“Namni Qajeelaan Waaqayyotti in Gammada”
DIYAANAAN umuriin ishii waggaa 80 oli dha. Abbaan manaa ishii immoo dhukkuba Alzaayimeeriitiin dhiphachaa kan ture siʼa taʼu, duʼuu isaa dura waggoota muraasaaf mana maanguddoota itti kunuunsan keessa ture. Kana malees, gadda duʼa ilmaan ishii lamaanii dandamachuu fi kaansarii harmaa ishii qabee wajjin walʼaansoo gochuun ishii barbaachisee ture. Taʼus, miseensonni gumii Diyaanaa, Galma Walgaʼii ykn tajaajila irratti yommuu ishii argan ishiin yeroo hunda gammadduu akka taate hubataniiru.
Joon waggoota 43 oliif ilaaltuu olaanaa aanaa ture. Bifa tajaajilaa kana baayʼee jaallata ture. Haa taʼu malee, miseensa maatii isaa dhukkubsate tokkoof kunuunsa gochuuf jecha ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee tajaajiluu isaa dhaabuudhaan amma gumii tokko keessatti tajaajilaa jira. Namoonnii duraan Jooniin beekan walga’ii aanaa ykn walgaʼii naannoo irratti yommuu isa argan wanti tokko illee kan isa irra gaʼe akka hin fakkaanne hubataniiru. Inni amma iyyuu baayʼee gammadaa dha.
Diyaanaanii fi Joon gammadoo taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Namni tokko karaa miiraa fi qaamaa dhiphachaa kan jiru taʼus gammadaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Akkasumas namni tokko mirga baayʼee jaallatu dhabee illee akkamitti gammadaa taʼuu dandaʼa? Kitaabni qulqulluun, “Namni qajeelaan Waaqayyotti in gammada” jechuudhaan deebii isaa nuu kenna. (Far. 64:10) Wanti gammachuu dhugaa argamsiisuu fi hin argamsiisne maal akka taʼe beekuun keenya dhugaa kana caalaatti hubachuuf nu gargaara.
GAMMACHUU YEROO MURAASAAF QOFA TURU
Wantoonni tokko tokko yeroo hundumaa gammachuu akka argamsiisan akka beektan hin shakkisiisu. Dhiirrii fi dubartiin wal jaallatan tokko yommuu gaaʼela godhatan mee yaadaa. Warra taʼuun ykn mirga tiʼookraasii tokko fudhachuun hoo? Wantoonni akkasii kun kennaa Yihowaan nuu kenne waan taʼaniif gammadoo akka taanu nu godhu. Inni gaaʼela hundeesseera, dandeettii ijoollee qabaachuu nuuf kenneera, akkasumas gumii Kiristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa nuuf kenneera.—Uma. 2:18, 22; Far. 127:3; 1 Xim. 3:1.
Haa taʼu malee wantoonni gammachuuf sababa taʼan tokko tokko yeroo muraasaaf qofa turuu dandaʼu. Kan nama gaddisiisu hiriyaan gaaʼelaa keenya amanamaa taʼuu dhiisuu ykn duʼuu dandaʼa. (His. 24:18; Hos. 3:1) Ijoolleen tokko tokko warra isaanii fi Waaqayyoof ajajamuu dhiisuu dandaʼu, tarii immoo gumiidhaa baafamuu dandaʼu. Ijoolleen Saamuʼel karaa fudhatama qabuun Yihowaa tajaajiluu dhiisaniiru, kana malees gochi Daawit maatii isaa keessatti rakkinni akka isa mudatu godheera. (1 Sam. 8:1-3; 2 Sam. 12:11) Haalli akkasii gaddaa fi dhiphina fida. Wantoonni akkasii gammachuu akka nuuf hin argamsiisne hin shakkisiisu.
Haaluma wal fakkatuun mirgawwan saba Waaqayyo tajaajiluuf qabnu fayyaa dhabuu, itti gaafatamummaa maatii, ykn sirreeffama tiʼookraasiitiin kan kaʼe itti fufuu dhiisuu dandaʼu. Namoonni baayʼeen jijjiiramni akkasii isaan mudate gammachuu guddaa hojiin isaanii isaaniif argamsiisu akka dhaban dubbataniiru.
Wantoonni gammachuudhaaf madda taʼan kun hamma tokko yeroo muraasaaf qofa kan turan akka taʼan salphaatti hubachuu ni dandeenya. Maarree, haalawwan yommuu rakkisaa taʼanitti illee gammachuu itti fufiinsa qabu argachuun ni dandaʼamaa? Saamuʼel, Daawitii fi kanneen biroon qorumsi isaan mudatus gammachuu isaanii eeganii waan jiraataniif, eyyee ni dandaʼama.
GAMMACHUU ITTI FUFIINSA QABU
Yesuus dhugumaan gammachuun maal akka taʼe beeka ture. Nama taʼuu isaa dura samii irratti yommuu haala mijataa keessa turetti, inni “yeroo hundumaa fuula [Yihowaa] duratti gammadaa” ture. (Fak. 8:30) Haa taʼu malee, lafa irratti yeroo tokko tokko haalawwan rakkisaa taʼan isa mudataniiru. Taʼus, Yesuus fedhii abbaa isaa raawwachuudhaan gammachuu argachaa ture. (Yoh. 4:34) Saʼaatiiwwan dhiphisoo duʼuu isaa dura dabarsetti hoo? Kitaabni Qulqulluun, “Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee . . . muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera” jedha. (Ibr. 12:2) Kanaafuu Yaadawwan Yesuus gammachuu dhugaa ilaalchisee dubbate lamaan qoruun keenya gaarii dha.
Yeroo tokko duuka buutonni Yesuus 70n hojii lallabaa isaaniif kenname erga raawwatanii booda gara isaatti deebiʼanii turan. Isaan jinniiwwan baasuu dabalatee hojii gurguddaa waan raawwataniif gammadanii turan. Achiis Yesuus, “Maqaan keessan samii irratti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni hamoon waan isiniif ajajamaniif hin gammadinaa” isaaniin jedhe. (Luq. 10:1-9, 17, 20) Eeyyee, Yihowaa biratti fudhatama argachuun mirga adda taʼe tokko argachuudhaan gammaduu caalaa baayʼee barbaachisaa dha. Inni barattoota isaa amanamoo taʼan hin irraanfatu, kunis gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa.
Yeroo biraatti immoo Yesuus namoota baayʼee taʼanitti dubbachaa ture. Dubartiin Yihudii taate takka haati Yesuus isa barsiisaa dinqisiisaa taʼe kanaa baayʼee gammadduu taʼuu akka qabdu dubbatte. Haa taʼu malee Yesuus, “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha” jechuudhaan ishii sirreesseera. (Luq. 11:27, 28) Warri ijoollee isaaniitiin boonuun isaanii gammachuu kan isaaniif argamsiisu taʼus, Yihowaadhaaf ajajamuudhaan isaa wajjin hariiroo uumuun caalaatti gammachuu argachuuf sababa taʼa.
Dhuguma iyyuu, Yihowaa biratti fudhatama argachuun gammachuu dhugaa argachuuf murteessaa dha. Qorumsawwan kan nama hin gammachiisne taʼan illee Yihowaa biratti fudhatama akka hin arganne gochuu hin dandaʼan. Faallaa kanaatiin, qorumsa nu mudatu sana amanamummaadhaan dandamachuun injifannoo guddaa garaa namaa gammachiisu dha. (Rom. 5:3-5) Kana malees, Yihowaan warra isatti amanamaniif hafuura isaa ni kenna, gammachuun immoo firii hafuuraa keessaa tokko dha. (Gal. 5:22) Kunis yaada Faarfannaa 64:10 irratti “Namni qajeelaan Waaqayyotti in gammada” jedhame hubachuuf nu gargaara.
Kunis, Diyaanaa fi Joon warri jalqaba irratti caqasaman haalli rakkisaa taʼe isaan mudatus gammachuu itti fufiinsa qabu akkamitti argachuu akka dandaʼan hubachuuf nu gargaara. Diyaanaan, “Akkuma ijoolleen warra isaanii amanatan anis Yihowaatti kooluu galeera” jetteetti. Yihowaa biratti fudhatama akka argatte kan ishiitti dhagaʼame akkamitti? “Karaa dhaabbataa taʼee fi miira gammachuutiin akkan lallabu dandeettii naa kennuudhaan akka na eebbise natti dhagaʼama.” Joon inni mirga hojii daawwannaa isa jaallatu erga dhaabee booda tajaajila irratti hirmaannaa guddaa gochaa jiru, wanta isa gargaare yommuu dubbatu akkana jedheera: “Bara 1998 Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaatti akkan barsiisu ergan ramadamee jalqabee isa duraanii caalaa qoʼannaa dhuunfaa godheera.” Ofii isaa fi haadha manaa isaa ilaalchisee akkana jedheera: “Hamma dandeenye hunda waggoota baayʼeedhaaf Yihowaa tajaajiluuf ilaalchi walii galaa qabnu sirreeffama godhame kana fudhachuun salphaa akka nuuf taʼu godheera. Gaabbii tokko malee hojjenneerra.”
Namoonnii kan biroon baayʼeenis Faarfannaan 64:10 dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru. Fakkeenyaaf hiriyoota gaaʼelaa waggaa 30 oliif Yuunaayitid Isteetis Betʼel keessa tajaajilaa turan tokko ilaalaa. Isaan qajeelchitoota addaa taʼuudhaan tajaajila dirree irratti akka hirmaatan ramadaman. “Wanta jaallattan tokko yommuu dhabdan gadduun waanuma jiru dha” jechuudhaan dhugaa isaa dubbataniiru. Haa taʼu malee itti fufuudhaan “Bara baraaf hin gadditan” jedhaniiru. Kana malees, dafanii gumii wajjin tajaajila irratti hirmaataniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa kun akkana jedhaniiru: “Waaʼee wantoota tokko tokkoo adda baasnee kadhannaa ni dhiheessina. Achiis kadhannaan keenya deebii argachuu isaa yommuu arginu baayʼee jajjabaanna akkasumas gammachuu arganna. Erga achi geenyee utuu baayʼee hin turin, obboloonni gumiicha keessa jiran kaanis qajeelchaa taʼanii tajaajiluu jalqaban, akkasumas qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu guddina argisiisan lama argachuu keenyaan eebbifamneerra.”
‘BARA BARAAN GAMMADOO TA’UU’
Dhugaa dubbachuuf yeroo hunda gammadaa taʼuun salphaa miti, yeroon itti gammadnus taʼe gaddinu jira. Taʼus, Yihowaan yaadawwan Faarfannaa 64:10 irra jiranii fi nama jajjabeessan geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffaman godheera. Yeroo abdii kutannutti illee, namoonni haalli isaanii yoo jijjiirame iyyuu ‘qajeeloo’ taʼuu isaanii argisiisuudhaan amanamoo taʼanii jiraatan, ‘Waaqayyotti akka gammadan’ mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeenya. Kana malees, abdiiwwan Yihowaan “bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa” ilaalchisee kenne yommuu raawwataman arguuf hawwiidhaan eeggachuu ni dandeenya. Achiis namoonni hundi mudaa kan hin qabne ta’u. Sabni Waaqayyo hundi wanta inni uumuu fi isaaniif kennutti, ‘bara baraan ni gammadu, ni ililchus.’—Isa. 65:17, 18.
Kana jechuun maal jechuu akka taʼe mee yaadaa: Guyyaa hundumaa fayyaa guutuu qabaannee fi humni keenya haareffamee hirribaa kaana. Duraan karaa miiraa miidhaa guddaan kan nurra ga’e yoo ta’e illee, wanti duraan nu dhiphisu sun kana booda hin jiru. Waaqayyo, “Wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jechuudhaan nuuf mirkaneesseera. Dinqiin duʼaa kaʼuu namoonni wal jaallatan deebiʼanii akka wal argan godha. Namoonni miliyoonaan lakkaʼaman akkuma warra Yesuus intala waggaa kudha lamaa duʼaa isaanii kaasee fi “guddaa gammadanii of wallaalan” sanaa isaanitti dhagaʼama. (Mar. 5:42) Dhuma irrattis, namni lafa irra jiru kam iyyuu, guutuumaatti ‘qajeelaa’ waan taʼuuf, bara baraaf ‘Waaqayyotti in gammada.’