Hojii Gaariidhaaf Walii Walii Keessan Hinaaffaadhaan Kakaasaa
Ibroonni 10:24, ‘jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis tuttuqnee yaada walii akka kaafnu” nu jajjabeessa. Fakkeenya isaaniif taʼuu fi amantii qabnu argisiisuudhaan obboloota keenya kakaasuu ni dandeenya. Gumii keessatti muuxannoo keessan obbolootatti himaa. Gammachuu isin Yihowaa tajaajiluudhaan argattan akka hubatan isaan gargaaraa. Yommuu kana gootan, ofii keessanii wajjin ykn warra kaanii wajjin wal isaan hin dorgomsiisinaa. (Gal. 6:4) Yommuu carraa argattan, dandeettii qabdanitti fayyadamuudhaan namoonni kaan akka of ceephaʼan gochuu mannaa, ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf’ isaan kakaasaa. (Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 158, key. 4 ilaali.) Jaalala argisiisuuf kan kakaanu taanaan, itti aansinee karaa foonii namoota gargaaruu ykn isaaniif lallabuu ni dandeenya.—2 Qor. 1:24.