Yeroo Gara Biraatti Dabarsaa Jirtaa?
Maal? Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa Dhugaa Baatota cuuphamaniif qophaa’e guutuu. ‘Nuti waan bor ta’uuf jiru, jireenyi keenyas attam akka ta’u waan hin beekneef,’ atattamaan akka yaalmtu wanti si dirqisiisu yoo si mudate, yaalii fayyaa sii godhamuu qabu akkasumas akkamitti sii godhamuu akka qabu dursitee murteessuufi barreeffamaan kaa’uunkee barbaachisaadha. (Yaq. 4:14; HoE. 15:28, 29) Viidiyoon Traansifuushin-Oolteernaatiiv Heelz Keer—Miitiing Peeshant Niids end Raayitis jedhamu si gargaaruudhaaf qophaa’eera. Viidiyoo kana erga ilaaltee booda gaaffii kanaa gaditti dhihaatanitti fayyadamuudhaan kadhannaadhaan irratti yaadi.—Yaadachiisa: Viidiyoon kun yeroo qaama baqaqsan godhamu yeroo muraasaaf kan argisiisu waan qabuuf, warri ijoolleesaanii xixinnoo ta’anii wajjin ilaaluuf dhiisuurratti murtoo mataasaanii gochuu qabu.
(1) Ogeessonni fayyaa tokko tokko yaalii fayyaa dhiiga kennuudhaan godhan irra deebi’anii kan gamaaggaman maaliifi? (2) Fakkeenyawwan baqaqsanii hodhuu ciccimaa dhiiga malee raawwataman sadii caqasi. (3) Addunyaa maratti dhiiga malee yaalii fayyaa gochuuf fedhii akka qaban kan argisiisan doktoorotaafi ogeessota qaama baqaqsanii hodhan meeqadha? Kana gochuuf kan walii galan maaliif? (4) Dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee, qo’annoowwan dhiheenya kana mana yaalaatti godhaman maal argisiisu? (5) Balaawwan dhiiga fudhachuu wajjin wal qabatan maalfa’i? (6) Ogeessonni fayyaa, faayidaawwan malawwan dhiiga malee yaalii gochuuf dandeessisan ilaalchisee murtoo maaliirra ga’aniiru? (7) Dhukkuba hir’ina dhiigaa kan fidu maalidha? Utuu miidhaa namarraan hin geessisiin dhiigni namootaa hangam hir’achuu danda’a? Rakkina kana hir’isuuf maal gochuutu danda’ama? (8) Qaamni nama dhukkubsate tokkoo seelii dhiiga diimaa akka baay’isu gochuun kan danda’amu akkamitti? (9) Yeroo qaamni baqaqfamutti malawwan dhiigni baay’een akka hin dhangalaane gochuuf gargaaran kamfa’i? (10) Yaaliin fayyaa malawwan bakka dhiigaa kennamaniin godhamu ijoolleef ykn namoota balaawwan akka tasaa isaanirra ga’aniifis kan hojjetudhaa? (11) Amalawwan yaalii gaarii ta’e kennuuf akka qajeelfamaatti gargaaran gurguddaa keessaa inni tokko maalidha? (12) Kiristiyaanonni yaalii fayyaa dhiiga malee godhamu dursanii murteessuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
Yaaliiwwan viidiyoo sanarratti argine keessaa tokko tokko fudhachuuf dhiisuun, dhimma sammuu keenya isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifamerratti hundoofnee murteessinudha. Ofiikeetiifis ta’e ijoolleekeetiif yaaliiwwaniifi malawwan yaalii fayyaatiif godhaman keessaa isa kamiin akka filattu murteessiteettaa? Kaardii QYF jedhamuhoo guutteettaa? Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo bal’aa argachuuf, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhamu boqonnaa 7fi barreeffamoota achi keessatti caqasaman dubbisi. Akkasumas miiltoo Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006, “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhiigakootiin Fayyadamuudhaan Naa Godhamuuf Murtoo Akkamii Gochuun Qaba?” jedhu ilaali. Dhumarrattis filannookee kaardii QYF jedhamurratti sirriitti guutuukee mirkaneessi. Bakka bu’aan fayyaakeefi miseensi maatiikee Dhugaa Baatuu hin taane kamiyyuu murtookee sirriitti beekuu qabu.
[Saanduqa fuula 3rra jiru]
• Ofiikeefis ta’e ijoolleekeetiif yaaliifi akkaataa yaalii fayyaa akka sii godhamu barbaaddu murteessiteettaa?
• Kaardii QYF irratti guutameefi yeroo balaan akka tasaa ga’uuf gargaaru of harkaa qabdaa?