MATA DUREE QOʼANNAA 8
Galateeffachuu kan Qabnu Maaliifi?
“Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—QOL. 3:15.
FAARFANNAA 46 Yihowaa Si Galateeffanna
QABIYYEEa
1. Namichi Samaariyaa Yesuus isa fayyise galateeffannaa isaa kan ibse akkamitti ture?
NAMOONNI kurnan sun haala baayʼee rakkisaa taʼe keessa turan. Dhukkuba nadayiitiin qabamanii waan turaniif, fayyuuf abdii hin qaban turan. Guyyaa tokko garuu Yesuus isa Barsiisaa Guddicha taʼe halaalatti argan. Yesuus dhukkuba gosa hundumaa akka fayyisu kan dhagaʼan siʼa taʼu, isaaniinis fayyisuu akka dandaʼu amananiiru. Kanaafuu, “Yaa Yesuus Barsiisaa, garaa nuu laafi!” jedhanii iyyan. Namoonni kurnan kun guutummaatti fayyaniiru. Hundi isaanii iyyuu gaarummaa Yesuus isaanitti argisiiseef galateeffannaa akka qaban hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, isaan keessaa inni tokko miira galateeffannaa qabaachuu caalaa wanta godhe qaba; inni dinqisiifannaab isaa Yesuusiif ibseera. Namichi Samaariyaa fayye sun, “sagalee guddaadhaan” Waaqayyoon galateeffachuu akka qabu isatti dhagaʼamee ture.—Luq. 17:12-19.
2-3. (a) Galateeffannaa keenya utuu hin ibsin kan hafnu maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?
2 Akkuma namicha Samaariyaa sanaa nutis namoota gaarummaa qabaniif, galateeffannaa keenya ibsuu ni barbaanna. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko miira galateeffannaa qabnu dubbii ykn gocha keenyaan ibsuu irraanfachuu dandeenya taʼa.
3 Mata duree kana keessatti galateeffannaa keenya ibsuu kan qabnu maaliif akka taʼe qorra. Galateeffachuu fi galateeffachuu dhiisuu ilaalchisee namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko irraa barumsa arganna. Achiis karaawwan galateeffannaa keenya itti ibsinu tokko tokko ilaalla.
GALATEEFFANNAA KEENYA IBSUU KAN QABNU MAALIIFI?
4-5. Galateeffannaa keenya ibsuu kan qabnu maaliifi?
4 Galateeffannaa keenya ibsuu irratti Yihowaan fakkeenya nuuf taʼeera. Karaan inni kana itti godhe tokko namoota isa gammachiisan eebbisuu dha. (2 Sam. 22:21; Far. 13:6; Mat. 10:40, 41) Kitaabni Qulqulluun ‘akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon akka fakkaannu’ nu jajjabeessa. (Efe. 5:1) Kanaafuu, sababiin galateeffannaa keenya ibsuu itti qabnu inni guddaan fakkeenya Yihowaa hordofuu waan barbaannuufi dha.
5 Sababii warra kaaniif galateeffannaa keenya ibsuu itti qabnu kan biraas haa ilaallu. Galateeffannaan nyaata gaarii wajjin wal fakkaata; kanaafuu, yommuu walii hiran caalaatti nama gammachiisa. Namoonni kaan akka nu galateeffatan yommuu nutti dhagaʼamu ni gammanna. Galateeffannaa keenya yommuu warra kaaniif ibsinu immoo, akka isaan gammadan goona. Namni nuti galateeffannu sun, nu gargaaruuf ykn wanta tokko nuu kennuuf carraaqqiin inni godhe gatii akka qabu ni hubata. Kanaan kan kaʼes, michummaan gidduu keenya jiru caalaatti cima.
6. Jecha galateeffannaa fi poomii warqii gidduu wal fakkeenya akkamii tokko tokkotu jira?
6 Galateeffannaa keenya jechaan ibsuun gatii guddaa qaba. Kitaabni Qulqulluun, ‘Dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatame, Akkuma poomii warqii, miʼa meetii irraa tolfame irra jiruu ti’ jedha. (Fak. 25:11, NW) Poomiin warqii irraa hojjetamee fi miʼa meetii irra kaaʼame tokko hangam akka bareedu yaadaa! Kana malees, hammam gatii guddaa qabaachuu akka dandaʼu mee yaadaa! Kennaan akkasii yoo isiniif kenname maaltu isinitti dhagaʼama? Galateeffannaan isin warra kaaniif ibsitan akkasuma gatii guddaa qabaachuu dandaʼa. Mee dhugaa kanas yaadaa: Poomiin warqii irraa hojjetame yeroo dheeraadhaaf turuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, namni isin galateeffannaa keessan ibsitaniif sunis wanta isin dubbattan sana umurii isaa guutuu yaadachuu dandaʼa.
GALATEEFFANNAA ISAANII IBSANIIRU
7. Akkuma Faarfannaa 27:4 irratti ibsame Daawit dinqisiifannaa isaa kan ibsee fi namoonni faarfannaa barreessan kaanis dinqisiifannaa isaanii kan ibsan akkamitti ture?
7 Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti jiraatan hedduun galateeffannaa isaanii ibsaniiru. Isaan keessaa tokko Daawiti. (Faarfannaa 27:4 dubbisi.) Daawit waaqeffannaa dhugaa dinqisiifateera akkasumas miira isaa karaa qabatamaa taʼeen ibseera. Ijaarsa mana qulqullummaatiif qabeenya gatii guddaa qabu kenneera. Sanyiiwwan Asaaf faarfannaa ykn faarfannaa jajannaa barreessuudhaan galateeffannaa isaanii ibsaniiru. Faarfannaa tokko keessatti, Waaqayyoof galata dhiheessaniiru akkasumas ‘gocha isaa isa dinqisiisaa’ taʼeef dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qaban ibsaniiru. (Far. 75:1) Ifatti hubachuun akka dandaʼamu, Daawitii fi sanyiiwwan Asaaf eebbawwan isa irraa argatan hunda hammam akka dinqisiifatan Yihowaadhaaf ibsuu barbaadanii turan. Karaawwan fakkeenya faarfattoota kanaa hordofuu itti dandeessan yaaduu ni dandeessuu?
8-9. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaatiif dinqisiifannaa qabu kan ibse akkamitti ture? Kun hoo tarii buʼaa akkamii argamsiisee taʼuu qaba?
8 Phaawulos ergamaan obbolootaa fi obboleettota isaa dinqisiifatee kan ture siʼa taʼu, dinqisiifannaa isaa kanas akkaataa waaʼee isaanii itti dubbatuun ibseera. Kadhannaa isaa keessatti yeroo hundumaa waaʼee isaaniitiif Waaqayyoon galateeffateera. Kana malees, yeroo isaaniif barreessu, dinqisiifannaa isaa ibseera. Phaawulos Roomaa boqonnaa 16 keessaa lakkoofsa 15 warra duraa irratti maqaa Kiristiyaanota hidhata amantii isaa taʼan 27 caqaseera. Phaawulos, Phirisqillaa fi Aqiilaan isaaf jedhanii, ‘lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii akka turanii’ fi Feeban immoo Phaawulosiin dabalatee “namoota hedduudhaaf dawoo” akka taate adda baasee ibseera. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo jabaatanii hojjetan kana galateeffateera.—Rom. 16:1-15.
9 Phaawulos obboloonnii fi obboleettonni isaa kun mudaa akka qaban ni beeka ture; taʼus, xalayaa warra Roomaatiif barreesse gara dhumaa irratti amalawwan isaanii warra gaggaarii irratti xiyyeeffachuuf filateera. Yaadni Phaawulos barreesse kun gumii irratti yommuu dubbifamu obboloonnii fi obboleettonni kun hangam jajjabaatanii taʼuu akka dandaʼu mee yaadaa! Kanaan kan kaʼes, michummaan isaan Phaawulosii wajjin qaban caalaatti cimee akka ture hin shakkisiisu. Wanta gaarii miseensonni gumii kee dubbatan ykn hojjetaniif dinqisiifannaa qabdu yeroo hundaa ni ibsitaa?
10. Akkaataa Yesuus duuka buutota isaatiif dinqisiifannaa isaa itti ibse irraa maal barachuu dandeenya?
10 Yesuus ergaa gumiiwwan Eeshiyaa Ishii Xinnoo keessa jiran tokko tokkoof erge irratti dinqisiifannaa hojii duuka buutonni isaa raawwataniif qabu ibseera. Fakkeenyaaf, ergaa gumii Tiyaaxiraatiif barreesse kan jalqabe, “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, tajaajila kee fi jabaattee dhaabachuu kee, akkasumas hojiin kee inni boodaa isa dura hojjette irra akka caalu beeka” jechuudhaan ture. (Mul. 2:19) Yesuus hojii dabalataa hojjechuu isaanii caqasuu qofa utuu hin taʼin, amala hojii gaarii sana hojjechuuf isaan kakaaseefis isaan galateeffateera. Yesuus namoota gumii Tiyaaxiraa keessa jiran tokko tokkoof gorsa kennuun kan isa barbaachise taʼus, ergaa isaa kan jalqabee fi kan xumuree galateeffachuudhaan ture. (Mul. 2:25-28) Yesuus mataa gumiiwwan hundaa taʼuudhaan aangoo hangamii akka qabu mee yaadaa. Hojii isaaf hojjenneef nu galateeffachuuf dirqamni isa irra hin jiru. Taʼus, taʼe jedhee dinqisiifannaa isaa ibseera. Dhuguma iyyuu inni jaarsoliidhaaf fakkeenya hunda caalu kaaʼeera!
GALATEEFFANNAA AKKA HIN QABNE ARGISIISANIIRU
11. Akkuma Ibroonni 12:16 argisiisu Esaawuun wantoota qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qaba ture?
11 Kan nama gaddisiisu, namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko galateeffannaa akka hin qabne argisiisaniiru. Fakkeenyaaf, Esaawu kan guddate warra Yihowaa jaallatanii fi kabajaniin taʼus, wantoota qulqulluu taʼaniif dinqisiifannaa dhabeera. (Ibroota 12:16 dubbisi.) Dinqisiifannaa akka hin qabne kan argisiise akkamitti ture? Esaawu mirga angafummaa isaa utuu itti hin yaadin ittoo waciitii tokko qofaan quxisuu isaa Yaaqoobitti gurgureera. (Uma. 25:30-34) Booda Esaawuun filannaa godhetti baayʼee gaabbee ture. Haa taʼu malee, inni wanta argateef galata hin qabu ture; kanaafuu, eebba mirga angafummaa argachuu yommuu dhabutti gungumuuf sababii hin qabu ture.
12-13. Israaʼeloonni galateeffannaa akka hin qabne kan argisiisan akkamitti? Kun hoo maal isaan irra geessiseera?
12 Israaʼeloonni galateeffachuuf sababii hedduu qabu turan. Garbummaa jalaa bilisa kan baʼan Yihowaan Gibxii irratti Dhaʼicha Kudhan erga fidee booda dha. Achiis Waaqayyo guutummaa raayyaa Gibxii Galaana Diimaa keessatti balleessuudhaan balaa irraa isaan oolche. Israaʼeloonni baayʼee waan galateeffataniif, Yihowaa jajachuuf faarfannaa injifannoo faarfatan. Haa taʼu malee, galateeffachuu isaanii itti fufanii turanii?
13 Israaʼeloonni rakkoowwan kan biraan yommuu isaan mudatan, wantoota gaarii Yihowaan isaaniif raawwate hundumaa yeruma sana irraanfatan. Kanaan kan kaʼes galateeffannaa akka hin qabne argisiisaniiru. (Far. 106:7) Akkamitti? “Waldaan Israaʼel guutummaatti lafa onaa sana keessatti Musee fi Aaron irratti in gunguman”; dhugaa dubbachuuf garuu kan gunguman Yihowaa irratti ture. (Bau. 16:2, 8) Yihowaan galateeffannaa dhabuu sabni isaa argisiisanitti gaddee ture. Boodas, Iyaasuu fi Kaaleb irraa kan hafe guutumaan dhaloota sanaa lafa onaa keessatti akka badu raajii dubbateera. (Lak. 14:22-24; 26:65) Mee fakkeenyota gadhee kana irraa akkamitti akka fagaannuu fi fakkeenyota gaarii akkamitti akka hordofnu haa ilaallu.
YEROO HARʼAA GALATEEFFANNAA KEENYA IBSUU
14-15. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa walii isaanii akka dinqisiifatan kan argisiisan akkamitti? (b) Warri ijoolleen isaanii galateeffannaa akka argisiisan kan barsiisan akkamitti?
14 Maatii keessatti. Miseensonni maatii hundi galateeffannaa akka qaban yommuu argisiisan guutummaan maatichaa ni fayyadama. Hiriyoonni gaaʼelaa galateeffannaa akka qaban yommuu argisiisan caalaatti walitti dhihaatu. Akkasumas, dogoggora walii isaaniif dhiifama gochuun isaanitti salphata. Abbaan manaa haadha manaa isaa dinqisiifatu tokko wantoota gaarii ishiin dubbattuu fi hojjettu hubachuu qofa utuu hin taʼin, ‘ishee jajata.’ (Fak. 31:10, 28) Haati manaa ogeettii taate takkas, abbaa manaa ishii ilaalchisee wanta dinqisiifattu adda baaste isatti himti.
15 Warra kan taatan, ijoolleen keessan galateeffannaa akka argisiisan barsiisuu kan dandeessan akkamitti? Ijoolleen keessan wanta isin dubbattanii fi wanta isin gootan akka hordofan yaadadhaa. Kanaafuu, yeroo ijoolleen keessan wantoota tokko tokko isiniif godhan galatoomi jechuudhaan fakkeenya gaarii taʼaa. Kana malees, ijoolleen keessan yeroo namoonni wanta tokko isaaniif godhan galatoomi akka jedhan isaan barsiisaa. Ijoolleen keessan galateeffannaan garaadhaa akka madduu fi wanti isaan dubbatan waan hedduu akka raawwatu akka hubatan isaan gargaaraa. Fakkeenyaaf, shamarreen Kilaad jedhamtu takka akkas jetteetti: “Haati tiyya umurii ishii waggaa 32tti akka tasaa ijoollee sadii kophaa ishii guddisuuf dirqamte. Yommuu umuriin koo waggaa 32 taʼu, ijoollee sadii kophaa ishii guddisuun hangam ulfaataa akka ture nan yaade. Kanaafuu, obboloota koo lamaa fi anaan guddisuuf aarsaa guddaa kaffaluu ishii hangam akkan dinqisiifadhu ishiitti nan hime. Dhiheenya kana, wanti ani dubbadheef iddoo guddaa akka kennitu, yeroo hunda akka yaadattuu fi yeroo hunda akka ishii gammachiisan natti himte.”
16. Galateeffannaa keenya ibsuun akkamitti warra kaan jajjabeessuu akka dandaʼu ilaalchisee fakkeenya tokko kenni.
16 Gumii keessatti. Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf galateeffannaa keenya yommuu ibsinu isaan jajjabeessina. Fakkeenyaaf, jaarsi gumii umuriin isaa waggaa 28 taʼee fi Joorji jedhamu baayʼee dhukkubsate. Obboleessi kun jiʼa tokkoof walgaʼii irratti argamuu hin dandeenye. Taʼus walgaʼii irratti argamuu erga jalqabee booda illee, kutaa dhiheessuu hin dandeenye. Joorji akkas jedheera: “Humna dhabuu fi itti gaafatamummaan gumii keessatti qabu raawwachuu dadhabuu kootiin kan kaʼe gatii akkan hin qabne natti dhagaʼame. Haa taʼu malee, guyyaa tokko walgaʼii booda, obboleessi tokko akkas naan jedhe: ‘Fakkeenya gaarii ati maatii kootiif taateef si galateeffachuun barbaada. Waggoottan darban muraasa haasaa keetti baayʼee gammadaa turreerra. Haasaawwan kee karaa hafuuraa guddina akka goonu nu gargaaraniiru.’ Anis garaan koo baayʼee waan tuqameef, booʼuun jalqabe. Wanti inni dubbate baayʼee kan na barbaachisu ture.”
17. Qolosaayis 3:15 irratti akkuma ibsame arjummaa Yihowaan nutti argisiisuuf galateeffannaa keenya ibsuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Waaqa keenya isa arjaadhaaf. Yihowaan nyaata hafuuraa hedduu nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, karaa gumii, karaa barreeffamootaa fi weeb saayitii keenyaa qajeelfamoota barbaachisaa taʼan ni arganna. Haasaa tokko erga dhageessanii, mata duree tokko erga dubbistanii ykn broodkaastii tokko erga ilaaltanii booda, ‘Kun wanta na barbaachisu dha’ jettanii beektuu? Galateeffannaa keenya Yihowaadhaaf ibsuu kan dandeenyu akkamitti? (Qolosaayis 3:15 dubbisi.) Karaan inni tokko kadhannaa guyyaa guyyaadhaan goonu keessatti kennaawwan isaa gaggaarii taʼan kanaaf isa galateeffachuu dha.—Yaq. 1:17.
18. Galma Walgaʼii keenyaaf dinqisiifannaa qabnu karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?
18 Kana malees, bakka waaqeffannaa keenya qulqulluu fi seera qabeessa akka taʼu gochuudhaan galateeffannaa Yihowaadhaaf qabnu ibsuu dandeenya. Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuu irratti yeroo hunda hirmaachuu qabna; obboloonni meeshaa sagalee fi viidiyoo irratti hojjetanis meeshaa sana irra miidhaa akka hin geessisne of eeggannoo gochuu qabu. Galmawwan Walgaʼii keenya sirriitti yoo kunuunsine, yeroo dheeraadhaaf akka turanii fi suphiinsa guddaa gochuun akka hin barbaachisne goona. Karaa kanaan addunyaa maratti Galma Walgaʼii ijaaruu fi haaromsuuf qarshiin dabalataa akka jiraatu goona.
19. Muuxannoo ilaaltuu ol aanaa aanaa tokkoo fi haadha manaa isaa irraa maal barattan?
19 Namoota jabaatanii nuuf hojjetaniif. Galateeffannaa keenya ibsuun keenya, ilaalcha namni tokko rakkoowwan isa irra gaʼaa jiraniif qabu irratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Muuxannoo ilaaltuu ol aanaa aanaa tokkoo fi haadha manaa isaa haa ilaallu. Tibba gannaa guyyaa tokko tajaajilaa erga oolanii booda baayʼee dadhabanii gara bakka bultii isaaniitti deebiʼan. Yeroon isaa baayʼee qorra waan tureef haati manaa sun uffata qorraa ishii akkuma uffattetti rafte. Ganama yommuu kaʼan hojii daawwannaa itti fufuu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼamaa akka jiru abbaa manaa ishiitti himte. Taʼus, ganamuma sana xinnoo turee, xalayaan waajjira damee irraa ishiidhaaf barreeffame tokko ishii gaʼe. Xalayichi tajaajila ishii fi jabaattee dhaabachuu ishiitiif kan ishii galateeffatu ture. Xalayaan kun torban torbaniin bakka adda addaa deemuun baayʼee ulfaataa taʼuu akka dandaʼus kan ibsu ture. Abbaan manaa ishii akkas jedheera: “Galateeffannaan kun baayʼee waan ishii tuqeef, sana booda matumaa waaʼee hojii daawwannaa dhaabuu dubbattee hin beektu. Dhugaa dubbachuuf, yeroo ani dhaabuuf yaadutti akka ani itti fufu yeroo hedduu na jajjabeessiteetti.” Hiriyoonni gaaʼelaa kun gara waggaa 40tiif hojii daawwannaa irratti hirmaataniiru.
20. Guyyaa guyyaadhaan maal gochuuf carraaquu qabna? Maaliifi?
20 Guyyaa guyyaadhaan dubbii fi gocha keenyaan akka galateeffannu argisiisuuf haa yaallu. Wanti garaadhaa dubbannuu fi goonu namni tokko addunyaa galateeffannaa hin qabne kana keessatti abdii utuu hin kutatin akka itti fufu gochuuf kan isa barbaachisu taʼuu dandaʼa. Kana malees, galateeffannaa keenya ibsuun warra kaanii wajjin michummaa bara baraaf itti fufu uumuuf nu gargaaruu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, kana gochuun keenya fakkeenya Abbaa keenya Yihowaa isa arjaa taʼee fi galateeffatuu hordofuuf nu gargaara.
FAARFANNAA 20 Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte
a Galateeffannaa argisiisuu ilaalchisee Yihowaa, Yesuusii fi namicha Samaariyaa dhukkuba nadaayiitiin qabame irraa maal barachuu dandeenya? Mata dureen kun fakkeenyota kanaa fi kan biroo irratti ibsa kenna. Galateeffannaa argisiisuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi karaawwan kana gochuu itti dandeenyu tokko tokko ilaalla.
b IBSA JECHAA: Nama tokko ykn wanta tokko dinqisiifachuu jechuun gatii guddaa namni ykn wanti sun qabuuf beekamtii kennuu jechuu dha. Jechi kun miira galateeffannaa garaadhaa madde qabaachuus argisiisuu dandaʼa.
c IBSA FAKKII: Xalayaan Phaawulos gumii Roomaatiif yommuu dubbifamu; Aqiilaa, Phirisqillaa, Feebanii fi warri kaan maqaa isaanii dhagaʼuu isaaniitti gammadaa jiru.
d IBSA FAKKII: Haati tokko fakkeenya gaarii obboleettii maanguddoon tokko taateef akka ishii galateeffattu intala ishii yommuu gargaartu.