Miira Hoʼaadhaan Isaan Simadhaa!
1. Yeroon dhugaa baʼuuf carraa gaarii nuuf banu isa kamidha? Akkas kan jennu maaliifi?
1 Tibba Ayyaana Yaadannoo caalaa yeroon dhugaa baʼuuf carraa gaarii nuu kennu hin jiru. Waggaa kanatti namoonni miliyoona kudhan taʼan Ayyaanaa Yaadannoorratti ni argamu jedhamee yaadama. Namoonni kun, Yihowaafi Yesus furiitti fayyadamuudhaan jaalala ilmaan namootaaf qaban kan argisiisan akkamitti akka taʼe ni dhagaʼu. (Yoh. 3:16; 15:13) Yihowaan furiin akka dhihaatu gochuusaatiin eebbawwan akkamii akka argatan ni baratu. (Isa. 65:21-23) Yeroo kanatti dhugaa kan baʼu garuu obboleessa haasaa dhiheessu qofa miti. Obboloonni walgaʼii sanarratti argaman hundi namoota haaraa dhufan miira hoʼaadhaan simachuudhaan dhugaa baʼuuf carraa gaarii argatu.—Rom. 15:7.
2. Keessummoota miira hoʼaadhaan simachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Calluma jettanii taaʼuudhaan yeroo sagantichi itti jalqabamu eeguu mannaa, dursa fudhachuudhaan namoota naannoo keessan taaʼanii jiranii wajjin maaliif wal hin bartan? Keessummoonni kan sodaataniifi maal gochuu akka qaban kan hin beekne taʼuu dandaʼu. Haataʼu malee, fuula ifaadhaan nagaa isaan gaafachuun keenya, sodaan isaanitti dhagaʼamu akka hirʼatu gochuu dandaʼa. Namni sun kan dhufe waraqaa afeerrii argatee taʼuusaa beekuuf, walgaʼii akkasiirratti kan argame yeroo jalqabaatiif taʼuusaa ykn gumicha keessaa nama beeku yoo qabaate isa gaafachuu dandeenya. Tarii sii wajjin akka taaʼu afeeruudhaan, Macaafa Qulqulluufi kitaaba faarfannaa isatti argisiisuu dandeessa. Ayyaanni Yaadannoo Galma Mootummaatti kan kabajamu taanaan, hamma tokko isa daawwachiisuu dandeessa taʼa. Haasichi erga xumuramee booda gaaffii yoo qabaate gaaffiisaa deebisuu akka dandeessu itti himi. Gumiin keessan gumii isin booda ayyaanicha kabajuuf galma Mootummaa dafee kan gadhiisu yoo taʼe akkas jechuunii dandeessa: “Saganticha ilaalchisee wanta sitti dhagaʼame utuu natti himte natti tola. Karaan itti wal arguu dandeenyu jiraa?” Achiis guyyaa kan biraatti isaa wajjin wal arguuf beellama qabadhu. Keessumaa jaarsoliin babalʼistoota qabbanaaʼaniifi ayyaanicharratti argaman jajjabeessuuf qophaaʼoo taʼuu qabu.
3. Ayyaana Yaadannoorratti dursa fudhannee miira hoʼaadhaan keessummoota simachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
3 Keessummoota hedduutiif, yeroon kun yeroo jalqabaatiif gammachuu, nagaafi tokkummaa jannanni hafuuraa saba Yihowaatiif argamsiise kan itti argan taʼa. (Far. 29:11; Isa. 11:6-9; 65:13, 14) Keessummoonni ayyaana kanarratti erga argamanii booda kan isaan yaadatan maalidha? Deebiin kanaa dursa fudhannee miira hoʼaadhaan isaan simachuu keenyarratti kan hundaaʼedha.