Waa’ee “Ifa Biyya Lafaa” Warra Kaanitti Himaa
1 Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu du’aa jala jiraataniifis ifni in ba’a.” (Isa. 9:2) ‘Ifni guddaan’ kun amala Ilmi Waaqayyoo Yesus Kiristos argisiiseen mul’ateera. Hojiin lallabaa inni lafarratti raawwateefi bu’aawwan aarsaa inni kaffalerraa argaman, jireenya hafuuraa namoota dukkana keessa turanii fooyyesseera. Namoonni dukkana akkasii keessa jiran ifa akkasii argachuutu isaan barbaachisa. Ayyaanni Irbaata Gooftaa waa’ee “ifa biyya lafaa” warra kaanitti himuuf carraa addaa nuu bana. (Yoh. 8:12) Waggaa darbe, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman nu waliin abboommii Yesus ‘kana seenaa [yaadannoo, NW] kootiif godhadhaa!’ jechuudhaan kenneef ajajamuudhaan amantii akka qaban argisiisaniiru. (Luq. 22:19) Waggaa kanattis xiyyeeffannaa namootaa gara Ayyaana Yaadannoo ji’oota muraasa booda kabajamuufi ifa guddaa Yihowaan ibsetti harkisuu kan dandeenyu akkamitti?—Filp. 2:15.
2 Dinqisiifannaa Qabdan Guddisaa: Ayyaanni Yaadannoo ilmaan namootaatiif furii aarsaa qopheessuudhaan jaalala guddaa Yihowaafi Yesus nuuf qabanirratti yaaduuf mijaa’aadha. (Yoh. 3:16; 2 Qor. 5:14, 15) Kana gochuun keenya guyyaa gaarii kanaaf dinqisiifannaa qabnu akka guddisu homaa hin shakkisiisu. Sabni Waaqayyoo hundi dubbisa Macaafa Qulqulluu tibba ayyaanichaatiif kennamee akkasumas buukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhurratti argamu dubbisuufi irratti xiinxaluuf yeroo ramadu. Amalawwan Yihowaafi qophiiwwan furii kana nuuf gochuudhaan ibsamanirratti yaaduun keenya inni Waaqa keenya ta’uusaatti akka boonnu nu godha. Hiika furiin kun hunda keenyaaf qaburratti yaaduun keenya jaalala Waaqayyoofis ta’e Ilmasaatiif qabnu nuu guddisa; akkasumas fedha Waaqayyoo raawwachuuf carraaqqii akka goonuuf nu kakaasa.—Gal. 2:20.
3 Qophii fayyinaa Yihowaan nuu godheef dinqisiifannaa yoo qabaanne, miirri ho’aan Ayyaana Yaadannootiif qabnu namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, warra deddeebinee gaafannu, firoottan keenya, ollaawwan keenya, namoota wajjin barannu, namoota wajjin hojjennuufi warra gara ayyaana adda ta’e kanatti afeerru hundarratti dhiibbaa fiduu danda’a. (Luq. 6:45) Kanaafuu, waraqaa afeerrii ayyaana kanaaf qophaa’e isaaniif kennuudhaan namoota akkasii hunda afeeruuf carraaqqii godhaa. Obboloonni hedduun, namoota haaraa waggaa waggaadhaan argatan dabalatee, maqaa namoota gara Ayyaana Yaadannootti afeeran galmeessanii qabachuunsaanii, nama tokkollee akka hin irraanfanneef isaan gargaaruusaa hubataniiru. Haala qindoomina qabuun kana gochuufi namoota fedhii qaban hunda afeeruuf wanta dandeenye gochuun keenya, “kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef” karaa Yihowaa itti dinqisiifannu keessaa isa guddaadha.—2 Qor. 9:15.
4 Tajaajilarratti Sa’aatii Dheeraa Dabarsaa: Ji’a Bitootessaafi Eblaatti hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddisuu dandeessaa? ‘Wangeela waa’ee ulfina Kiristos ibsurratti’ hirmaachuuf carraaqqii gochuun eebba Waaqayyoo namaaf argamsiisa. Madda ifa jireenya hafuuraa kan ta’e Yihowaan: “Dukkana keessaa ifni haa ifu!” jechuudhaan ajajeera. (2 Qor. 4:4-6) Barbaachisaa taanaan, jaarsoliin sa’aatiifi bakkasaa gegeddaranii walga’ii tajaajilaa dabalataa qopheessuudhaan obboloota sa’aatii dheeraa tajaajiluu barbaadan gargaaru. Kunimmoo ganama ka’anii karaarratti tajaajiluu, naannoo daldalaatti tajaajiluufi sa’aatii booda ykn gara galgalaa bilbilaan tajaajiluufaa dabalata. Hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddisuuf akka si gargaarutti, sa’aatii tajaajilarratti dabarsuu dandeessu qofa hojjechuuf galma baafadhu; galmakee kanarra ga’uufis ciminaan hojjedhu. Obboloota hedduudhaaf wanta hunda caalu Yihowaadhaaf kennuun qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu kan dabalatudha.—Qol. 3:23, 24.
5 Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uu Ni Dandeessaa? Sa’aatiin obboloota qajeelchaa gargaaraa ta’anirraa eegamu erga hir’ifamee waggaa torbaa ol ta’eera. Sirreeffamni kun namoonni hedduun qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan gammachuufi eebba baay’ee akka argatan godheera. Atoo qajeelchaa gargaaraa taatee beektaa? Obboloonni tokko tokko waggaa waggaadhaan tajaajila kanarratti ni hirmaatu. Babal’istoonni gumiiwwan hedduu keessatti argaman baay’atanii tajaajila akkasiirratti hirmaatu; kunis sochiiwwan waggaa sana keessatti gumii waliin raawwatan keessaa guddaafi kan nama kiisu ta’usaa hubataniiru. Tibba Ayyaana Yaadannootti yeroo gammachiisaa qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan dabarsitu ramaduu ni dandeessaa? Jiini Bitootessaa guyyoota ayyaanaa, sanbadduraafi dilbata shan waan qabuuf obboloota tokko tokkoof mijaa’aadha.
6 Eblaafi Bitootessatti daawwataan olaanaa aanaa gumii keessan ni daawwataa? Taanaan, carraa adda ta’e argatta. Akkuma kanaan dura beeksisaan himametti, bara 2006 jalqabee ji’a daawwataan olaanaa aanaa gumiisaanii daawwatutti namoonni qajeelchaa gargaaraa ta’an hundi, walga’ii qajeelchitoota gumii wajjin godhamurraa walakkaasaarratti argamuu danda’u. Barumsi karaa hafuuraa nama jajjabeessuufi walga’ii kanarraa argatan kun obboloonni qajeelchaa gargaaraa ta’an hedduun qajeelchitoota akka ta’an gargaara jennee abdanna. Kana malees, Bitootessaa jalqabee kitaaba qayyabannaa mataduree Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuun qophaa’etti gargaaramnee namoonni kaan karaa hafuuraa gara ifaatti akka dhufan gargaaruuf mirga arganna. Kitaaba kanaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf maaliif galma hin baafattu?
7 Qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan tajaajilarratti sa’aatii 50 deebisuu yoo barbaadde, sagantaan torban torbanitti sa’aatii 12f ifa dhugaa kana ibsuuf si dandeessisu isa kam akka ta’e murteessi. Obboloota yeroo dheeraadhaaf qajeelchaa gargaaraa ta’aniifi warra kaanii wajjin dhimma kanarratti mari’adhu. Kana gochuunkee sii wajjin akka tajaajilan isaan jajjabeessuu danda’a. Karoora gaarii baafachuudhaan, babal’istoonni umurii kamirrattiyyuu argaman galma kanarra ga’uun ulfaataa akka hin taane hubataniiru. Waa’ee dhimma kanaa Yihowaa kadhadhu. Achiis, danda’amnaan karoora mataakee baafadhuutii qajeelchaa gargaaraa ta’i.—Mil. 3:10.
8 Maatiiwwan hedduun qindoominaan hojjechuudhaan miseensa maatii keessaa yoo xinnaate namni tokko qajeelchaa gargaaraa akka ta’u gochuun akka danda’amu hubataniiru. Maatii tokko keessatti babal’istoota kan ta’an namoonni shan qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluuf kan murteessan yeroo ta’u, ijoolleen hin cuuphamne lamas hirmaannaa tajaajilarratti godhan guddisuuf carraaqqii guddaa godhan. Maatiin kun carraaqqii dabalataa gochuusaatti faayidaa kan argate akkamitti? Akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Ji’a nama gammachiisu ture, walitti dhufeenyi maatii keenyaa akka gaariitti akka cime nutti dhaga’ama. Eebba dinqisiisaa kana waan nuu kenneef guddisnee Yihowaa galateeffanna!”
9 Sochiin addaa Bitootessaafi Eblatti goonu, kan nama jajjabeessuufi gara Abbaa keenya isa samiitti nu dhiheessu danda’aa? Kun irra caalaatti jaalala Yihowaafis ta’e Ilmasaatiif qabnuufi hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddisuuf carraaqqii goonurratti kan hundaa’edha. Murtoon keenya akkuma faarfatichi akkas jechuudhaan faarfate haa ta’u: “Afaan kootiin guddisee Waaqayyoof galata nan galcha, namoota baay’ee keessatti isa nan jajadha.” (Far. 109:30) Yihowaan hinaaffaadhaan sochii tibba Ayyaana Yaadannootti goonu ni eebbisa. Kanaaf, namoonni hedduun dukkana keessaa akka ba’an gochuufi ‘ifa jireenyaa akka qabaatan’ gochuuf ifa guddaa haa ibsinu.—Yoh. 8:12.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Ifni guddaan Sagalee Waaqayyoo keessatti raajiidhaan dubbatame maalidha? Waa’ee ifa kanaa namootatti himuuf carraa adda ta’e akkamii qabna?
2. Dinqisiifannaa aarsaa furii kanaaf qabnu guddisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya bu’aa maalii qaba?
3. Dinqisiifannaa Ayyaana Yaadannoof qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Bitootessaafi Eblatti hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddisuuf kan nu gargaaru maalidha?
5. Sa’aatiin qajeelchaa gargaaraa hir’ifamuusaatti obboloonni hedduun kan fayyadaman akkamitti?
6. Sirreeffamni nama gammachiisu akkamii godhameera?
7, 8. (a) Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf sagantaa akka baafannu maaltu nu gargaaru danda’a? (b) Maatiin qindoominaan hojjechuunsaa faayidaa maalii qaba? Kana gochuun maatii sana guutummaatti kan gargaaru akkamitti?
9. Tibba Ayyaana Yaadannootti ifa keenya ibsuu kan dandeenyu akkamitti?