MATA DUREE QOʼANNAA 33
‘Namoonni Isin Dhagaʼan’ ni Oolu
“Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni. Wantoota kanatti cimi; kana gochuudhaan ofii kees taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.”—1 XIM. 4:16.
FAARFANNAA 67 “Dubbicha Lallabi”
QABIYYEEa
1. Hundi keenya firoonni keenya maal akka godhan barbaanna?
OBBOLEETTIIN Pooleen jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroon dhugaa dhagaʼee kaasee firoonni koo hundi anaa wajjin Jannata keessa akka jiraatanin barbaada ture.b Keessumaa abbaan manaa koo Waayinii fi ilmi keenya ana wajjin Yihowaa akka tajaajilan fedhii guddaan qaba ture.” Isin hoo firoota Yihowaa hin beeknee fi isa hin jaallanne qabduu? Taanaan akkuma Pooleen isinis firoonni keessan isinii wajjin Yihowaa akka tajaajilan akka barbaaddan beekamaa dha.
2. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?
2 Firoonni keenya misiraachicha akka fudhatan isaan dirqisiisuu hin dandeenyu; taʼus waaʼee ergaa Kitaaba Qulqulluu akka yaadanii fi akka fudhatan isaan jajjabeessuu ni dandeenya. (2 Xim. 3:14, 15) Firoota keenyaaf dhugaa baʼuu kan qabnu maaliifi? Miira isaanii hubachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? Firoonni keenya akkuma keenya Yihowaa akka jaallatan isaan gargaaruuf maal gochuu dandeenya? Gama kanaan obboloonni gumii keenya keessa jiran nu gargaaruu kan dandaʼan hoo akkamitti?
FIROOTA KEENYAAF DHUGAA BAʼUU KAN QABNU MAALIIFI?
3. Yaanni 2 Pheexiros 3:9 irra jiru akka ibsutti, firoota keenyaaf dhugaa baʼuu kan qabnu maaliifi?
3 Yihowaan dhiheenyatti sirna kana ni balleessa. Haa taʼu malee namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” qofatu badiisa kana irraa oola. (HoE. 13:48) Yeroo fi humna keenya hedduu namoota hin beeknee fi naannoo keenyatti argamaniif lallabuuf itti fayyadamna; kanaaf firoonni keenyas nuu wajjin Yihowaa akka tajaajilan barbaaduun keenya waanuma jiru dha. Yihowaan inni Abbaa keenya jaalala qabeessa taʼe, ‘hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’—2 Pheexiros 3:9 dubbisi.
4. Firoota keenyaaf yommuu dhugaa baanu dogoggora akkamii raawwachuu dandeenya?
4 Ergaa fayyinaa kana namootatti himuuf karaan sirrii taʼee fi karaan dogoggora taʼe akka jiru yaadachuu qabna. Namoota hin beekneef yommuu lallabnu mala qabeeyyii kan taanu taʼus, firoota keenyaaf yeroo lallabnu garuu of eeggannoo akkasii hin goonu taʼa.
5. Firoota keenyatti dhugaa himuuf yaaluu keenya dura maal yaadachuu qabna?
5 Hedduun keenya yommuu yeroo jalqabaatiif firoota keenyaaf dhugaa baʼuuf yaalii itti goone yommuu yaadannu ni gaabbina taʼa; karaa biraatiin utuu dhugaa isaaniif lallabneerra taʼee jennee hawwina taʼa. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota akkana jedhee gorseera: “Nama hundaaf akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beektaniif, dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.” (Qol. 4:5, 6) Firoottan keenya yommuu haasofsiisnu gorsa kana yaadachuun keenya gaarii dha. Taʼuu baannaan garuu, firoonni keenya akka nu dhaggeeffatan gargaaruu mannaa isaan mufachiisuu dandeenya.
FIROOTA KEENYA GARGAARUUF MAAL GOCHUU DANDEENYA?
6-7. Fakkeenya miira hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taanee hubachuun barbaachisaa akka taʼe argisiisu tokko dubbadhu.
6 Miira isaanii hubachuuf carraaqaa. Pooleen ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Jalqaba irratti abbaa manaa koo wajjin waaʼee wantoota hafuuraa qofa dubbachuun barbaada ture. Waaʼee wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwannuu matumaa hin haasofnu turre.” Haa taʼu malee, Waayin inni abbaa manaa Pooleen taʼe waaʼee Kitaaba Qulqulluu baayʼee hin beeku ture, akkasumas wanta Pooleen dubbattu hin hubatu ture. Wanti ishiin yaaddu hundi waaʼee amantii ishii qofa akka taʼe itti dhagaʼama ture. Kana malees garee amantii gantootaa tokko keessa akka galtee fi akka gowwoomfamte godhee yaadee ture.
7 Pooleen yeroo muraasaaf galgalaa fi dhuma torbaniitti obbolootaa fi obboleettota hafuuraa ishii wajjin walgaʼii, tajaajilaa fi affeerraa irratti yeroo dheeraa dabarsaa akka turte amanteetti. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko Waayin mana duwwaatti waan galuuf kophummaan isatti dhagaʼama.” Waayin haadha manaa fi ilma isaa akka yaadu beekamaa dha. Namoota isaan wajjin yeroo dabarsan hin beeku, akkasumas Pooleen isa caalaa michoota ishii warra haaraadhaaf iddoo guddaa waan kennitu fakkaata ture. Kanaafuu Waayin akka ishii hiiku ishii doorsisuu jalqabe. Maarree karaawwan Pooleen caalaatti miira isaa kan hubattu taʼuu ishii argisiisuu itti dandeessu tokko tokko yaaduu dandeessuu?
8. Yaanni 1 Pheexiros 3:1, 2, irra jiru akka ibsutti firoota keenya irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu maal taʼuu dandaʼa?
8 Fakkeenya gaarii taʼuuf carraaqaa. Yeroo baayʼee wanta dubbannu caalaa wanti raawwannu firoota keenya irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. (1 Pheexiros 3:1, 2 dubbisi.) Pooleen yeroo booda dhugaa kana hubatteetti. Akkana jetteetti: “Waayin akka nu jaallatuu fi dhugumaan na hiikuu akka hin barbaanne beeka. Doorsisni isaa kun garuu wanta hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuu jalqabuu akkan qabu hubachuuf na gargaareera. Baayʼee haasaʼuu mannaa amala kootiin fakkeenya gaarii taʼuu na barbaachisa ture.” Pooleen, Waayin waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka haasaʼu dhiibbaa irratti gochuu kan dhiiste siʼa taʼu, waaʼee sochiiwwan guyyaa guyyaa isaa wajjin haasaʼuu jalqabde. Waayin haati manaa isaa caalaatti nagaa qabeettii taʼaa akka dhuftee fi ilmi isaanii immoo naamusa gaarii horachaa akka dhufe hubate. (Fak. 31:18, 27, 28) Waayin ergaan Kitaaba Qulqulluu maatii isaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessise yommuu hubatu waaʼee ergaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu yaaduu fi fudhachuu jalqabe.—1 Qor. 7:12-14, 16.
9. Firoota keenya gargaaruuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
9 Firoota keessan gargaaruuf carraaquu keessan itti fufaa. Gama kanaan Yihowaan fakkeenya nuuf taʼa. Namoonni misiraachicha akka fudhatanii fi jireenya akka argataniif “siʼa baayʼee” carraa isaaniif kenneera. (Er. 44:4) Phaawulos ergamaanis, Ximotewos namoota kaan gargaaruu isaa akka itti fufu itti himeera. Maaliif? Kana gochuun isaa ofii isaas taʼe namoota isa dhagaʼan oolchuu waan dandaʼuufi dha. (1 Xim. 4:16) Firoota keenya waan jaallannuuf, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka beekan barbaanna. Dubbiinii fi gochi Pooleen yeroo booda maatii ishii irratti dhiibbaa gaarii geessiseera. Yeroo ammaatti abbaa manaa ishii wajjin gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jirti. Lamaan isaanii iyyuu qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa jiru, Waayinis jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira.
10. Obsa qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?
10 Obsa qabaadhaa. Waaqayyoof ajajamuuf yeroo murteessinetti jireenyaa fi amantii keenya irratti jijjiirama gooneerra; jijjiiramawwan kana fudhachuun immoo firoota keenyatti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo baayʼee wanti isaan jalqaba irratti hubatan nuti ayyaanawwan amantii isaanii wajjin kabajuu akka dhiisnee fi dhimmoota siyaasaa irratti hirmaachuu akka dhiisne dha. Firoonni keenya tokko tokko jalqaba irratti nutti aaruu dandaʼu. (Mat. 10:35, 36) Taʼus isaan matumaa jijjiiramuu hin dandaʼan jennee yaaduu hin qabnu. Waaʼee amantii keenyaa akka hubatan gargaaruu yoo dhiisne jireenyi bara baraa akka isaaniif hin malle isaaniitti murteessaa jirra jechuu dha. Haa taʼu malee Yihowaan warra kaaniitti akka murteessinu nuuf hin heyyamne, kanaa mannaa hojii kana kan kenne Yesuusiifi. (Yoh. 5:22) Obsa yoo qabaanne firoonni keenya yeroo booda ergaa keenya dhagaʼuuf fedhii qabaachuu dandaʼu.—Saanduqa “Barsiisuuf Weebsaayitii Keenyatti Fayyadamaa” jedhu ilaali.
11-13. Akkaataa Aliis warra ishiitiif deebii itti kennite irraa maal barattan?
11 Gaarummaa qabaadhaa; garuu immoo firoonni keessan murtoo keessan akka isin jijjiirsisan hin heyyaminaa. (Fak. 15:2) Mee fakkeenya Aliis haa ilaallu. Waaʼee Yihowaa kan dhageesse warra ishii Waaqayyotti hin amannee fi dhimmoota siyaasaa irratti dammaqinaan hirmaatan irraa fagaattee yeroo jurtutti ture. Yeruma sana waaʼee wantoota gaggaarii barachaa turtee isaanitti himuun akka ishii barbaachisu hubatte. Akkana jetteetti: “Waaʼee wantoota haaraa itti amantanii fi hojjechaa jirtanii maatii keessanitti utuu hin himin yoo turtan kun caalaatti isaan aarsuu dandaʼa.” Aliis mata dureewwan akka jaalalaa fi xiyyeeffannaa warra ishii ni harkisa jettee yaadde filachuuf yaalii goote. Achiis xalayaa barreessitee Kitaabni Qulqulluun mata dureewwan kana ilaalchisee maal akka jedhuu fi wanta isaanitti dhagaʼamu warra ishii gaafatte. (1 Qor. 13:1-13) Warri ishii waan ishii guddisanii fi kunuunsaniif isaan galateeffatte, akkasumas kennaa isaaniif ergite. Yeroo isaan gaafachuu dhaqxettis haadha ishii hojii mana keessaa gargaaruuf wanta dandeessu hunda goote. Jalqaba irratti Aliis waaʼee amantii ishii isa haaraa warra ishiitti yommuu himtu hin gammanne turan.
12 Aliis mana warra ishii yeroo turtetti guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu ishii itti fufte. Akkana jetteetti: “Kana gochuun koo haati tiyya Kitaabni Qulqulluun anaaf bakka guddaa akka qabu hubachuuf ishii gargaareera.” Yeroo kana abbaan Aliis wanta ilaalcha intala isaanii jijjiire hubachuu fi Kitaaba Qulqulluu keessaa wanta dogoggora taʼe argachuu waan barbaadeef waaʼee Kitaaba Qulqulluu barachuuf murteesse. Aliis, “Jechoota muraasa garaa isaa tuquu dandaʼu irratti barreesseen Kitaaba Qulqulluu isaaf kenne” jetteetti. Buʼaan isaa maal ture? Abbaan Aliis dogoggora argachuu mannaa wanti Dubbii Waaqayyoo irraa dubbise baayʼee isa tuqe.
13 Rakkoowwan dandamachuu kan qabnu taʼu illee, gaarummaa qabaachuu qabna, garuu immoo firoonni keenya murtoo keenya akka nu jijjiirsisan heyyamuu hin qabnu. (1 Qor. 4:12b) Fakkeenyaaf, Aliis mormii haati ishii ishii irraan geessistu dandamachuu qabdi turte. “Yeroon cuuphametti haati tiyya ‘Ati intala hamtuu dha’ naan jette” jetteetti. Aliis yeroo kanatti maal goote ree? Akkana jetteetti: “Waaʼee amantii koo isa haaraa dubbachuu dhiisuu mannaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf akkan murteessee fi murtoo koo kanas matumaa akkan hin jijjiirre karaa ulfina qabuunan ishiidhaaf ibse. Haadha tiyya baayʼee akkan jaalladhu ishiidhaaf mirkaneessuuf yaaleera. Kanaaf lamaan keenya iyyuu ni boonye, achiis nyaata gaariin ishiidhaaf qopheesse. Yeroo sanaa kaasee haati tiyya Kitaabni Qulqulluun nama gaarii akka na taasise amanuu jalqabde.”
14. Dhiibbaa ejjennoo keenya akka laaffisnuuf nu irra gaʼuuf harka kennuu kan hin qabne maaliifi?
14 Firoonni keenya Yihowaa tajaajiluudhaaf hammam iddoo guddaa akka kenninu guutummaatti hamma hubatanitti yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Aliis hojii warri ishii ishiidhaaf filatan hojjechuu mannaa, qajeelchituu taʼuuf yeroo murteessitetti haati ishii ammas ni boosse. Aliis garuu ejjennoo ishiitti cimteetti. Akkana jetteetti: “Dhiibbaa gama tokkoon isin irratti godhamuuf yoo harka kennitan, maatiin keessan dhimmoota kaan irrattis dhiibbaa isin irratti gochuun isaanii hin oolu. Taʼus gaarummaa yoo qabaattanii fi maatiin keessan murtoo keessan akka isin jijjiirsisan yoo heyyamuu baattan, miseensonni maatii keessan tokko tokko isin dhaggeeffachuu dandaʼu.” Wanti Aliis mudates kanuma ture. Yeroo ammaatti warri ishii lamaanuu qajeelchitoota siʼa taʼan, abbaan ishiis jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira.
OBBOLOONNI GUMII KEESSA JIRAN NU GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
15. Akka Maatewos 5:14-16 fi 1 Pheexiros 2:12 jedhutti ‘hojii gaariin’ warri kaan hojjetan firoota keenya gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
15 Yihowaan ‘hojii gaarii’ gumiin Kiristiyaanaa hojjetutti fayyadamee namoota ofitti harkisa. (Maatewos 5:14-16; 1 Pheexiros 2:12 dubbisi.) Hiriyaan gaaʼelaa keessan Dhugaa Baatuu Yihowaa miti taanaan miseensota gumii wajjin wal arganii beekuu? Pooleen ishiin olitti caqasamte abbaan manaa ishii Waayin obbolootaa wajjin akka wal baruuf mana ishiitti isaan affeerti turte. Waayin obboleessi tokko ilaalcha dogoggoraa inni qabu sirreessuuf akkamitti akka isa gargaare yommuu yaadatu akkana jedheera: “Ana wajjin tapha kubbaa ilaaluuf jecha hojii isaa irraa boqonnaa fudhata ture. Kunis, ‘Isaan namootuma akka kootii ti!’ jedhee akkan yaadu na taasise.”
16. Firoonni keenya walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman affeeruu kan qabnu maaliifi?
16 Karaa gaariin firoota keenya gargaaruu itti dandeenyu tokko, nuu wajjin walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman isaan affeeruu dha. (1 Qor. 14:24, 25) Waayin, saʼaatii hojii booda waan taʼee fi sagantaan isaas gabaabaa waan taʼeef yeroo jalqabaatiif Ayyaana Yaadannoo irratti argame. Akkana jedheera: “Haasaan dhihaatee ture sun waaʼee maalii akka ture hin yaadadhu, namootan achitti arge garuu matumaa hin irraanfadhu. Gara koo dhufanii akka gaariitti nagaa na gaafachuudhaan miira hoʼaadhaan na simatan. Isaan namoota gaarii akka turan dubbachuu nan dandaʼa.” Keessumaa hiriyoonni gaaʼelaa tokko walgaʼii fi tajaajila irratti ishii fi mucaa ishii gargaaruudhaan Pooleenitti gaarummaa argisiisaniiru. Kanaaf yeroo booda Waayin waaʼee amantii Pooleen isa haaraa beekuuf waan murteesseef abbaan manaa sun Kitaaba Qulqulluu akka isa qoʼachiisu gaafate.
17. Sababii maaliitiif of ceephaʼuu hin qabnu? Firoonni keenya jijjiiramuu hin dandaʼan jennee matumaa yaaduu kan hin qabne hoo maaliifi?
17 Firoonni keenya hundi nuu wajjin Yihowaa akka tajaajilan abdanna. Haa taʼu malee, firoonni keenya tajaajiltoota Waaqayyoo akka taʼan gargaaruuf hammam iyyuu carraaqqii yoo goone, dhugaa fudhachuu dhiisuu dandaʼu. Taanaan murtoo isaan godhaniif nuti of ceephaʼuu hin qabnu. Eenyu iyyuu amantii keenya akka fudhatu dirqisiisuu hin dandeenyu. Taʼus, firoonni keessan gammachuu Yihowaa tajaajiluun keessan isiniif argamsiise ilaaluun isaanii dhiibbaa isaan irratti geessisuu dandaʼu akka laayyootti hin ilaalinaa. Isaaniif kadhadhaa. Malaan isaan haasofsiisaa. Isaan gargaaruuf yaalii gochuu keessan itti fufaa! (HoE. 20:20) Yihowaan carraaqqii gootan akka isiniif eebbisu amanannaa qabaadhaa. Firoonni keessan isin dhagaʼuuf yoo filatan badiisa irraa ni oolu!
FAARFANNAA 57 Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu
a Firoonni keenya Yihowaa akka beekan barbaanna; Yihowaa tajaajiluuf ykn dhiisuuf murteessuu kan qaban garuu isaani dha. Mata dureen kun firoonni keenya nu dhaggeeffachuun akka isaanitti salphatu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru. Mata duree kana keessatti jechi “firoota” jedhame miseensota maatii Yihowaa hin tajaajille argisiisuuf itti hojjetameera.
c IBSA FAKKII: Obboleessi dargaggeessi tokko abbaa isaa Dhugaa Baatuu hin taane konkolaataa suphuu irratti gargaaraa jira. Yeroo mijataa taʼetti immoo jw.org® irraa viidiyoo tokko itti argisiisaa jira.
d IBSA FAKKII: Obboleettiin takka abbaan manaa ishii waaʼee oolmaa isaa yommuu dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jirti. Gara boodaa immoo maatii ishii wajjin bohaaraa jirti.
e IBSA FAKKII: Obboleettiin takka miseensota gumii ishii mana ishiitti affeerte. Isaanis abbaa manaa ishii wajjin wal baruuf carraaqqii gochaa jiru. Yeroo booda immoo abbaan manaa ishii ishii wajjin Ayyaana Yaadannoo irratti argame.