘nagaa guututti jiraachuu keenyaan in gammadna.’—Far. 37:11.