Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Karaa Alidilee Taʼeen Dhugaa Baʼuuf Marii Jalqabuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Yeroo manaa gara manaa deemnee tajaajillu, yeroo baayʼee namoonni manasaaniitti hin argaman. Haataʼu malee, namoota kana geejjibarratti, mana yaalaatti yeroo dabaree eeggannu, akkasumas bakka hojiittiifi mana barumsaatti saʼaatii boqonnaatti isaan arganna taʼa. Yihowaan namoonni hundumtuu ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Dhugaa baʼuuf yeroo baayʼee dursa fudhannee marii jalqabuu qabna.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaalaa:
Karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuuf, torban torbanitti yoo xinnaate nama tokkoo wajjin marii jalqabuuf yaalaa.