Yaada Yihowaa kan Ofii Keessanii Godhachaa Jirtuu?
“Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”—ROM. 12:2.
1, 2. Karaa hafuuraa guddachaa yommuu adeemnu maal gochuu baranna? Fakkeenyaan ibsi.
MUCAA xinnoon tokko kennaa fudhate. Warri isaas “Galatoomi jedhi” isaan jedhan. Mucaan kun garaadhaa taʼuu baatus wanta ajajame ni raawwate. Yommuu guddaachaa adeemu garuu dinqisiifannaan inni yaada warra isaa fi gaarummaa warri kaan argisiisaniif qabu guddachaa deeme. Amma caalaatti itti yaaduudhaan garaadhaa kakaʼee galateeffata. Maaliifi? Sababiin isaas galateeffachuun kutaa yaada ofii isaa waan taʼeefi.
2 Haaluma wal fakkaatuun, jalqaba yommuu dhugaa dhageenye, ulaagaawwan buʼuuraa Yihowaatiif ajajamuun barbaachisaa taʼuu isaa baranneerra. Haa taʼu malee, karaa hafuuraa guddaachaa yommuu adeemnu, waaʼee yaada Yihowaa jechuunis wanta inni jaallatuu fi wanta inni jibbu, akkasumas ilaalcha inni wantoota gara garaatiif qabu ni baranna. Akka isaatti yaaduu barachuu fi yaadni akkasii gocha keenyaa fi filannaa dhuunfaa keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuudhaan, yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhachaa akka jirru argisiisna.
3. Yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhachuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
3 Akka Yihowaatti yaaduu barachuun gammachiisaa yoo taʼe iyyuu, ulfaataa taʼuus ni dandaʼa. Yeroo tokko tokko yaadni keenya inni mudaa qabu gufuu nutti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ilaalcha Yihowaan qulqullina naamusaa, qabeenya jaallachuu, hojii lallabaa, dhiiga karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu ykn wantoota kan biraatiif qabu hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maal gochuu dandeenya? Yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhachuu irratti guddina gochuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya gocha keenya yeroo ammaa fi gara fuulduraa irratti dhiibbaa gochuu kan qabu akkamitti?
YAADA WAAQAYYOO KAN OFII KEENYAA GODHACHUU
4. Gorsa Phaawulos “Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa” jechuudhaan kenne hordofuun maal dabalata?
4 Roomaa 12:2 dubbisi. Phaawulos ergamaan as irratti ilaalcha Yihowaa barachuun maal akka dabalatu ibseera. Mata dureen darbe, ‘sirni kun dhiibbaa akka nu irratti hin goone’ irraa fagaachuuf ilaalchaa fi yaada addunyaa soorachuu diduu akka qabnu hubachuuf nu gargaareera. Haa taʼu malee, Phaawulos ‘sammuu keenya haaressuudhaan jijjiiruun’ keenya barbaachisaa akka taʼes ibseera. Kunis yaada Waaqayyoo hubachuuf jecha Dubbii isaa qoʼachuu, irratti xiinxaluu fi yaada keenya yaada Waaqayyoo wajjin wal simsiisuu dabalata.
5. Garaagarummaa irra keessa dubbisuu fi qoʼannaa gidduu jiru ibsi.
5 Qoʼachuun irra keessa dubbisuu fi deebii gaaffii qoʼannaadhaaf qophaaʼe jala muruu caalaa wanta gaafatu qaba. Yommuu qoʼannu barumsichi waaʼee Yihowaa, waaʼee karaawwan isaa fi yaada isaa maal akka nu barsiisu xiinxalla. Waaqayyo wanta tokko akka goonu isa kaan immoo akka hin goone kan nu ajaje maaliif akka taʼe hubachuuf yaalla. Jijjiirama jireenyaa fi yaada keenya irratti gochuun nu barbaachisu irrattis ni yaadna. Yeroo qoʼannu wantoota kana hunda irratti yaaduu kan hin dandeenye taʼus, yeroo qoʼannaadhaaf ramadne keessaa tarii walakkaa isaa xiinxaluudhaaf yoo ramadne buʼaa arganna.—Far. 119:97; 1 Xim. 4:15.
6. Yaada Yihowaa irratti yeroo xiinxallu maaltu taʼa?
6 Yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irratti yoo xiinxalle wanti nu dinqisiisu tokko ni uumama. Ilaalchi Yihowaan dhimmoota gara garaatiif qabu mudaa kan hin qabne taʼuu isaa ‘ofuma keenyaaf mirkaneessina,’ eeyyee, of amansiisna. Ilaalcha inni wantootaaf qabu qabaachuu jalqabna, akkasumas ilaalcha keenya ilaalcha isaa wajjin wal simsiisna. Sammuun keenya ni ‘jijjiirama’ akkasumas akkaataan ittiin yaadnu ni haaroma. Suuta suuta yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhanna.
YAADNI KEENYA GOCHA KEENYA IRRATTI DHIIBBAA GODHA
7, 8. (a) Yihowaan dureessa taʼuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Ilaalcha isaa fudhanneerra yoo taʼe, yeroo hunda kan dursa kenninuuf maali dha?
7 Yaaduu jechuun sammuu ofii hojjechiisuu qofa akka taʼe goonee yaaduu hin qabnu. Yaadnii fi gochi gargar baʼuu hin dandaʼan. (Mar. 7:21-23; Yaq. 2:17) Fakkeenyota muraasa ilaaluudhaan kana caalaatti hubachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, Wangeelonni qabeenya jaallachuu ilaalchisee Yihowaan yaada akkamii akka qabu ni ibsu. Waaqayyo maatii Ilma isaa guddisan of eeggannoodhaan filateera. Hiriyoonni gaaʼelaa inni filate kun qabeenya muraasa kan qaban turan. (Lew. 12:8; Luq. 2:24) Yesuus yeroo dhalatetti, “bakka keessummoonni bulan keessa iddoon waan hin jirreef”, Maariyaam, “mucicha huccuudhaan martee bidiruu horiin keessaa nyaatu keessa ciibsite.” (Luq. 2:7) Yihowaan utuu barbaadeera taʼee Ilmi isaa iddoo gaarii taʼetti akka dhalatu karaa hedduu qophii gochuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, wanti isaaf barbaachisaa ture, kunuunsaa fi guddina Yesuusiif naannoo karaa hafuuraa mijataa taʼe ture.
8 Seenaa waaʼee dhaloota Yesuus ibsu kana irraa, ilaalcha Yihowaan qabeenyaaf qabu hubachuu ni dandeenya. Warri tokko tokko ijoolleen isaanii wantoota hafuuraa aarsaa godhanii illee, qabeenya gaʼaa akka argatan barbaadu. Yihowaan garuu wantoonni hafuuraa caalaatti barbaachisaa akka taʼanitti ilaala. Isin hoo, ilaalcha Yihowaa fudhattaniittuu? Gochi keessan maal argisiisa?—Ibroota 13:5 dubbisi.
9, 10. Waaʼee warra kaan gufachiisuu ilaalcha Yihowaan qabu akka qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?
9 Fakkeenyi kan biraan immoo, waaʼee warra kaan gufachiisuu ilaalcha Yihowaan qabu dha. Yesuus, “Namni warra xixinnoo amantii qaban kana keessaa tokko gufachiisu hundi, dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti yoo gatame isaaf wayya” jedheera. (Mar. 9:42) Jechoonni Yesuus warra kaan gufachiisuu akka laayyootti akka hin ilaalle argisiisu! Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti kan calaqqisiisu waan taʼeef, Yihowaanis nama gocha dantaa dhabummaa raawwachuudhaan duuka buutota Yesuus keessaa tokko gufachiisuuf akkasuma akka itti dhagaʼamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yoh. 14:9.
10 Nuti hoo waaʼee warra kaan gufachiisuu ilaalcha Yihowaa fi Yesuus qabnaa? Ilaalcha kana kan ofii keenyaa godhanneerraa? Gochi keenya maal argisiisa? Fakkeenyaaf, uffata ykn akkaataa miidhaginaa namoota gumii keessa jiran tokko tokko aarsuu ykn fedhii saalqunnamtii kakaasuu dandaʼu tokko jaallanneerra haa jennu. Jaalala namoota hidhata amantii keenya taʼaniif qabnu, filannoo dhuunfaa uffannaa ykn akkaataa miidhaginaa tokkoof qabnu ni caalchisinaa?—1 Xim. 2:9, 10.
11, 12. Hamminaa fi amala of toʼachuu irratti Ilaalcha Waaqayyo qabu horachuun keenya gocha dogoggoraa raawwachuu irraa kan nu eegu akkamitti?
11 Fakkeenyi sadaffaan, Yihowaan jalʼina ni jibba. (Isa. 61:8) Yihowaan cubbuu dhaalleen kan kaʼe, ilaalcha dogoggoraa tokko tokko akka qabnu kan beeku taʼus, jalʼinaaf akkuma isaa jibba akka qabaannu nu gorsa. (Faarfannaa 97:10 dubbisi.) Yihowaan hammina cimsee kan jibbu maaliif akka taʼe xiinxaluun keenya, yaada isaa kan ofii keenyaa godhachuuf nu gargaara akkasumas gocha dogoggoraa raawwachuu irraa fagaachuuf jabina dabalataa nuuf kenna.
12 Ilaalcha Yihowaan hamminaaf qabu horachuun keenya, Dubbii Waaqayyoo keessatti kan hin caqasamne yoo taʼan illee, gochawwan dogoggora taʼan tokko tokko addaan baasnee hubachuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, shubbisni laap daansiingi jedhamu addunyaa irratti baramaa siʼa taʼu halalummaa babalʼisa. Namoonni tokko tokko gochi kun saalqunnamtii raawwachuu wajjin tokko akka hin taane dubbachuudhaan amalli akkasii fudhatama akka qabu sababa dhiheessu.a Haa taʼu malee, Yihowaan hammina akkamii iyyuu akka jibbu yaadadhaa. Kanaafuu, amala of toʼachuu horachuu fi wanta Yihowaan jibbu jibbuudhaan gocha dogoggoraa irraa haa fagaannu.—Rom. 12:9.
MURTOO GARA FUULDURAATTI GOONU DURSINEE YAADUU
13. Ilaalchi Yihowaa murtoo gara fuulduraatti goonu irratti dhiibbaa akkamii akka qabu dursinee yaaduu kan qabnu maaliifi?
13 Yommuu qoʼannu, haala gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼuuf Yihowaan yaada akkamii qabaachuu akka dandaʼu yaaduun keenya gaariidha. Kana gochuudhaan, haalli hatattamaan murtoo akka goonu gaafatu yommuu nu mudatu, qophaaʼoo taana. (Fak. 22:3) Mee fakkeenya Kitaaba Qulqulluu tokko tokko haa ilaallu.
14. Gocha haadha manaa Phoxiifaariif deebii Yoseef kenne irraa maal baranna?
14 Yoseef dhiibbaa haati manaa Phoxiifaar akka inni ejja raawwatu gochuuf isa irratti geessiste yeruma sana diduudhaan ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf amanamaa taʼuu ilaalchisee qabu irratti dursee akka yaade argisiiseera. (Uumama 39:8, 9 dubbisi.) Kana malees, deebiin inni haadha manaa Phoxiifaariif, “Egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan kenne ilaalcha Waaqayyoo kan ofii isaa akka godhate argisiisa. Nuti hoo akkami? Namni nu wajjin hojjetu tokko nu kolomsuu jalqabe haa jennu. Yookiin ergaan ykn suuraan saalqunnamtii ibsu moobaayilii keenya irratti yoo nuuf ergame hoo?b Ilaalcha Yihowaan dhimmoota akkasiitiif qabu dursinee beekuudhaan kan itti amannee fi dursinee kan murteessine yoo taʼe ejjennoo fudhachuun baayʼee salphaadha.
15. Akkuma Ibroonni sadan godhan dhiibbaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu akka cabsinu nu irra gaʼu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Mee fakkeenya Ibroota sadanii Shaadraak, Meshaakii fi Abedneegoo ilaali. Murtoon isaan bifa fakkeenyaa warqii Nebukadnezaar Mootichi dhaabe waaqeffachuu diduuf godhanii fi deebiin ifaan isaan mootichaaf kennan, Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun maalfaa akka dabalatu irratti yaadanii akka turan argisiisa. (Bau. 20:4, 5; Dan. 3:4-6, 12, 16-18) Namni qacaree isin hojjechiisu tokko ayyaana amantii sobaa gara fuulduraatti kabajamuuf qarshii buusii akka gootan isin gaafate haa jennu. Maal gootu? Hamma haalli akkasii uumamutti teessanii eeguu mannaa, ammuma ilaalcha Yihowaan dhimmoota akkasiitiif qabu irratti maaliif hin yaaddan? Akkas kan gootan taanaan, yommuu haalli akkasii uumamu akkuma Ibroonni sadan godhan, wanta sirrii taʼe gochuun ykn dubbachuun salphaa isiniif taʼa.
16. Yaada Yihowaa sirriitti hubachuun yaalii fayyaa hatattamaatiif qophaaʼuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
16 Barbaachisummaa amanamaa taʼuun qabu irratti dursanii yaaduun, yeroo yaaliin fayyaa hatattamaa nu mudatuttis faayidaa qabaachuun isaa mirkanaaʼeera. Guutummaa dhiigaa ykn kutaalee dhiigaa guguddaa arfan kan hin fudhanne taanus, malawwan yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuu gaafatan tokko tokko dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yaada Yihowaa argisiisan irratti hundaaʼanii murtoo dhuunfaa gochuu gaafatu. (HoE. 15:28, 29) Dhimmoota kana irratti yaaduu kan qabnu yeroo dhukkubsannee hospitaala keessa jirruu fi murtoo hatattamaa akka goonu dhiibbaan nu irra gaʼutti miti. Yeroon itti qorannaa goonu, kaardii qajeelfama yaalii fayyaa fedhii keenya ibsu guunnuu fi doktara keenya haasofsiisnu amma dha.c
17-19. Dhimmoota gara garaa irratti yaada Yihowaan qabu ammuma barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Haala dursinee itti qophaaʼuu qabnu tokko ilaalchisee fakkeenya kenni.
17 Dhuma irrattis gorsa dogoggoraa Pheexiros “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin” jechuudhaan isaaf kenneef, deebii Yesuus battalumatti isaaf deebise ilaalaa. Yesuus fedhiin Waaqayyo isaaf qabu maal akka taʼee fi caqasoota waaʼee jireenyaa fi duʼa isaa dubbatan irratti dursee yaadee akka ture beekamaadha. Beekumsa kana qabaachuun isaa murtoo amanamummaa isaa eeguu fi mamii tokko malee ofii isaa aarsaa gochuuf godhe isaaf cimseera.—Maatewos 16:21-23 dubbisi.
18 Yeroo harʼaa fedhiin Waaqayyo saba isaatiif qabu michummaa isaa wajjin qaban akka guddifatanii fi hamma isaaniif dandaʼame hojii isaa irratti guutummaatti akka hirmaatani dha. (Mat. 6:33; 28:19, 20; Yaq. 4:8) Haa taʼu malee, akkuma Yesuus irratti raawwatame namoonni tokko tokko kakaʼumsa gaarii kan qaban taʼanis, abdii nu kutachiisuuf yaaluu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namni qacaree isin hojjechiisu tokko mindaa keessan akka isiniif dabaluu fi sadarkaa hojii keessanii akka isiniif guddisu abdii kan isiniif kenne taʼus hojiin kun garuu sochii hafuuraa keessan kan daangessu dha haa jennu. Yookiin barachaa kan jirtan yoo taʼe, mana keessan irraa fagaattanii barumsa dabalataa akka barattan afeerraan isiniif dhihaate haa jennu. Yeroo kanatti, kadhannaadhaan qorannaa gochuu, maatii keessan tarii immoo jaarsolii wajjin erga mariʼatanii booda murteessuun isin barbaachisaa? Dhimmoota akkasii irratti yaada Yihowaan qabu ammuma barachuu fi yaada isaa kan ofii keessanii godhachuuf maaliif hin yaaltan? Taanaan afeerraan akkasii yommuu isiniif dhihaatu, qorumsa isinitti taʼuu hin dandaʼu. Galma hafuuraa baafattaniittu, garaa keessanitti murtoo gootaniittu, wanti isin hafu murtoo gootan sana hojii irra oolchuu qofa dha.
19 Tarii haalawwan kan biraa utuu itti hin yaadin tasa uumamuu dandaʼan yaaduu dandeessu. Dhugaa dha, wantoota uumamuu dandaʼan hundumaaf dursinee qophaaʼuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, yeroo qoʼannaa dhuunfaa goonutti yaada Yihowaa irratti yoo xiinxalle, wanta qoʼanne sana yaadachuu fi haala nu mudate sana keessatti itti fayyadamuun keenya hin oolu. Kanaafuu, dhimmoota gara garaa irratti yaada Yihowaa hubachuuf carraaquun, yaada isaa kan ofii keenyaa godhachuu fi yaada Waaqayyoo qabaachuun, gocha keenya yeroo ammaa fi isa gara fuulduraa irratti dhiibbaa kan godhu taʼuu isaa hubachuun barbaachisaa dha.
YAADA YIHOWAA FI JIREENYA KEESSAN GARA FUULDURAA
20, 21. (a) Addunyaa haaraa keessatti bilisummaa daangaa qabu kan qabaannu maaliifi? (b) Gammachuu kana keessaa yeroo ammaa hamma tokko argachuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Addunyaa haaraa hawwii guddaadhaan eegganna. Baayʼeen keenya lafa jannata taatu irra jireenya dhuma hin qabne jiraachuuf hawwiidhaan eegganna. Bulchiinsa Mootummichaa jalatti ilmaan namootaa gadda sirna kana keessatti isaan mudatu irraa bilisa taʼu. Dhugaa dha, yeroo sanattis namoonni mirga filannaa qabanitti ni fayyadamu. Namni hundi wanta dhuunfaatti jaallatuu fi fedhii isaa irratti hundaaʼee filannaa godha.
21 Dhugaa dha, bilisummaan akkasii daangaa kan hin qabne miti. Dhimmoota sirrii fi dogoggora taʼan irratti namoonni garraamiin seeraa fi yaada Yihowaatiin geggeeffamu. Kunis gammachuu fi nagaa guddaa waan argamsiisuuf kan namatti tolu dha. (Far. 37:11) Hammasitti garuu yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhachuudhaan hamma tokko gammachuu argachuu ni dandeenya.
a Laap daansiingiin “gocha yeroo baayʼee dubartii qaamni ishii gara caalaa qullaa taate takka gudeeda nama tokkoo irra teessee shubbistu argisiisa. Haala isaa irratti hundaaʼuudhaan, gochi kun akka ejjaatti ilaalamuu fi koree murtiitti dhihaachuu dandaʼa. Kiristiyaanni gocha akkasii irratti hirmaate tokko gargaarsa jaarsolii gaafachuu qaba.—Yaq. 5:14, 15.
b Ergaa, suuraa ykn viidiyoo saalqunnamtii jajjabeessu karaa moobaayilii erguun seeksitiingi jedhama. Ragaa jiru irratti hundaaʼuudhaan haalli akkasii koree murtiitiin ilaalamuu dandaʼa. Darbee darbee ijoollee xixinnoon seeksitiingii raawwachuu irratti hirmaatan yakka saalqunnamtii wajjin wal qabateen himatamaniiru. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, weebsaayitii jw.org/om jedhamu irraa mata duree “Gaaffii Dargaggootaa—Ergaawwan Fedhii Saalaa Kakaasan Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?” jedhu dubbisi. (BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DARGAGGOOTA jalaa ilaali.) Yookiin Dammaqaa! Sadaasa 2013 (Amaariffa), fuula 4-5 irraa mata duree, “Waaʼee Ergaawwan Fedhii Saalaa Kakaasanii Ijoollee Keessanii Wajjin Dubbachuu kan Dandeessan Akkamitti” jedhu ilaali.