Hirmaannaa Ga’aa Gochaan Jiraa?
1. Kiristiyaana amanamaa tokko wanti akkamii isa yaaddessuu danda’a?
1 Gaaffii kana of gaafattee beektaa? Tarii sababii dullumaatiin, dhukkuba ykn itti gaafatamummaa maatii dabalaa dhufeen kan ka’e tajaajilarratti hamma kanaan duraa hirmaachaa hin jirtu ta’a. Obboleettiin ijoollee sadii qabdu tokko, yerooniifi humni maatiishee kunuunsuuf oolchitu, hirmaannaa tajaajilarratti gochuu dandeessu waan ishee jalaa daangesseef, al tokko tokko akka of ceephaatu barreessiteetti. Haalawwan tokko tokkoof ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaara?
2. Yihowaan maal nurraa eega?
2 Wanta Yihowaan Nurraa Eegu: Hundi keenya tajaajilarratti hirmaannaa dabalataa gochuu akka barbaannu homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee yeroo baay’ee waan gochuu barbaannuufi waan dhugumaan gochuu dandeenyu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Kana caalaa gochuu barbaaduun keenya, waan gochaa jirrutti akka hin gammanne kan argisiisudha. Yihowaan daangaa humna keenyaa akka beekuufi humna keenyaa ol akka nurraa hin eegne dagachuu hin qabnu. (Far. 103:13, 14) Yihowaan maal nurraa eega? Garaa guutuudhaan isa tajaajiluudhaan, waan qabnu keessaa isa caalu akka isaaf kenninu barbaada.—Qol. 3:23.
3. Carraaqqii tajaajilarratti goonu qoruu kan dandeenyu akkamitti?
3 Wanta gochuu dandeenyu beekuuf maaltu nu gargaara? Yihowaan haala keenya ilaalchisee dhugaasaa akka nutti mul’isu isa kadhachuu dandeenya. (Far. 26:2) Kiristiyaanni ga’umsa qabu, sirriitti nu beekuufi sirreeffama gochuun nu barbaachisu nutti himuu hin sodaanne tokkos nu gargaaruu danda’a. (Fak. 27:9) Haalawwan jijjiiramuu waan danda’aniif, nuyis haala keenya yeroo hundumaa qoruu akka qabnus yaadadhu.—Efe. 5:10.
4. Tajaajila keenya ilaalchisee yaadachiisawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii kennaman akkamitti ilaaluu qabna?
4 Ilaalcha Yaadachiisaaf Qabaachuu Qabnu: Yeroo namni tokko dorgommii fiigichaarra jirutti, namoonni isa jajjabeessuu barbaadan sagalee dhageessisan qabu. Kana kan godhan nama fiigu sana galmasaarra akka ga’u gargaaruuf malee abdii kutachiisuuf miti. Haaluma wal fakkaatuun, walga’iiwwaniifi barreeffamoota keenyarratti jajjabinniifi yaadachiisni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi ‘dubbicha lallabuuf qophoofnee akka argamnu’ kan nuu kennamu, carraaqqiin goonu ga’aa akka hin taane ibsuuf utuu hin ta’in faayidaa keenyaaf jedhameeti. (2 Xim. 4:2) Waan dandeenyu hunda gochuuf hamma carraaqnetti, Yihowaan ‘isa jaallachuu keenyaafi hojii keenyaaf’ bakka guddaa akka kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Ibr. 6:10.